“Inshuraansiin fayyaa babal’achuusaatiin yaaddoon mana yaalaa dhaqanii wal’aansa gahaa argachuu hir’ateera”-Doktar Mangistuu Baqqalaa

Kenniinsi tajaajila yaalaa qulqullinaafi si’ataa ta’e waliin gahuu dhabamuuusaatiin miidhaan omishaafi omishtumaarratti ga’u olaanaadha.

Hawaasni omishawaa ta’e dhibeewwan sasalphaa yaalamee fayyuu danda’u mana yaalaa deemee wal’aansa gahaa argachuuf maallaqni waan isa barbaachisuuf wayita maallaqa of harkaa dhabutti filannoo inni qabu du’a qofa ture.

Amma garuu mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufuu hordofee tarsiimoo tajaajila inshuraansii fayyaa hojiirra oolaa jiruun hawaasni yeroorra yerootti mana yaalaa deemuun sakatta’insa barbaachisuufi yaala gahaa akkasumas si’ataa argataa jira jedhu Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa.

Hundeeffama gumii kenniinsa tajaajila yaalaa si’ataafi qulqullina qabu waggaa sadaffaa akka biirichaatti tibbana Adaamaatti kabajamerratti haasaa kan taasisan Doktar Mangistuun, akka Oromiyaatti fedhiin miseensa inshuraansii fayyaa ta’uu dachaan dabalaa jira.

Kunis kan ta’eef dhukkubsattoonni wayita gara mana yaalaa deemanitti sooressa, hiyyeessa jedhamanii osoo adda hinbahiin gatii madaalawaan tajaajila yaala fayyaa qulqullina qabuufi si’ataa argachaa jiru.

Hojii hubannoo uumuu gama kanaan ogeessonni fayyaafi miidiyaaleen hojjetan jijjiirama guddaa argamsiisaa kan jiru yoo ta’u, ammaan tana akka Oromiyaatti namoonni miliyoona 28 ol miseensa inshuraansii fayyaa ta’uun tajaajila wal’aansa fayyaa gahaa qulqullina qabuufi si’ataa ta’e argataa jiru.

Biiroon Fayyaa Oromiyaa sochicha abbummaan hordofaa hudhaalee jiran hir’isaa hawaasa fayya buleessaafi oomishawaa ta’e horachuuf humna guutuun hojjetaa jirachuu kan kaasan Doktar Mangistuun, bu’aaleen gama kanaan galmaa’aan nama jajjabeessu jedhu.

Misooma manneen yaalaa bittaa meeshaalee yaalaa fayyaa, dhiyeessiiwwan qorichootaa, mindeessa ogeessota fayyaa bakkeewwan hanqinni humna namaa ittimudate bakka buusuu haalaan raawwataa jira.

Oromiyaan bal’oo ta’uun walqabatee fedhiin hospitaalota babal’isuu, ammayyeessuu teknolojiin deeggaruu, keellaa fayyaa, buufataalee fayyaa misoomsuu yeroorraa yerootti cimaa jabaachaa jiru.

Sochiin misooma manneen yaalaa akka Oromiyaatti jiru dachaan akka dabalu mootummaan jijjiiramaa humna guutuun hojjetaa kan jiru yoo ta’u, hawaasni hedduu fayyadamaa ta’aa jira.

Sochiin tajaajila yaala fayyaa qulqullina qabuufi si’ataa ta’e waliin gahuuf Ministeera Fayyaa waliin ta’uun hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, jijjiiramoonni akka naannootti argaman ministeerichaan kan deeggaramaniidha.

Ministeerichatti Daariktarri Qulqullina Tajaajila Fayyaafi Innooveeshinii Doktar Abbaas Hasan gamasaaniin haasaa taasisaniin kenniinsa tajaajila fayyaa qulqulluufi si’ataa ta’e waliin gahuuf tarkaanfiin akka Oromiyaatti fudhatamaa ture kan nama jajjabeessuufi naannolee biroof galtee kan ta’uudha.

Bu’uuruma kanaan tatamsa’ina dhibeefi infekshinii dhaloota qoraa jiru maqsuuf duulli gaaraa kaasee eegalame xiyyeeffannoofi walta’iinsa Ministeera Fayyaafi Biiroo Fayyaa Oromiyaan deeggaramee hojiirra oolaa jira.

Hojiin dhaabbilee fayyaa babal’isuu dhibeen osoo hinqaqqabiin dursanii akka of eeganiif hordoffiifi deeggarsi karaa eksiteenshinii fayyaa kennamaa tureera, ammas ittuma jiru.

Hawaasni fayyaasaaf dursa akka kennu barumsa karaa eksiteenshinii fayyaa darbaa jiru sirriitti fudhachuun battala dhibeen tokko isaaan qabetti mana yaalaa isaanitti dhiyoo jiru dhaqanii tajaajila yaalaa argataa jiru.

Rincicni kanaan dura ture amma furaa kan jiru yoo ta’u, hojii hubannoo uumuufi riifoormii fayyaan faaya ta’uusaan hordoffiifi deeggarsii taasifamaa ture bakka argateera.

Hawaasni fayyaasaaf dursa kennuun omishaafi omishtummaan dachaan akka dabalu kan taasisu waan ta’eef ammallee irra deddeebiin hojiin hubannoo uumuu cimaa jira.

Hubannoon fayyaarratti kennamu dhibeen osoo nama hinqabiin dursanii akka ofirraa ittisan kan gargaaru gochuurra darbee kenniinsi tajaajila fayyaa akka cimu kan godhu ta’uu bu’aa gumii kenniinsa tajaajila yaala fayyaa qulqullina qabuufi si’ataa marsaa 3ffaarraa hubachuun danda’ameera.

Gumiin kenniinsa tajaajila yaala fayyaa qulqullina qabuufi si’ataa ta’e dhugoomsuu erga jalqabee waggaa sadi ta’eera kun bu’aa guddaa galmeessisaa jiraachuu qabataman kan agarsiisudha.

Mootummaan damee fayyaaf xiyyeeffannoo laatee hojjetaa jiraachuu kan kaasan Doktar Abbaas hojiin kalaqa meeshaalee yaala fayyaas akka cimuuf kallattiin taa’e bu’aa buusaa jira. Jijjiiramoonni gama fayyaan jiran jajjabeessaa ta’anis jijjiirama haala qilleensaafi dhibeewwan qorichaan walbaruun hawaasa qoraa jiran jiru.

Dhibeewwan akkaa Busaa yeroo ammaa hudhaa dhalootaa ta’aa jiran hojiin qorannoo fi qo’annoo gadi fagoo ta’e yoo irratti hojjetameen alatti rakkoo ta’uunsaanii ifadha.

Isa kanaafimmoo hayyonniifi ogeessonni fayyaa dandeettiifi beekumsa qaban itti fayyadamuun saayinsiin deeggaramanii qorannaa gaggeessuun dirqamasaaniidha jedhu Doktar Abbaas.

Ittisa tatamsa’ina dhibee busaaf sosochiin akka mootummaatti taasifamu kan jajjabeeffamuu malu ta’uu kan kaasan Doktar Abbaas gorsaafi hubannoo ogeessota fayyaan darbaa jiru hojiirra oolchuunis barbaachisaadha.

Dhibeen busaa amma dhaloota qoraa jiru salphaatti kan to’atamu waan hintaaneef gorsa ogeessa fayyaan darbu sirritti hordofuun barbaachisaadha. Yoo kun hintaane egeree dhalootaaf yaaddoo waan ta’eef ammas ciminaan irratti hojjechuun nurraa eegama. Tajaajila inshuraansii fayyaa argachuufis miseensa ta’uun murteessaa akka ta’e warreen tajaajila argachaa jiranirraa hubachuun gahaadha.

Kanaan dura harka qallummaarraa kan ka’e namoonni yaalamanii fayyuu osoo danda’anii dhibee sasalphaan lubbuusaanii kan dhaban tokko lama miti. Hudhaa kana furuuf tajaajilli inshuraansii fayyaa mootummaa jijjiiramaan hojiirra oole lammiilee keenyaaf furmaata waaaraa ta’ee tajaajilaa jira.

Sadarkaa Oromiyaatti qofa namoonni miliyoona 28 ol miseensa inshuraansii fayyaa ta’uun tajaajila yaala fayyaa si’ataafi qulqullina qabu seeraqabeessaan argachuu danda’uunsaanii kan nama gammachiisu yoo ta’u warreen hafanis carraa kanatti fayyadamuun isaanirraa eegama.

Carraan kun gatii madaalawaan tajaajila yaala fayyaa argachuu kan nama dandeessisu yoo ta’u du’a dhibee xixiqqaafi ulfaataan mudachuu danda’u kan gadi buusudha.

Kenniinsa tajaajila yaala fayyaa miseensota inshuraansii fayyaaf taasifamaa jiru duubdeebiisaa gaafa madaallu kan nama gammachiisu, ittifufiinsaan irratti hojjetamuu kan qabu ta’uu bu’aan gaalma’aa jiru agarsiistuu guddaadha.

Du’aatii haadholiifi daa’immanii mudataa ture maqsuufs dursanii sakatta’amuufi ilaalamuun akka gabbatu hojii hojjetameen hawaasni daran jijjiiramaafi dammaqaa akka jiru ragaaleen ni ibsu.

Dhibamanii erga dhibeen keessoo namaa fixee mana yaalaa deemuun maallaqa qisaasessuu, dhamaatee dabalachuufi du’aaf of kennuu yoo ta’u kun akka hafuuf hojiin ogeessota fayyaan kennamaa jiru bu’a guddaa buuseera.

Fayyaan hawaasaa eegame jechuun omishaafi omishtummaan dabale jechuudha, biyyi guddatte jechuudha, kun waan ta’eef fayyaaf dursa kennuun dirqamadha.

Fayyaa keenyaaf dursa yoo hin kennine qaamaan, qorqalbiin, dinagdeen, fi maatiin bittinna’uu kan qaqqabsiisu waan ta’eef gamanumaa hojiin hubannoo uumuu gama kanaan hojjetamaa jiru cimuu qaba.

Gumiin kenniinsa tajaajila yaala fayyaa qulqullina qabuufi si’ataa ta’e lafa qabsiisuuf waggaa sadi dura eegalame kun hudhaalee fayyaa adda baasuun irratti hojjechuun fayyaan faaya ta’uu qabatamaan agarsiisuufi mirkaneessuun irraa eegama.

Walumaagalatti sochii gumiin kenniinsa tajaajila yaala fayyaa qulqullina qabuufi si’ataa ta’e waliin gahuu qabatee ka’e hawaasni qaamaafi qorqalbiin nagaa qabaatee hojjetee of jijjiiruun omishaafi omishtummaa dachaan dabalee fayyaan faaya ta’uu qabatamaan akka agarsiisu kan gargaaru waan ta’eef cimee itti fufuu qaba.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

Recommended For You