“Ispoortiin atileetiksii keenya rakkina guddaa keessa waan galeef mootummaan jidduu seenee sirreesuu qaba”- Komishinara Gargaaraa Maarqoos Gannatii

Finfinnee: Yeroo addunyaan saayinsiifi teknolojiidhaan guddattee hojiilee gara garaa hojjetaa jirtu kanatti hojiiwwan baratamaafi adeemsa duubatti hafaa hordofuu mudataniin rakkina keessa seenuunis hinoolu.

Haalli kun ammoo dameewwan hunda keessatti kan mul’atu yoo ta’u, ispoortiinis yoo yeroo wajjin tarkaanfachuu baate qabxiin barbaadame galmaahuu dhiisuu danda’a.

Itoophiyaan addunyaarratti beekamtii kan argatte damee ispoortii kanaan, keessumaa ispoortii Atileetiksiitiin yoo ta’u, Ispoortiin atileetiksiifi Itoophiyaan qaama tokko jedhamuunis beekamu. Sababnisaas biyyattiin damee kanaan Olompikii ammayyaarratti hirmaachuudhaan addunyaarratti maqaa kan argatte waan ta’eefi.

Haata’u malee taaktikii ispoortii biyyattiin addunyaarratti ittiin beekamtu tana dadhabsiisuuf yeroo olompikiin gaggeeffamu jalabultiinsaa waldhabiinsa Koree Olompikiifi Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa mudatu dhageeffachuun leellistoota ispoortii biratti baratamaa dhufeera.

Rakkinni kun maaliin furmaata argata yaada jedhuuf gaafdeebii Bariisaan Atileet Komishinara gargaaraa Marqos Gannatii waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Atileet Maarqos Gannati eenyu?

Maarqos: Maqaan koo Atileet Komishinar Maarqos Gannatiin jedhama. Ga’een hojii kiyyaa karaa ispoortiitiin Koree Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa keessatti Hojii Raawwachiiftuufi Pirezidaantii Waldaa Atileetoota Biyyaalessaa, akkasumas Walittiqabaa Ittaanaa Koree Teknikii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaati.

Bariisaa: Mee haala ispoortiin atileetiksii biyya keenyaa kanaan duraafi amma keessa jiru nuu ibsi

Maarqos: Sadarkaan amma ispoortiin atileetiksii biyya keenyaa irra jiru gaariidha jechuun ni danda’ama. Guddinnisaa kan duriin wajjin walbira qabnee yoo madaalle amma sadarkaa guddinaa gaariirra jira.

Gaafan kana jedhu federeeshinoota Itoophiyaa keessa jiran keessa of danda’ee kan socho’uufi yeroo ammaa saffisaan guddachaa jiruudha. Kana jechuun kiyya guddinasaa kan fixate osoo hinta’iin rakkoo keessasaa jiru waliin qabsaa’aa jiraatus adeemsisaa guddina gaariirra jira jechuudha.

Bariisaa: Akkuma beekamu kanaan dura yeroo shaampiyoonaan atileetiksii Addunyaafi Olompikiin dhiyaatu rakkinoonni tokko tokko uumamaa turan. Ammas ittifufaatuma jira. Sababnisaa maali?

Maarqos: Sirriidha. Rakkoon kun yeroo baay’ee nuqoraa jira. Biyya bakka bu’uun dorgomuun salphaa miti. Imaanaa guddaadha. Faallaa kanaammoo waldhabdeen boqonnaa qophii keessatti mudatu guddina ispoortii keenyaa miidhaa jira.

Tokko dhama’ee ifaajee dorgomee faayidaa argachuu barbaada. Kan biraa ammoo karaa gabaabaa ykn qaxxaamuraan argachuuf kaka’a. Waldhabdeen mudatus ga’umsaan filatamuufi qaxxaamuraan filatamuun kan walqabatuudha.

Egaa atileetiksiidhaan biyya bakka bu’uu keessatti wantoota baay’eetu jira. Biyya ummata miliyoona dhibbaa ol qabdu bakka buutee dirree addunyaarratti hirmaachuu jechuun ittigaafatamummaa guddaadha.

Haaluma kanaan waldhiibuun kun maaf dhalata isa jedhuuf, Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa seera ittiin atileetota mataasaa ittifilatu qaba. Ta’us tokko tokkommoo seera jalatti seera baafatanii kan adeeman jiru. Kun rakkoo biraati. Haa ta’u garuu tokkoof lama, seera biyyattiin atileetota ittiin hoggantu akkaataa ittiin hojii raawwatantu rakkoo qaba malee rakkoon seeraa hinjiru.

Atileetiin tokko yeroo waldorgommii qaxxaamura biyyaa taasisuuf jedhu maaliin akkamiin filatamaa? Isa jedhuuf seerri filannoo lafa kaa’ameera. Rakkoon jiru garuu akkaataa seericha hojiirra oolchantu akka dhabuun waldhabdee uumuu danda’a.

Akka federeeshiniitti seera kana waan qabnuuf rakkoo biraa qaba jedhee hin yaadu. Yeroo baay’ee ammoo gaafa waldorgommiin biyya bakka bu’anii dorgoman gahu, fedhii adda addaatu jira. Fedhiin sun ammoo warri raawwachiisan akkuma hojiisaanii xumuraniin kan isaan mudatuudha.

Koree Olompikii Itoophiyaa keessatti yeroo baay’ee rakkinoota guguddootu uumama. Korichi hanga waggaa afuriitti iddoo Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa jiru hinbeeku. Gaafuma dorgommiin olompikii dhufu waldhabdeen uumama.

Nuyi waggoota afran darban waan ta’e waan beeknuuf akka rakkoon sun deebi’ee hindhufneef waan baay’ee hojjechaa turre. Garuu milkaa’uu hindandeenye. Humna keenyaa ol ta’e. Ammas rakkoo humna keenyaa ol ta’e uumaa jiru. Hojii aangoosaanii hintaane hojjetaa jiru jechuudha.

Bariisaa: Federeeshiniin atileetiksii Itoophiyaa atileetota leenjisuudhaan dorgommiif dhiyeessa. Koreen Olompikii ammoo karaa bulchiinsaatiin hojiisaa gaggeessa, garaagarummaan kun osoo jiruu maaltu walitti isin buusa?

Maarqos: Akka seeraatti Koreen Olompikii Itoophiyaa federeeshinoota biyya kana keessa jiran 28 ol bulchuutu irra ture. Haata’u malee hanga guyyaan shaampiyoonaa gahutti quba walhinqaban. Keessumaa federeeshinii atileetiksii federeeshinoota biyya keessaa kaanirra atileetiksiin humnaafi aangoo guddaa qaba. Kana jechuun kiyya atileetota sadarkaa addunyaatti filataman kan dorgomsiisu isa jechuu kooti.

Olompikiin silaa hojjechuu kan qabu pirojektiirratti. Waan baay’ee ilaaluudhaan jajjabessuutu irra ture. Hidhannaafi leenjiidhaan ijoollee kanneen cina dhaabachuudhaan kunuunsee guddisuutu irraa eegama ture. Korichi kan taasisu garuu gaafuma olompikiin adeemsifamuuf jedhu kaasee waldhabdee mudatuun dhamaateen waggaa afur guutuu taasifamaa ture booressuudhaan gara hintaanetti ceessisaa jira.

Akkuman jedhetti koreen olompikii loojistikii duwwaadhaan federeeshinii gargaaruun kan irra ture. Kan inni gochaa jiru garuu anatu bulchaadha. Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa ammoo hanga torban darbeetti akka koree hojii raawwachiiftuutti waliin mari’annee, irratti waliigaluudhaan atileetota biyya kana bakka bu’anii dandeettiidhaan alaabaa biyyaa ol kaasuu danda’an ilaalee filachuun itti kennina.

Haata’u malee Koreen Olompikii Itoophiyaa seeraa ala ogeessa mataasaa ijaaruun nama dandeettii hinqabne ramaduudhaan hogganaa teeknikii taasisee karaa qaxxaamuraatiin ijoollee walitti qabe gocha faallaa raawwataa jira.

Ani ammoo akka bakka bu’aa atileetotaatti atileetonni keenya miidhamaa jiru. Kanaaf mootummaan taa’ee qaama lameenuu walitti fidee akka seeraatti sirreessuun barbachisaadhan jedha.

Hojmaanni badaan akkasii babal’achuun maatii ispoortiifi leellistootasaanii dallansiisaa waan jiruuf furmaata kennuun murteessaadha.

Bariisaa: Akka seeraatti koreen olompikii tajaajiluu kan qabu waggaa afuriifi. Yoo baay’ate waggoota saddeetiif jedhama. Baranas seeraan ala waggaa 12f turuuf filannoon adeemsifameera. Adeemsi kun seericha hincabsuu laata?

Maarqos: Kun hojii shiftummaati. Filannoon kan adeemsifamu Korichi waggoota darbanitti sochii taasiseef mana maree ispoortiif gabaasa dhihessee irratti mariin taasifamee erga ragga’ee booddeedha.

Akkasumas odiitiin adeemsifamee galiifi baasii korichi taasiserratti yoo walii galameedha. Kana malee rakkinoota waggoota kanneenitti isa quunnameef mala argame mana marichaatti dhiyeessuudhaan eera ragga’ee booddeedha.

Wanti nama dinqu olompikii Tookiyoo kan waggaa afran baranaa adeemsifameef mootummaan ummata kakaasuudhaan kanaan dura seenaa olompikii biyya keenyaa keessatti argamee hinbeekneen qarshii miliyoona 156 Koree Olompikii Itoophiyaatti kenneera.

Qarshiin kun ummata hiyyeessarraa sassaabamee korichaaf kennamus osoo odiitii hinta’iin hanga ammaatti bakka buuteensaa hinbeekamu. Yeroo sanas baasiin kun saanduqa federeeshinii atileetiksii keessaa baheeti atileetotaaf kan kenname. Hanga ammaattuu federeeshinichaaf hindeebine.

Waggoota saddeettan dura filannoo kan adeemsifame warreen ulaagaa filannoo guuttatan ragaaleesaanii dhiyeeffatanii iddoo bakka bu’aan, waldaa atileetota biyyaalessaa, federeeshinootaa biyyaalessaafi waldaaleen ispoortii biyya keessaa, akkasumas bakka buutonni federeeshinoota naannolee argamanitti. Haata’u malee filannoon ammaa kun kan adeemsifame karaa lafa jalaatiin dhoksaadhaan waan ta’eef qaama kamiinuu fudhatama hinqabu.

Filannoon kanaan dura adeemsifameyyuu akka hinadeemsifamne beekna. Hawaasaafi Baahir Daaritti seeraan ala walga’ii taasifatanii ari’amanii Finfinneetti deebi’aniiru. Dhumarratti dallaa koree olompikii keessatti seeraan ala dunkaana buufatanii bakka namoonni filataman hinjirretti adeemsisuudhaan qilleensarratti ati filatamte jedhamee akka xalayaan isaan gahu taasifameera. Baranas isumatu dabalame.

Bariisaa: Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa yoomiyyuu caalaa kan ijaarame namoota ispoortii beekaniin jedhama. Haata’u malee hanga ummanni eegaa tureen qabxiin hinjiru. Rakkinnisaa maali?

Maarqos: Kunis dhugaadha. Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa yeroo ammaa abbaa argachuudhaan ogeessota dorgommii keessa turaniin gaggeeffamaa jira. Isa malees Itoophiyaa dirreewwan Olompikii, shaampiyoonaawwan atileetiksii biyyaalessaafi dorgommiiwwan addunyaarratti biyya bakka bu’uudhaan dafqasaanii xuruursanii dhiigasaanii dhangalaasuudhaan alaabaan biyyattii akka ol ka’u taasisaniin gaggeeffamaa jira.

Baay’een keenya wayita gara federeeshinii atileetiksii dhufnu ispoortii kana caalaa addunyaarratti beeksisuuf yaadaa turre. Akkuman jedhe korichi karaa faayinaansiitiinis ta’u ogummaan akkasumas dandeettiiwwan adda addaatiin kan guutameedha.

Hata’u malee qaamni guddina ispoortii atileetiksii Itoophiyaa hinbarbaanne karaa lafa jalaatiin koree keessa galuudhaan addaan qoodaa kaayyoofi guddina ispoortii hubaa waan jiraniif malli ittikennamuu qaba.

Alseerummaan kun baay’ee keenya abdii kutachiisuudhaan federeeshinicha keessaa akka bahan nama taasisaa jira. Hudhaan kun furamuu baannaan guddinni atileetiksii keenyaa quucaraa deema.

Waggoota afran darban yeroo Olompikiin gageeffamuuf qophiirra ture koreen olompikii ammaa atileetiksii keenya kuffisuuf dadammaqsaa jiru kun biyya keessatti dhiisii Itoophiyaa addunyaarratti qabxii dhabsiisuudhaan meedaaliyaa warqii takkaan akka gallu nu taasiseera. Har’as isaanumatu jeeqaa jira.

Bariisaa: Haala kanaan abdiin barana olompikiirratti meedaaliyaa argachuuf qabnu hinsodaachisuu laata?

Maarqos: Qabxiin waggaa afran baranaas nu harkaa hongaatteetti. Haata’u malee shaampiyoonaawwan adda addaa addunyaarratti taasifachaa tureen atileetota qabxii gaarii miinimaa olompikii qaban itti makamaniiru.

Akkasumas atileetonni kanaan dura olompikiifi shaampiyoonaa atileetiksii addunyaarratti miinimaa qaban, akkasumas muuxannoo qaban waan dorgomaniif hanga danda’ametti meedaaliyaa eeguun Keenya hinoolu.

Bariisaa: Guddina ispoortii biyya keenyaaf ga’een miidiyaa olaanaadha. Haata’u malee miidiyaan tokko tokko haqaan ala oduu kijibaa adda addaa bittinsaa jira hamiin jedhu jira. Atihoo akkamitti ilaalta?

Maarqos: Miidiyaa biyya kanaa waan baay’eedhaaniin ilaala. Miidiyaan tokko tokko callisee olola kan labsu jira.

Miidiyaan guddinaaf dhaabatemmoo ispoortiin jaalala akka ta’u akka guddatuufis cichee hojjechuun gaheesaa kan bahatudha.

Keessattuu yeroo ammaa miidiyaan dhugaadhaaf dhaabate, ummata keessaa bahe dhugaa ispoortii quuqamuudhaan dabarsaa jiru koree olompikii keessatti barbaadama hinqabu.

Bariisaa: Dhumarratti dhaamsa qabdaa?

Maarqos: Ummanni keenya jaalataa ispoortii keessumaa atileetiksii ta’uunsaa mamii hinqabu. Yeroo baay’ee wayita atileetonnisaa gootonni injifannoodhaan deebi’an addababa’iitti bahuudhaan simannaa gochaa ture.

Akkasumas mootummaan Itoophiyaa atileetota mo’annaadhaan deebi’aniifi jila hirmaattotaaf muudamaafi badhaasawwan adda addaa gochaa tureera.

Haata’u malee ispoortiin atileetiksii keenya rakkina guddaa keessa waan galeef mootummaan qaama rakkina kana uumaa jiru sirreessuun guddina ispoortiirratti hojjechuu qaban jedha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

Recommended For You