Faayidaa biyyaalessaatiif waloodhaan dhaabachuu

Faayidaan biyyaalessaa dhimma obbolummaafi tokkummaati. Dhimma Itoophiyaanonni dameelee dinagdeefi hawaasummaatiin walfaana dhaabachuun irraa eegamuudha. Gama kanaan keessumaa miidiyaan hundi dhimmicha sirriitti hubachuu qabu.

Miidiyaan biyya kamuu jiru faayidaa biyyaafi ummata keessatti itti hundaa’eetiif looga. Fakkeenyaaf akka Itoophiyaatti faayidaalee biyyaalessaa akka ulaa galaanaa, hidha Abbayyaafi kkf jechuudha. Mootummaafi miidiyaan keessumaa dhimmoota ijoo akkanaarratti waliigalanii kabajamuu faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaatiif xiyyeeffannaan hojjechuu malee faallaa dhaabachuu hinqabu.

Miidiyaan hundi faayidaa biyyaalessaatiif ni hojjeta; hojjechuus qaba; faayidaan hundaa kan kabajamu oggaa hunduu kabaju waan ta’eef. Miidiyaan ergama oduufi odeeffannoo omishuun olii qaba. Odeeffannoo tamsaasuun ala duudhaalee akka Itoophiyaanonni tokkummaan dhaabataniif gargaaran omishuurrattis hojjechuu qabu.

Asirratti waanti dagatamuu hinqabne walabummaan miidiyaa haala qabatamaa biyyaatiin kan ilaalamu ta’uusaati. Walabummaan miidiyaa Ameerikaas ta’e Awurooppaa jiru haala aadaafi siyaas-dinagdeesaaniitiin irratti kan hundaa’eedha. Walabummaan biyya keenyaas duudhaafi haala qabatamaa biyya keenyaatiin ilaalamuu qaba.

Walabummaan miidiyaa daran barbaachisaadha. Garuu daangaa malee ta’uu hindanda’u. Akkuma irranatti ibsuuf yaalle muuxannoon biyyoota guddataniis kan agarsiisu dhugaadhuma kana. Bilisummaan yeroo hunda ittigaafatamummaa keessatti ta’uu qaba.

Gama kaaniin jiraachuun miidiyaa cimaa ibsama mootummaa jabaati. Kanaaf miidiyaan mootummaas ta’e kan dhuunfaa akka cimaniif xiyyeeffannaa malu argachuu qabu. Miidiyaaleen haala ogummaan damichaa gaafatuun sirnaan, miira ittigaafatamummaatiin hojjechuu qabu. Yoo kun ta’e sadarkaa damichaan addunyaan irra geesse bira qaqqabuun salphaa ta’a.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) waltajjii miidiyaaleef beekamtii kennuu Roobii darbe adeemsifamerratti akka jedhanittis, Itoophiyaan damee miidiyaatiin sadarkaa of eeggannaa cimaa gochuu qabdurra geesseetti.

Namoonni qabiyyeewwan sirrii ta’aniifi hintaane kalaqan heddumminaan waan jiraniif odeeffannoowwan bal’inaan tamsa’u. Odeeffannoowwan akkanaa otoo idaafi gidiraa hintaane mindaa ta’uu akka danda’aniif of eeggannaa olaanaa gochuu barbaachisa.

Gidiraawwan amma keessa jirru hundi bu’aa seenaa kaleessaati. Namoonni kaleessa of eeggannaa tokko malee waan aramaa facaasaniif har’a walamantaan, walgargaaruufi, waljaalachuun kaleessa ture laafee waanuma bishaan hinkaafneen akka waljifannu, walhimannuufi walajjeefnu kan nu taasise aramaa kaleessa facaafameedha.

Waanti balaafamaan akka hinraawwatamneef lammiileefi miidiyaan waantota gaggaariifi qajeeloof dursa kennuudhaan akka walkabajnuuf, jaalalliifi nageenyi waaraan akka lafa qabatuuf, biyya mijattuu, aadaafi seenaa himamee hidhumne qabu tana dhalootatti ceessisuurratti hojjetamuu qaba.

Waanti addunyaa kaaniif dabarsinus of eeggannaa guddaa barbaada. Waan dhaloota ittaanuuf darbuu danda’uuf qofa otoo hintaane namoonni karaa hinmalleen yoo nu hubatan misoomaafi badhaadhina hawwinu mirkaneessuu hindandeenyu.

Dhugaa jiru haala dhaloota ittaanuuf fayyaduun faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa dursuudhaan ibsuun barbaachisaadha. Miidiyaan tokko tokko utuu beekaniis ta’ee hinbeekiin waantota faayidaa Itoophiyaa miidhan ni gabaasu. Madda ajandaafi ergaa diigumsaa ta’u. Kun ta’uun waan yeroo baay’ee bitaa namatti galuudha.

Yeroo weerara Xaaliyaanii duultonni oggaa bosona qaxxaamuran namoonni onnachiisaniifi sirbaan isaan gargaaran duulaa turan. Gootonni naannawa tokko jiran namni masiinqoo baatee, Amaariffa dubbatu, azmaarii sagaleensaa daran kiilolee isaan faana jira; isaan fakkaatee.

Oggaa sirbu garuu sagaleesaa kiilolee sanaan ‘harka kennadhaa, harka kennadhaa’ jedhee weellisaa ture. Dhumarratti hamilee hinqabu ture. Gootonnis akkana jedhaniin, “Ati, masiinqoon, sagaleen, yeedaloon kan keenya, walalichi garuu kan kee miti” jedhaniin. Walaloosaa weerartootarraa ergifatee gootota jidduu seenee oggaa akka harka kennataniif isaan dadammaqsu isaan hindhageenye.

Ammas walaloon, qabiyyeen, ergaawwan ergisaa oggaa mudatan yoo hammuma fedhe walaloon, yeedaloon, sagaleen miidhagaa ta’ellee dadammaqsuu hindanda’u. Hojiileen ergifannaa akkanaatiin hojjetamaniifi ergaawwan darban badhaadhina Itoophiyaa balaaf waan saaxilaniif of eeggannaadhaan ilaaluu barbaachisa.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

 

Recommended For You