“Seeronni fooyya’anii ba’an seerota danqaa turan furuun dimokraasiifi nageenyi fulla’aan akka jiraatu taasisu”- Kabajamoo Obbo Iisaa Boruu

Keessummaan Bariisaa maxxansa kanaa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti Walittiqabaa Ittaanaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraafi Haqaa Kabajamoo Obbo Iisaa Boruuti. Hojiilee guguddoo korichi raawwaturratti hundaa’uun gaafdeebii dheengadda isaan waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessan gabaabsitanii utuu nuu ibsitanii?

Obbo Iisaa: Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii, Aanaa Gololchaa, Ganda Geedoo Seeqaa jedhamuttin dhaladhee guddadhe. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaa kutaa 1ffaa-8ffaatti Mana Barumsaa Jiingaa Dhiibuu bakkuma dhaloota kootti argamutti baradhe. Barnoota koo sadarkaa lammaffaa ammoo Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Arbanyooch jedhamu kan Aanaa Martii, Magaalaa Abboomsaattin baradhee xumure. Sana booda qabsootti makamee waggoota 10f qabsaa’uun carraa barumsaa argadhee Yunivarsitii Siivil Sarvisii galee seeraan digriikoo jalqabaa fudhe. Waggaa lama booda digriikoo lammataa (MA) yunivarsitichumatti baradheen Manaajimantiidhaan eebbifame.

Bara 1986 irraa eegalee sadarkaalee aanaa, godinaa, naannoofi federaalaatti sadarkaa hoggansa gulantaalee gara garaatiin hojjedheera. Ergan digrii koo jalqabaa baradhee booda Ittigaafatamaa Waajjira Misooma Magaalaa Godina Arsii ta’ee hojjedheera.

Kantiibaa Magaalaa Asallaafi Ittigaafatamaa Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Godina Arsii ta’ees hojjedheera. Isa booda Godina Shawaa Bahaatti waggaa tokkoof Waajjira Dhaabaa keessa hojjedheera. Bara 2006 hanga bara 2013tti gara naannootti dhufee Caffee Oromiyaatti Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa ta’ee hojjedheera.

Filannoo biyyaalessaa bara 2013 geggeffameen ammoo gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dhufeen Walittiqabaa Ittaanaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraafi Haqaa ta’ee hojjechaa jira.

Bariisaa: Hojiilee guguddoon Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraafi Haqaatiin raawwataman maalfaadha?

Obbo Iisaa: Gaheefi hojiin seeraan koree kanaaf kenname. Wixineewwan seeraa mana marichaatiin qajeelfamaniif qorachuu, xiinxaluufi gabaasa yaada murtii dhiyeessuun mana marichaatiin akka ragga’an taasisuu, manneen hojii mootummaa federaalaa ittiwaamamnisaanii korichaaf ta’es hordofuufi to’achuun, komiiwwan nama dhuunfaa xiinxalee furmaata kennuufi hojiilee biroo afyaa’ii mana marechaatiin kennamaniif raawwachuun hojiilee guguddoo korichi raawwataa jiruudha.

Bariisaa: Hojiilee koreen dhaabbii kun wixineewwan seeraa mana marichaatiin qajeelfamaniif qorachuun, xiinxaluufi gabaasa yaada murtii dhiyeessuun mana marichaatiin akka ragga’an taasisuuf bara bajataa hojii 2016 keessa raawwate maal fakkaata?

Obbo Iisaa: Seerotni abbummaadhaan korechatti ittiqajeelfaman jiru. Gama biraatiin ammoo korichi gargaaraa ta’ees ni hojjeta. Akka waliigalaatti labsiiwwan bara hojii 2016 mana marichaatiin raggaasifaman 46 keessaa labsiiwwan baay’ee abbumaadhaanis ta’u gargaaraa ta’uun qoratee, xiinxalee, gabaasa yaada murtii mana marichaaf dhiyeessuudhaan akka ragga’an taasiseera.

Labsiiwwan korichi qoratee gabaasa yaada murtii mana marichaaf dhiyeessuun akka ragga’an taasise keessaa tokko Labsii Bulchiinsa Lafa Baadiyyaati. Labsii kana raggaasisuu keessatti koreen kun gahee guddaa bahateera. Labsiin kun ummata keenyaaf faayidaa guddaa qaba. Labsiiwwan ba’an keessaa irra jireessi fooyya’anii kan ba’aniidha.

Koreen kun labsii immigireeshiniifi lammummaa deebisanii dhaabuuf ba’e gadfageenyaan qorachuu, xiinxaluufi gabaasa yaada murtii dhiyeessuun akka ragga’u taasisuu keessatti hojii bal’aa raawwateera. Labsiiwwan ba’an hedduun faayidaa biyyaatiin kan walqabataniifi fayyadamummaa ummataa mirkaneessaniidha.

Bariisaa: Labsiiwwan Labsiiwwan Mana Marii Bakka Bu’oota ummataatiin ragga’anii ba’an adeemsa akkamii keessa darbu?

Obbo Iisaa: Labsiiwwan mana marichaatiin ragga’anii ba’an hundi adeemsa seera tumuu keessa darbu. Labsiin tokko hanga ragga’ee ‘Gaazexaa Nagaariit’ irratti maxxanfamutti adeemsa keessa darbu qaba.

Wixineen labsii jalqaba sadarkaa mootummaa federaalaatti mana hojii abbaa wixneetiin qophaa’a. Manni hojii tokko wixinee labsii erga qopheessee booda karaa Ministeera Haqaa Mana Marii Ministeerotaaf dhiyaata. Manni Marii Ministeerotaa ammoo wixinee labsichaa ilaalee gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelcha. Isa booda adeemsa seera tumuutu jalqabama.

Manni marii kun dubbisa tokkoffaa, lammaffaaffaafi sadaffaa qaba. Manni marichaa dubbisa tokkoffaarratti erga dhimmoota waliigalaarratti mari’atee booda wixineen labsichaa yaada ummataatiin gabbatee qoratamee akka dhiyaatuuf gara koreewwan dhaabbii dhimmi sun ilaallatuutti qajeelcha. Koreen wixiniin labsichaa itti qajeelfamee ummanniifi qaamolee dhimmichi ilaallatu wixinee labsichaarratti gadfageenyaafi bilchinaan akka mari’atamu taasisa.

Koreen wixineen labsichaa ittiqajeelfame labsichi utuu hinfooyya’in yeroo dheeraa akka tajaajiluuf gadfageenyaan qoratamee, irratti mari’atamee qulqullinaan ba’u taasisuu keessatti gumaacha guddaa taasisa. Labiin ba’u heeraafi seerota Itoophiyaan biyyoota addunyaa waliin walii mallatteessite waliin walitti bu’uufi dhiisuusaa sirriitti qoratee, xiinxalee gabaasa yaada murteef Mana Marii bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessuun akka ragga’u taasisa.

Korichi gabaasa yaada murtiitiin adeemsa wixineen labsichaa keessa darbeefi qaamolee irratti mari’atan qaboo yaa’ii waliin walittiqabsiisuun mana marichaatiif dhiyeessa. Manni wixineen labsii dhiyaate hinbilchaanne yoo jedhe korechatti deebisee irra deebi’amee sirriitti akka qoratamuufi xiinxalamu taasisuu danda’a. Wixineen labsii tokko adeemsawwan kunneen keessa darbee ragga’ee labsii ta’a. Labsiin ragga’e tokko guyyaa Gaazexaa Nagaariitti irratti maxxanfamerraa kaasee hojiirra oola.

Bariisaa: Wixineen labsii gadfageenyaan akkasitti qoratameefi xiinxalamee qulqullinaan ba’u kun yeroo hangamiif utuu hinfooyya’in turuu danda’a?

Obbo Iisaa: Akka adeemsa seeraati labsiin tokko utuu hinfooyya’in yeroo dheeraa turuu qaba. Labsiin tokko yeroo ba’us yeroo dheeraaf ummata akka tajaajiluuf yaadamee ba’a. Labsiin tokko sadarkaa biyyattiin irra geesseefi haqina labsichi qaburratti hundaa’uun akka fooyya’u ta’a. Fakkeenyaaf Labsiin Lafa Baadiyyaa mirga abbaa qabeenyummaa qonnaan bulaa kabachiisuun qonnaan bulaan ragaa qabiyyee lafasaa qabsiisee baankiirraa qarshii akka liqeeffatu kan taasisuudha.

Waliigalatti seerri ba’u hundagaleessaafi loogiirraa bilisa ta’ee hawaasa hunda qixa kan fayyadu ta’uu qaba. Seerri ba’u yeroo dheeraa tajaajiluu qaba. Rakkoon hanqina qulqullina seeraan walqabatee mul’atu ammas xiyyeeffannaa barbaada.

Bariisaa: Seeronni fooyya’anii ba’an ummataafis ta’e biyyaaf faayidaa akkamii qabu?

Obbo Iisaa: Itoophiyaatti misooma guddina dinagdee si’ataa fiduufi dimokraasiifi nageenyi amansiisaan akka keessa jiraatuuf hojjetamaa jira. Seeronni fooyya’anii ba’an jijjiirama, misoomaafi guddina dinagdee biyyattiin barbaadu fiduuf gargaaru.

Biyyi kleenya waggoota dheeraaf rakkoo dimokiraasii keessa waan turteef mirgoonni dimokiraasii daanga’aa turan. Seeronni fooyya’anii ba’an seerota danqaa turan furuun dimokraasiifi nageenyi fulla’aan akka jiraatu taasisu. Kana malees paartiileen siyaasaas shakkii tokko malee akka dorgoman taasisu. Kun ammoo nageenyi amansiisaan akka dhufu taasisa. Seeronni fooyya’anii ba’an olaantummaan seeraa biyyattii keessatti akka kabajamu kan taasisaniidha.

Bariisaa: Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataas ta’e koreen dhaabbii kun hojiirra oolmaa seerota ba’aniirratti to’annoofi hordoffiin akkamii taasisa?

Obbo Iisaa: Seerota baasuu qofa utuu hintaane hojiirra oolmaa seerota ba’anii to’achuufi hordofuunis aangoo mana marichaaf kennameedha. To’annoofi hordoffii geggeeffamaa tureen rakkoo hamaan hojiirra oolmaa seerota ba’aniirratti mul’ate hinjiru. To’annaafi hordoffii taasifamaa tureen hojiirra oolmaan seerota ba’anii sadarkaa gaariirra jira.

Seericha akkaataa barbaadameen bakka hundatti hojiirra oolchuurratti rakkoon nageenyaa gufuu waan ta’eef rakkoo nageenyaa bakka tokko tokkotti mul’atu furuunis dhimma xiyyeeffannaa guddaan irratti hojjetamaa jiruudha. To’annaafi hordoffii hojiirra oolmaa seerota ba’aniirratti adeemsifamuun hanqinoota mul’atan adda baasanii furuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Mannni marichaa koreewwan dhaabbii 13 qaba. Koreewwan kunneen keessaa tokko Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraafi Haqaati. Koreen kun seeronni ba’an akkamitti hojiirra akka oolaa jiru nihordofa; ni to’atas. Manneen hojii ittiwaamamnisaanii korechaaf ta’e keessattis seeronni manni marichaa baase akkamitti hojiirra oolaa akka jiru ni hordofa.

Riifoormii haqaatiin walqabatee seeronni fooyya’uu qaban ni jiru. Rakkoon tajaajila haqaatiin walqabatu ammayyuu rakkoo hinfuramin jiruudha. Komii guddaa ummanni tajaajila abbaa seerummaafi haqaarratti qabu furuuf rifoormiin adeemsifamaa jira.

Rifoormii adeemsifamaa jiru keessaa tokko eeerota hanqina qaban fooyyessuudha. Seerota hanqina qaban fooyyessuuf tajaajila mana murtii hawaasaa aadaan walqabatu hojiirra akka ooluuf seerri ba’uu akka qabu itti amanamee sadarkaa mootummaa federaalaafi naannoleetti hojii bal’aan raawwatamaa jira.

To’annaafi hordoffii adeemsifamaa jiruun ammas seeronni fooyya’uu qaban jiru. Seeronni kanaan dura bahan tajaajila barbaadamu akkaataa barbaachisuun argamsiisuu hindandeenyeef waan ta’eef hojiin seerota kana fooyyessuu wixinee qophaa’aa jira.

Bariisaa: Seeronni naannoleen baasaan seerota manni marichaa baasu faana hariiroo akkamii qabaatu?

Obbo Iisaa: Bu’uraa heeraatiin aangoon mootummaa federaalaafi naannoleetiif kenname jira. Mootummaan naannolees ta’e federaalaa aangoo kennameefiirratti hundaa’uun seera baasu. Mootummaan naannolees ta’e federaalaa yeroo seera baasan heera biyyattiitiin walitti

bu’uufi dhiisuusaa akkasumas aangoon seericha baasuu kan isaaniif kenname ta’uufi dhiisuusaa adda baaafachuu qabu. Seerota ba’an hundaaf bu’uurri heera biyyattiiti.

Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa labsii lafaa baasuun dura Tigraayirraa kan hafe naannolee hundi akka irratti mari’atan taasiseera. Kun aangoon mootummaa naannoofi federaalaa akka walitti hinbuune taasisuuf gargaara. Naannoleenis seera yeroo baasan seera mootummaa federaalaafi seerota biroon kan walitti hinbuune ta’uu ilaaluu qabu.

Biyyi keenyatti yoo seerri naannoleen baasaniifi kan federaalaa walitti bu’e kamtu hojiirra ooluu akka qabu seerri taa’e hinjiru. Hindiitti seerri naannoleen baasaniifi kan federaalaa walitti yoo bu’e kan federaalaa akka hojiirra oolu ta’a.

Biyya keenyatti seerri tokko heera mootummaatiin yoo walitti bu’e hiikaa heeraa barbaada. Kunis karaa komiishinii hiiktuu seeraa Mana Maree Federeeshiniif dhiyaatee akka hojiirra oolu ta’a. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummattaas ta’e manneen maree naannolee aangoo kennameefirratti hundaa’uun seera baasu.

Bariisaa: Koreen dhaabbii kun dhimmoota akkamitti hordofee furmaata kennaaf?

Obbo Iisaa: Koreen kun manneen hojii mootummaa ittiwaamamnIisaanii korechaaf ta’e ni hordofa, ni to’atas. Komiishiniin Bulchiinsa Manneen Sirreessaa Federaalaa isa tokko. Komiishiniin kun utuu hojmaata hineegin yoo mirga hojjetaasaa sarbe, mindaa irraa dhaabsise, sadarkaasaarraa gad buuuseefi hojjetaan sun sadarkaa komiishinichaatti iyyatee furmaata yoo dhabe dhimmichi gara mana marii dhufa. Afyaa’iin mana marichaas dhimmichi qulqullaa’ee akka furmaata argatuuf koree keenyatti qajeelcha.

Koreen keenyas dhimmicha qoratee xiinxalee karaa mana marichaa abbaa dhugaatiif falli akka kennamuuf taasisa. Kanaaf koreen keenya dhimmoota dhuunfaallee yeroo itti ilaalu qaba.

Bariisaa: Manneen hojii mootummaa federaalaa koree kanaaf waamaman duubdeebii koreen kun kennuuf hojiirra oolchuufi sirreessuurratti maal fakkaatu?

Obbo Iisaa: Manneen hojii koree kanaaf waamaman Komishinii Poolisii Federaalaa, Ministeera Haqaa, Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, Tajaajila Immigireeshiniifi Lammummaa Tajaajila Mirkaneessa Sanadootaa, Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa, Mana Murtii Olaanaa Federaalaafi Sadarkaa Jalqabaa dabalatee manneen hojii 14tu korichaaf waamama.

Kanaaf, manneen hojii kunniin karoora waggaa 10 qabu, akeeka hojIisaaniitiin walqabu jechuudha. Manneen hojii kunniin maal akka karoorfatan, akkamitti tajaajila akka kennan, keessumaa qaamoleen nuti hordofnu warreen tajaajila kennaniidha.

Manneen hojii kunniin akkamitti akka tajaajila kennan gabaasasaaniifi karoorasaanii waliin walbira qabnee ilaalla. Kan ilaallu gabaasa qofa miti. Maal jijjiiran kan jedhu koreen qaamaanis gadi bu’ee ilaalla; ni to’ata, nihordofa. Daaw’annaa dirreetiin hanga naannoleettis gadi bu’ee haala qabatamaa jiru ni ilaala. Gabaasasaanii xiinxallee kan qaamaan bira geenyee argine wajjin walbira qabnee madaaluun duubdeebii kennina.

Duubdeebii kana sirreessaa, kan yeroo gabaabaa keessattiif adeemsa keessa sirrachuu qabu jennee kenninaaf. Kanaaf akka waliigalaatti yeroodhaa gara yerootti fooyya’iinsi jira. Duudbeedii kennamu fudhatanii sirreessaa deemuurratti jijjiiramni jira. Fakkeenyaaf immigireeshini yoo fudhatte hawaasni paaspoortiin walqabatee komii bal’aa irratti diyeessaa ture.

Waajjirichi komicha furuuf tattaafachaa jira. Waliigalaan akkuman jalqabarratti sii kaase manneen hojii riiformi ta’uu qabu. Xiyyeeffannaa mootummaan kenneen manneen hojii riiformiitti galan jiru. Biyya kanatti yoo haqarratti jijjiiramni hindhufne jijjiiramni biraa dhufuu hindanda’u.

Kanaaf kanarratti mootummaan xiyyeeffannaa kennee hojjetaa waan jiruuf duubdeebii kenname akkuma jirutti fudhatanii hojjechaa jiru. Jalqabbii gaariin jira haa jennu malee garuu ammas hordoffiifi to’annoon gaggeeffamu cimee ittifufuu qaba.

Bakka duubdeebii koreen kennu guutummaa akka hojiirra oolchan gochuurratti hojii ittaanu gaafata. Sababiinsaas dhimmichi waan haqaa waan ta’eef. Haqaan walqabata. Jijjiiramni barbaadamu halkan tokkotti kan dhufu miti. Hojichi ijaarsa dhaabbataatiinis walqabata. Humna namaa jijjiiruufi teknolojiifaa gaafata.

Qulqullina tajaajila abbaa seerummaa, abbaa alangaa. Ittiquufiinsi tajaajilaa maal akka fakkaatu kan ilaallatuudha. Komiin ammas bal’inaan jira. Kanaaf ammas hoji bal’aa gaafata. Duubdeeniin kennamu jijjirama bu’uuraa akka fiduuf ittifufiinsaan hojjetamuu qaba.

Bariisaa: Manneen hojii duubdeebii kennamuuf si’aayinaafi haala barbaadamuun hojiirra oolchuurraa duubatti jedhanirratti tarkaanfii fudhatamu jiramoo akeekkachiisuma qofaan bira darbama?

Obbo Iisaa: Manneen hojii yoo duubdeebii kennamuuf fudhatanii hinsirreessine koreen kun of eeggannaa kennuu danda’a. Manni hojii ebelu jedhamu duubdeebii kennamuuf fudhatee sirreessaa hinjru jedhamee miidiyaarratti labsuu danda’a. Korichi yoo kanaan ijibbaate waamee karaa afyaa’ii qaama dhimmi ilaallatu wajjin dubbatamee waraqaan of eeggannaa kennameefii akka tarkaanfiin fudhatamu taasifama.

Fakkeenyaaf dhimma tajaajila waajjira immigireeshiniifi lammummaatiin walqabatee komii hawaasaa bal’aatu ture. Nutis daran rakkannee turre. Paaspoortiin ni gurgurama. Ummanni tajaajila hinargatu.

Komii hawaasaa bal’aatu ture. Kanaaf akka tarkaanfiin fudhatamu ta’e. Tokkoffaa hojjetataa achi jirurraa eegalee seeraan akka gaafatamu, aangoorraas akka ka’u qaamaa dhimmi ilaallatu wajjin mari’achuun tarkaanfii kan fudhachiise koree kana jechuudha.

Koreen dhaabbiin keenya haala kanaan ittigaafatamummaasaa bahata jechuudha. Manni mariis haaluma kanaan ittigaafatamummaasaa bahata. Koree biras darbee yaa’ii waliigalaa mana mariitiif akka dhiyaatu taasifama jechuudha. Manni mariis akka qoratu taasifama. Kana, kana sirreessaa jedhama. Yoo sirreessuu baate akka tarkaanfiin fudhatamu taasifama.

Bariisaa: Abbootiin seeraa murtii seeraafi haqaqabeessa akka kennaniif gara fuuladuraatti xiyyeeffannaan koree koree keessanii akkamitti ibsama?

Obbo Iisaa: Gama kanaan koreen manneen hojii koreen kunis hordofus ta’e sadarkaa guutuu biyyaatti riiformiin caasaalee federaalaafi naannolee keessatti hirmaatan jira. Riiformichi bakka lamatti qoodameeti adeemsifamaa kan jru. Kan tajaajila abbaa seerummaa jira. inni manneen murtii naannolees qabatee gadibu’a. Kan seektara haqaas jira. Kan seektara haqaa jechuun Ministeerri Haqaa mataansaa jira.

Sadarkaa naannoleettis caasaan haqaa kun jira. Waajjiraaleen manneen hojii kanneeniif waamaman jiru. Fakkeenyaaf Tajaajila Mirkaneessa Sanadootaa, bulchiinsi manneen sirreessaafaan seektara haqaa jedhamanii hanga naannootti gadibu’u. Kanneen keessatti riiformiin bal’inaan gaggeeffame. Manneen murtii ilaalchisee karoorri akka biyyaatti qophaa’e jira. Riiformii manneen murtiis jira. Kanneen kan hogganu afyaa’iidha.

Koreen keenya qoodni hojii kennameef waan jiruuf kana keessattis abbummaadhaan hojjeta jechuudha. Kan haqaallee akkasuma. Kanaaf gama kanaan hojii bal’aatu hojjetame, hojjetamaas jira. Kanneen keessaa seerri akka riiformiin kun hojiirra hinoolle taasise akka fooyya’u ta’aa jira. Keessumaa seerri ummata bal’inaan hinhirmaachisne akka fooyya’u taasifamaa jira.

Hanqi hawaasni keessatti hinhirmaanne haqa mirkaana’e ta’uu hindanda’u. Kanaaf akka hawaasni irratti himaatu taasifamaa jira. Caalaatti ammoo murtiin mana murtii idilaa qofaan kan kennamu ta’uu hinqabu. Murtiin qaamolee adda addaatiinis kennamu danda’a. Manni murtii aadaas jiraachuu qaba, haqa baasuuf. Manni murtii aadaa Oromiyaatti jalqabameera.

Kan Oromiyaa kun naannolee hundaaf muuxannoo ta’ee ittihojjetamuuf deemaa jira. Naannoleen haala qabatamaa naannawasaaniirratti hundaa’uun seera kana baasaa jiru. Waliigalaan rakkoolee damee haqaa kana bu’uurarraa hiikuuf, kenniinsa tajaajila haqaa qulqulluufi si’aayaa ummataaf dhiyeessuuf hojiin jalqabame baay’ee gaariidha jechuudha. Koreen keenyas kana xiyyeeffannaan hordofaa jira.

Bariisaa: Garaagarummaafi hariiroon mana murtii idileefi mana murtii aadaa gidduu jiru maaliidha?

Obbo Iisaa: Manni murtii idilee seeraafi seera qofaan hojjata. Manni murtii idilee ragaa ilaala, ragaan sun immoo kan sobaas ta’uu danda’a. Manni murtii idilee haqa baasuu keessatti hanqina qaba. Manni murtii kun qaama tokko mufachiisee kaan ammoo mufachiisa. Manni murtii idilee qaama balleesserratti murtii seeraan adabuu malee himataafi himatamaa walitti walitti araarsuu keessaa hinqabu.

Mana murtii aadaa garuu qaamota lamaan ykn himataafi himatamaas ni gammachiisa. Adeemsa murtii aadaarratti inni tokko gammadee inni kaan immoo gaddee achii hinbahu. Manni murtii aadaa haqa baasuu keessatti hedduu barbaachisaadha. Ummannis caalaatti mana murtii aadaatti amana. Manni murtii aadaa qaamolee lamaan waliitti araarsee walitti fayyisuun fala waaraa kenna.

Kakuun mana murtii aadaatti kakatamus garmalee hamaadha. Namni mana murtii aadaatti dhiyaatu yoon sobe kanan dhalche naa hinguddatin, kanan facaase naa hinbiqilin… jedhee waan kakatuuf haqa ykn dudhaa jiru baasuuf dirqama. Kanaafuu manni murtii aadaa haqa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba.

Kana jechuun manni murtii idilee hinbarbaachisu jechuu miti. Manni murtii idilees olaantummaa seeraa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. manneen murtii aadaa dhiibbaa manneen murtii idileerra jiru waan hir’isaniif manneen murtii lamaan gidduu hariiroo cimaatu jira.

Bariisaa: Dhumarratti ittifayyadamni teknolojii manneen hojii ittiwaamamnIisaanii korechaaf ta’anii maal fakkaata?

Obbo Iisaa: Haalli ittifayyadama teknolojii manneen hojii ittiwaamamnisaanii korichaaf ta’e keessa jiru jalqabbii gaariirra jira. Poolisiin Federaalaa teknolojii yakka ittisuufi qorannaa yakkaaf gargaaru hojiirra oolchaa jira.

Poolisiin Federaalaa magaalaa Finfinneetti yakki akka hiraawwatamneef kaameeraadhaan to’ata. Yakki yoo raawwatames teknolojicha fayyadamuun yakkamaa adda baasaa jira. Teknolojii kana fayyadamuun riifoormii taasifamaa jiru keessaa isa tokko.

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaas appilikeeshinii abbaan dhimmaa manasaa taa’ee guyyaa beellamasaafi galmeen Iisaa eessa akka ga’e ittiin adda baafatu qopheessee hojiirra oolcheera. Kana qofa osoo hintaane mana murtii keessatti namni tokko yeroo ragaa ba’u waanti inni dubbate harkaan barreeffamaa ture. Oggaan harkaan barreeffamu rakkoon jecha jijjiiruu mul’achaa ture. Rakkoo kana bu’uurarraa hiikuuf ‘artifiishaal intelejensiin’ ykn appilikeeshiniin waanti namni dubbatu barreeffamatti hiiku qophaa’ee tajaajila kennaa jira. Kun jalqabbii gaariidha.

Teknolojiin ykn appilikeeshiniin misoome kun qabatamaadhaan qulqullina tajaajilaa mirkaneessuufi ittiquufiinsa hawaasaafi maamilaa guddisuu qaba. Teknolojii fayyadamuurratti Ministeerri Haqaafi Tajaajilli Immigireeshiniifi Lammummaas waan jalqaban qabu.

Sochiin ittifayyadama teknolojii kun jalqabbii gaariirra jira. Ittifayyadama teknolojii kana caalmaatti guddisuuf hojiin appilikeeshinoota haaraa hedduu dabaluuf itti deemaa jirra.

Bariisaa: Miseensotni mana maree bakka bu’ootaa yeroo boqonnaasaanii kanatti hojiiwwan akkamiittu Iisaan irraa eegama?

Obbo Iisaa: Ganni kun miseensota mana marichaatiif maqumaaf yeroo boqonnaa jedhama malee yeroo itti boqotan hinqaban. Paarlaamaan Waxabajjii 30 cufamee Fulmaana torban xumuraa Wiixata hojii jalqaba.

Gidduu kanatti miseensonni mana maree hojii bakka bu’ummaa ummataa bal’inaan raawwatu. Hojiin bakka bu’ummaa ummataa hojiilee ijoo manni marichaa raawwatu keessaa isa ijoodha. Miseensonni mana marii bakka bu’oota ummataa waggaatti yeroo lama Guraandhalaafi Waxabajjii 30 hanga Fulbaana torban xumuraatti ummata isaan filate bira ga’anii hojii bakka bu’ummaa raawwatu.

Bariisaa: Ani gaaffiin qabu xumureera isin yaada hafe ykn ergaa yoo qabaattan?

Obbo Iisaa: Akka waliigalaatti hojiin paarlaamaadhaanis ta’e koree keenyaan bara hojii 2016 keessa raawwatame bal’inaan ka’eera. Qaamoleen mootummaa sadan biyyattii keessa jiranis aangoofi gahee mataasaanii ni qabu.

Kanaaf hunduu gaheesaanirraa eeggamu sirnaan bahachuudhaan biyyattiin jijjiirama barbaaddu bira akka geessuuf tumsa barbaachisu gochuu baay’ee barbaachisaadha. Hundaa ol ammoo nageenya mirkaneessuun daran barbaachisaadha. Kanaafuu rakkoo nageenyaa bakka gara garaatti mul’atu furuun dhimma murteessaadha.

Rakkoo nageenyaa kana mariidhaan furuuf Komiishiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’ee hojjechaa jira. Rakkoon nageenyaa mariin furamee nageenyiifi tasgabbiin akka mirkanaa’uuf mootummaanis hojii bal’aa raawwachaa jira.

Imaammanni ce’umsa haqaas ba’ee hojiirra ooleera. Imaammanni kun walitti bu’iinsaafi rakkoolee nageenyaa mootummoota darbaa dhufaa keessatti gangalachaa as gahan wal’aanuuf gargaara. Kana milkeessuu keessatti ummannis tumsa irra eegamu bahachuu qaba.

Mariin biyyaalessaa ajandaa waliigalaati. Adeemsi marii biyyaalessaa kun sadarkaa ajandaa adda baasuurra gahameera. Biyyi kun biyya nageenyi amansisaafi dimokraasiin keessatti mirkanaa’e akka taatuuf hojiin gaarii raawwatamaa jiru fiixaan baasuun hundumtuu tumsa barbaachisu taasisuu qaba.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif guddaa galatoomaa.

Obbo Iisaa: Isinis galatoomaa.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

Recommended For You