Hangiifi galiin sharafa alaa Itoophiyaan alergii bunaarraa argachaa jirtu waggaa waggaan dabalaa jira. Seenaa alergii buna biyyattii keessatti hangaanis ta’e galii sharafa alaa bunarraa argamuun barana riikordii haaraan galmaa’eera. Buna biyyattiin barana gabaa addunyaaf dhiyeessite keessaa %90 sirna bittaafi gurgurtaa kallattii keessa kan darbe ta’uu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa ibseera.
Daariktarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Doktar Addunyaa Dabalaa ibsa Kibxata darbe gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya argama bunaa taatus rakkoolee gara garaa irraa ka’uun hanga ammaatti hangi alergii bunaas ta’e galiin alergii bunarraa argamaa ture hagas mara hinturre.
Tu’us sirna hojmaataa sirreessuudhaan keessumaa riifoormii bittaafi gurgurtaa taasisuudhaan cancala sirna bittaafi gurgurtaa hir’isuudhaan dhiyeessitootaafi alergitootaa gidduutti walitti hidhamiinsa kallattii uumuudhaan hangi alergiifi galiin alergii bunaarraa argamu waggaa waggaan akka dabalu ta’eera.
Barana hangi buna alatti ergameefi galiin sharafa alaa omisha bunaarraa argame hangaanis ta’e galiidhaan kan baroota darbaniirra daran ni caala. Kana qofa utuu hintaane hangi omisha bunaa ji’a ji’aan biyyattiin alatti ergitus waggaa waggaan dabalaa jira.
Buna Itoophiyaan barana alatti ergite keessaa %90 kan ta’u sirna bittaafi gurgurtaa kallattii keessa kan darbeedha. Kana jechuun dhiyeessitoonniifi alergitoonni bunaa harka 90 ta’an buna kallattiidhaan walharkaa fuudhanii gabaa gabaa giddugaleessaa kan seene ta’uu dubbatu.
Hojii barana sirna bittaa bunaa walxaxaa ture sirreessuufi hangiifi qulqullinni bunaa fooyya’aan gara gabaa giddugaleessaa galee alatti akka ergamu taasisuuf raawwatamaa tureen bu’aa guddaan argameera.
Itoophiyaan ji’a Waxabajjii bara 2016 keessa qofa yeroo jalqabaatiif buna toonii kuma 46 gabaa addunyaaf dhiyeessuun galii doolaara miliyoona 218 argatteetti. Hangi bunaafi galiin sharafa alaa bunarraa ji’a tokko keessatti argame kun seenaa alergii buna Itoophiyaa hanga ammaatti jiru keessatti riikardii jalqabaa ta’uus eeraniiru.
Itoophiyaan waliigalaan bara bajataa 2016 buna toonii kuma 298fi 500 gabaa addunyaaf dhiyeessuun galii sharafa alaa doolaara biliyoona 1.43 kan argatte ta’uu himanii, kun kan bara darbee waliin walbira qabamee yoo ilaalamu toonii kuma 50n caala. Bara darbe yeroo akkasii biyyattiin buna toonii kuma 248 gabaa addunyaaf dhiyeessuun galii sharafa alaa doolaara biliyoona 1.42 kan argatte ta’uus dubbataniiru.
Bara ulaan Galaana Diimaa cufametti, daandiiwwann baaburaa hedduun rukutamaniifi hanqinni konteenerii mudateefi rakkoon loojistiksii cimaan mudatee jirutti kanatti alergii bunaarraa bu’aa olaanaa argameera.
Rakkoo ulaa Galaanaa furuudhaaf barana yeroo jalqabaaf buna kaargoo Xiyyaaraatiin alatti akka ergamu ta’eera. Barana bunni qulqullina olaanaa qabu baay’inaan gara gabaa giddugaleessaa akka seenu ta’eera. Kun ammoo biyyoota addunyaa buna bitaniif yeroodhaan akka dhiyeessiniif nu gargaareera jedhu.
Omishni bunaa galii sharafa alaa argamsiisuun ala qonnaan bultoonnis galii fooyya’aa akka argatan taasisaa jiraachuu eeranii, qonnaan bultoonni kanaan dura buna diimataa kiiloo tokko hanga qarshii 10-12tti gurguraa turan walitti hidhamiinsa gabaa kallattii uumameefiin yeroo ammaa buna diimaa kiiloo tokko qarshii 60-80tti gurgurachaa jiru.
Qorannoo kanaan dura taasisaniin galiin sharafa alaa bunaarraa argamu keessaa qonnaan bulaa bira kan ga’u inni olaanaan %40 turuufi yeroo ammaa garuu %80 kan ta’u qonnaan bulaa bira ga’aa jira. Walittihidhamiinsi gabaa kallattii uumamuun qonnaan bultoota fayyadamaa taasisaa jirachuus dubbataniiru.
Itoophiyaan barana buna baay’inaan gara biyyoota Ameerikaa, Awurooppaa, Baha Giddugaleessaafi Eeshiyaatti baay’inaan ergiteetti. Chaayinaan waggoota sadan darbanitti waggaatti buna toonii 10 ol bittee kan hinbeekne barana buna toonii kuma 25 Itoophiyaarraa bitteetti.
Saa’ud Arabiyaan barana buna toonii kuma 55 ol kallattiin Itoophiyaarraa bitteetti. Biyyoonni addunyaa guguddoon shan (Ameerikaa, Jarman, Beeljiyeem, Jaappaaniifi Saa’ud Arabiyaan) buna Itoophiyaa baay’inaan fudhachuun beekamu. Barana buna Itoophiyaa baay’inaan bituudhaan sadarkaa tokkoffaa kan qabatte ammoo Sa’ud Arabiyaa ta’uu himu.
Omishni buna Itoophiyaan gabaa addunyaaf dhiyeessitu hangaanis ta’e qulqullinaan dabalaa jiraachuufi akaakuudhaan adda waan ta’eef fedhii biyyoonni addunyaa buna biyya keenyaa bitachuuf qaban dabalaa dhufeera.
Kanumarraa ka’uun barana galiin sharafa alaarraa argame rikardii haaraan akka galmaa’u taasiseera. Bu’aan kun akka argamu taasisuu keessatti omishtoonni, dhiyeessitoonniifi alergitoonni gumaacha olaanaa kan qaban ta’uus eeraniiru.
Alergii buna Itoophiyaa keessaa %30-35 gara Awurooppaatti kan ergamu ta’uu himanii, alegii kanarraa doolaara miliyoona 500 argamaa jira. Biyyoonni lamaan hariiroo gabaa kallattii baroota dheeraa lakkoofsise waliin qaban ta’uus eeraniiru.
Akka Doktar Addunyaan jedhanitti, Itoophiyaan yeroo ammaa lafa hektaara miliyoona 1.2 bunaan uwwifame qabdi. Kana keessaa bunni bosona cirame keessatti omishamaa jiru lafa hektaara lamaa gadi. Bunni lafa bosonni irraa ciramerratti misoome kun gabaa Awurooppaa keessaa akka ba’u ta’eera.
Itoophiyaan yeroo ammaa biyyoota addunyaa 60 olitti buna ergaa jirti. Biyyattiin waggaa waggaan gabaa biyyoota addunyaa buna itti ergituu babal’isuurratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti. Guraandhala darbe Konfiransii Biyyoolessaa Itoophiyaatti qopheessuudhaan biyyoonni addunyaa buna bitan gara garaa dhufanii kallattiidhaan buna Itoophiyaa akka bitaniif haalli mijataan uumameera jedhu.
Daldalli seeraan alaa rakkoolee biyyattii qoraa jiran keessaa tokko ta’uu himanii, rakkoon kun daldala bunaa qofa utuu hintaane kanneen biroorrattis ni mul’ata. Daldala seeraan alaa bunarratti mul’atu to’achuuf sirna bunni ittiin geejjibamu guutummaatti teknolojiin akka deggeramu ta’eera.
Bunni aanaarraa kaasee hanga giddugala gabaa ga’utti akkasumas giddugala gabaatii kaasee hanga Jibuutii ga’utti siistamaan ‘GPS’n akka hordofamu ta’eera. Kun daldala seeraan alaa bunarratti raawwatamu furuu keessatti gumaacha guddaa kan qabu ta’uus dubbataniiru.
Buna buufata keenyaan alaa geejjibsiifamaniifi sistama keenya keessa hingalle ammoo Poolisii Federaalaafi naannolee waliin ta’uun to’achaa jirra kan jedhan Doktar Addunyaan, to’annoofi hordoffii daldala bunaa seeraan alaarratti taasifamaa jiruun bunni baay’een qabameera jedhu.
Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii buna qofarratti utuu hintaane mi’eessituuwwaniifi shaayiirrattis ni hojjeta. Barana alergii shaayiifi mi’eessituuwwan irraa galii doolaara miliyoona 20 argameera.
Galii omishaalee lamaan irraa argame kana caalaatti guddisuudhaaf sirni bittaafi gurgurtaafi to’annoo qulqullinaa diriiree hojiirra oolaa jira. Omishaalee kunneen baay’inaafi qulqullinaan gabaa addunyaaf dhiyeessuufis hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Itoophiyaatti lafti omisha shaayiin uwwifamee jiru hektaara kuma shan kan hincaalle ta’uu himanii, barana Oromiyaa qofatti lafti hektaara 30 ol shaayiidhaan uwwifameera. Kun hanga omisha shaayii alatti erginuufi galii sharafa alaa damicharraa argamu guddisuu keessatti gumaacha olaanaa kan taasisu ta’uu himaniiru.
Bunatti sona daballee gabaa biyya alaaf dhiyeessuuf sirna hojmaataa qopheessinee hojiirra oolchineera. Sirni hojmaatichaa abbootii qabeenyaa damee hojii kanarratti hirmaachuu barbaadan jajjabeessuufi haala mijataa uumuuf gargaara. Biyyoonni addunyaa Itoophiyaarrraa buna bitan baay’een buna isaanii buna akaa’ameefi sonni itti dabalame utuu hintaane buna dheedhii bituu barbaadu waan ta’eef buna sonni itti dabalameen carraan gabaa addunyaarratti dorgomuu dhiphaa ta’uu dubbatu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016