Yaadama haaraa nageenya waaraaf

Mootummaan Itoophiyaan nageenya waaraa mirkaneessuuf tattaaffii cimaa taasisaa jira. Rakkooleen nageenyaafi siyaasaa kamuu mariifi marabbaan akka furamaniif tattaffii cimaa taasisaa jira. Mariin biyyaalessaa adeemsifamuuf jirus tattaaffii nageenya waaraa mirkaneessuuf taasifamaa jiruudha.

Qaamoleen qabsoo hidhannoo filannoo taasifatanii bosona jiranis waamicha nageenyaa mootummaan yeroowwan gara garaatti taasisaafii jiru fudhatanii gara miira tasgabbiitiin gara mariitti dhufuu qabu. Rakkoon mariin furuun nageenya waaressuudha. Kana dhugoomsuuf yaadama moofaa keessaa ba’uun dhimma filannoo hinqabneedha.

Anatu caalaan, kan koo qofatu sirriidhaan, mariitti amanuu dhiisuun, qabsoo hidhannootiin aangoo qabachuuf yaaduufi mootummaa fonqolchuuf yaaduun yaadama moofaa yeroo ammaa fudhatama hinqabneedha. Yeoo addunyaan qe’ee tokko ta’aa jirtutti akka gandaafi sanyummaatti yaaduun yaadama haaraa waliin hindeemu. Yeroo ammaa kan ta’uu qabu akka biyyaatti, ardiifi addunyaatti yaadanii hojjechuudha.

Rakkoon nageenyaa misoomaafi dinagdee biyyaa duubatti harkisuurra darbee jiruufi jireenya hawaasaatti gufuu ta’uun namni kamuu bakka barbaadetti socho’ee akka hinhojjenne taasisaa jira. Humna guutuun hojjechuu dhabuun ammoo omishaafi omishtummaarratti dhiibbaa uumuun rakkoo qaala’ina jireenyaa hammeessaa jira.

Qaamni ummataafan dhaabadha jedhu kamuu nageenyaafi sochii ummataatti gufuu ta’uu hinqabu. Ummannis kan barbaadu nageenya. Nageenya ummanni barbaadu mirkaneessuuf ammoo rakkoon mootummaafi qaamolee hidhatanii socho’an gidduu jiru mariin furamuu qaba.

Mootummaan murnoota hidhatanii socho’an waliin marii adeemsisuun bakkawwan hundatti nageenyi waaraan akka dhugoomu gochuun yeroo gara garaa waamicha taasisaafii tureera, jiras. Qaamoleen hidhatanii socho’an waamicha mariifi nageenyaa kana qalbii buleen xiinxalanii nageenya ummataafi biyyaaf jecha gara mariitti dhufuu qabu.

Murnoonni qabsoo hidhannoo filannoosaanii taasifatan miira tasgabii qabuun mariif of qopheessuu qabu. Qaamoleen kunneen gara mariitti dhufuun nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti gahee irra eegamu bahachuu akka qaban Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad marii paarlaamaa dheengaddaarratti hubachiisaniiru.

Sagaleen rasaasaa dhaga’uun haadhaabbatu. Qalbii tasgabbaa’een nageenyaafi misooma waaraaf hojjechuu qabna. Yaadama moggaatti ba’e dhiifnee nageenyaafi misooma waloof hojjechuun dhugoomuu nageenyaatiif murteessaadha. Mootummaan walitti bu’iinsaafi rakkoo nageenyaa kamuu karaa nagaafi mariitiin furuuf qophiidha.

Itoophiyaatti waraanaan fonqolcha mootummaa geggeessanii aangoo qabachuuf yaaluun hindanda’amu, hinmilkaa’us. Aangoo qabachuun kan danda’amu karaa nagaan qabsaa’anii filannoo biyyaalessaarratti hirmaachuun sagalee ummataa argameen qofa. Jaarraa 21ffaa keessa bakki siyaasaa mana maree, mariifi falmiidha.

Mootummaan murnoota hidhatanii socho’an hunda waliin mari’achuuf yoomiyyuu qophiidha. Rakkoon nageenyaa keessumaa Naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti mul’achaa jirus mariidhaan furamuu qaba. Murnoonni hidhatanii naannolee lamaan keessa socho’an qalbii buleen gara mariitti akka dhufaniif Ministirri Muummee Doktar Abiyyi ammas waamicha dhiyeessaniiru; yaadamni haaraan nageenya waaraaf wabii waan ta’eef.

Kanaaf murnoonni hidhatanii socho’aa jiran kamuu waamicha irra deddeebiin dhiyaachaa jiruuf fudhatanii ummatas ta’e biyya aara galfachiisuu qabu.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

Recommended For You