Faawundeeshinii Artisti Alii Birraa: Kaayyoofi mul’ata artistichaa milkeessuuf hundeeffame

Faawundeeshiniin Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa dilbata darbe (Waxabajjii 16 bara 2016) Finfinnee Hoteela Iskaayilaayitiitti bakka aanga’oonni mootummaa olaanaa naannoo Oromiyaafi federaalaa, maatiin artistichaa, Abbootii Gadaa, Haadholiin Siinqee, abbootii qabeenyaa, artistootaafi keessummooni garagaraa argamanitti ifatti hundeeffameera.

Walitti Qabduu Boordii Faawundeeshinichaa haadha warraa Artisti Alii Birraa Iliillii Marqoos Birraa gamasaaniin, Artisti Alii Birraa wayita lubbuun tureetti kaayyoofi mul’ata hedduu kan qabu ta’uu eeranii, faawundeeshinichi mul’atasaa milkeessuuf kan hundeeffame ta’uu himu.

Aliin dhimmoota barnoota, seenaa, aadaa, misoomaafi jaalala biyyaa sirbaan faarsaa ture, gochaan hojiirra oolchuun mul’atasaa akka ture yaadachiisanii, faawundeeshinichi barnoota, fayyaa, deggersa namoomaafi aartiirratti ciminaan akka hojjatu dubbataniiru. Kana dhugoomsuuf aniifi isin ummatni Itoophiyaa gahee olaanaa qabna jechuun dhaamanii, milkaa’ina hundeeffama faawundeeshinichaaf ummatni, mootummaan Oromiyaafi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa deggersa taasisaniif galateeffataniiru.

Faawundeeshiniin Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa kaayyoofi mul’ata artistichaa milkeessuuf kan kaayyeffate waan ta’eef hundinuu deggeruufi gargaaruu akka qabu kan dhaaman ammoo Ministira Misooma Manneenii Aadde Caaltuu Saaniidha.

Aadde Caaltuun haasaa sagantaa hundeeffama faawudeeshinichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, hojii Artisti Alii Birraa keessumaa gama aadaafi seenaan hojjetee darbe yoomuu hindagatamu. Faawundeeshinichis hojiisaafi mul’atasaa milkeessuuf kan hundaa’e waan ta’eef deggeramuu qabu jedhan.

Adeeroon abbaa jaalalaa, qabsaawaa, sabboonaa, keessumaa sabasaatiif bara rakkoo, dhiphinaa, bara Afaan Oromoon raadiyoo cabsa jedhame sanatti afaanicha dagaagsuun, babal’isuun, ittiin sirbuun Oromoon har’a bakka kana akka gahuuf gaheesaa olaanaa bahateera jedhan.

Kana malees bilisummaan jalqabaa barnoota barachuudha, ummatni barate mirgasaaf falma jechuun sirbasaa “A B jennee kaanaa, kanumaan jalqabnaa, afaanuma keenyaan katabnee dubbisnaa” jechuun kaka’umsa ummatasaa keessatti uumuun dhaloota har’aaf dhagaa bu’uraa kaa’era jechuun hojiisaa ibsaniiru.

Artisti Alii Birraa Adeeroon artistii qofaadha jechuun na rakkisa kan jedhan Aadde Caaltuun, mataduree inni kaasee bifa sirbaatiin dhiyeessu fkn waa’ee biyyaa, jaalalaa, sabboonummaa, barnootaa, siyaasaa, misoomaa, tokkummaa, bilisummaan inni kaase artisti qofa isa hinjechisiisu jechuun dubbatu.

Guyyaa hundeeffama Faawundeeshinii Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa kanarratti kanneen argaman, milkaa’ina hundeeffama faawundeeshinichaaf warreen tattaafatan, bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa, hiriyootasaafi ummata Itoophiyaa hunda galateeffatanii, ammas milkaa’inasaaf hundinuu deggeruu akka qabu hubachiisaniiru.

Adeeroon Alii Birraa lubbuun hamma jirutti hojii gaggaarii dhalootaa dhalootaatti darbu hojjetee darbuu yaadachiisanii, namni hundinuu fakkeenyasaa fudhatee hanga lubbuun jirutti hojii sabasaafi ummatasaa gargaaru hojjetee darbuu akka qabu dhaamaniiru.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii Obbo Juneeydii Saaddoo gamasaaniin waa’ee Artisti Alii Birraa wayita dubbatan, “Alii Birraa sirboota sirbuun quuqama sabasaa, hacuuccaa ummatasaa wayita sirbaa turetti gidiraan addaddaa irra gahaa tureera. Gidiraa kana jalaa ba’uufis biyya ambaatti baqachuun waggoota 24 oliif achi tureera. Ergasii wayita ani Pirezidaantummaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa tajaajila turetti haala mijeessuun gara biyyaatti akka deebi’u gooneerra. Ergasiis hojii babbareedaafi ergaa ciccimoo qabuun ummatasaa bira gahaa tureera” jedhu.

Alii Birraa dhukkubsatee yaalamaa turee eyyama Rabbiitiin boqotullee, hojii kaayyoofi mul’atni inni qabu akka hinbadneef faawundeeshiniin kun hundeeffamuusaatti baay’ee gammaduu kaasanii, milkaa’ina kaayyoo faawundeeshinichaaf ummanni Oromoo hundi gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.

Artisti Andu’aalam Gosaa gamasaatiin, Alii Birraan fakkeenya artistoota Oromoo hundumaati jedhee,” Aliin akka aartiitti mana barumsaa keenya, akka jiruufi jireenya hawaasaafi siyaasa waan Oromoon keessa jiruufimmoo abbaa furmaataa ture” jedha.

Faawundeeshiniin kun kaayyoo hundaa’eef galma akka gahuuf artistootarraa waan hedduutu eegama kan jedhu artistiin kun, inni jalqabaa Alii Birraa hubachuudha, isa hubannaan hojiisaa ittifufsiifna jechuun dubbata. Jaallattoonniifi dinqisiifattoonni Alii Birraa biyya alaafi keessa jiranis kaayyoofi mul’atasaa karaa faawundeeshinichaa milkeessuuf gahee isaanirraa eegamu bahachuu akka qaban yaadachiiseera.

Sagantaa Hundeeffama Faawundeeshiniin Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa irratti hoggantoonni mootummaa federaalaa, naannooleefi magaalaa, akkasumas haati warraasaa Aadde Ilillii Maarqoos Birraa waliin ta’uun Asxaan Faawundeeshinichaa kan ifoomsan yoo ta’u, dabalataan faaruufi sirboonni Artisti Alii Birraa leellisan daa’immaniifi artistoota garagaraan dhiyaataniiru.

Walumaagalatti, faawundeeshiniin kun kaayyoofi mul’ata Artisti Alii Birraa dhugoomsuuf hundeeffamus, hojii inni barnoota, fayyaa, hawaasummaa, tola ooltummaafi kanneen kana fakkaatan hojjetuun ummanni bakka addaddaatti argaman irraa fayyadamoo waan ta’aniif qaamolee hundumaan deggeramuu qaba jenna.

Wayinisheet Kaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 Bara 2016

Recommended For You