Tapha kubbaa miilaa garee Ministira Muummeefi Urjiiwwan durii Afrikaafi akeekasaa

Finfinnee: Itoophiyaan waancaa kubbaa miilaa Afrikaa Misiraafi Sudaan wajjin qopheessuun biyyoota bu’uura kaa’an keessaa takka ta’uunshee nibeekama.

Ummannishee jaalataa ispoortii kubbaa miilaa ta’uudhaan beekamus waancaa kana yeroo sadiif qopheessuudhaan waancaa 3ffaa Finfinneetti keessummeesite mo’achuudhaan hambifachuunshees kan yaadatamuudha.

Waancaan kun ALA bara 1957 jalqabamee waggaa waggaadhaan magaalota biyyoota miseensota konfedereeshinii kubbaa miilaa Afrikaatti osoo addaan hincitin waggoota 67f adeemsifameera. Waggoota kanneenitti Itoophiyaan carraa hirmaannaa kan argatte yeroo 13 qofa.

Biyyi waancaa kubbaa miilaa Afrikaa hundeessite tun yeroo dheeradhaaf walmorkii kanarraa fagaachuusheetti ummataafi mootummaashee biratti gaabbii uumaa tureera.

Kanumarraa kan ka’e Mootummaan Itoophiyaa keessumaa Doktar Abiyyi Ahmad tapha waancaa Afrikaa ALA bara 2029 Itoophiyaan akka qopheessituuf gaaffii dhiyeessuurraa kaasee milkaa’inasaatiif xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjechaa jiru.

Tibbanas taphattoonni beekamoofi urjii Afrikaa kilaboota Awuroppaatiif taphachaa turan kanneen akka Niwaanikoo Kaanuu, Daani’eel Amookaachii, Taaribuu Weestiifi Kaamaaraafaan Itoophiyaatti turtii taasisaniiru. Isaanis kkf turan.

Sababiin taphattoonni kunniin Finfinnee dhufanif waancaa kubbaa miilaa Afrikaa ALA waggoota shan booda ALA bara 2029 qopheessuuf gaaffii Itoophiyaan Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaaf (‘CAF’)” ambaasaaddarummaan tajaajilaa waan jiraniif dhiibbaa akka uumaniif Ministira Mummee Doktar Abiyyi Ahmadiin affeeramaniiti.

Taphattoonni kunneen Dilbata darbe garee Ministira Muummeefi taphattoota duraanii biyyaaleessaa Itoophiyaa faana walmorkii kubbaa miilaa taasifachuudhaan gareen Ministira Muummee 6-4n mo’ateera.

Taphattoonni urjii Afrikaa kunneen sochii misoomaa yeroo ammaa Itoophiyaatti taasifamaa jiru daawwachuudhaanis ittigammaduu ibsaniiru.

Mul’ata Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad misooma Itoophiyaaf qabaniifi sochii isaan taasisaa jiran dinqisiifachuudhaan gama maraanuu isaan maddii dhaabachuu akka barbaadan waadaa galaniiru.

Tapha waancichaa keessummeessuuf iddoowwan oolmaa ispoortii (istaadiyoomota) ammayyaa ijaaruun, bu’uuraalee misooma adda addaa magaalota guguddootatti babaldhisuun, keessumaa hoteelota, iddoowwan bashannanaa, hawwata turiizimii, tajaajila geejibaafi kkf babal’achaa jiraachuu urjiiwwan kunneen hubachuu muldhisaniiru.

Qophiilee kubbaa miilaafi akkaakuuwwan ispoortii adda addaa maddiitti Itoophiyaan biyya filatamtu akka taatu waantota baay’eetu ishee eeggata. Finfinneetti baldhinaan kan jalqabame misoomni koriidarii magaalota kaanittis ittifufuu qaba jedhan.

Itoophiyaan addunyaa ispoortii atileetiksiirratti keessumaa olompikii ammayyaatti yeroo jalqabaaf meedaaliyaa warqii argachuudhaan Afrikaanota kan bonsisteedha. Kubbaa miilaatiinis akka dabalamuuf bu’uuraaleen misoomaa hojjetamaa jiran agarsiistuudha jedhan.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

 

Recommended For You