Godinichatti callaa kuntaala miliyoona 33 ol argachuuf karoorfame

Finfinnee: Godina Jimmaatti bara omishaa 2016/2017 lafa hektaara kuma 856fi 630 sanyiiwwan midhaan garagaraatiin uwwisuun callaa kuntaala miliyoona 33 ol argachuuf kan karoorfamu ta’uu waajjirri qonna godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaa Ittaanaan waajjirichaa Obbo Awwal Kaliil ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, godinichi omisha midhaan hundaaf kan mijatu haala qilleensaa gaarii qaba.

Kanaan dura waggaatti lafa hektaara kuma 500 hincaalletu misoomaa ture, baroota dhihoo booda garuu haala mijataa uumamaa jirurratti teknolojiifi hojmaata mijataa diriirsuun hojjechuun omishaafi omishtummaan qonnaa godinichatti yerodhaa gara yerootti dabalaa jira.

Lafti kanaan dura sanyiin midhaanii irra faca’ee hinbeekne hedduunis qorannootti fayyadamuun gara misoomaatti akka galu taasifamaa jira. Keessattuu lafti bishaan itti baay’atu midhaan akaakuu birootif mijataa kan hinturre ruuziin akka misoomu taasifameera.

Lafa bishaan itti baay’atu akka carraa gaariitti fayyadamuun karoora inisheetivii ruuzii milkeessuun danda’ameera kan jedhan Obbo Awwal, lafa hektaara kuma 346 sanyii midhaan ruuziitiin uwwifamuu dubbataniiru. Ejjennoo, “Qonna keenya kilaastaratti deebisuu qabna” jedhu qabachuun lafti irra jireessi kilaastaraan kan misoomeedha jedhan.

Gama makaanaayizeeshiniitinis hojii boonsaan hojjetamaa jiraachuu himanii: godinichatti tiraaktarri 1400 hojiirra jira jedhaniiru. Haaluma walfakkaatuun sassaabbiin omishaas kombaayinaraan kan gageeffamu ta’a.

Omishtummaa qonnaatiif dhiyeessiin sanyii filatamaa murteessaadha kan jedhan Obbo Awwal, godinichi ofiisaatiin ofdanda’uu bira darbee godinoota biroo hedduuf sanyii filatamaa dhiyessuun omishtummaa qonnaa dabaluun ittigaafatamummaa biyyaa bahachaa jiraachu eeraniiru.

Haaluma walfakkaatuun karoora bara omishichaa galmaan gahuuf godinichi xaa’oo keemikaalaa kuntaala kuma 797 qonnaan bulaaf raabseera. Kanaan alattis xaa’oon uumamaa bal’inaan akka qopheeffamu taasifameera jedhan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You