“Maatii qonnaan bulaafi harkaqal’eeyyii keessatti dhaladhus hawwiin koo dhugoomeera” – Gaaddisee Ittafaa eebbifamtuu qaxalee

Barattuu Gaaddisee barattoota barana yunivarsitiirraa qabxii olaanaa galmeessisuun biyyaafi hawaasa gammachiisan keessaa ishee tokko. Milkaa’inni Gaaddisee toora miidiyaa hawaasaarratti namoota hedduun qooddatamuu cinatti mataduree dubbii ta’eera.

Gaaddiseen barnoota Ikkonoomiksii (Dinagdee)n ‘A+- 25’fi “A-20” waliigalaan qabxii 3.94 galmeessisuun badhaafamtuu waancaa ta’uun Yunivarsitii Dambi Doolloorraa eebbifamuu dandeesseetti. Haalli bu’aa ce’iifi milkaa’inashee shamarran booda jiraniif fakkeenya guddaa waan ta’eef Gaazexaan Bariisaa turtii Kibxata darbe Gaaddisee waliin taasisee akka armaan gadiitti dhiyeesseera.

Barattuu Gaaddiseen eenyu?

Barattuu Gaaddisee Ittafaa Godina Wallagga Lixaa, ganda qonnaan bulaa Guutoo Weennii qarqara Magaalaa Najjootti dhalattee guddatte. Gaaddiseen maatiisheef durba tokkittii yoo taatu, obboloota dhiiraa sadii ishee dursaniifi lama ishee booda jiran, waliigalaan obboloota dhiiraa shan gidduutti dhalatte.

Maatiin Gaaddisee qonnaan bulaa harkaqal’eeyyii ta’anis barnootaaf bakka guddaa kennu. Tattaaffii jireenya ofii mo’achuuf taasisan cinatti ijoolleensaanii bakka guddaa akka ga’aniif deggersa humnisaanii eeyyameef hunda ni taasisuuf.

Bu’aa ce’ii jireenyaafi haala barumsaa

Gaaddiseen akkuma shamarran qonnaan bulaa kaanii maatiishee hojii qonnaan deggeruu maddiitti haadhasheetiif bishaan waraabaafi qoraan fidaa turte. Rakkoolee baadiyyaa jiraachuun walqabatan kamuus qooddachaa turteetti.

Akka ijoollee qonnaan bulaa tokkootti hojii qonnaa bareechitee beekti. Haa ta’u malee, inni tokko isa biraa akka hinmiineef hojiifi barnootni sagantaan hogganama. Asirratti ilaalchi maatii murteessaa ta’uu Gaaddiseen ibsiteetti. Abbaanshee nama waa’ee barnoota hubate waan ta’eef sagantaa hojiifi qo’annaa baasee akka hojiitti hiiktu deggeraa tureera.

Obbolootnishee hangafaas tumsa abbaasheetiin barnootaan ciccimoo ta’anii isheefuu deggersa beekumsaafi muuxannoo taasisaa turuu dubbatti. Hundaa ol, gaafa Gaaddiseen kutaa 1ffaatti tokkoffaa baatu gammachuun maatiishee dabaluun tumsi isheef taasifamus daran dabalaa dhufe. Osoo gulantaa 1ffaa ba’uu gadi hin lakkisiin barnoota sadarkaa 1ffaafi 2ffaa xumuruun qabxii olaanaan yunivarsitii seenuu dandeesseetti.

Kaayyoon Gaaddisee maal ta’uu ture?

Barattuu Gaaddiseen maatii qonnaan bulaa harkaqal’eeyyii keessaa waan dhalatteef akka maatiittis ta’ee biyyaatti hayyuu dinagdee ta’uun wantoota jireenya qonnaan bulaa fooyyessan rogawwan maraan gumaachuudha.

Qonnaan bulaan biyyattii halkanii guyyaa osoo dafquu bu’aa dhamaatiisaan haala yaadameen milkaa’aa hinjiru. Biyya qonni lafee dugdaa ta’etti ammoo jireenya qonnaan bulaa fooyyessuun dirqama. Kanaaf ammoo, golawwan dinagdee hunda sakatta’uun dirqama. Kanattis milkaa’eera jetti. Fuuldurattis qorannoowwan gara garaa dinagdee qonnaan bulaa fooyyessan adeemsisuu cinatti barnootashee hanga PhD’tti barachuuf qophiidha.

Dhiibbaawwan shamarrummaan walqabataniifi haala ittiin injifatan

Yeroo baay’ee, keessattuu naannawa baadiyyaatti akka shamarran barumsaan milkaa’aniif deggersa kennuurra jireenya mo’achuuf gara hojiitti dhiibuun bal’inaan mul’ata. Shamarran baay’eenis baratanii bakka guddaa ga’uurra gara gaa’elaatti arreeduun taatee baratamaadha. Hawaasnis dhiibbaa kana uumuu keessatti gahee mataasaa qaba. Garuu kaayyoo hinmixxiqne qabaachuun dawaa dhiibbaa ittiin injifatan ta’uu himti.

Akkuma shamarraan kamuu Gaaddiseef gaaffiin jaalalaafi gaa’elaa dhiyaachaa tureera. Akka gara jaalalaafi ga’eelaatti galtuuf dhiibbaan hiriyootaas tureera. Ta’us, kaayyoonshee jalqabaa baratanii mul’ata ofii dhugoomsuu waan ta’eef bakka itti hinkennine.

Wanti beekamuu qabu fedhii abbaa yoo ta’e malee osoo seerri jiru dhiibbaan dirqiin namarra ga’u akka hinjirre dubbatti. Hiriyootnishee hedduun garuu barumsa addaan kutanii gaa’elatti seenuuf fedhii dhuunfaafi dhiibbaa alaaf harka kennaniiru. Dafanii gara gaa’elaatti seenuun walqabatee gaaga’ama dinagdeefi hawaasummaa isaan mudates Gaaddiseef barnoota ture.

Yunivarsitiitti hoo dhiibbaan dubartummaan walqabatu jiraa?

Akka Gaaddiseen jettutti, jireenyi yunivarsitii waantota hedduun mijataadha. Hojiin maatii nama rakkisu waan hinjirreef yeroo ofiitti sirnaan fayyadamanii qabxii gaarii galmeessuufis carraa gaariidha. Beekumsa keessaafi idiladdunyaa gabbifachuuf intarneetiin akka garaatti jira. Kitaabilee barbaachisoon beekumsa dabalataa namaa gumaachan akkuma salphaatti argachuun ni danda’ama. Barsiisotni muuxannoofi dandeettii olaanaa qaban waan jiraniif kenniinsi barnootaas daran fooyya’aadha.

Ta’us, keessattuu shamarran tokko tokko biratti dagannaan bal’inaan mul’ata. Halkan mana kitaabaa dhaqanii dubbisuun akka ba’aa ulfaataatti kanneen ilaalan jiru. Kanneen barumsa caalaa bashannanaaf yeroo kennanis ni jiru. Jaalalaan qabamuun kanneen dhiira faana yeroosaanii qisaasessanis ni jiru.

Hundaa ol, barnoota moggaatti dhiisuun miidiyaa hawaasaarratti yeroo gubuunis rakkoo shamarraan hedduuti. Hojjetanii qabxii fiduurra hirkatanii darbuuf carraaqanis jiraachuu ibsiti. Haa ta’u malee, yunivarsitii seenuun jireenya kaayyoo malee, jireenya gadidhiisii waan hintaaneef kaayyoo ofii beekuun isaaf jiraachuun barbaachisaadha. Gaaddiseen halkan hanga sa’aatii 7:00/8:00tti sodaa tokko malee dubbisuun yerooshee mana kitaabaatti dabarsiti.

Miidiyaan hawaasaa qabiyyee filuun qixa sirriin fayyadamnaan madda beekumsaati. Qabiyyeewwan beekumsa dabalataa gabbifachuuf oolan viidiyoon deggeramanii haala salphaan namaa galuun toora miidiyaa hawaasaarratti dhiyaachaa jiran fayyadamuun barbaachisaadha.

Gaaddiseen erga bultii dhaabbattee reefu waggaa tokko akka ta’eefi gaa’ellisaaniis walhubannaafi waltumsuurratti kan hundaa’e ta’uu himteetti. Abbaan warraashees nama kaayyoo ta’uusaatiin kaayyoonshee akka milkaa’u cimsee utubaa ture. Nyaata qopheessuurratti yeroon akka hinqisaasofneef yeroo qusachuuf alaa nyaataa fayyadamaa akka turanis dubbatteetti.

Yunivarsitichi hoo shamarraniif deggersa akkamii kennaa jira?

Yunivarsitichi Gaaddisee qofa osoo hintaane, kanneen akkashee kumaatamaan horachuuf hojjechaa jiraachuu kan ibsan ammoo pirezidaantii yunivarsitichaa Doktar Lataa Tasfaayeeti. Akka isaan jedhanitti, Gaaddiseen barnootaafi naamusaan barattuu cimtuu barattoota biroof fakkeenya gaarii taatuudha. Yunivarsitichi haala nageenyaa rakkisaa ture keessatti rogawwan maraan kutannoon hojjechuun qabxii Gaaddiseen galmeessiste agarsiistuu tokko. Hawaasni yunivarsiitichaas qabxii galmaa’ee kanatti gammaduun injifannoo caaluuf qophiidha.

Akka waliigalaatti barattoota qaxalee, addatti ammoo shamarran qaxalee baay’inaan horachuun sochii bal’aan taasifamaa jira. Ijoolleen shamarranii aadaa dubbisaa akka gabbifataniif manni kitaabaa bakka bultii (doormii) isaaniitti dhiyoo ijaaramuun shamarran hedduu fayyadamoo taasisaa jira. Ga’umsa shamarranii gabbisuun hoggansaan, dinagdeen, kalaqaafi kanneen biroon cimsuun dhimma biyyaarratti akka hirmaataniif yunivarsitichi xiyyeeffannaan hojjetaa jira. Shamarran cimanii hojjetnaan haala kamuu keessatti milkaa’uu akka danda’an Gaaddiseerraa muuxannoo qooddachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Sababa rakkoo nageenyaan walqabatee yunivarsiitichi kaleessa maqaansaa gurraacha’aa ture. Ta’us xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuun kalaqaafi teknolojiin kalaqawwan sadarkaa biyyaatti ajaa’ibsiisoo ta’an ifoomsuun danda’ameera. Teknolojiin diroonii (xayyaara nama maleessaa)fi kalaqawwan hojii qonnaarratti hundaa’an hedduu yunivarsiitichaan hojiirra oolaniiru.

Barattoota ciccimoo dandeettii addaa qaban gara yunivarsiitichaatti fiduun leenjiiwwan gaggabaabaa kennuun ogummaan kalaqasaanii akka gabbatu taasifamaa jiru. Haaluma kanaan gama kalaqa intalajansii artifishaalaa, roobootiifi dirooniin milkaa’inni guddaan galmaa’eera. Qondaaltonni mootummaa federaalaafi naannolee kalaqaalee kanneen daaw’atanii dinqisiifachuu qofa osoo hintaane muuxannoon irraa waraabamee bakka birootti akka babal’atu yaada kennaniiru.

Kana malees, omishaafi omishtummaa dabaluun jireenya qonnaan bulaa naannawichaa fooyyessuuf yunivarsiitichi hojii qonna qindaa’aa eegaleera. Haaluma kanaan sanyiiwwan loon filatamoo guyyaatti aannan hanga liitira 35 kennuu danda’an, lukkuu, qurxummii gara miliyoona shan ta’an mooraa keessatti horsiisuun qonnaan bultootaaf raabsuurratti argamu.

Wabii nyaataa mirkaneessuuf sanyiiwwan kuduraafi muduraa omishtummaansaanii olaanaa ta’e qonnaan bultootaaf raabsuu qofa osoo hintaane qaamaan gara qonnaan bulaa deemuun deggersa ogummaa kennaa jiraachuus Doktar Lataan eeraniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

Recommended For You