Mallattoo milkaa’ina qabsoo dippilomaasii Itoophiyaa dhugoomse

Lagni Naayil (Abbayyaan) biyyoota yaa’a bishaanii 11 qabaatus Misiriifi Sudaan hanga ammaatti waliigaltee yeroo kolanii mallatteeffameen lagicha olaantummaan fayyadamuuf gaaffii kaasu. Waliigalteen Inteebee kun akka hinmallatteeffamneefis dhiibbaa cimaa gochaa turan.

Haala ittifayyadama bishaanii haqaqabeessa hintaane kana mormuun yaadni waliigaltee walta’iinsaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota torbaan waggoota 14 dura mallatteeffameera. Keeniyaan waliigalticha mallatteessitus hanga ammaatti hinraggaasifne.

Dhimma kanarratti tibbana oduun aagaa tokko gama Sudaan Kibbaarraa as qaari’eera; oduu misiraachoo biyyattiin waliigaltee walta’iinsa yaa’a Abbayyaa mallatteessuu. Waliigalteen murteessaafi waggoota dheeraaf eegamaa ture kun mallattaa’uun Itoophiyaafi ummatashiitiif injifannoo guddaadha.

Kana ilaalchisuunis Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa misiraachoo karaa fuula tiwiitariisaanii dabarsaniin, “Sudaan Kibbaa waliigalticha fudhattee raggaasisuunshii Itoophiyaafis ta’e biyyoota naannawaatiif faayidaa olaanaa qabaata. Milkaa’inni dippilomaasii kun fedhii biyyoota yaa’a lagichaa jidduutti walta’iinsa zoonawaa guddisuuf taasifamuuf tarkaanfii murteessaadha.

Sudaan Kibbaa waliigalticha fudhattee raggaasisuun Komishinii yaa’a Naayil hundeessuudhaan fayyadamummaa ummatoota keenyaa mirkaneessuuf dadammaqiinsa ni uuma” jedhan ergaasaaniitiin.

Walta’iinsi yaa’a laga Naayil jaarmiyaa biyyoota naannawaa 10 miseensummaan kan qabate yoo ta’u, laga Naayil qabeenya waloo biyyoota kanneenii ta’e kana walqixaafi ittifufiinsaan misoomsuufi bulchuu kan kaayeeffateedha.

Waliigalticha Itoophiyaan, Ruwaandaan, Burundiin, Taanzaaniyaan, Ugaandaan amma ammoo Sudaan Kibbaa (biyya jahaffaa ta’uun) manneen mariisaaniitiin raggaasisaniiru.

Sudaan Kibbaa waliigaltee walta’iinsa yaa’a Naayil raggaasiisuunshii Itoophiyaaf mirkaneessituu guddaa milkaa’ina dippilomaasii ta’uudha Yunivarsitii Finfinneetti Barsiisaan Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idiladdunyaa akkasumas qorataan dhimma Abbayyaa Pirofesar Yaa’iqoob Arsaanoo kan ibsan.

Itoophiyaan kanaan dura biyyoota yaa’a laga Naayil waltaasisuudhaan, falmiifi yaada maddisiisuurraa kaasee hojiilee danuu hojjechaa turteetti. Walta’iinsi waggoota 14 dura ragga’eefi waggoota 11f irradubbannoon irratti adeemsifamaa sadarkaa amma irra jirurra ga’uun milkaa’ina dippilomaasii Itoophiyaatiif agarsiistuu cimaadha.

Itoophiyaan waggoota dheeraaf walta’iinsa yaa’a Naayil qopheessuufis biyyoonni yaa’a lagichaa walta’iinsicha akka mallatteessaniif gumaacha, qabsoofi tattaaffii cimaa taasisteetti. Sudaan Kibbaa walta’iinsicha raggaasisuunshiis Itoophiyaaf tarkaanfii dippilomaasii isa olaanaadha.

Itoophiyaan qabeenya Naayil karaa haqaqabeessa ta’eefi walqixa fayyadamuuf seera diriirsuufi adeemsa seeraa akkasumas sarara dippilomaasii taasistee ittifayyadamteetti. Kun ammoo biyyoota bishaan burqisiisan birootiin fudhatama argateefi deggaramee qindoominni gaariin adeemsifamee waliigaltichi waggoota 14 dura mallatteeffame.

Biyyoota wayita sana mallatteessan keessaa baay’eensaanii waliigalticha qaama seeraasaanii taasifatanii, sanadichis Gamtaa Afrikaatti galmaa’ee Komishiiniin lagicha haqummaan ittifayyadamuuf gargaaru akka hundaa’uuf barbaadamaa ture. Tattaaffiifi imalli Itoophiyaan naannawa sanatti taasiste yoo turellee milkaa’ee dubbiin gara guduunfaatti deemaa jira.

Sudaan Kibbaa amma waliigalticha mallatteessuunshii imalli dippilomaasii Itoophiyaa milkaa’aa ta’uu kan agarsiisuudha. Kunis guduunfaa bu’aalee hundaa waan ta’eef Itoophiyaa qofaaf otoo hintaane biyyoota kaan waliigalticha mallatteessaniifi bishaan maddisiisaniif mallattoo milkaa’inaa isa olaanaadha.

Adeemsichi sadarkaa kanarra akka ga’uuf tattaaffiin Itoophiyaan taasiste mootummaadhaanis ta’e hayyoota irradubbannoo laga Abbayyaatiin ija gaariidhaan kan ilaalamuudha. Ummata Itoophiyaa ijaarsa hidha laga Abbayyaarratti waan qabuun hirmaataa tureenis akkasuma.

Waliigalteen akkanaa akka Itoophiyaan misoomawwanshii biroos ittifuftuuf kan ishee gargaaruufi milkaa’inashii gama dippilomaasiitiin gonfatte fayyadamuun qabeenyaafi beekumsashii qindeessitee; nageenya bishaanshii eegsistee akka fuulduratti tarkaanfattuuf kan gargaaru akkasumas maatii Naayil jidduutti qindoominaafi walittimakama naannawaa daran kan jabeessuudha.

Ummanni Itoophiyaas alaa keessaa injifannoo qabsoo dippilomaasii cimaadhaan argame kana hubachuun, qorattoonniifi hayyoonnis milkaa’ina kana fudhatanii biyyattiin fuulduratti caalaatti akka fayyadamtuuf qoodasaanii bahachuufi utubuu qabu; dhimmichi taatee milkaa’aa qabsoo dippilomaasii Itoophiyaan taasisaa turte ifatti kan dhugoomse waan ta’eef.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

 

Recommended For You