Bara 2014tti akka biyyaatti biqiltuuwwan biiliyoona shan dhaabuuf karoorfamee karooraan ol biiliyoona 5.9 kan ta’u dhabuun danda’ameera. Bara ittaanus akka biyyaatti biqiltuuwwan biiliyoona ja’a ta’u kan dhaabaman yoo ta’u, fakkeenyummaan sagantaa ashaaraa magarisaa kun biyyoota ollaattis akka babal’atuuf yaadamee biyyoota ollaattis biqiltuuwwan biiliyoona tokko ta’an akka dhaabaman taasifameera.
Duula biqiltuu dhaabuu baroota darbaniirraa barnoota argame keessaa tokko biqiltuu dhaabuu qofa osoo hinta’iin gama kunuunsuutiniis fooyya’insi guddaan argamaa kan jiru yemmuu ta’u, bara jalqabaa biqiltuuwwan akka biyyaatti dhaabaman keessaa kan qabatan dhibbantaa 65-72 hincaalu ture. Bara darbe keessa ammo hammi qabachuu biqiltoota sagantaa ashaara magarisaan dhaabamanii gara dhibbantaa 87tti guddateera.
Jijjiirama hamma qabachuu biqiltootaa kanaaf kan gumaache immoo beekumsiifi muuxannoon hawaasni dhaabbiifi kunuunsa biqiltuurratti qabu dabalaa dhufuusaatiin akka ta’es shakkii hinqabu.
Keessattuu faalamafi jijjiirama qilleensaa biyyattii mudachaa jiru furuudhaaf shoora olaanaa taphachaa kan jiru sagantaan ashaaraa magarisaa kun, biqiltuun biiliyoona tokko biyyoota ollaaf bara darbe kennaman immoo qaama hariiroo dippiloomasii biyyattii akka ta’es himamee ture. Haa ta’uu malee kennaan biqiltuu kunis gaaffii biyyootni olla dhiheessan irraa ka’amee kan raawwatame akka tures himamuunsa kan yaadatamuudha.
Duula biqiltuu dhaabuu biyyoota oollaa keessatti babal’isuun dhiibbaa jijjiirama qilleensaa addunyaa yaaddessuuf fala ta’uu danda’a ilaalcha jedhun akka ta’es Ministeerri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad himuunsaanii ni yaadatama.
Biqiltuuwwan heddumminaan qopheessuu qofaa osoo hinta’iin kanneen qophaa’an kunniin haala qilleensa biyyattii waliin kan adeeman ta’uusaaaniis adda baasuun barbaachisaadha.
Halli qilleensaafi waqtiin gannaa Itoophiyaa keessa jiru gargar ta’uu isaarraa kan ka’e kutaalee Kibba biyyattii keessatti duulli biqiltuu dhaabuu kun dursee eegalama.
Ashaaraan magariisaa jijjiirama qilleensaa qolachuun cinatti wabii nyaataa mirkaneessa akka jiru Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimmallis Abdiisaa ni ibsu.
Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaa eegalchiisuu irratti haasaa kan taasisan Obbo Shimmallis, Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa qormaata idil-addunyaa ta’e qolachuu keessatti gahee irraa eegamu bahachuuf sochii fakkeenyummaa guddaa qabu taasisaa jirti. Keessumattuu waggoota shanan darban keessatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa hojiirra oolchuun biqiltuuwwan biiliyoona 32 ol dhaabamuu ibsaniiru.
Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggoota shanan darban keessa akka biyyaatti dhaabaman keessaa gaheen naannoo Oromiyaa adda durummaan kan ibsamudha. Biqiltuuwwan gosa adda addaa akka biyyaatti biiliyoona 32 ol dhaabaman keessaas biqiltuuwwan gosa garagaraa faayidaa bosonaa, nyaataafi miidhaginaaf oolan biiliyoona 18.3 ol naannichatti dhaabuus eeraniiru.
Baranas akka naannichaatti biqiltuuwwan biiliyoona 5.5 dhaabuuf qophaa’an keessaas akka naannichaatti biqiltuuwwan biiliyoona 4.9 lafa heektaa miliyoona 1.2 ol irratti dhaabuuf qophiin duraa xumurameera. Godinaaleefi magaalota Oromiyaa hunda keessatti boolli biqiltuu dursee qophaa’ee yeroo ammaa duulli biqiltuu dhaabuu adeemsifamaa jira. Biqiltuuwwan dhaabaman kunniin faayidaa bosonaa, nyaata namaafi nyaata horii, miidhaginaafi faayidaalee biraaf kanneen gargaaran ta’uus eeraniiru.
Sagantaan dhaabbii biqiltuu ganna kanaa akka naannoo Oromiyaatti Roobii darbe Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Laaloo Qilee, Ganda Amaara Kuuchilootti jalqabameera. Sirna jalqabsiisa dhaabbii biqiltuu kanarratti hoggantoonni mootummaa olaanaa federaalaa, naannoo, godinaa, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeefi jiraattonni godinichaa argamaniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 Bara 2016