Tola ooltummaa: Hojii jaalalli ummataafi biyyaa qabatamaan ittiin ibsamu

Tola ooltummaan hojii gaarummaa bilisaan kennamu, aadaa waltumsuufi walbira dhaabachuu cimsuudha. Tola ooltummaan jaalala ummataafi biyya keenyaaf qabnu hojii qabatamaan kan ittiin ibsamuudha.

Hojiin tajaajila lammummaa hanqina jiru furuun hawaasa fayyadamaa taasisa. Fedhii misoomaa ummanni barbaadu bajata mootummaan ramadu qofaan hojjetanii milkeessuun waan hindanda’amneef hojii tajaajila lammummaa hirmaannaa hawaasaan tumsuun barbaachisaadha.

Hojiin tajaajila lammummaas qabeenya, humna namaafi beekumsa gurmeessuun hojjetanii bu’aa qabatamaa biyya jijjiiruu danda’u yeroo gabaabaa keessatti fiduu danda’a.

Hojiin tajaajila lammummaa waggaa guutuu kan hojjetamu ta’us waqtii gannaa bifa addaa ta’een dargaggootaafi barattoota hirmaachisuun hojii guddaatu raawwatama.

Hojiin tajaajila lammummaa kun mana harkaqal’eeyyii ijaaruufi suphuu, dhiiga arjoomuu, biqiltuu dhaabuu, naannawa qulqulleessuu, daandii ijaaruufi bo’oo lolaa baasuu, hojiilee misoomaa gara garaa hojjechuufi tajaajiloota hawaasummaa kennuu of keessatti hammata.

Hojiin tajaajila lammummaa kun fayyadamummaa hawaas dinagdee mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf hirmaannaa qaamolee maraa gaafata.

Tola ooltummaan hojii yeroofi bakkaan daanga’u miti. Hojiin tola ooltummaa dargaggootaafi barattoota dhaabbilee barnoota olaanaa gurmeessuun daangaa ce’ee waqtii gannaa kennamaa jiru hariiroo hawaasummaa cimsuu, tajaajiloota mirkaneessuufi hojiilee misoomaa bajata mootummaa qofaan bira ga’amuu hindandeenye hojjechuun rakkoolee hedduu furuu keessatti shoora olaanaa qaba. Hojiin kun manneen barnootaa ijaaruufi suphuu, nageenya naannawaa eeguus of keessatti qabata.

Hojiin tajaajila lammummaa ganna baranaa akka Oromiyaatti mataduree “Gaarummaan Waloomaaf” jedhuun adeemsifamaa jira. Dargaggoonni humnaafi beekumsasaanii qindeessuun abbootiin qabeenyaa ammoo deggersa qarshii taasisuudhaan hojii tajaajila lammummaa kanarratti bal’inaan hirmaachaa jiru.

Akka Oromiyaatti dargaggoota miliyoona 8.5 hojii tajaajila lammummaa ganna kanaarratti hirmaachisuun hawaasa miliyoona 25 ol fayyadamoo taasisuuf hojjechaa jiru.

Hojiin tajaajila lammummaa kanaan hojjetamu qarshii biliyoona 15 olitti tilmaamama. Hojiin tajaajila lammummaa erga labsamee jijjiirama guddaa argamsiisaa jira.

Tola ooltummaan hojii lammiilee jaalala ummataafi biyyaa qabaniin raawwatamuufi aadaa waliin hojjechuu cimsuudha.

Tajaajilli tola ooltummaan hojii boqonnaa sammuu namaaf kennuufi namaafi Waaqa biratti jaalatamu waan ta’eef hirmaannaa dargaggootni, dhaabbileen mootummaafi mitmootummaa akkasumas abbootiin qabeenyaafi kutaalee hawaasaa gara garaa taasisaa jiran cimee ittifufuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 Bara 2016

Recommended For You