Akeekkachiisamoo hojiitu du’a oolcha?

Tibbana ka’umsa keenya Finfinnee godhannee dhimma hojiif gara godina Baalee, magaalaa Roobee imallee turre. Baaleen biyya aannanii biyya dammaa, goototaa, qabeenya uumamaafi wiirtuulee hawwata tuurizimiin badhaate akka ta’e ragaaleen ibsu.

Bakka kaanitti aannan qaaliidha. Haata’u garuu yoo Baale dhaqxan aannan caalaa bishaa lafaa burqutu qaaliidha. Kanarraa kan ka’e aannan gurguranii bishaan bitanii dhuguun jira yoo jedhame eenyutu amana laata?

Galgala daandiiwwan magaalattii kanneen akka Roobee, Gindhiir, Dalloo Mannaarratti aannan gadi bahee gurgurama dheebotaan itti goree bitatee dhugee lapheesaa qabbaneeffata.

Faallaa kanaan jiraataan godinichaa ofii aannan gurguree bishaan dhugaatii dheebochuun dararaa hamaa keessa kan jiru yoo ta’u, lafasaatu bishaan hinmaddisiisu jechuuf dacheen Baalee (Baalee lamaanuu) jiidha hundaan kan badhaadheedha. Qabeenya hinqabu jechuuf irris jallis kan ofgaheedha. Hawaasni aannan gurguraa bishaan dheebochuun mallisaa maali isa jedhuuf qaama dhimmisaa ilaallatuufan dhiisa.

Haadha gootota akka Jeneraal Waaqoo Guutuu, dacheen hawwata tuuristii kanneen akka garreen Baalee, bitaafi mirgaan akka cancalaa xaxanii naannawaasheef gamoo uumamaa ta’anii mul’atan, Paarkiin Diinshoo, Gaasaraan, bineensi bosonaa, Saannateen Holqi Soof Umar, Dirreen Sheek Huseen qalbii namaa hawwachuun maqaa godinichaa olkasanii warra ibsanidha.

Godinaaleen Baalee giddugala hawwata tuuristii Oromiyaan qabdu keessaa ishee adda durummaan eeramanis ija isaan ilaalu dhabanii dheebuu misooma daandiin gaaga’ama hamaa keessa jiru.

Oggaa gara Baaleetti imaluuf kaatan wiirtuuleen hawwata tuuristii qalbii nama hawwatan hedduu ta’anis faallaa kanaammoo akka garasitti hin imalle kan nama taasisan keessaa rakkoon misooma daandii isa ijoodha.

Gaafa Baale jedhamu aannan manarra darbee daandiirratti gabaaf dhiyaatu, damma gaarreen Baalee bosona Gaasaraa, bosona Harannaa, bosona Dalloo mannaarraa ba’an kannee quba nama nyaachisan sanatu qalbii nama seena.

Bineensota bosonaa lakkoofsiifi akaakuuwwansaanii hedduu ta’e irraangadee Diinshoo wayita qabatan daandiitti bahanii bitaafi mirgaan nama simatan sanatu qalbiitti nama dhufa.

Maal godharee wantoonni qalbii nama seenan hedduu jiraatanis wayita imala gara Baalee jalqaban kan abdii nama kutachiisu ofduubatti akka deebi’an nama taasisu jira; gaaffii daandii baroota dheeraa hamma ammaa deebii hin argatiin jiru.

Ijaarsi daandii Baalee naannawa Holqa Sabsibee (Gaara Waadudubbattoo) yeroo dheeraaf deebii dhabuurraa kan ka’e balaa konkolaataa mudatuun lubbuun dhala namaa hedduu dhumateera.

Balaa konkolaataa suukanneessaa akka biyyaatti mudataa jiru keessummeessuunis daandii komiin irratti ka’u keessaa isa tokko yoo ta’u, balaa konkolataa bara darbe naannawa Diinshoo, bakka addaa Holqa Sabsibee jedhamutti qaqqabeen hayyoota yunivarsitii Madda Walaabuu hedduu dhabuun madaa hinqoorre nama keessa kaa’ee darbeera.

Nuyis imala keenya gara Baalee qabeenya uumamaafi namtolchee hambaalee seenaafi bineensa bosonaan badhaate arguuf qilleensa gaarreen Baalee bitaafi mirgaan afuursu dhandhamaa Baaroo Warra Sheek Huseeniin bohaaraa wayita Diinshootti dhiyaannu bitaafi mirgaan akeekkachiisni bakka irra deddeebiin balaan konkolaataa itti mudate waan ta’eef of eeggannoon konkolaachisaa jedhu kan suuraa balaa qabu bitaafi mirgaan dhaabateera.

Nus saffisa imala keenyaa hir’isnee yaada qalbii sodaatiin liqimfamnee bitaafi mirgaan sulula hallayyaa gadi fagoo ilaalaa harka konkolachisaa ija hannaatiin ilaalaa callisaan deemuu eegalle.

Barjaan akeekkachiisaa bitaafi mirgaan dhaabatee jiru hedduudha. Daandiin caccabaadha, akka tasaa konkolaachisaan keenya bakka tokko gahee kunoo asitti balaan konkolaataa barsiisota Yunivarsitii Madda Walaabuurra qaqqabe jedhee suuta afuurfate.

Dhugaadha; balaan konkolaataa barsiisota Yunivarsitii Madda Walaabuurra kanaan dura qaqqabe sun suukanneessaadha. Hayyoota hedduu nudhabsiiseera. Kanas ta’e sana daandiin naannawa Holqa Sabsibee hawwii imala giddugala tuurizimii gara Baaleetti taasifamuuf gufuudha jechuun nidanda’ama.

Tuuristiin garas dhufu daandii gaariirra bashannanee, qilleensa qabbanaa’aan qabbaneeffatee qabeenyawwan uumamaa qalbii nama hawwataniin keessoosaa gammachiisee ijasaatti kishaafaa gammachuu gonfee hojii uumaa kan itti raajeffatu dachee boqonnaa yaadaa itti argatu ture.

Haata’uutii bu’aa bahiin daandii Holqa Sabasibee hanga Diinshoo jiru abdii kan nama kutachiisu hordoffiifi deggersi ijaarsa daandiif naannawicha jiru laafaa ta’uu agarsiisa.

Dacheen qabeenya uumamaafi namtolcheen faayamtee miidhagde Baale, golli aannaniifi damma burqisiisu, bineensi bosonaa qaalii ta’an keessa burraaqan simannaa keessummaaf daandiitti bahanii wayita eegan namoonni bu’aa bahii daandichaan rakkatanii achi yoo gahan godinichi qabeenya uumamaafi namtolcheen badhaadhee daandii dhabe jedhanii komii kaasu.

Silaa osoo daandii mijataan jiraatee geejjibni sadarkaasaa eeggate barbaadee dhufa ture. Ofiis fayyadamee gammachuun daawwattootaas dachaan akka dabalu taasisaayyu. Kun ta’uu dhabuusaatiin ammas dhimmi daandii Baalee Holqa Sabsibeefi Diinshoo gidduu jiru rakkoo keessa jira.

Baay’inni barjaalee akeekkachiisaa bitaafi mirgaan jiru baay’achuun yeroof konkolachisaa tokko lama haa dammaqsu malee hudhaa sana matumaa fura jechuun gowwummaadha.

Egaa akeekkachiisni nama dadammaqsuun ala daandii dhufaa darbaa barootaaf lubbuu namoota baay’ee galaafate kana kan ijaaru waan hintaaneef ammas otoo itti yaadame gaariidha.

Akeekkachiisni kumaatamni bitaa mirgaan dhaabatus balaa kana qolata jedhanii yaaduun dogoggora. Waan borullee gatii nukaffalchiisuu danda’uuf tuttuqanii uwwisanii deemuurra buqqisanii haaressanii ijaaruun balaa konkolaataa qaqqabuu malu hambisuun barbaachisaadha.

Hojiileen gama mootummaatiin misooma giddugaloota hawwata tuuristiirratti hojjetamaa jiran daran kan nama onnachiisanidha. Keessumaa misooma holqa Soof Umar, Buufanni Xiyyaaaraa Roobeefi akka magaalaattis misoomni koriidarii ijaaramaniifi ijaaramaa kan nama onnachiisaniidha.

Baale misooma omisha qamadii waggaatti al lama omishuun fuduraafi kuduraan, aannaniin wiirtuu hawwata tuuristii bineensota addunyaarratti qaalii ta’an qabaachuun dachee maqaanshee olka’eedha.

Haata’u daandiin caccabaa holqa Sabsibee Diinshoo geessu ammallee xiyyeeffannoo dhabuunsaa naannawichi hawaas dinagdeen akka hinguddanne, sadarkaa barbaadamuun hinjijjiiramne, galiin tuuristiirraa argamu akka hir’atu waan taasisuuf xiyyeeffannaan irratti hojjechuun barbaachisaadha.

Akkuma akeekkachiisuurra hojjetanii haara galfachiisuun murteessaa ta’e kan darberraa barannee balaan konkolaataa naannawa Holqa Sabsibeetti mudatu kun matumaa akka furamuuf miira ittigaafatamummaa bahachuun dirqama.

Omishoonni gara garaa achii bitamanii konkolaataadhaan gara giddugala biyyaatti bahan daandiidhuma sanarra socho’u. Daandiin kun haala amma jiruun yoo ittifufe balaa mudachuu danda’u dachaan kan heddummeessu waan ta’eef xiyyeeffannoo guddaa kennuufiin murteessaadha.

Haalli misooma magaalaa Roobee daran kan nama jajjabeessu, misoomni koriidariis kan nama onnachiisuudha. Keessummoota qabeenya uumamaasheefi namtolcheeshii daaw’achuuf dhufaniif balballishii banaa ta’us hanqinni bishaan dhugaatii rakkoo dabalataa misooma magaalattii qoraa jiruudha.

Tuuristoonni biyya keessaa hedduun qabeenya uumamaashii kana daaw’achuuf deeman aanaalee gara garaa wiirtuun hawwata tuuristii itti argamu keessa daandii caccabaarra jooraa oolanii qalbiisaanii gammachiisanii bakka bultiisaaniitti yoo deebi’an bishaan itti dhaqna dhiqatan dhabanii gammachuu soorqalbii daaw’annaarraa sooratan gatii kan dhabsiisuudha.

Baalee dacheenshii jiidha waa hundaan badhaate; kan aannan daandiirratti gurguramu, kan bosonnishii damma roobsu keessatti bishaaan dhugaatiifi kan dhaqna itti dhiqatan dhabuun, hudhaa misooma daandii lammiilee balaaf saaxilaa jiru cinatti rakkoo guddina hawaas dinagdee naannawicha qoraa jiru waan ta’eef birmachuufii xiyyeffannoo kennuufiin barbaachisaadha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

Recommended For You