Eebbi, “Fantaallee ta’ii mul’adhu” jedhu jijjiiramaa as Matahaaraa haaressaa jira” -Obbo Addisuu Waaqoo

Magaalaan Matahaaraa gaarreen Fantaalleefi Hara Basaqaatiin marfamtee qilleensa ho’aan guutamtee gammoojjii gubaa keessatti fuduraafi muduraan lafa uwwistee isa seenu simachaa isa bahu gaggeessaa halkanii guyyaa tajaajila kennuun maqaa masoo magaalaa aduun itti hindhiine jedhamuun waamamti.

Daandiin guddichi qaxxaamura biyyaa Finfinnee ka’ee gara Jibuutii dhaqu kan keessa darbu Magaalaan Matahaaraa, kan dhufus simattee kan deemu gaggeessuun sa’aatii 24:00 tajaajila si’ataafi walirraa hincinne kennuun imaltootaaf haadhaafi abbaa taatee tajaajilaa jirti.

Magaalaan Matahaaraa tajaajila miidhagaa kennaa jirtu kun jijjiirama duraafi booda maal fakkaatti; sochiin hawaas dinagdeefi siyaasaashii maalirra jira isa jedhuuf Gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa Kantiibaa Magaalaa Matahaaraa Obbo Addisuu Waaqoo waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyeessineerraa, oluma nooraa kunooti.

Bariisaa: Matahaaraan Finfinneerraa kiiloomeetira meeqarratti argamti?

Obbo Addisuu: Magaalaan Matahaaraa Godina Shawaa Bahaa keessatti kan argamtu yoo taatu, Finfinnerraa kiiloomeetira 193 irratti argamti.

Bariisaa: Ummatni Matahaaraa sabboonaadha jedhama sababnisaa maali?

Obbo Addisuu: Dhugaa dubbachuuf waanti ummata Matahaaraa sabboonaa taasisu yoo jiraate inni guddaan ummata Gadaadhaan bulu ta’uusaati.

Ummanni kun aadaa, duudhaafi eenyummaasaa ganamaa osoo hinfaaliin qabatee asiin kan gahate yoo ta’u, sabaafi sablammiilee biroo isa keessa jiraatan hammatee jaalalaan jiraachisuusaatiin dimokraatawaadha; warra Gadaadhaan buluudha jedhamee beekama.

Bariisaa: Gaafa Matahaaraan maqaa dha’amtu Hara Basaqaatu namatti yaadatama. Hara Basaqaa kana akkamiin ibsitu?

Obbo Addisuu: Harri Basaqaa Hara guddaadha. Jijjiirama dura tajaajila tokkollee kennaa hinturre. Sirumayyuu bishaanichi babal’achuun ummata gidirsaa jira olola jedhutu afarfamaa ture. Sun har’a seenaa ta’eera.

Bariisaa: Matahaaraa mootummaa jijjiiramaa duraafi booda akkamiin ibsitu?

Obbo Addisuu: Barii jijjiiramaarraa kaasee Matahaaraan inisheetiiviiwwan gara garaa mootummaan bocee gadibuuseen haaromaafi jijjiiramaa magaalaa irraa dheessan osoo hintaane kanitti dheessan taatee tajaajilaa jirti. Fakkeenyaaf jijjiirama dura Matahaaraan sochiilee hawaas dinagdee gara garaa haa keessumeessitu malee fayyadamummaa hawaasaarratti hojiin hojjetame tokkollee hinturre.

Xiyyeeffannoo mootummaan ummata kanaaf kennaa ture gadaanaa ta’uurraa kan ka’e otoo hinjijjiramiin turte. Erga mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufee as garuu inisheetiiviiwwan mara adeemsaan hojiirra oolchuu eegaluu keenyaan hawaas dinagdeen, carraa hojii uumuun, siyaasaan akkuma maqaashii haaromaa jirti.

Bariisaa: Kanaan dura jechuunis jijjiirama dura Harri Basaqaa akka waan tajaajila wayiituu hinkennineetti ibsamaa ture. Harichi amma tajaajila akkamii kennaa jira?

Obbo Addisuu: Jijjiirama dura Hara Basaqaarratti ololli afarfamaa ture hamaa ture. Akka waan harichi nama balleessaa jiruutti, tajaajila tokkollee kennuu akka hindandeenyeetti ka’aa ture. Mootummaan jijjiiramaa garuu ilaalcha kana cabsuurra darbee Harri Basaqaa madda dinagdee wiirtuu bashannanaa ta’ee tajaajilaa jira.

Bariisaa: Harri Basaqaa jijjiiramaa as tajaajila dinagdee akkamii kennaa jira?

Obbo Addisuu: Xiyyeeffannoo mootummaan jijjiiramaa harichaaf kenneen harri kanaan dura tajaajila hinkennu jedhame qurxummiin garagaraa keessatti walhoraa, madda nyaata guyyuu dhalootaa ta’aa jira. Guyyaa guyyaan qurxummiilee hedduutu tajaajila nyaataatiif achii baha. Akaakuuwwan qurxummii shanii oltus keessa jira.

Naachi daran keessatti walhoraa jira. Dawwannaaf namoota hedduutu garasitti imala. Kanaanis dargaggootaaf carraa dinagdeensaanii itti bayyanatu ta’ee tajajilaa jira. Namoonni hedduus nyaata guyyuusaanii kan ta’e qurxummii achii baafachuun fayyadamaa jiru.

Bariisaa: Ololli Harri Basaqaa lubbuu qabeeyyiif tajaajila tokkollee hinkennu jedhu tarkaanfii mootumman jijjiiramaa fudhateen jijjiirameera jechuudhaa?

Obbo Addisuu: Dhugaa dubbachuuf ololli moofaa Hara Basaqaarra ture mootummaa jijjiiramaatiin geeddaramee harichi madda dinagdee, wiirtuu hawwata turistii ta’eera.

Bariisaa: Harri Basaqaa dargaggootaaf carraa hojii uumuu kaastaniittu, hojii akkamii uume laata?

Obbo Addisuu: Qarqara harichaatti bakka kennineefii tajaajila nyaataafi dhugaatii akka kennan taasisneerra. Nyaanni addaa qarqara Hara Basaqaa kanatti dargaggootaan dhiyaatuufi filatamaan yoo jiraate nyaata qurxummiiti.

Qurxummiin Hara Basaqaa keessaa ba’u daran kan mi’aawu. dhandhamnisaallee adda kan ta’e yoo ta’u dargaggoonni keenya achi keessaa baasanii hojjechuun tajaajilamtootaaf oolchu. Dargaggoon kaleessa dheengadda yeroosaa bakka hintaanetti dabarsu kan araadaaf saaxilamaa ture amma gara hojiitti deebi’eera.

Dorgommiin dargaggoota keenya gidduu jiru kan dinagdeeti, carraan hojii qarqara harichaatti uumameef ammoo yeroo gabaabaa keessatti kan isaan jijjiiru ta’uu gamanumaa argaa jirra. Kanaaf dargaggoota keenya dinagdeen ijaaruuf cimsinee irratti hojjenna.

Bariisaa: Haala kanaan dura hinbaratamneen Naachi achi keessatti walhoraa jira. Lakkoofsaanis dabalaa jira. Kana tajaajilawwan garagaraatiif oolchuuf wanti yaadame jiraa laata?

Obbo Addisuu: Gama kanaan qurxummiin achi keessatti walhoruunsaa dargaggoota keenyaaf kanamalees hawaasa bal’aaf tajaajila nyaataa qurxummii akka argatan akkuma taasise Naacha dachaan walhoraa jiru kana tajaajilawwan gara garaatiif akka ooluuf irratti hojjetaa jirra.

Naachi kun madda dinagdee dabalataa jireenyi hawaasa magaalattii itti geeddaramu akka ta’uuf karoorfamee irratti kan hojjetamu yoo ta’u, xiyyeeffannoon Hara Basaqaa kanaaf kennamaa jiru dhaloota dhufuuf carraa gaarii jireenyisaanii itti fooyya’u akka uumu ifa. Kanaafuu cimsinee cichinee hojjetaa jirra.

Bariisaa: Harri Basaqaa bal’aadha. Lakkoofsi hojidhabeeyyiis hedduudha. Kanaafuu hudhaa dargaggootaa kana furuuf loojiiwwan garagaraa babal’isuuf qophaa’ummaan jiru maal fakkaata?

Obbo Addisuu: Misoomni loojiiwwanii akka babal’atuuf abbootii qabeenyaaf waamicha dhiyeessineerra, akkuma atuu kaaste harichi daran bal’aa ta’uun walqabatee ijaarsa loojiiwwan gara garaaf mijataadha.

Konkolaachistoonni fagoodhaa dhufanii bultiisaanii Matahaaraa godhatan bakka ciisichaa, aaragalfii bashannanaa mijataa ta’e barbaadu. Kanaafuu misoomni lojiiwwanii akka babal’atuuf humna guutuun hojjenna. Abbootii qabeenyaafis waamicha dhiyeessaa jirra.

Sochii amma jiruun Matahaaraan haaroftee hawaasashee dinagdeen jijjiiruuf keessummootasheef immoo tajaajila gahaafi qulqullina qabu kennuun jijjiirama guddaa fiddi jedhamee hojjetamaa jira.

Bariisaa: Jijjiirama kana fiduuf kanneen wareegama qaalii kaffalan dargaggoota. Fayyadamummaa dargaggootaa cimsuuf sochiin waliigalaa akka Matahaaraatti jiru maal fakkaata?

Obbo Addisuu: Bu’aan jijjiiramaa kun dhiigaafi lafee dargaggoota keenyaatiin kan dhaabate ta’uun walqabatee fayyadamummaasaanii gama maraafi humna danda’ameen mirkaneessuuf toorri xiyyeeffannoo taa’e olaanaadha.

Hara Basaqaarratti misoomaafi tajaajila gara garaa kennuurratti akka bobba’an taasisuun ala konkolaachistoonni Matahaaraa galanii bulan hedduu ta’uun walqabatee gurmaa’anii tajaajila miiccaa konkolaataafaa akka kennan taasifamaniiru.

Bakkeewwan tuullaa kosii ta’uun naannnawaa faalaa turan fudhatanii qulleessuun ashaaraa magariisaan uwwisanii misooma kanniisaa hojjetaa jiru. Kanamalees bakka tuullaa kosii kennamefii kana miidhagsuun fuduraalee gara garaa irratti misoomsuun galiiwwan gara garaa argachaa jiru kun jijjiirama guddaa fayyadamummaan dargaggoota keenyaa ittimirkanaa’eedha.

Bariisaa: Matahaaraan magaalaa ho’ituudha; gammoojjiidha jechuun nidanda’ama. Magaalaa fuduraadhaan badhaateedhas. Iccitii kanaa otoo nuu ibsitanii?

Obbo Addisuu: Matahaaraan hagam ho’ituu taatus dachee fuduraadhaan badhaateedha. Harri Basaqaa jijjiirama dura faayidaa hinqabu jedhamaa ture amma tajaajila misooma fuduraatiif bu’uura ta’uu danda’eera. Fuduraa magaalattii nyaatanii miti ijaanuu ilaalanii quufu.

Misooma fuduraaleerratti xiyyeeffannoon guddaa kennamee hojjetamaa jira. Kan hafu yoo jiraate galtee dabaluun tajaajila garagaraatiif akka ooluuf hojjechuudha.

Tarkaanfiin sochii hawaas dinagdee hawaasaafi dargaggootaa fooyyessuuf mootummaa jijjiiramaatiin fudhatamaa jiru kan abdiin itti horatamu waan ta’eef ciminaan irratti hojjetamaa jira.

Abbootiin qabeenyaa, diyaaspooraawwan jaalala magaalaa Matahaaraaf qabdan misoomsitanii misoomuu barbaaddan koottaa jennee waamicha dhiyeessina. Balballi keenya banaadha. Fayyadamanii magaalattii fayyaduun aantummaafi jaalala biyyaa kan itti agarsiisan waan ta’eef anaa dhufu jennee simanna.

Bariisaa: Inisheetiiviiwwan mootummaan diriirse hojiirra oolchuun fayyadamummaa hawaasa magaalattii mirkaneessuuf sochiin waliigalaa jiru maal fakkaata?

Obbo Addisuu: Tarsiimoon misooma inisheetiiviiwwan garagaraa eegalame ammaan tana jalqabbii gaariirra jira jechuun ni danda’ama. Dargaggoonniifi kutaaleen hawaasaa kaan fayyadamoo ta’aa jiru. Yeroo ammaattis sochicha cimsuuf ijaarsi sheediiwwanii, giddugalli gabaa, gurmaa’insawwan garagaraa gaggeeffamaa bu’aanis bu’aa jira. Misooma dammaa, fuduraalee, omisha qurxummii, buuphaa, lukkuu, loon furdisuu, horii aannanii babal’isuu, manneen nyaataa, bakka daldalaafi kan biroo misoomsuun xiyyeeffannoo guddaan hojiirra oolaa jiru.

Bariisaa: Milkaa’ina misooma tokkootiif nageenyi waaraan mirkanaa’uun murteessaadha. Qophaa’ummaan nageenya waloo ofii tiksuuf jiru maal fakkaata?

Obbo Addisuu: Hawaasni Matahaaraa aadaadhumaan dimokiraatawaadha. Gaafa xiiqiis ummata hidhatee qabsaaa’uufi nageenyasaatiif waardiyyaa dhaabatuudha. Rakkoo nageenyaa darbee darbee mudatu qolachuufis sa’aatii 24:00 caasaalee nageenyaa waliin ta’uun hojjetaa jira. Yoo nageenyi jiraate malee waa’een misoomaa hin yaadamu.

Rakkoo nageenyaa uumamuun misoomni gufatu olaanaa waan ta’eef kun akka hinmudanneef yoo mudates dafee qaqqabuun tasgabbiifi misoomasaa mirkaneesuuf ummata cichee hojjetuufi kabajni maluufiidha.

Bariisaa: Nageenya waaraa kabachiisuuf ijaarsa caasaalee nageenyaafi qindoomina jiru akkamiin ibsitu?

Obbo Addisuu: Dhugaa dubbachuuf Matahaaraan magaalaa sa’aatii 24:00 tajaajila kennitu waan taateef rakkoo nageenyaaf akka hinsaaxilamneef caasaaleen nageenyaas sa’aatii 24:00 qindoominaan hojjetu. Ijaarsi gaachana sirnaa, milishaa, poolisii, poolisii federaalaafi raayyaa ittisa biyyaa bifa qindaa’aa ta’een waardiyyaa dhaabatanii hojjetu.

Keessumaa gaachanni sirnaa humna nageenyaa kaffaltii malee lammiileesaaf dhaabatu yoo ta’u, sirni mootummaa jijjiiramaa bu’aa dhiigaafi lafeesaa waan ta’eef hojiin nageenya eegsisuuf isaaniin hojjetamaa jiru kan jajjabeeffamuudha.

Caasaan kun guutuu Oromiyaatti tajaajila kennaa kan jiru yoo taa’u akka magaalaa Matahaaraattis caasaalee nageenyaa gara garaa waliin ta’uun bakka shakkiifi yaaddoon nageenyaa jirutti eeruu kennuun alseerummaafi seermaleessummaa kichuutti dhaamsuuf humna raayyaan ijaaramee hojjetuudha.

Bariisaa: Gaachanni sirnaa meeshaa hidhateemoo harka duwwaa nageenya kabachiisaa jiraa?

Obbo Addisuu: Gaachanni sirnaa qaama hawaasa keessaa bahee nageenya waaraa kabachiisuuf hiriire yoo ta’u, ulee qofa qabatee keellaarratti magaalaa keessatti sakatta’insa taasisuun alseerummaarratti qabsaa’a. Yoo hojii seeraan alaa arges caasaa nageenyaatti eeruu kennuun olaantummaan seeraa akka kabajamu kan taasisuudha.

Caasaa kana adda kan taasisu kaffaltii malee ummatasaaf waardiyyaa dhaabachuusaa yoo ta’u, osoo qorra aduu, guyyaa halkan hinjedhiin bakka ramadametti bobba’uun tika nageenyaa kan gaggeessuudha.

Humni kun sochiin mootummaa jijjiiramaan taasifamaa jiru fayyadamummaa lammiileef bu’aa kan buusu; bu’aa dhiigaafi lafeesaa waan ta’eef kaffaltii malee bobba’ee nageenya waloosaa tiksa jechuudha.

Bariisaa: Naannawaan Matahaaraa horsiisee bultoota. Isaan kunimmoo aadaadhumaan meeshaa waraanaa wajjin walitti araaramanii hojiisaanii kan hojjetan yoo ta’u, namoonni gurmaa’anii hatan jarreen kanneen meeshaa akka hingodhanne (maqaasaaniin akka alseerummaa hinraawwanne) hubannoo uumaa jirtuu?

Obbo Addisuu: Nagenya waaressuun kan milkaa’u mariidhaani. Marii hawaasaa yeroo yeroon gaggeessaa jirra. Naannawaan horsiisee bulaa murna gurmaa’ee lammiilee hatuuf meeshaa akka hintaane of ta’anii misooma horiisaanii akka ittifufan hubannoo uumaa jirra.

Horsiisee bultoonni meeshaa waraanaasaaniif kabaja qabu; seeraanis ittifayyadamu. Hubannoo kennamaafii jirus xiyyeeffannoo keessa galchuun shira gurmuu hattootaa kanaaf osoo hinjilbeeffatiin sochii hawaas dinagdeesaanii gaggeessaa jiru. Nuyis hordoffiifi deeggarsa barbaachisu taasisaafii jirra.

Bariisaa: Ummanni dubbii dhiisee qalbii guutuudhaan misoomatti akka deebi’uuf tajaajilli mana murtii aadaa akka magaalittiitti jiru maal fakkaata?

Obbo Addisuu: Dhugaa dubbachuuf mootummaan jijjiiramaa jijjiiramoota lakkaa’amee hindhumne hojiirra oolchaa uummatas misoomatti deebisaa jira. Akkuma atuu kaaste ummanni dubbii dhiisee misoomatti akka deebi’uuf hojiirra oolmaan tajaajila mana murtii aadaa bu’aa buusaa jira.

Akka magaalaa keenyaatti gandoota qabnu keessatti mana murtii aadaa babal’isnee dhimmoota waldhabdeewwan gara garaa itti mudataa jiran ilaafi ilaameedhaan akka hiikaman taasisaa jirra.

Tajaajilli mana murtii aadaa kun aadaafi duudhaa ganamaa Oromummaa deebisuufi dubbiirraa misoomatti deebisuuf kan akeekeedha. Waldhabdeen deddeebii mana murtii yeroo dheeraa lakkoofsise mana murtii aadaa kanaan furamaa dubbii salphisaafi misooma saffisiisaa jira.

Bariisaa: Tajaajilli mana murtii aadaa kun ummata Oromoo qofaaf moo sabaafi sablammii achi keessa jiraataniifis kan gargaaruudhaa?

Obbo Addisuu: Akkuma dura sii kaase Matahaaraa keessa sabaafi sablammiilee gara garaatu jira. Oromoon saboota kanneen hammatee akka mataasaatti duudhaafi aadaa mataasaa keessattis isaan hirmaachisee waliin jiraataa jiru.

Tajaajilli mana murtii aadaa kunis sabaafi sablammii osoo hinfo’iin tajaajila oogdoofi loogdoo hinqabneen ija jaarsa biyyaatiin ilaalee murtee madaalawaa kennuun nagaafi araarri akka bu’u taasisaa jira.

Bariisaa: Manni murtii aadaa hundaa’uun boqonnaa uume qabaa?

Obbo Addisuu: Hundeeffamni mana murtii aadaa abbootii seeraa qofaaf miti hojigaggeessitoota hedduufillee boqonnaa sammuu uumaa jira. Hojjetaan, qonnaan bulaafi horsiisee bulaan hojii idileesaa dhiisee mana murtiirra yoo naanna’u maallaqatu baha, yerootu jalaa gubata, humnasaatu qisaasa’a. Deddeebbiin waggaa tokkoofi lamaaf taasifamu balaa jireenyaa ta’aa ture.

Boodana hundaa’uu mana murtii aadaatiin walqabatee dhimmamtoonni walyakkan ykn walganan jaarsolii biyyaa bira walgeessuun kan waggaa isaan deddeebisu guyyaa tokkotti xumuratanii galaa jiru.

Kanarraa kan ka’e qisaasa’inni maallaqaa, humnaa, daddeebiin mudataa ture furameera. Yeroo gabaabaa keessatti dhimmasaanii xumuratanii jiruusaaniitti deebi’aa jiru.

Bariisaa: Manneen murtii aadaa tokko tokko bakka dhaabbataa tajaajilli ittikennamu hinqaban. Kun Matahaaraatti maal fakkaata?

Obbo Addisuu: Gama kanaan tajaajilichi jalqabuusaatiin fedhiin hawaasaa mana murtii idileerraa garasitti deebi’uun dhimmasaa achitti fixachuu barbaadu dabalaa waan dhufeef gaaddisni ijaaramee tajaajila kennaa jira.

Gaaddisni kun karaa aadaa giddugaleeffateen kan ijaarame yoo ta’u, alaabaa Abbaa Gadaatiin faayuun tajaajila si’ataa qulqullina qabuufi hunda keessummeessu kennuun hawaasni dubbiirraa misoomatti akka deebi’u taasisaa jira.

Bariisaa: Magaalaa Matahaaraa sabaafi sablammiifis haadha taate kana akkamiin ibsitu?

Obbo Addisuu: Dhugaa dubbachuuf Matahaaraan magaalaa Jaalalaati. Hiyyeessi, sooressi, dafqeebulaan waldanda’ee kan keessa jiraatu, wiirtuu daldalaa dachee kuduraafi fuduraan guutamteedha.

Haala qilleensaashiis yoo ilaalle daran ho’ituudha. Faallaa kanaa immoo biyyeenshii fuduraalee akka burtukaanaa, maangoo, paappaayyaa, avokaadoo, zayituunaa, giishxaafaan daran kan badhaateedha.

Kan magaalattii qaxxaamuru kamuu waan biyyeen Matahaaraa hore kanneen osoo hindhandhamiin bira hindarbu. Hawaasnisaas jaalala. Kanarraa kan ka’e qe’ee jaalalaa laftisaas namnisaas kan eebbifamedha jedhu kanneen dhandhamashii argan marti.

Bariisaa: Qilleensa naannawaa mijataa taasisuuf sochiin misooma ashaaraa magariisaa akka magaalittiitti jiru maal fakkaata?

Obbo Addisuu: Leegaasiin ashaaraa magariisaa ministira muummee keenyan jalqabame wixinee taa’e hordofuun waggaa waggaan gaggeeffamaa jira. Kanneen kanaan dura dhaabaman hedduunsaanii hordoffiin taasifameefii qabataniiru. Sababuma kanaan qilleensi naannawaas mijataa ta’aa jira. Baranas haaluma barameen lakkoofsaan dabaluun dhaabbiin biqiltuu adeemsifamaa jira.

Hunduu bahee ashaaraasaa qubachiisuun ittigaafatamummaasaa akka bahatuuf dadammaqiinsi taasifamaa jira. Hojii ashaaraa magariisaa gara dinagdeetti jijjiiruun madda galii taasisuufis xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Bariisaa: Matahaaraan magaalaa akkamii akka taatuuf hawwitu? Akkamiinis hojjetaa jirtu?

Obbo Addisuu: Sochiin mootummaan jijjiiramaa magaalota hawaas dinagdeefi siyaasaan cimsuuf taasisaa jiru onnachiisaadha. Nutis kanuma bu’uura godhannee magaalaa keenya giddugala invastimantii, loojiiwwan hawwata tuuristii ta’an hedduun kan itti argaman bakka bashannanaa jira jedhame taasisuun jiruufi jireenya hawaasichaa jijjiiruun magaalaa waamaraan badhaate arguuf humna guutuun hojjetaa jirra. Imaanaa guddaatu nuharka jira. Magaalaa keenyas ta’e biyya kana jijjiiruuf hunduu quuqamuu qaba.

Kan hafemmoo beekumsaafi waan qabuun mootummaasaa waliin dhaabatee misoomsuun ofiis misoomee biyya badhaate, nageenyishii mirkanaa’e ijaaruun dhalootaaf kaa’uuf tumsuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif galatoomaa.

Obbo Addisuu: Isinis sochii hawaas dinagdeefi siyaasaa magaalaan Matahaaraa itti jirtu ummata biraan nuu ga’uu keessaniif galatoomaa jenna.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You