Beenishaangul Gumuzitti ajandaa mariif hirmaattota kuma tokkoofi 200 oltu hirmaata

Finfinnee: Naannoo Beenishaangul Gumuzitti waltajjii ajandaa walitti qabuu gaggeeffamurratti hirmaattotni kuma tokkoofi 200 ol kan hirmaatan ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibse.

Adeemsi ajandaa walittiqabuu Tigiraayiin dabalatee naannolee hundatti hanga Onkoloolessa 30/2017tti xumuruuf hojjetamaa jira.

Koomishinara Olaanaan komishinichaa Pirofesar Masfin Arayaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, waltajjii marii ajandaa walitti qabuu Beenishaangul Gumuzitti adeemsifamurratti hirmaattota kuma tokkoofi 200 oltu eegama. Adeemsa ajandaa walitti qabuu komishinichi naannolee afuritti gaggeessuuf karoorfate keessaa kan Beenishaangul Gumuz Adoolessa 17 eegalamuu himanii; guyyoota ja’aa hanga torbaattis ni xumrama jedhaniiru.

Waltajjichi ittaansuudhaan Gaambeelaatti akka gaggeeffamu himanii; naannoo Harariifi Magaalaa Dirree Dhawaatti ayyaana Qullubbii Gabreeliin walqabatee sochiin hedduun waan jiruuf Adoolessa 25 booda akka eegalamu ibsaniiru.

Adeemsa ajandaa walittiqabuu kanarratti hirmaattotni aanaalee naannichaarraa walitti ba’an dura kophaatti waliin mari’achuudhaan qaamolee qoodafudhattoota naannichaa waliin ajandaa waloo taasisuun ajandaa filatanii komishinichatti kennu. Komishinichis ajandaalee itti kennaman kan naannolee waliin walittiqabuudhaan marii biyyaalessaaf bocee dhiyeessa jedhaniiru.

Akka ibsasaaniitti, adeemsa ajandaa walittiqabuu kanarratti qaamoleen hawaasaa haala qabatamaa naannichaa giddugaleeffateen qaamoleen hawaasaa 20 ta’an marii kanarratti ni hirmaatu. Dubartoota, dargaggoota, hojjettoota mootummaa, paartilee siyaasaa naannicha keessa socho’an, namoota dhiibbaa uumaniifi abbootii amantaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Komishinichi muuxannoo ajandaa walittiqabuu Finfinneerraa horate giddugaleeffachuun adeemsa ajandaa walittiqabuu naannolee hafanii haala gaariin akka xumuramuuf qophii barbaachisaa taasiseera. Waamicha komishinichaa yeroon qaqqabsiisu, qoodafudhattoota addabaasuufi sududaan quunnamuu, abbootii amantaafi namoota dhiibbaa uuman waamicha taasisuun naannichatti ajandaa walittiqabuun eegalameera.

Tigraayiin dabalatee adeemsa ajandaa walittiqabuu naannolee hundaa hanga dhuma ji’a Onkololeessa bara 2017tti xumuruuf hojjetamaa jiras jedhaniiru.

Ta’us sochiin komishinichaa naannoo Amaaraafi Tigraayitti haala barbaadameen raawwatamaa hinjiru. Hanga ammaatti hojii naannoo Amaaraatti hojjetameen qaamolee deeggartootaa, namoota kuma tokkoofi 800 leenjifamuu himanii; naannoo Tigraayitti akkuma bulchiinsi yeroo naannichaa haalli mijaa’aan jiraachuu mirkaneesseen komishinichi hojiisaa gaggeessuuf qophiidha jedhan.

Dabalataanis, Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen, Paartii Ummata Affaar, Paartiin Federaalistii Sidaamaa, Kongirasii Federaalawaa Oromoo akkasumas murnoonni hidhatanii bosona jiran hundi gara marii biyyaalessaatti akka dhufaniif komishinichi irradeebi’ee waamicha dhiyeessaa jira. Deeggarsa ummataafi mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuzi komishinichaaf taasiseef galateeffachuun Finfinneetti aanuudhaan naannoo biroof fakkeenya akka ta’anis dhaamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You