“Kaayyoon keenya inni guddaan yunivarsitoota babal’isuu utuu hintaane qulqullina barnootaa mirkaneessuudha” Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 36ffaa dheengadda taa’een dhimmoota adda addaarratti Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiif gaaffii dhiyeessuun ibsi akka irratti kennamu taasiseera. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi gaaffiilee miseensonni mana marichaa dhiyeessaniif deebiifi ibsa bal’aa kennaniiru. Barreeffamni kun gaaffiifi deebii dhimma fayyaafi barnootaarratti xiyyeeffata.

Gaaffii damee barnootaan walqabatee ka’e

Cabiinsa barnootaa biyya keenyaa suphuuf kallattiin barnootaa (roodmaappiin) diriiree hojiirra oolaa jira. Haata’u malee hanqina galteewwan barnootaa kanneen akka kitaabotaa akkasumas dandeettiifi naamuusa barsiisotaa akkasumas naannolee tokko tokkotti mindaa barsiisotaa yeroon kaffaluu dhabuufi bajatni mana barnootaaf ramadamu sirnaan gad bu’uu dhabuun ni mul’ata. Mootummaan rakkoolee gama kanaan mul’atan furuuf maal hojjechaa jira?

Deebii Ministirri Muummee gama barnootaatiin kennan

Hojiilee sadarkaa barnootaa oolmaa daa’immanii irratti hojjechaa jirruun har’a bu’aasaa arguu baannus oolee bulee hojiillee keenyatti abdii kan horuufi sadarkaa jiranitti dorgomaa akka ta’an kan isaan taasisuudha.

Waggoota darban keessa manneen barnootaa oolmaa daa’immanii kuma 30 ol ijaaramaniiru. Kun injifannoo guddaadha. Rakkoo qulqullina barnootaa furuuf bu’uura (oolmaa daa’immanii) irraa kaanee irratti hojjechuu qabna.

Kanaafuu ijaarsa manneen barnootaas oolmaa daa’immanii irraa ka’uun manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa ijaaraa deemuu qabna. Barattoonni sababa hanqina nyaataatiin barnoota irraa akka hinhafneef ammoo sagantaan nyaata barattootaa manneen barnootaa keessatti bal’inaan kennamaa jira.

Manni barnootaa qarodhabeeyyii bultii Finfinneetti ijaarames qulqullinaan manneen barnootaa Ameerikaa dabalatee yunivarsitootni biyyattii ittiin dorgoman hinjiran. Dhiphinni keenya barattoonni mana barumsichaatti baratan gara yunivarsitoota biyyattii gara garaa wayita deeman haala mijataa akkasii akkamitti argachuu danda’u kan jedhuudha. Mana barumsichaa kutaalee barnootaa, dubbisaafi bultii sadarkaasaanii eeggatan qaba. Manni barumsichaa haala qarodhabeeyyiif mijataa ta’een ijaarame. Manneen barnootaa akkasii babal’achuu qabu.

Barana qarshii miiliyoona 45 baasii taasisuudhaan kitaabota barnootaa hedduu maxxansinee galchineerra. Kitaaboni hafanis maxxanfamuuf adeemsarra jiru.

Jijjiiramni kun erga dhufee as yunivarsitii tokkoyyuu bakka kamittiyyuu ijaarree hinbeeknu. Yunivarsitii ijaaruurra bu’uura irraa kaana jennee oolmaa daa’immanii ijaaruurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Kana yoo jennu bajata yunivarsitii irraa hir’ifnee hojjechaa jirra jechuu miti.

Yeroo jijjiiramni kun dhufe waggaa shan dura yunivarsitootaaf bajatni ramadamu qarshii biiliyoona 40 yoo ta’u, har’a garuu yunivarsitootaaf bajata qarshii biiliyoona 60tu ramadamaa jira. Kaayyoon keenya inni guddaan yunivarsitoota haaraa dabalataa ijaaruu utuu hintaane qulqullina barnootaa yunivarsitootatti kennamuu mirkaneessuudha.

Yeroo ammaa yunivarsitoonni tokko tokko pirojektota hanga 10-15 hojjechaa jiran qabu. Yunivarsitoota kunneen keessaa tokko Yunivarsitii Arbaa Minci. Yunivarsitiin kun hospitaala guddaa akka Itoophiyaatti isa jalqabaa jedhamuu danda’u gidduu kana ni eebbisa. Kaayyoon keenya bajata yunivarsitootaaf kennamu hir’isuu utuu hintaane qulqullina irratti akka xiyyeeffatan taasisuudha. Yunivarsitoota baay’isuurra qulqullinasaanii mirkaneessuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Yunivarsitoota baay’isuurra manneen barnootaa bultii addaafi BLTO babal’isuutu faayidaa qaba.

Utubaawwan Itoophiyaa Itoophiyaa jechisiisan murteessoo ta’an keessaa sadii maqaa eeruun yoo barbaachise qonnaan bultoota, raayyaa waraanaafi barsiisota. Jijjiirama ammaa kanaan qonnaan bultootaaf xaa’oo, paampiifi galteewwan qonnaa biroo dhiyeessuufiin kilaastaraan akka qotu taasisuudhaan jireenyisaa yeroo gara yerootti jijjiirama agarsiisaa jira.

Waraanniifi barsiisotni garuu Itoophiyaaf dhiigasaanii kennuudhaan ala haala hanga ammaatti jiruun waan ga’aa ta’e argatanii hinbeekan. Waraanniifi barsiisonni eenyuun olitti lubbuu, yeroo, beekumsaafi humnasaanii utuu kennanii kaffaltii gahaa argachaa hinjiran. Barsiisonniifi beela’aa utuu barsiisuu baataniin akka biyyaatti ittifufuu hindandeenyu turre. Jireenya barsiisotaafi waraanaa jijjiiruudhaaf mootummaan tarkaanfiiwwan gara garaa ni fudhata.

Rakkoon mindaa barsiisotaa kaffaluu dhabuun walqabatee mudate manneen maree naannolee qoratanii sirreessuu qabu. Rakkoon kun riiformii siivil sarvisiitiin ilaalamee furamuu qaba. Rakkoon kun akka hinbabal’anneef mootummaan federaalaas deggersa taasisuuf yaalii taasiseera. Manneen maree naannoo bajatasaanii wayita raggaasisan dhimma kana sirriitti ilaaluu qabu.

Gaaffii damee fayyaatiin walqabatee dhiyaate

Mootummaan bu’uuraalee misooma fayyaa babal’isuufi galteewwan fayyaa dhiyeessaa jiraachuunsaafi gama kanaan bu’aa gaariin yeroo gara yerootti galmaa’aa jira. Haata’u malee naannawa horsiisee bulaafi qonnaan bultootaatti barana weerarri dhibee adda addaa keessumaa dhibee busaa, gifiraafi kanneen biroon yeroo gara yerootti dabalaa dhufuun lubbuu namootaarratti miidhaa qaqqabsiisaa jira. Rakkoo dhiyeessaafi qaala’insa gatii qorichaa hawaasa baasii olaanaadhaaf saaxilaa waan jiruuf komiin ka’aa jira. Hojiilee mootummaan rakkoolee gama kanaan jiran furuuf furuuf hojjechaa jirurratti ibsi utuu itti kennamee?

Deebii Ministirri Muummee damee fayyaarratti kennan

Dhimmi fayyaa har’as boris daran murteessaafi ittiyaaduu kan qabnuudha. Barana balaa weerara dhibee koleeraatiin qaqqabu ittisuuf talaaliiwwan miliyoona 10 kennamaniiru. Weerara dhibee gifiraa ittisuuf aanaalee biyyattii 58 keessatti talaalliin kennameera. Weerara dhibee busaa ittisuuf saaphanni siree baay’inaan kennameera.

Qorichoota biyya alaarraa binnee galchuudhaan fedhiifi dhiyeessa qorichaa walsimsiisuu waan hindandeenyeef omisha qorichoota biyya keessatti %8 irraa gara %36tti guddifneerra. Qorichoota hanga tokko biyya alaatti erguus jalqabneerra. Omishoota qoricha biyya keessaas cimsuufi jabeessuu qabna. Itoophiyaan akaakuu mukeenii kuma ja’aa ol qabdi. Itoophiyaan qoricha aadaatiinis beekamtuudha. Mukeen kunneen keessaa baay’een kan qorichummaaf oolanis hedduudha. Mukeen qorichaaf fayyadan gargaaramuudhaan fedhii qoricha biyya keessaa akka guutuuf tattaaffiin ni taasifna.

Ijaarsa hospitaalotaa ilaachisuun Hospitaalli Raayyaa Ittisa Biyyaa Bishooftuutti ijaaramuunsaa ni yaadatama. Torban kana Hospitaalli guddaan tokko Arbaa Mincitti ni eebbifama. Hospitaalonni dhuunfaa Finfinneetti ijaaramaa jiranis salphaa miti.

Namoonni dhukkubsatan tokko tokko hubannoo dhabuurraa kan ka’e hospitaala kamiin deemanii yaalamuu akka qaban adda baafachuuf waan rakkataniif Ministeerri Fayyaa asiratti barumsa hubannoo gabbisu kennuu qaba. Dhukkuba kamiif hospitaala kamitti yaalamuu akka qabnu adda baafnee beekuu qabna.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

 

Recommended For You