Abbootiin qabeenyaa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa keessatti hojjechuuf fedhii guddaa argisiisaa jiru

Finfinnee: Fedhii abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa keessatti hirmaachuuf taasisaa jiran olaanaa ta’uu Abbaan Taayitaa Zoonichaa beeksise.

Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa Obbo Mootummaa Tamasgeen ibsa tibbana Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, hanga ammaatti abbootiin qabeenyaa kaappitaala qarshii biliyoona 102 galmeessisan Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa keessatti hojii eegaluuf galmaa’aniiru. Lafti hektaara 142 abbootii qabeenyaa haalota garagaraatiin misoomsaniif dabarfamee kennameera. Abbootii qabeenyaa fedhii agarsiisaa jiran bal’inaan simachuuf lafti hektaara 555 hojii invastimantiif adda ba’ee jira.

Daandiin zoonii dinagdichaa xumuramee tajaajilaaf banaa ta’eera. Ijaarsi buufata ibsaafi raabsa bishaanii gara xumuraatti waan jiruuf bara 2017 guutummaatti tajaajila eegala jedhanii; ammaan tana abbootiin qabeenyaa shariikaafi dhuunfaan zoonii daldala bilisaafi hojii omisha garagaraarratti hirmaachuuf iyyata galfachaa jiraachuus dubbataniiru.

Abbootiin qabeenyaa biyyoota Dhiyaa, Baha Giddugaleessaa, Sawud Arabiyaa, Chaayinaafi Imireetii Araba Gamtoomaniifaa Zoonii Dinagdee kanatti hojjechuuf fedhii guddaa argisiisaa jiru; zooniin dinagdee kun sadarkuma biyyaattuu zoonii guddaa waan ta’eef ce’umsa dinagdee biyyattii keessatti shoorrisaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Zooniin kun wayita humnasaa guutuun hojiitti seenu sharafa alaa maddisiisuu, ce’umsa teknolojii saffisiisuufi carraa hojii bal’aa akka uumus eeraniiru.

Dameewwan invastimantii kanneen akka zoonii daldala bilisaa, omishatti sona dabaluun alatti erguu, meeshaalee dheedhii biyya keessaa fayyadamuun seeraamikii dabalatee omisha meeshaalee ijaarsaafi omishaalee elektirooniksiifaarratti bobba’aniif dursi akka kennamus Obbo Mootummaan ibsaniiru. Hojmaata badaafi birokraasii maqsuuf akka ta’utti hojiitti seenuun dura imaammatni, seeronniifi dambiiwwan adda addaa bocamuus himaniiru.

Abbootin qabeenyaa zoonii dinagdee kana keessatti bobbo’an tajaajilaafi bu’uuraalee misoomaa hunda bakka tokkotti waan argataniif carraa guddaa ta’uu himanii; haala damee invastimantiisaaniirratti hundaa’uun meeshaale ashuura malee alaa galchuufi omishaan boodas ashuurarraa bilisa gurgurachuu akka danda’an ibsaniiru. Bilisaan kaappitaalasaanii sochoosuu akka danda’anis eeraniiru.

Zooniin kun bu’uraalee misoomaa guguddoo kanneen akka daandii baaburaafi giddugala loojistiksiifaa waan fedhuuf bajata mootummaa naannoo qofa osoo hintaane kan mootummaa federaalaafi deeggarsa alaas haalaan barbaada jedhaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You