Barsiisummaa cinaatti inisheetiivii booyyeerratti bobba’uun booyyee 200 ol kan horatan Barsiistuu Hiikoo Galatoo

Osoon imalarra jiruu dugda baajaajiirratti barreeffama qalbii na hawwate tokkon arge. Innis akkana kan jedhuudha, “Luka tokko barbaacha”. Maal jechuu yaadeeti? jedheen yaade, sila baajaajiin miila sadii qabdu tokko yoo dabalatte konkolataatti guddatti waan ta’eef abjuufi mul’ata gaariidha, dhalli namaas kan qabu qabatee isa dhabe dabalachuuf humnaafi beekumsa qabuun socho’ee of jijjiiruuf kufee ka’a.

Yoo garaagarummaa yeroo ta’een ala jireenyarratti hadheeffatanii qabsoofnaan hamma dhama’an argachuun waan oolu miti, abjuun baajaajittiis kanumaan wal fakkaata.

Dhimmi kun maaliif ka’e jechuun hinoolu. Akkuma, harka tokkoon shurrubbaa, harka biraatiin shurraabii jedhamu barsiistuu ogummaa barsiisummaa cinaatti inisheetiivii misooma booyyeerraatti bobba’uun hojii fakkeenya gaarii ta’e hojjechuun maqaa qaban faana waliin isin barsiisna.

Barsiisummaan ogummaawwan jiran maraaf haadhaafi isa ijoo yoo ta’u, qorqalbii dhalootaa kan qaru ogummaa hundaan dhaloota gahoomsee hayyoota egeree biyyaaf wabii ta’an hojiitti kan bobbaasuudha. Ogummichi ittigaafatamummaa guddaan hordofamee wixinee boqonnaa qophiifi raawwiidhaan madaalamee dhaloota qoraasee egeree biyyaatiif wabii akka ta’aniif faayee kan dhaabuudha.

Dhamaateen ogummichaaf ba’u daran ulfaataafi mindaa kaffalamu waliin walmadaalaa ta’uu baatus barsiisonni ittigaafatamummaafi imaanaa mootummaan kenneef milkeessuuf osoo duubatti hinjedhiin doktara, balaliisaa xiyyaaraa, injinara, kan biyya bulchu, eeguufi kkf ogummaan ijaaree hojiitti bobbaasu waan ta’eef kabaja guddaatu malaaf. Galii barsiisummaarraa argataniin dinagdeen of gaha’oomsuun waan hindanda’amneef yeroo boqonnaa ofiitti barsiisummaa maddiitti hojii dabalataa hojjechuun of jijjiiruun dirqama waan ta’eef Barsiistuu Hiikoo Galatoo inisheetiivii misooma booyyeerratti bobba’uu kaasu. Barsiistuu Hiikoo Galatoo Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa, Magaalaa Bulbulaa keessa jiraatu.

Mindaa ogummaa barsiisummaarraa argataniin jireenya mo’achuun waan hindanda’amneef hojii dabalataa hojjechuu akka qaban abbaa manaa isaanii waliin mari’achuun inisheetiivii misooma booyyeerratti bobba’uu akka qaban murteessuu kaasu.

Haaluma kanaan oggaa booyyeewwan lama kormaafi dhaltuu bitanii horsiisuu eegalan namoota baay’eef gaaffii ta’aa tureera.

Akka naannawichatti misoomni booyyee beekamtii waan hinqabneef rakkoon ilaalchaa turuu kan kaasan Barsiistuu Hiikoon, osoo rakkoo ilaalchota diigoo jiranii rakkicha dandamachaa hojicha cimsaa turaniiru.

“Booyyeen bitamte marsaa jalqabaa ilmooleewwan torba dhaltee misoomicha akka jabeessinu sababa ta’aa dhufte. Duubarra haati tokko ilmooleewwan torba dhaluurra dabartee takkaatti 16 dhaluun lakkoofsaan dachaan dabalaa deemuun kaka’umsa misoomichaaf qabnu jabeessuu danda’eera.

Booyyeewwn kunniin walhoraa deemuun har’a haadholiin 85 ol ilmooleewwan guddataa jiran 45 kan qaqqabe yoo ta’u, barsiisummaa cinaatti hojii dabalataa galiin keenya ittiin guddatu ta’aa jira.

Battaluma lakkoofsi booyyee kun dabalutti kanneen nyaataaf gahan gabaaf dhiyeessuun galii dabalataa argannee ilmaan keenya ittiin barsiisaa ofiis ittiin jiraachaa jirra. Misoomni booyyee kun nuuf madda galii dabalataa ta’uurra darbee namoota jahaaf carraa hojii uumuun danda’ameera” jedhu.

Akka ibsasaaniitti booyyeen qalmaaf gahe tokko qarshii kuma 25 ol kan baasu yoo ta’u, hedduu gurguranii tajaajila barbaadaniif oolfachaa jiru. Misoomni inisheetiivii booyyee ciminaan hojjetamnaan salphaatti kan itti durooman ta’us nyaata gahaafi lafa bal’aa horsiisaaf ta’u argannaan hojii mootummaa dhiisuun madda galii addaa kan nama taasisuudha.

Fakkeenyaaf nuti ammaan tana booyyee naannawaa 200 qabna. Booyyeewwan kanneen osoo callisnee bakkeetti gadhiisne midhaan namaa barbadeessuu danda’u. Yeroo sana walitti bu’insaaf nusaaxilu. Kanaaf, lakkoofsisaanii dachaan dabalaa deemuun walqabatee bakki hojii bal’aan yoo kennameen ala rakkoodha.

Booyyeewwan hangana baay’atan kunniin takka takka daangaa ce’anii yoo ooyruu namaa seenan gatii nukaffalchiisu. Kanaaf mootummaan inisheetiivii kana kalaqe bakka hojiirrattis otoo nuu yaadee ofirra dabarree namoota biroof wabii carraa hojii ta’uun nidanda’ama.

Gama walitti hidhamiinsa gabaatiin walqabatee booyyeen qalmaaf gahe tokko qarshii kuma 25 ol baasus haalli gabaa ammaa mijataadha jechuun hindanda’mu jedhu Barsiistuu Hiikoon.

Rakkoon walitti hidhaminsa gabaa akka mudatuuf sababa kan ta’e rakkoo ilaalchaan kan walqabatu yoo ta’u, aadaan foon booyyee nyaachuu ammallee kan hingabbanne ta’uu kaasu. Osoo aadaan foon booyyee nyaachuu kun gabbatee inisheetiivichi yeroo gabaabaa keessatti kan itti durooman akka ta’u eenyumaafuu ifa.

“Mindaa barsiisummaa aniifi abbaan warraakoo gama biraan argannu galii misooma booyyee kanarraa argannu waliin walbira qabnee gaafa ilaallu gonkumaa walhinargu.

Misoomichi bakka hojii barbaada, walitti hidhaminsa gabaa uumuuf rakkoo ilaalchaa furuu gaafata, qaala’insa nyaatasaanii gadibuusuu gaafata. Hudhaaleen kunniin furamnaan halkan tokkotti duroomuun akka danda’amu argaa jirra.

Keessumaa mindaan barsiisummaaf kaffalamaa jiru waan quufsaa hintaaneef barsiisonni ogummicha maddiitti misooma inisheetiiviiwwan garagaraarratti bobba’uun of jijjiiruun barbaachisaa ta’uu Barsiistuu Hiikoon nidubbatu.

Osoo misooma booyyee kana hinjalqabiin ijoollee afur ofii qabnuuf galteewwan barnootaa guunnee barsiifachuurratti rakkoo keessa turreerra jedhanii, booda kana misoomicha cimsuusaaniin dinagdeensaanii jabaataa dhufuu eeru.

Galiin ofii argatan dachaan dabaluurra darbee namoota jahaaf carraa hojii uumuun kan danda’ame yoo ta’u, ammas lakkoofsi booyyeewwansanii dabalaa waan jiruuf isaaniifis namoota biroofis carraa gaarii ta’uu kaasu. Gaafa carraa hojii uumuu jedhamu isa hojii hinqabanne qofaaf osoo hintaane hojjetaan mootummaa mindeeffamuu jalaa bahee of hundeessuus ni ilaallata jedhu Barsiistuun tun.

Haata’u garuu hojjetaan mootummaa eeggattummaa mindaa jalaa bahiitii hojii uummadhu osoo jedhame meeqatu fedhii qaba isa jedhu gaafa ilaallu fedhiin kan jiru hinfakkaatu.

Sababnisaas hojjetaan mootummaa tokko hojii mootummaa dhiisuun hojii dhuunfaasaa uummachuun dura yaalee osoo ilaale nan jajjabeessa.

Dhugaa dubbachuuf namni keenya yoo arge malee hinamanu. Kanaaf hojii mootummaa dhiisaatii hojii dhuunfaa keessanii banadhaa jechuurra ogummaa qabdan cinatti yaalaa; bu’aasaas ilaalaa, sana booda murteessaa yoon jedhe natti salphata jedhu Barsiistuu Hiikoon.

Akka ibsasaaniitti hojii mootummaa cinaatti hojii dabalataa inisheetiivii booyyee eegalan kana erga dhandhamanii as eeggattummaan hojii mootummaa dinagdee namaa kan miidhu , bara lakka’uu, dabalataan ammo mindaa kuma hincaallee eeguu yoo ta’een ala dinagdeen cimna jedhanii yaaduun gowwummaadha.

Har’a Barsiistuu Hiikoon harka tokkoon barsiisuun isa biraan booyyee horsiisuun egeree dinagdee ilmaansaaniif bu’uura buusuuf sa’a boqonnaasaanii yeroo mana barnootaarraa deebi’anitti olii gadi fiigaa deegaafi hiyyuma eeggattummaa seenaa gochuuf kan kaatan yoo ta’u, hojjettoota mootummaa biroof fakkeenyummaan kan ka’anidha.

Ogummaa barsiisummaan tajaajila waggaa 20 olii kan qaban barsiistuu Hiikoon mindaasaaniirra galii booyyee kanarraa argataniin eeggattummaa jalaa bahuuf qophiitti jiru.

Guutummaatti hojii barsiisummaa gadhiisanii akka hinbaaneef bakki horsiisa booyyee isaanitti dhiphachuu akka sababaatti yoo kaasan, yoo bakki hojii mijateef yeroo gabaabaa keessatti dinagdee ofii jijjiiruurra darbanii namoota biroofillee carraa hojii dabalataa kan uuman ta’uu ibsu.

Nyaata booyyee kanaaf ji’aan qarshii kuma 20 ol baasaa lakkoofsi booyyeesaaniis dachaan dabalaa kan jiru yoo ta’u, hudhaaleen jiran yoo furamaniifi eeggattummaa jalaa guutummaatti yoo bahan waan addaa akka hojjetan himaniiru.

Barsiisummaan ogummaa kabajamaa ogummaa guddaadha; nan jaaladhas. Haata’u garuu yeroo mara mindaa mootummaatiin of jijjiirra jedhanii yaaduun fagoo kan nama hindeemsisnedha kan jedhan Barsiistuu Hiikoon, inisheetiivii mootummaan jijjiiramaa bocee gadi buuse hojjettoota mootummaanis osoo shaakalamee kan itti boonan malee kan itti boo’an akka hintaane himu.

Harka tokkoon boronqii harka biraan inisheetiivii misooma booyyee adeemsisaa kan jiran Barsiistuu Hiikoon, muuxannoo barsiisummaa waggoota dheeraa keessatti ogeessota kumaatama horataniiru. Ta’us dinagdeen jijjiiramuu akka hindandeenye yoo kaasan duubarra misooma inisheetiivii booyyee kanaan dinagdeensaanii bayyanachaa waan jiruuf warreen kaanis narraa baradhaa dinagdee keessan cimsadhaa jedhaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You