Bara 2017tti ijaarsi seeraan alaa hundi furmaata argatu

Finfinnee: Bara 2017tti ijaarsi seeraan alaa hundi furmaata kan argatan ta’uu bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu beeksise.

Kaantiibaan magaalichaa Obbo Alamaayyoo Asaffaa sagantaa eebba Pirojektii Misooma Kaadaastara Magaalichaa Kamisa darbe taasifamerratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, barichatti ijaarsi faayila seera qabeessa qabu kaartaa argata, kaartaa argachuuf ammoo faayila kan hinqabne ni diigama.

Seektarri lafaa, seektara hojii walxaxaafi dogoggoraaf nama saaxilu ta’us, dhugaarra dhaabatanii hojjechuutu barbaachisa kan jedhan Obbo Alamaayyoon; hojjettootniifi hoggantootni waajjira lafaa qaamota garagaraatiin abaaramanis eebbifamanis dhugaafi ragaarratti hundaa’anii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Qaamotni tokko tokko lafa isaaniif hin malle fudhachuuf dorsiisaafi duula miidiyaa garaagaraa taasisaa jiraachuusaanii himanii; lafa Magaalaa Bishooftuu ijji itti baay’atu kana teknolojiin hogganaa akka jiranis ibsaniiru.

Lafa qabu Kaadaastaratti galchuun magaalota Oromiyaa jiran keessaa Bishooftuun sadarkaa tokkoffaatti beekamtii argachuu himanii; lafa kaadaastaaraan bulchuun shiraafi saamicha warra faddiltotaafi michootasaanii maseensuuf kan gargaaruudha jedhaniiru. Tokkoon tokkoo lafa magaalichaa hannarraa bilisa gochuun miidhagina magaalichaafi galii biyyaa dabaluurratti shoora guddaa qabaachuu eeranii; kanaafis teknolojiin hogganamuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Ittigaafatamaan waajjira lafa magaalichaa Obbo Mahaammad Aliyyii gamasaanitiin akka dubbatanitti, beekamtiin waajjirichi argate dadhabbii guddaadhaan kan argameedha. Karoora kaadaastara lafaa milkeessuu keessatti deeggarsi gaggeessitoota magaalichaa olaanaadha. Ogeessotnis ta’ee gaggeessitootni sadarkaa sadarkaadhaan jiran sa’aatii hojii mootummaa qofa osoo hin taane halkan waajjira buluudhaan milkeessuu danda’aniiru.

Qabeenya lafa magaalichaa kaadaastaratti galchuun hojiin hojjetames, tajaajila ariitii qabu kennuuf, alseerummaa bulchiinsa lafaa keessatti mul’atu hambisuuf gargaaraa kan jiru ta’uu himanii; bara dhufu cittuuwwan lafaa hafan kan mirga seeraa qaban kaartaa itti laachuun gara kaadaastaraatti galchuuf kan karoorfame ta’uu himaniiru.

Mosaajiin ‘ELMS’ jedhamu Ministeera Misooma Magaalaafi Konistiraakshiniin misoomee bulchiinsa magaalichaatiif kenname hojii bulchiinsa lafaa si’ataa taasisuu eeranii; mosaajiin kun magaalota biyyattii keessaa magaalaa Bishooftuufi magaala tokko biroo qofaaf kennamuu dubbataniiru.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti qindeessaan Kilaastara Misooma Magaalaa Obbo Masfin Malaakuu gamasaaniitiin akka jedhanitti, Naannoo Oromiyaatti rakkoo bulchiinsa lafaa keessatti mul’atu hambisuuf Kaadaastara lafaa hojiirra oolchuun wabii abbaa qabiyyee lafaa mirkaneessuun sirna bulchiinsa lafaa ammayyaa’aa ta’e diriirsuun hojjetamaa jira.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You