Godinni Bunnoo Beddellee omisha ganna baranaarraa callaa kuntaala miliyoona 17 ol argachuuf hojjetaa jira

Finfinnee: Godinni Bunnoo Beddellee omisha ganna baranaatiin lafa hektaara kuma 465fi 81 sanyiiwwan midhaanii akaakuu garaagaraatiin uwwisuun callaa kuntaala miliyoona 17.7 argachuuf hojjechaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Geetaahuun Guuttataa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, godinichi omisha midhaan zayitaatif, midhaan biilaaf, kuduraafi muduraaf kan ta’u potenshaala guddaa qaba.

Potenshaala godinichi qabu kanarratti hundaa’uun omisha kana keessatti midhaan inisheetiviidhaan qabaman kanneen akka ruuzii, boqqoolloo, mishingaa, atooboonsituu, looziifaaf xiyyeeffannoon addaa kennameefii hojjetamaa jira.

Inisheetiviin ruuzii akka Naannoo Oromiyaatti godinichatti labsame kan jedhan Obbo Geetaahuun; lafa waliigala bara omishichaatti misoomsuuf karoorfame keessaa hektaara kuma 275fi 239 sanyii ruuziitiin uwwisuuf karoorfamee, hanga ammaattis lafa hektaara kuma 269fi 835 sanyiichaan uwwifameera jedhaniiru. Kunis lafa qonnaa godinichaa waliigalaa misoome keessaa dhibbantaa 59dha.

Waggoottan sadan darban dura omishni ruuzii godinichatti baay’ee beekamaa hin turre kan jedhan ittigaafatamaan kun; yeroo dhiyoo booda hojii inisheetivii qabameen lafa gammoojjiifi bishaan irra ciisu kan kanaan dura misoomee hin beekne lafa waliiniirratti dargaggoota kilaastaraan gurmessuun omisha ruuziirratti akka bobba’an taasifamaa jira jedhaniiru.

Yeroo ammaa kanatti lafa waliigala misoomsuuf karoorfame keessaa hektaara kuma 465fi 49 sanyii midhaaniitiin uwwisuun kan danda’ame ta’uu himanii; hojiin kunuunsa buqqaayyaafi keemikaalaan aramaa balleessuu hojjetamaa jira jedhan.

Omishaafi omishtummaa dabaluufis xaa’oo keemikaalaatiin alatti qonnaan bulaan xaa’oo uumamaafi kompostii akka omishu taasisuun hojiin misooma qonnaa hojjetamaa jira kan jedhan Obbo Geetaahuun; xaa’oon keemikaalaa kuntaalli kuma 200 godinicha qaqqabuus dubbataniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You