Jallisii Gidaaboo: Pirojektii dargaggoota hojii barbaachaaf gara magaalotaatti godaanaa turan qe’eetti deebisaa jiru

Waggoota hedduuf lafa marga malee midhaan biqilchitee hinbeekneefi ni biqilchitis jedhamee hin yaadamnetu waggoota sadeen darbanitti waggaatti yeroo lamaafi sadii omishuudhaan gumbii midhaanii ta’aa jira.

Naannawa kanaan dura gammoojjummaafi qilleensa gogaatiin miidhamee hawaasni naannawichaa biratti rakkachaa turetu yeroo ammaa abdii ta’uu bira darbee omisha achirraa argamaa jiru gara iddoowwan biraattis erguudhaan handhuura magariisummaafi omishaa ta’aa jira.

Bakkichi Godina Gujii Lixaa, Aanaa Abbayyaatti kan Argamuufi Ijaarsi hidha jallisii Gidaaboo kaka’umsa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin ijaarsisaa waggoota afur dura eegalameefi yeroo ammaa tajaajila kennaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa haala qilleensa naannawichaa duraan ture geeddaraa jiraachuu tibbana wayita garasitti imalletti hubanneerra.

Ijaarsi hidha Gidaaboo Aanaa Abbayyaatti qarshii biiliyoona tokkoofi miiliyoona kuma 200n kan hojjetame yemmuu ta’u, sirnakkoo naannawichaa jijjiiruudhaan yeroo ammaa hawaasni misooma jallisiin fayyadamaa akka ta’u dandeessiseera.

Waantota ijaarsaafi faayidaa pirojektii hidha jallisii Gidaaboo kana adda isa taasisan keessaa inni tokko naannolee Oromiyaafi Sidaamaatiif yeroo walfakkaataatti tajaajila misooma jallisii kennuusaati.

Kunis hariiroo ummattoota naannolee lamaanii gama dinagdeetiin jiru walitti hidhuu keessatti shoora olaanaa kan taphatu ta’uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad wayita pirojektichi eebbifametti ibsuunsaanii ni yaadatama.

Pirojektichi gama Oromiyaatti lafa hektaara kuma saddeet, gama Naannoo Sidaamaatiin immoo lafa hektaara kuma shan misoomsuu akka danda’us ibsameera.

Hawaasni ganda Gololchaa jallisii Hidha Gidaaboo irraa Qamadii misoomsaa jiranis, kanaan dura jireenya horsiisaa loonii qofarratti hundaa’een jiruuf jireenyasaanii gaggeeffachaa turuu kaasanii, amma garuu mootummaan hidha jallisii Gidaaboo kana asitti ijaaruusaatiin jireenya horsiistummaarraa gara qonnaatti akka jijjiraniif kan isaan gargaare ta’uu himu.

Horsiisee bultoonni Aanaa Abbayyaa, Ganda Gololchaa kanaan dura lafti jallisii qonnaaf mijataa ta’e osoo jiruu sababa hanqina bishaaniiitiif tajaajila malee ture, yeroo ammaa hidha Jallisii Gidaaboo Mootummaadhaan ijaarame irratti kilaastaraan gurmaa’uun boqqolloo haala gaariin misoomsuun dargaggootni hedduun fayyadamoo ta’aa jiraachuu Dargaggoo Duubeen ni dubbata.

Kanaan dura loon maatiisaanii tiksuufi yoo hintaane immoo gara magaalota guguddoo naannawa sana jiraniitti dargaggeessi godaanaa ture yeroo ammaa gara qe’eesaatti deebi’uudhaan carraa misooma jallisii kanatti fayyadamee waggaatti yeroo lamaafi sadii omishaa jiraachuus dargaggoon kun ni ibsa.

Akka yaada dargaggoo kanaatti; osoo ijaarsi hidha jallisii Gidaaboo kun asitti hineegaliin dura horsiisa looniitiin ala jallisitti fayyadamanii kuduraafi muduraa omishuun hafee qonnuma roobaatiinuu boqqolloo omishachuun waan yaadamu hinturre. Hawaasni naannawichaas irra jireessaan horsiisee bulaa waan ta’eef midhaan nyaataa kan argachuu danda’u loonsaa gabaa karaa fagoo geessee gatii hinmalletti gurguruudhaan ture.

Kun immoo rakkoo hanqina miidhaan nyaataatiif hawaasa saaxilaa kan ture yemmuu ta’u, yeroo ammaa kana garuu erga jallisiin Gidaaboo kun hojii eegalee as aanichi dargaggoota gurmeessee gara hojiitti akka galu taasisuusaatiin midhaan dur iddoo biraatii bitamee soorataaf dhihaachaa ture amma asitti omishamee gara biraattuu fe’amuu eegaleera.

Dargaggootni dhaabbilee barnoota olaanaa gara garaarraa eebbifamanii carraa hojii dhabanii turan hedduun waan jallisiin kun asitti ijaarameef kallattumaan gurmaa’anii gara omisha sanyiiwwan gara garaatti galuudhaan fayyadamaa ta’aa jiraachuusaaniitiif ani fakkeenya.

Muuxannoo waggoota sadeen darbanitti argameen omishaafi omishtummaan misooma qonnaa jallisii Gidaaboo kun yeroo yerootti dabalaa dhufuusaatiin dargaggootni naannawichaa yeroo gabaabaa keessatti akka of danda’an taasisaa jiraachuu kan himu immoo jiraataan Ganda Gololchaa Dargaggoo Kiflee Otorooti.

Dargaggoota qofaaf osoo hintaane hawaasni naannawichaa jiru hundi erga jallisiin kun achitti eegalamee kaasee jireenya fooyya’aa keessa galuu dubbata.

Deeggarsiifi hordoffiin gama ogeeyyota qonnaatiin kennamaafii jirus yeroorraa yerootti fooyya’aa dhufuusaatiin yeroo ammaa omisha fooyya’aa ta’e argachaa jiraachuu kan himu Dargaggoo Kifleen, bara darbe omisha boqqollootiin hektaararraa kuntaala 20 hanga 25 argachaa turuusaanii kaasuudhaan barana immoo hektaaraan hanga kuntaala 30 argachuuf kan abdatu ta’uu ibsa.

Akka yaada Kifleetti; pirojektiin jallisii kun achitti ijaaramuun gaariifi jireenya hawaasaa qabatamaadhaan fooyyesse ta’us, sababoota hojiilee xixiqqoon hafaniif garuu bal’ina lafa misoomsuu qabuu misoomsaa hinjiru.

Akka durarratti nutti himameefi namni kamuu beekutti jallisii Gidaaboo kanaan lafti jallisii kanaan misoomuu danda’u hedduu bal’aa akka ta’e ture. Yeroo ammaa kanatti garuu lafti jallisii kanaan misoomaa jiru hamma danda’amuu gadi ta’uu warri aanaafi godinaas nibeeku.

Kana waan ta’eef lafa bal’aa nannawa kanatti argamu hunda jallisiidhaan misoomsuun akka danda’amuuf osoo hojiiwwan xixiqqoo hafan si’aayinaan nuu xumuranii dargaggootniifi hawaasni naannawichaa faayidaa caaluu kan argatu waan ta’eef osoo ittiyaadamee ergaa jedhu qaba.

Obbo Tukee Annaa Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Gujii Lixaa yemmuu ta’an, projektiin jallisii Gidaaboo kun naannawichatti ijaaramuusaatiin faayidaan hawaasni irraa argatu akka caalaatti dabaluuf jallisichi humna guutuun akka hojjatuuf hojii babal’inaa kan hojjatamu ta’uu ibsu.

Hanga ammaattis bal’inni lafa jallisii hidha Gidaaboo kanaan omishamaa jiruu humna hidhichi misoomsuu danda’uun gadi ta’uu kaasanii, hojiin babal’inaafi lafti dabalataa akka jallisii kanaan misoomu taasisu ittifufiinsaan kan hojjatamu ta’uus nidubbatu.

Akka ibsasaaniitti; qonna arfaasaatiin godinichatti lafa hektaara 286,594 midhaanota akaakuuwwan adda addaan misoomaa kan jiru yemmuu ta’u, kanneen keessaa boqqolloon lafa hektaara 127,988 ta’urratti misoomaa jira.

Gujiitti yeroo ammaatti horsiisee bultoonni godinasaanii nageenya isaanii eeggachaa hojii horsiisaatti dabalataan hojii qonnaas lafa babal’aarratti kilaastaraan gaggeessuun fayyadamoo ta’aa jiru.

Aanaa Abbayyaatti Horsiisee bultoonni kanaan dura horsiisa beeyladaa qofa hojjechaa turan yeroo ammaa jallisii laga Gidaabootiin boqqolloofi qamadii misoomsuun fayyadamoo ta’aa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kilaastarri boqqolloo lafa hektaara 1751 irratti dargaggoota dabalatee horsiisee bultoota 1350 ta’aniin misoomaa jira.

Daandiin Aanaa Abbayyaafi Naannoo Itoophiyaa Kibbaa walqunnamsiisu Abbayyaa Nachi Saar kiiloo meetirri 71.5 qarshii miiliyoona 326 oliin hojjatames rakkoo daandii naannawichaa furuu cinaatti walitti dhufeenyaafi misoomaan walitti hidhamuu ummattoota naannolee lamaaniitiif shoora guddaa bahachaa jira.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

 

Recommended For You