Irreecha Tulluurratti maaliif dhiiga buusu?

Dhiigi cubbuu namaafi biyyarraa dhiqee Waaqa waliin araara buusa jedhamee amanama. Waa’ee qulqulleessuu dhiigaafi aarsaa yoo kaasnu kan waan kana raawwatu Oromoo qofa miti. Amantileen addunyaa kanarra jiran kan warra Kiristaanaa keesumaa bara kakuu moofaa cubbuun isaanii akka dhiifamuuf horii aarsaa godhanii dhiiga isaa ammoo cufaa balbalaarratti dibu ture.

Kaayyoonsaa araara gaafachuudha. Bifuma walfakkaatuun amantii warra Islaamaa birattis ni jira. Fakkeenyi gaariin Ibraahim ilma isaa haala inni itti Tulluu Arafaat irratt Waaqaaf aarsaa dhiyeesse ni beekama. Kan Oromoon Tulluurratti bahee aarsaa galataa dhiyeessuufis sababa biraa hinqabu araara, dhiifamaa, abdii fuula duraa, nageenyaafi jabeenya Waaqni akka isaaf godhu gafachuuf malee. Dhiigni sun araarri Waaqaafi nama, namaafi nama, namaafi lubbu qabeeyyii gidduutti nagaafi araarri akka bu’u, biyyi, horiin akka nagaa argataniifi walhoran kadhachuuf raawwata.

Gahee dubartoonni yeroo Irreecha Tulluu qaban

Irreecha Malkaarrattis ta’e Irreecha Tulluurratti hirmaannnaan dubartootaa olaanaadha. Dubartoonni okolee, gaadii, siinqee, caaccuu, calleefi huccuu aadaan faayyoomanii jila irreechaaf tulluutti imaluun bareechanii dura deemu. Waan nyaatamuufi dhugamu kan akka marqaa, qorii, daabboo, farsoo, buqqurii fuudhanii deemu. Waan dhibaayyuuf tolu kan akka aannanii okoleetti qabatu. Dhadhaa muudaa qabatanii deemu.

Fakkeenyaaf, Tulluu Cuqqaalaa irratti Siidaan Nabii dhadhaan Muudama. Achi yommuu ga’anis buna dhaabanii, xaaxee xaaxessanii warra irreeffatuuf kennu. Yoo dubartoonni irratti hirmaatan malee kadhaan hinjiru. Isaantu dura deemee ofkalcha.

Tulluuttis isaantu dursee ba’ee bakka bunni itti dhaabbatu ykn danfu qopheessa. Isaantu waan nyaatamu bilcheessa. Kanaaf Sirna Gadaa keessattis, irreeffannaa keessattis dubartoonni bakka olaanaa qabu. Bakka dubartoonni hinjirre jilli hinhoofkalu jedhama. Dubartii irreecharraa dhorkuun aad-maleedha.

Irreechi qabeenya, umuriifi korniyaan adda nama hinbaasu. Hundumtuu gaafa irreechaa, waluma faana dhaabbatee kadhata, Waaqnillee ijuma tokkoon ilaala jedhamee amanama. Haati manaa abbaa mana ishee dhaleen xuqxi. Haati manaa abbaa manaa muuddi abbaan mana hadhamanaa isaa muuda.

Eebba yeroo irreechaa eebbifamu

Oromoon gaafa malkaa irreeffachuuf deemu akkas jedhee eebbisa

Hayyee Waaq Hayyee Waaq

Waaqa Uumaa Waaqa Uumamaa

Waaqa Burqaa Walaabuu

Waaqa Caffee Tumaa

Waaqa Jahan Hora Waaqaa

Waaqa Tulluu Saddeettan Waaqaa

Waaqa Odaa Nabee

Waaqa Shanan Gadaa Oromoo

Kan nagaan nu oolchite nagaan nubulchi

Yaa ayyaana Oromtichaa nu milkeessi!

Horri kun kan hormaataa yaa ta’u,

Waatiifi maatiin nu tiksi

Kan horrerra nu bulchi

Kan dhabe haa horu

Kan hore irra haa bulu jedhanii eebbisu.

Dhiibbaa sirna gita bittaan bakka ulfoo irratti qaqqabe

Lafa Oromoon ulfoodha jedhee Waaqa isaa itti kadhatu akkamiin humna gita bittootaan miidhaan irra gahaa akka ture qorattoonni baay’een barreessaniiru. Isaan keessaa tokko ‘Marcus, Harold’ ture.

Bifuma walfakkaatuun qorataan seenaa Dr. Birraattuu Qana’ii qorannoo isaa digirii lammaffaaf qorate keessatti dhiibbaafi jijjiirama weerara Minilikiin booda lafa ulfoo Oromoo Tuulamaa kan naannawaa Finfinneerratti qaqqabaa ture ibseera.

Irreecha Tulluu Cuqqaalaa

Tulluun Cuqqaalaa Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Liiban Cuqqaalaa, Magaalaa Adulaalaa cinaatti argama. Gaarri kun bakkeewwan Oromoon itti irreeffatu keessaa isa tokkoofi isa beekamaadha. Gaarri Cuqqaalaa gaara Oromoon irratti irreeffatu keessaa isa tokkoofi bakka seena qabeessa. Oromoon akkuma tibba birraa malkaatti irreeffatee Waaqa dukkana gannaa keessaa gara booqaa birraatti isa baase galateeffatu, arfaasaa ammoo gaara irratti ba’ee Waaqni bokkaa nagaa akka isaaf roobsuuf kadhata.

Gaarri Cuqqaalaa Tulluuwwan Saddeettan (8) Caffeen Gadaa Tuulamaa Seera ulfinaa tumteef keessaa isa tokko. Tulluun Cuqqaalaa ulfoodha. Maaliif ulfoo ta’e? Sammuu isaarra Siidaa muudaa kan ujuba Nabiifi Hora qulqulluu hora irreechaatu jira kanaaf ulfoodha. Siidaan Nabii Ujuba yaadannoo abbaa Odaa Nabeeti jedhamee amanama. Akka manguddoonni jedhanitti Siidaa tulluu Cuqqaalaarra jirutti Waggaatti yeroo lama Birraafi Arfaasaa Sirni muudaa itti gaggeeffama. Yeroo adda addaatti Siidaan sun caccabsamee akka badu taasifameera.

Tulluun Cuqqaalaa ulfoodha. Sababni, ilaala Waaqaati, Waaqatti olaana, kan itti dheesse hinxuqamu. Gubbaan isaa dhallaaduu qaba, bishaan qaba, jiidha qaba, bakka Ayyaanni Waaqaa buufate jedhamee amanama. Tulluu Cuqqaalaa Tulluuwwan saddeettan Waaqayyoo jedhamanii tumaa Gadaa qabaniifi ulfoo jedhamanii adda baafamanii kabajaan eegamaa turan kessaa isa tokko.

Tulluun kun mootii tulluu hundaati jedhamee ilaalama. Ayyaantuun Nabii jedhamu Tulluu kanarra jiraachaa ture jedhama. Bara dheeraaf achirra jiraachaa erga turee booda gaafa du’us achumatti awwaalame. Maqaan Odaa Nabee jedhu maqaa Ayyaantuu kanaa irraa mogga’e jedhama. Burqaa saala dubartii fakkaatutu tulluu kana irra jira. Gaara Cuqqaalaa gubbaa haroo gurguddaa sadiitu jira. Oromoon hora kanarratti irreeffachaa ture. Weerara gita bittaan booda humnaan fudhatanii ‘xabala’ mana amantaa Ortodoksii yoo taasisan Tulluun sun ‘gadaamii’ ta’e.

Bishaan guddaa achirra jiru ajaa’absiifachuurraa kan ka’e ummanni naannoo akkas jedha “Nabii yaa nagahee isin barbaacha bishaan gaara bahe”. Lagi haadha manaa tulluuti.

Bishaan tulluu keessaa yaa’a, tulluun burqaa jireenyaati. Bosona guddaa mukkeen akka gaattiraa, ejersa, birbirsa, heexoo, harooressa, agamsa, hameecha ….of keessaa qaba.

Dur muka tulluu Cuqqaalaa irraa muruun safuufi aadmalee ture. Erga humna Minilikiin qabamee garuu ciramee qullaa dhaabbachaa jira. Muka gaaraafi tulluurra jiru muruunis dhorkaadha. Tulluu tuquun, irra qotuun, irratti ajjeesuufi waraanuun safuudha. Keessumaa mukkeen akka Ejersaa, Birbirsaa, Harooressaa tuquun hooda. Namni tulluu tuqe korma qalee adabama. Kanaafuu ummanni Oromoo safuusaa eeggachuufi seerota Sirna Gadaa kabajuufi kabachiisuu qaba jedhu.

Irreecha Gaara Furii Dullachaa

Tulluuwwan Saddeettan Waaqayyoo jedhamanii naannoo Tuulamaatti beekaman keessaa Tulluun Furii isa tokko. Maaf Tulluu Furii jedhame gaaffii jedhuuf manguddoonni innaa deebisan, “Bakka Waaqa kadhatanii furmaata argatan waan ta’eefi” jedhu. Bakka sana dhakaa gomboobaa hulluuqqoo jedhamutu jira. Namni dhaqee waggaa waggaan isa jala hulluuqee irreeffata. Dhagaa gomboobaa sana jala hulluuquun araara namaa buusa, cubbuurraa nama qulqulleessa jedhamee amanama.

Hulluuqqoon kun kan ummamaan jiru uumaa Waaqaati. Tulluun abbaa qabaa? Eeyyee, akkuma abbaan malkaa jiru abbaan Tulluus jira. Hojiin isaas tulluu sana eeguufi gaafa irreechiifi kadhaan Waaqaa jiru dursee saaquudha. Tulluu Furii kanatti warri dur itti bulan hindhuman. Booda warra Haadha Abbayyiitu abbummaa fudhatanii gaafa Waxabajjii 2 kormaafi dullacha itti qalu.

Tulluun Furii bakka ulfoo Oromoo kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa kana bakki Hulluuqqoo jedhamuun beekamu sun ummata irraa fudhatamee buufanni raadiyoo irratti dhaabbatee jira. Ummanni gadi siqee bakkuma haftetti irreecha isaa irreeffachaa jira.

Godinaaleen Oromiyaa bakka itti Irreecha Tulluu bahan adda addaa qabu. Godina Jimmaa Tabba Qollootti kabajama. ‘’Roobii yaa Waaqayyoo, Arfaasaan rooba jaallataa” sirba Irreecha Tulluu Yeroo tulluutti bahanii kadhatan akkas jedhu. “Kan birraa ol nuuf keesse gadi nuuf deebisi, Roobi yaa Waaqayyo ansiroon facaasaa, Roobi yaa Waaqayyoo asheetan qotadhaa, roobi yaa Waaqayyoo arfaasaan eeggadhaa, roobi yaa Waaqayyoo Arfaasaan rooba jaallataa”, jedhu.

Jijjiiramaafi Ittifufiinsa Irreechaa

Weeraraan booda jaarmiyaalee Sirna Gadaa Oromoo kan ta’an kan akka iddoo irreechaa, Caffee Tumaa (lafa Oromoon seera irratti tumatuufi Waaqeffatu) harkaa fudhatamee iddoo ijaarsa bataskaanaa, gadaamii, masaraa mootummaafi wiirtuu ajaja waraanaa booda magaalaaf akka oolu taasifame. Kun kan godhamuuf akka ummanni Oromoo jila Gadaatiif walgahee aadaa isaa hinshaakalleefi dhimmoota adda addaarratti akka waliin hinmari’anneefi tokkummaa hinqabanneef itti yaadamee hojjetamaa ture.

Mootonni Shawaa gara hora kanaa deddeebi’uu yoo jalqaban, abbootii biyyaafi Qaalluu Oromoo maqaa balleessuufi akka waan mortuu ta’aniitti ummata biratti qaanessaa balaaleffachaa turan. Abbootiin amantaa Oromoo /Qaalluun/ hordoftoota ofii duratti akka saalfatan gochaa turan. Hora dhaqanii obbaafachuun suuta suutaan akka hafu godhame.

Karaa gara hora Finfinneetti geessu nicufan. Garuu, bara kam akka isa dhumaaf dhorkaman hinbeekamu. Qubannaa sana booda guutummaatti akka Oromoon hora kana bira hingeenye taasifame. Har’a horri kun amala umamaan qabu dhabee ujummoo keessa darbee tajaajila qaama dhiqachuuf oolaa jira.

Jijjiirama aadaa Waaqeffannaa Oromoorratti akka dhufuuf sababoota gumaachan keessaa warri ijoon dhiibbaa mootummaa, amantii alaa as galan, sirna kaappitaalizimii, hundaa ol weerara dhuma jaarraa 19ffaa keessa mudateedha. Loltoonni Minilik Oromoo lafa isaarraa buqqisuu qofa osoo hintaane amantiin Oromoon hordofu, bulchiinsi Oromoo, ilaalchi Oromoo Waaqaafi lafaaf qabu hundi akka waan badiitti akka ilaalamu labsan. Aadaafi sirna Waaqeffannaa Oromoo hunda ‘baa’id amilkoo’ jedhanii maqaa itti moggaasan. Dursitootaafi hordoftoota amantii ganamaa Oromoo akka hinbarsiifneefi hinbaranne dhorkan.

Amantiileen lameen Kiristaanaafi Musliimni dhiibbaa isaan aadaafi dhugeeffannaa Oromoo ganamaa irraan gahan lakkaa’amee kan bira gahamu miti. Garuu, mee waanuma xiqqoo irraa haa ilaallu. Sirna bulchiinsa Gadaa kan hundagaleessa ta’e balleessanii sirna mootii bakka buusan.

Gama warra Musliimaan Sulxaan bakka buusan. Aadaan araaraa jaarsummaan hafee ‘Shariyaan’ bakka buusan. Ulfoo keenya kan Oromoon ittiin Waaqa kadhatu kan akka Kallachaa, Caaccuu, Calleefi kkf meeshaa seexanaa ykn kaafira jedhamee akka gatamu ta’e.

Kaayyoo isaanii meeshaalee ulfoo Oromoo tuffachuu, bakka Oromoon qulqulluu jedhu xiqqeessuufi harkaa gatuun kan ofii moosisuudha. Galma ayyaantuu dirree Birbirsaa Finfinnee jiru diiganii bataskaana Goorgisii dhaaban. Harargee burqaafi tulluu Qullubbii irratti bataskaana Garbeelii dhaaban, Baalee keessa bakka dur Karra Milkii ykn dirree muudaa jedhamu masjiida Sheekanaa Huseen dhaaban.

Kaadhimamaa Doktaraa Girmaa Namarraa, Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromootti, Qorataa Seenaafi Dursaa Garee Qorannoo Seenaa

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

 

Recommended For You