Dhaabbiin biqiltuu har’aa gaaddisa dhaloota boriiti

Dachee akka mataa rifeensi irraa dhumee molatee biqiltuun irraa godaanee deebisanii misoomsuun dirqama dhaloota har’aati. Yoo hojjetanii caalan malee dhaloota kaleessaa ceepha’uu qofti jijjiirama yaadame mirkaneessuu hin danda’u. Ceephoon irraa barachuuf yoo ta’e malee misooma egeree yookiin waan kaleessa bade har’a jiraataa hin taasisu.

Kanumaaf Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad dhalootni ceepha’amaa xiiqeffatee hojjete bor galateeffamuunsaa hin oolu kan jedhaniif. Itoophiyaan waggoota shanan darban yoo xiqqaate biqiltuu biliyoona 25 ta’uu dhaabuun dhiibbaa jijjiirama qilleensaa maqsuu qofa osoo hin taane dachee gaaddisa nama boqochiisu dhaloota ittaanu dhaalchisuun hojjetaa jiraachuu kan himaniif.

Oromiyaan dachee jiituu jedhamtus waggoota muraasaa as, keessattuu naannawa Booranaa, Baalee, Gujii, Arsiifi Hararfaatti jijjiirama haala qilleensaan doorsisni ongeefi gogiinsaa mudachuu eegaleera. Waggoota lama dura ongeen Boorana mudate lubbuu beeyilada kumaatamaa waan galaafateef taatee akka salphaatti ilaalamu hin turre. Taatee rifaasisaa akkasii kan maqsuuf mootummaan gama tokkoon haroo bishaanii qopheessuu, furmaata waaraaf ammoo dhaabbii biqiltuurratti fuuleffatee hojjechuu erga eegalee bubbuleera. Nutis Sochii mootummaan naannoo Oromiyaa taasisaa jiru Gaazeexaa Kallacho Oromiyaarraa haala armaan gadiittiin dhiyeessineerra.

Sirna jalqabsiisa sagantaa kanaarratti Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa akkasumas hoggantoonni olaanoo federaalaa, naannoo, godinaafi aanaalee godinichaa akkasumas Abbootiin Gadaa, Abbootiin Amantaa, jaarsoliin biyyaa, jiraattonni aanaalee godinichaa hedduun argamaniiru.

Mootummaan Badhaadhinaa waggoota darban keessatti qormaatilee hedduu keessa taa’uun jiruuf jireenya ummataa jijjiiruuf hojiilee gurguddaa hojjechaa tureen jiruufi jireenya ummata keenyaa jijjiiruun akka danda’amu agarsiifnee jirra jedhan.

Hawaasniifi bulchiinsi Godina Qellem Wallaggaa rakkoo nageenya hamaa keessa taa’uun hojiiwwan bu’aa qabeessa hojjechaa jiruuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata guddaa qaba jedhaniiru.

Godinichi godina pootenshaala guddaa qabu waan ta’eef carraa kanatti fayyadamuun guddina fiduu qabna, kanaafis aarsaa barbachisu kaffaluun abdiin amma eegalame kun akka itti fufu taasisuun godina fakkeenya badhaadhinaa taate gochuuf ni hojjannas jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaafi mootummaan federaalaa rakkoon hawaas-dinagdee uummataa akka hiikamu qabeenya uumamaa lafarraafi lafa jala jiru hojiirra oolchuun Godina Qellem Wallaggaa kooridarii daldalaa taasisuuf bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii, dirree xiyyaaraafi kan biroo irratti xiyyeeffachuun hojjachaa jira jechuunis dubbataniiru.

Baroota darban qormaatilee turaniif akka barbaanne deemuu hanqannus amma qormaata kana injifachuun jiruuf jireenya ummata keenyaa jijjiiruu qabna kan jedhan Obbo Shimallis, qabsoon kanaa boodaa qabsoo dinagdeeti. Qaamni kanaan booda Oromiyaa gabroonfachuu danda’u tokkollee hin jiru; kanas kan arganne qabsoofneeti waan ta’eef injifannoo arganne kana jabaannee tikfachuu qabna jedhaniiru.

Sirna jabaa ijaaruuf harka walqabannee hojjechuu qabna kan jedhan Pirezidaanti Shimallis, dhaloonni har’aa aadaafi duudhaa ganamaatti deebi’uun biqiltuu dhaabuun dhaloota dhufuuf hirkoo ta’aa jira jechuun dubbataniiru.

Hoogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu qabeenya uumamaaf kunuunsa barbaachisu taasisuu dhabuu irraa kan ka’e jijjiiramni qilleensaa addunyaa muudachaa jira; uwwisni bosonaas baay’ee gadi bu’aa jira. Biyya keenyattis uwwisni bosonaa dhibbantaa 40 (%) irraa gara dhibbantaa 3 (%)tti gadi bu’uu eeruun, kunis hawaasa biyya keenyaa rakkoo gogiinsaa, lolaafi kan biroof saaxiluu himan.

Inisheetiiviin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa dhaabbii biqiltuu Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad labsamuun waggoota shanan darban waggaa waggaan giddugaleessaan ummata miiliyoona 13 hirmaachisuun biqiltuu biliyoona 18.3 dhaabuun danda’ameeras jedhan Obbo Geetuun. Yeroo ammaas Naannoo Oromiyaatti uwwisni bosonaa harka 17 irra ture hanga bara 2013 tti gara %26.6 tti kan guddate ta’uu himanii, hojii hojjetamaa jiruun yeroo ammaa %28 ni gala jedhamee yaadamas jedhan. Hojii waggoota darban keessa hojjetameen lafti miidhame dandamachaa, oomishtummaan lafa keenyaas dabalaa jira. Hojii ashaaraa magariisaa irraas carraan hojiin bal’aan uumamaa jiraachuu bira darbee wabii nyaataa mirkaneessuu keessattis gumaacha olaanaa taasisaa jira jechuun dubbatan.

Biqiloota bara kana dhaabbatan biliyoona 4.9 keessaa %60 tajaajila nyaataaf keessumattuu muduraa akkasumas biqiloota nyaata horiif oolu kan hammate yoo ta’u %40 ammoo biqiltuu bosonaaf kan oolu ta’uus himaniiru.

Bulchaan Godina Qellem Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa gamasaaniin guyyaan har’aa guyyaa seenaa qabeessadha. Godinni Qellem Wallagggaa waggooga 4 darban rakkoo nageenya keessa turuu isheetiin ummanni godinichaa rakkoo hedduuf saaxilamee ture jedhan. Hoggansi godinichaafi ummannis aarsaa kaffaluun harka tokkoon misooma harka biraan nageenya waaressuuf hojjechaa tureera jedhan.

Milkaa’ina sagantaa Ashaaraa magariisaa akka Naannoo Oromiyaatti argame keessatti Godinni Qellem Wallaggaa biqiltuu miliyoona 900 ol dhaabuun uwwisa bosinaa %20 irra ture gara %26.1 tti ol guddisuun danda’ameeras jedhaniiru.

Godinichatti dhaabbii bara kanaatiinis biqiltuu mil. 309 dhaabuuf kan karoorfame yoo ta’u kana keessaas %12 nyaataaf kan oolaniidha. Jiraattonni Godinichaas kallattii mootummaan uwwisa biqiltuu naannoo keenyaa guddisuuf kaa’amee hojjetamaa jiru hojiirra oolchaa jiraachuus dubbataniiru.

Waggoota shanan darban keessatti biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin akka biyyaatti biqiltuu biliyoona 32 ol dhaabbate keessaa dhibbantaan 56 (%) Naannoo Oromiyaatti kan dhaabbateedha.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 Bara 2016

Recommended For You