”Siinqee koo qabadhee hanga iddoo qaamoleen lamaan itti walwaraanaa jiraniitti deemee nagaa buusuuf qophiidha” – Haadha Siinqee Saaraa Duubee

Dubartii yeroo dhalootni aadaa ganamaa dagatee aadaa ormaa hordofaa turetti aadaafi duudhaa ofitti cichanii aadaa ofiin boonanii dhalootaaf fakkeenya ta’an, dubartii yeroo hunda uffannaafi faaya aadaa Oromootiin miidhaganii deeman, kan aadaan Arsii sukkuumee bareechee Oromoota hundaaf gumaache, fakkeenya aadaafi duudhaa, Oromoo hundaa Aadde Saaraa Duubee keessummaa Bariisaa torban kanaati.

Bariisaa: Bakka dhalootaafi haala guddina keessanii gabaabaatti utuu nuuf ibsitanii?

Aaddee Saaraa: Hayyeekaa, ani Saaraa Duubee jedhama. Iddoon dhaloota kootii immoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofaleeti. Haala guddinakoo yoo siif ibsu immoo haaluma guddina ijoollee Oromoo kamiinuu waanuma walfakkaatu waan ta’eef wanti addaa waan jiraatu natti hinfakkaatu. Haa ta’uutii garuu ijoolummaan koo akkuma ijoollee baadiyyaa Oromiyaa birootti xiqqoo ol jabaannaan jabbilee ykn waatilee tiksuu irraa kan eegalu yemmuu ta’u, achumaan akkuma umuriinkoo dabalaa dhufuun immoo gara tiksee looniitti ol guddachuudhaan maatii kootiif loon tiksaa guddadhe.

Ittaansuudhaanis akkuma umriifi qaamaanis guddachaa dhufeen gara barnoota idileetti galee barachuudhaan sadarkaa amma irra jiru kanarra ga’uu danda’eera. Barnoota koo kutaa tokkoo hanga 12ffaattis kanin baradhe achuma iddoo dhaloota kootii kan ta’e Kofaleematti jechuudha.

Bariisaa: Barnoota sadarkaa olaanaa hoo eessatti barattan? Sanaan booda hojii eessatti eegaltan?

Aadde Saaraa: Barnoota kutaa 12ffaa akkuman xumureen Kolleejjii Barsiisota Roobeetti ramadamee ogummaa barsiisummaatiin eebbifame. Isa booda barsiisummaan miindeffameen hojjechaa ture. Ogummaa barsiisummaa Kolleejjii Barsiisota Roobee irraa argadheen barsiisaa suuta suutaan immoo sadarkaa barnootaa koo guddifachuudhaan barsiisummarraa gara waajjiraalee sadarkaa aanaafi godinaatti hoogganuuf carraa argadheera.

Ogummaa barsiisummaatiin gara waggoota shaniif hojjadheera. Waliigalatti waggoota 16 keessatti waajjiraalee shan ta’an keessatti sadrkaa garaa garaatiin tajaajila kennaa tureera. Yeroo ammaa kanattis Komishiinii Turiizimii Oromiyaa keessa dalagaa jira jechuudha.

Bariisaa: Namootni hedduunis kan isin beekan damee aadaafi turiizimii kanarratti waan ta’eef akkamiin gara hojii aadaa beeksisuu kanatti dhuftan?

Aadde saaraa: Ani jalqabumarraa kaasee hojii barsiisummaa dhaabee ergan gara hojii waajjiraatti galee kaasee ogummaadhaanis hoggansaanis kan keessa dalagaa ture irra jireessaan waajjiraalee aadaafi turiizimiiti. Hunda caalaa immoo akka aadaa ummata Oromoo kanan keessatti dhaladhee (Arsii) akkan sirritti beekuuf kan nagargaare hawaasaafi maatiin keessatti guddadheedha.

Hawaasni Oromoo naannawa ani keessatti dhaladhee guddadhee kun aadaafi duudhaa gabbataa ta’e kan qabu qofaa osoo hintaane, yeroo ijoolleesaa guddisus aadaafi duudhaa kana sirritti baranii akka guddataniifi iddoo deeman hundatti akka barsiisuu danda’anittiidha. Anis aadaafi duudhaa hawaasan keessati guddadhee sirritti waanan jaaladhuufi hordofuuf damee aadaatiin beekumsa hamma tokko horachuu danda’eera jechuun ni danda’ama.

Haata’uu malee beekumsa ani har’a damee aadaa irratti horadhe kana ana caalaa kan itti galateeffamuu qabaniifi beekkamtiis argachuu qaban maatii aadaa kanaan na kunuunsanii na guddisaniifi hawaasa ani aadaa kanaan keessatti guddadhe hawaasa bal’aa Arsiiti.

Bariisaa: Isin haadha siinqees waan taataniif dubartiin takka haala kamiin Haadha Siinqee ta’uu dandeessi?

Aadde Saaraa: Maalummaa haadha siinqee ilaaluun duratti maalummaa siinqeedhaa sirritti baruun barbaachisaa natti fakkata. Dhimmi siinqeefi haadha siinqee kun iddoo hedduutti hanqina hubannoo irraa kan madde yeroo namootni irratti walmorman waanan arguuf gaaffii kana naaf kaasuu keetiif hedduun si galateefadha.

Gara gaaffii ati nagaafatteetti yoo siif deebi’u, siinqeen ulee qal’oo gubbaafi jalaas qara hinqabneefi doomaa taateedha. Uleen qal’oon mallattoo dubartii taate tun immoo hiikkoofi hojii hedduu kan qabdu yemmuu taatu, siinqeen ulee gaafa dubartiin qanafaa hin hiikkanne yoo dhaanamte mirgi ishii ittiin gaafatamu, kan gaafa walitti bu’iinsi namoota dhuunfaa gidduttis ta’ee gareewwan garaa garaa giddutti uumame dubartiin ililfattee walitti bu’iinsa sana ittiin dhaabduufi nageenya ittiin mirkaneessitu ulee kabajamtuu Sirna Gadaa keessatti kabajni dubartootaa itti mirkanaa’eedha siinqeen.

Maalummaa siinqee hanga kana yoo siif ibse, dubartiin takka yoom haadha siinqee taati ykn yoomirraa eegaltee siinqee qabachuu dandeessi gara gaaffii jedhuutti siif deebi’a. Ammas aadaan ani armaan gaditti siif ibsu kun akka Arsii ykn Sikkoofi Mandoo ani keessatti guddadheetti akka ta’e naaf hubatamuu qaba. Maaliif yoo jette akkuma bal’ina Oromoofi Oromiyaatti garaa garummaan xixiqqoon aadaalee garaa garaatiin wal qabatan waan jiraniifi.

Kanaaf akka aadaa ani keessatti guddadhe aadaa Arsiitti dubartiin takka siinqee qabachuu kan eegaltu gaafa heerumtee mana ormaa dhaqxe irraa kaafteeti. Dubartiin takka gaafa heerumtu wantoota gaafa cidhaa sana intala heerumtuuf kennaman keessaa inni tokko siinqeedha.

Siinqee intalti ittiin heerumtu kana immoo kan mukeen naannawa sana jiran keessaa filatee kan muru abbaa intalaati. Siinqee abbaan intalaa muree manatti gale sana immoo kan dhadhaa sirritti dibee qaqsuudhaan gurraacheessee bareechu haadha intalaati.

Kanaaf gaafa intalattiin heerumtu haati intalaa gurbaa intalattii fuudhuun “Hoodhu baarree, hoodhu barsee” jettee siinqeefi boraatii intalaa itti kenniti. Kana jechuun meeshaa ishii barbaachisuufi yaboo intalaas sitti kennee jiraa, intalattiin biyya hinbeekne deemaa jirti waan ta’eef waadaan sitti kennameera hiika jedhu qaba.

Siinqeen intala heerumtutti kallatiidhaan kan itti hinkennameef immoo intalattiin hanga gaafa galgala mana gurbaa fuudhuutti durbummaan irraa fudhatamutti durba duudaa waan taateefi. Akka aadaa Oromootti immoo durbi duudaan siinqee qabachuu hindandeessu waan ta’eef, bariisaa gaafa heerumtee sana loon handhuuraa ishiif maatiin erganiif sana waliin siinqee sana fudhattii jechuudha. Kanaaf gaafa durbummaan ishii irraa fudhatamee durbarraa gara dubartiitti geeddaramte sanarraa kaasee akka barbaachisummaa isaatti siinqee qabachuu dandeessi.

Bariisaa: Dubartiin siinqee yeroo akkamii qabatti?

Aadde Saaraa: Akkuma durarratti siif kaasuudhaaf yaaletti siinqeen gaafa dubartiin takka osoo qanafaan morma ishii irraa hinbu’in abbaa warraatiin dhaanamte, gaafa lolli ykn walitti bu’iinsi namoota akkasumas gareewwan garaa garaa giddutti uumamu dubartiin ililfattee siinqee qabachuudhaan yemmuu gidduu waraanaa sana seente waraanni battalumatti dhaabbata.

Asirratti siinqeen kan qabatamee bahamu gaafa namaafi namaa giddutti lolli uumame qofaa osoo hintaane, gaafa waaqni dhala namaatti dallanee roobni dhabame, gaafa immoo roobni hamaan bubbeefi cabbiin walmakee roobus dubartiin siinqee qabattee bahuudhaan Waaqni dhala namaatti akka araaramuuf Waaqa kadhatu.

“Rooba sa’aa tolu, rooba namaa tolu nuuf roobi “jechuudhaan roobni hamaan dallansuu Waaqaatiin dhufe sun akka dhaabbatuuf siinqee qabatanii bahuudhaan ililchanii Waaqa ittiin kadhatu. Kanaaf siinqeen kan araarri dhala namaa gidduUtti ittiin bu’u qofaa osoo hintaane, kan araarri namaafi Waaqa gidduttis akka bu’uuf dhimma itti bahamuudha jechuun ni danda’ama.

Bariisaa: Erga siinqeen araara buusuu keessatti gahee kana hunda qabaatee rakkoo nageenyaa yeroo ammaa akka Oromiyaattis ta’ee biyyaatti jiru furuuf hangam dhimma itti bahamaa jira jettanii yaaddu?

Aadde Saaraa: Sababni rakkoon hangana gahu kun ittiin dhalateeyyuu bara kana kabajni namni siinqeefi haadha siinqeetiifis qabu akka isa duraa sana ta’uu dhabuusaati. Haata’uu malee yeroo garaa garaatti haadholiin siinqee sadarkaa Oromiyaattis ta’ee akka biyyaatti rakkooleen rakkoo nageenyaatiif sababa ta’aa jiran kun karaa waraanaatiin osoo hintaane, karaa marii qofaadhaan furmaata akka argataniif waamicha dhiheessaa turaniiru.

Ammas taanaan hanga rakkoon nageenyaa kun hinfuramnetti waamichi araaraafi nageenya buusuudhaaf taasifamu kun dhimma nuffamuu qabuu miti. “Reeffa firaa kudhan gara galchan” akkuma jedhamu sana warri wal waraanaa jiru kun ilmaanuma haadhaafi abbaa takkaati waan ta’eef waamicha araaraa kana dhaabuudhaaf garaanis qalbiinis nama hindandeessisu.

Keessattuu rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessatti ilmaanuma Oromoo lamaan giddutti uumameen gatiin ummatni Oromoo kaffalaa jiru kun olaanaa waan ta’eef qaamoleen gamaafi gamasis jiran dhimma kanarratti miira wal amanuutiin osoo gara araaraatti dhufanii waan baay’ee nama gammachiisuudha. Hojii rakkoon nageenyaa kun furamee Oromiyaan gara nageenyaatti akka deebituuf hojjatamu kana keessatti dubartootni shoora guddaa akka qaban dagatamuu hinqabu.

Jarri bitaafi mirgaanis wal waraanaa jiran ilmaanuma haadha siinqee Oromooti. Akka yaada dhuunfaa kootti yoo nagaafatte hanga bakka qaamootni lamaan kunniin itti wal waraanaa jiraniittis deemee siinqee kootiin ililfadhee obboloota lamaan gidduutti araarri akka bu’u taasisuudhaafis qophiidha.

Maaliif yoo jette warra wal waranaa jiru kanatu gudeeda abbootii Gadaa Oromoofi garaa haadholee siinqee keessaa bahe. Obboleewwantu walitti dhukaasaa jira waan ta’eef hanga iddoo waraanaa sanatti deemee araarri qaamota kana giddutti akka bu’u waan narraa eeggamu bahachuudhaaf wanti na sodaachisu hinjiru. Sababnisaas obbolaawwan gamasii gamana taa’anii walitti dhukaasan lachuu safuufi safeeffannaa Oromoo, kabaja dubartiifi siinqee kan beekan waan taateef, garaa jabaatanii siinqee haadholii kanarra ce’anii walitti dhukaasu amantaa jedhu waan hinqabneefi.

Waanti waakkatamuu hinqabne garuu mootummaan akka biyyattis ta’ee akka Oromiyaatti rakkoon warra hidhatee bosona jiru waliin qaban bifa marii qofaan akka hiikkamu waamicha dhiheessaa jiraachuusaa yeroo adda addaatti dhagahamaa kan jiruudha. Kanaaf warri kuunis karaa walakkaa as bahanii waamicha nageenyaa kana akka fudhataniifi miira walamanamummaa qabuun walwaraansi kun dhaabbatee rakkoon jiru kun karaa mariitiin qofa akka furamuuf haadholiin siinqee hundi iddoo jiranitti qaamota lamaanirratti dhiibbaa taasisuu qabu.

Bariisaa: Kanumaan kan walqabatu yeroo ammaa mariin biyyaaleessaas gaggeeffamuuf jedha waan ta’eef hirmaannaan dubartootaa as keessatti akkamitti ibsama?

Aadde Saaraa: Kun waan hedduu barbaachisaa ta’eefi aadaa Oromoo keessattis iddoo guddaa qabuudha. Akka sirna aadaa Oromootti wal dhabdee obboleewwanii dhiisii waldhabdeen qaama diinaa waliin jiraatus dursi kan kennamu rakkoo sana mariifi araaraan furuudha. Kana waan ta’eef mariin dhimma biyyaa irratti lammiilee biyyattii mariisisuu kun ajandaa barbaachisaafi yeroo murteessaa ta’etti dhufeedha yaada jedhu qaba.

Waggoota muraasa kana keessaa keessattuu gama bulchiinsa Naannoo Oromiyaatiin gama duudhaa ganamaatti deebi’uudhaaf tarkaanfiiwwan jajjaboon yemmuu fudhataman ni argina. Kana keessaa ajandaan marii biyyaaleessaa kunis tarkaanfilee gara duudhaa ganamaatti deebi’uudhaaf fudhatamaa jiran keessaa akka isa tokkotti kan fudhatamu waan ta’eef, ajandaaleen walii galteen irratti uumamuu qabu adda bahee akka dhihaatu taasisuudhaan rakkoon nageenya iddoowwan adda addaatti mul’achaa jiru kun akka hir’atuufis qooda guddaa kan qabu waan ta’eef dubartootni iddoo jiran hundatti hirmaannaa barbaachisaa ta’e taasisuu qabu.

Hirmaannaan dubartootaa kan hundaa caaluutu irraa eeggama. Maaliif yoo jette gaafa rakkoon walitti bu’iinsaafi buqqaatii dhufu kan akka dubartootaafi daa’immaniitti miidhamu hinjiru waan ta’eefi rakkooleen akkasii akka hinuumamne taasisuudhaaf hojiiwwan akka marii biyyaaleessaa kana keessatti dubartootni hirmaannaa gaarii taasisuu qabu.

Akkuma duratti siin jedhe immoo ajandaan marii biyyaaleessaa jedhu kun mataansaatii duudhaa Oromoon rakkoolee uumamuu malaniif furmaata marii qofaan fiduuf taasisurraa kan maddu waan ta’eef akka dhimma salphaatti kan ilaallamu osoo hintaane, sirnaan yoo itti fayyadamuun danda’ame rakkoowwan akka biyyaatti madda jeequmsaafi waldhabdee ta’aa jiran kanneen furuu kan danda’uudha amantaa jedhu qaba.

Bariisaa: Yeroo ammaa kana akka biyyatti eeggatummarraa gara omishummaafi gargaarsa jalaa bahutti ajandaa ka’aa jiru kun gama aadaa Oromoo keessatti akkamitti ilaallama laata?

Aadde Saaraa: Jalqabumaayyuu wanti kadhannaa biyyoota alaatiif nu saaxileeyyuu duudhaa ganamaa irraa maquu keenya fudhachuun dhimma jalqabarratti jala sararamuu qabuudha. Osoo duudhaa ganamaa keessaa bahuu baannee kadhaa qamadiitiif harka nama jala hinqabannu ture. Sababnisaa Oromoon aadaafi duudhaa qusannaa bareedaa ta’eef gaafa namni tokko sababa gara garaatiin rakkoon adda addaa irra gahe immoo aadaa ittiin birmatuuf kan qabu waan ta’eef.

Duudhaalee Oromoon namni tokko akka dinagdeedhaan of danda’uuf itti fayyadamaa ture keessaa inni tokko handhuuraadha. Handhuuraa jechuun jabbii (waatilee) ykn loon gaafa ilmi (intalli) dhalatu ykn dhalattu kennamuufiidha. Handhuuraan gaafa daa’imni tokko dhalatu kennameef sun hanga daa’imni sun guddatee itti fayyadamuu eegaltuutti jalaa hingurguramtu, nama biraatiifis dabarfamtee hinkennamtu.

Loon handhuuraa gaafa namni tokko daa’ima turetti kennameef sun immoo hanga namni sun guddatee ofiin of bulchuu eegaluutti isumaaf kan hortu waan ta’eef gaafa mana ijaarratee jireenya ofii eegaletti kadhaadhaaf nama ormaa dhiisii maatii isaatuu harka jala hinqabu. Kanaaf aadaa qusannaafi hormaataa kanneentu nujalaa badetu akka nama dhuunfaattis ta’e biyyaatti kadhaaf nu saaxile yaada jedhun qaba.

Kana waan ta’eef waggoottan shanan kana keessatti tattaaffii mootummaan omishaafi omishtummaa biyya keessaa dabaluudhaan hirkattummaa gargaarsa alaa jalaa bahuuf taasisaa jiru kana osoon hinjajiin darbuun gaarii hin ta’u.

Akkuma ati jette immoo yeroo ammaa kanatti guutummatti eeggattummaa alaa jalaa bahuun gara waan hundaan of danda’uutti adeemsi eegalames waan jajjabeeffamuu qabuudha. Naanna’ee naanna’ee rakkoon eeggattummaafi kadhaa gargaarsa alaa kunis aadaafi duudhaa ganamaa dagachurraa kan maddu akka ta’e amananii gama hundaan adeemsa gara duudhaa ganamaatti deebi’uuf taasifamu kana cimsuun dhimma filannoo hinqabne akka ta’ettin ilaala.

Namni ofii gaafa rakkataasaa sababa wayiitiin gargaarsaaf saaxilame gargaaru, akka inni inni of danda’ee jiraachuu danda’utti. Alagaan garuu gaafa si gargaaru akka ati yeroo biraattis deebitee isa kadhattutti. Gaafa deddeebitee isa kadhattu immoo “Kanan siif kennaa atis sana dhiisi” ykn immoo waan xiqqaa siif kennee waan guddaa sidhabsiisuu barbaada.

Bariisaa: Ani gama kootiin xumuree yaadni hafe jettan yoo jiraate itti nuuf dabalaa?

Aaddee Saaraa: “Dubbiin baay’ateef harretti hinfe’an” jedha Oromoon. Waan hedduu dubbanneerra. Har’a qofaas osoo hintaane keessattuu dhimmii rakkoolee nageenyaa kana furuufi Oromiyaas ta’ee biyya tasgabbeessuu kun ammas xiyyeeffannoo addaatiin osoo ilaallamee baay’ee gaariidha yaaduma jedhu qofaa dabaluu barbaada.

Bariisaa: Yeroo nuuf kennitaniif galatooma!

Aadde Saaraa: Isinis baay’ee galatoomaa!

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 Bara 2016

Recommended For You