Dargaggoonni odeeffannoo sobaa tamsa’uun burjaaja’uu utuu hintaane dhugaa jiru addabaafachuurratti xiyyeeffachuu qabu

Wirtuun Leenjii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaafi Bulchiinsi Magaalaa Shaggar wajjin ta’uun leenjii mataduree, ‘Kominikeeshinii bu’aqabeessa tajaajila si’ataaf’ jedhuun qophaa’e kominikeetarootaafi ogeessota miidiyaa Magaalaa Shaggariif Finfinneetti kennamaa jira.

Leenjicha kennaa kan jiran miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi miseensi Boordii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Doktar Nagarii Leencoo akka jedhanitti, kominikeeshiniin namaafi nama, mootummaafi mootummaa, mootummaafi ummata, dhaabbileefi dhaabbilee, biyyaafi biyya gidduutti hariiroo uumuuf daran murteessaadha. Mariifi hariiroon akka uumamu kan taasisu kominikeeshiniidha. Kominikeeshiniin yaada waliif hiruufi odeeffannoo waljijjiiruuf gargaara.

Ajandaan kominikeeshinii keenyaa yeroo hunda kan waa irraa barannuufi biyya keenya kan ijaaru ta’uus eeraniiru. Kominikeeshiniin akkuma bu’aa guddaa qabu yoo sirnaan itti hinfayyadamne miidhaa guddaa qaqqabsiisa. Kanaafuu ittifayyadama miidiyaafi kominikeeshinii keenyatti sirnaan fayyadamuu qabna jedhan.

Ittigaafatamaa Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Darajjee Magarsaa akka jedhanitti, hojiileen misoomaa, hawaasummaafi dinagdee magaalattiitti adeemsifamaa jiran kominikeeshiniidhaan deggeramuu baannaan bu’aqabeessa ta’uu hindanda’an. Leenjichi humna kominikeeshiniifi miidiyaa magaalattii cimsuu keessatti gahee guddaa qaba.

Leenjichi hojii kominikeetaroonniifi ogeessonni miidiyaa keenya barumsaafi muuxannoon hojjechaa turan caalaatti cimsuun hojii bu’aqabeessa akka hojjetaniif kan isaan kakaasu ta’uu himanii, leenjicharratti ogeessonni miidiyaafi kominikeeshinii kutaalee magaalattii 12 keessaa walitti babba’an 160 irratti kan hirmaatan ta’uus eeraniiru.

Leenjiin saayinsii miidiyaafi kominikeeshiniirratti xiyyeeffachuun kenname kun hojii miidiyaafi kominikeeshinii keenyarratti daran nu gargaara kan jedhan Obbo Darajjeen, bulchiinsi magaalaa keenya gara fuulduraattis Dhaabbata Pireesii Ittoophiyaa waliin hariiroo cimaa uumee waliin hojjechuuf sanada waliigaltee qopheessuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Dargaggoo Rattaa Daaksaa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti Ittigaafatamaa Waajjira Kominikeeshiniiti. Leenjii Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar wajjin ta’uun ogeessota miidiyaafi kominikeeshinii Magaalaa Shaggariif kenne leenjii baay’ee murteessaafi barbaachisaadha. Hubannoon leenjicharraa argates hojiirratti daran kan isa fayyadu ta’uu hima.

Yeroo ammaa midiyaa hawaasummaatiinis ta’e dhaabbilee miidiyaa tokko tokkoon odeeffannoon sobaa ummata burjaajessaniifi nageenyi akka boora’u taasisan bal’inaan tamsa’aa jiraachuu kan himu dargaggoon kun, ogeessonni miidiyaafi kominikeeshinii ummanniifi dargaggoonni odeeffannoo sobaa tamsa’een akka hinburjaajofneef dhugaa jiru ifatti baasuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu. Leenjiin kennames dhimma kanarratti hubannoo gahaa akka qabaannu nu taasiseera jedha.

Ummannis odeeffannoo tamsa’u kamiyyuu hubannaan ilaaluu qaba kan jedhu dargaggoon kun, aktiivistoonni, rogeeyyiin miidiyaa hawaasummaafi dhaabbilee miidiyaa gara garaas odeeffannoo sobaa tamsaasuurraa of qusachuu qabu. Miidiyaan yoo seeraan itti fayyadamne biyya ijaaruu danda’a. Yoo seeraan itti hinfayyadamne ta’e ammoo biyya diiguu danda’a. Kanaafuu miidiyaa ijaarsaafi nageenya biyyaatiif itti fayyadamuu qabna. Ogeessonni miidiyaafi kominikeeshiniis odeeffannoo biyya ijaarurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban dhaama.

Dargaggoonni ijaarsaafi nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabu. Jijjiiramni kun qabsoo dargaggoonni wareegama hanga lubbuun darbuutti kaffalaniin dhufe waan ta’eef har’a ammoo jijjiiramicha fuulduratti tarkaanfachiisuu keessatti gahee guddaa isaanirra eegamu bahachuuf tokkummaasaanii caalaatti cimsachuu akka qaban dubbata. Dargaggoonni olola sobaa miidiyaa gara garaatiin tamsa’uun burjaaja’u akka hinqabnes yaadachiiseera.

Ummanni Oromoos tokkummaasaa caalaatti cimsachuun aggaammii tokkummaasaa diiguuf miidiyaan gara garaa hafarsu fashaleessuu qaba kan jedhu Daragaggoo Rattaan, ummanni keenya tokkummaasaa caalaatti cimsachuudhaan nagaafi ijaarsa naannoo Oromiyaas ta’e biyyaa keessatti gumaacha olaanaa taasisuu akka qabu dubbata.

Dargaggoonni waan isaanis ta’e ummata fayyadu, biyya ijaaruufi nageenya biyyaa tasgabbeessurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu kan jedhu dargaggoon kun, aktivistoonni bebbeekamoon faayidaa dhuunfaasaaniif jecha taatee hintaane ta’eera jedhanii ololo sobaa tamsaasuun dargaggoota burjaajessan waan jiraniif dargaggoonni waan isaan fayyaduufi hinfayyadne adda baasanii beekuu akka qaban yaadachiiseera.

Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa dhaabbata miidiyaa muuxannoo waggaa 80 ol qabuudha kan jedhu Dargaggoo Rattaan, leenjichi nama beekumsaafi muuxannoo gahaa qabuun kan kenname ta’uufi hojiirrattis daran kan isaan gargaaru ta’uu gara fuulduraattis dhimmoota biroorratti xiyyeeffachuun kennamuu akka qabu eereera.

Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Furiitti, Ittigaafatamtuu Waajjira Kominikeeshinii kan taate Burtukaan Badhaadhaa akka jettutti, leenjiin ogeessota miidiyaafi kominikeeshiniif kenname hojiirratti kaka’umsaafi dadamaqiinsa uumuuf baay’ee murteessaadha. Odeeffannoo gama mootummaatiin jiru ummata biraan ga’uufi yaadaafi komii ummataa ammoo mootummaaf dhiyeessuun gahee ogeessota miidiyaafi kominikeeshiniiti. Miidiyaan hinjiru taanaan hojiin gama mootummaatiin raawwatamaa jiru akka ibsaa guuboo keessaa ta’a. Hojii mootummaan hojjetuufi odeeffannoo mootummaan kennu ummata bira akka ga’u kan taasisu miidiyaadha. Kanaafuu midiyaan mootummaafi ummata gidduutti riqicha ta’ee tajaajila jechuudha.

Waajjira miidiyaafi kominikeeshinis ta’e waajjiraaleen biroo keessatti hojjetoonni haaraan yeroo yeroon waan miindeffamaniif leenjichi ittifufiinsaan kennamuu qaba kan jettu Burtukaan, haala amma jiruun hojii gaarii miidiyaan tamsa’u caalaa hojii faallaa ta’etu xiyyeeffannaa argachaa jira waan ta’eef dargaggoonni odeeffannoo faallaa hordofuun yeroosaanii gubuurraa of qusachuu akka qaban gorsiti.

Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti Ittigaafatamaan Damee Siyaasaa Alamaayyoo Kabbadaa akka jedhutti, leenjiin ogeessota miidiyaafi kominikeeshiniif kenname baay’ee barbaachisaafi ummanni odeeffannoo si’ataa guddina, nageenyaafi misooma biyyaarratti xiyyeeffatu akka argatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Yeroo ammaa waraanni guddaan karaa miidiyaa geggeeffamaa jira. Leenjichi olola sobaa miidiyaadhaan tamsa’uufi burjaajii uumu sirreessuuf maal gochuu akka qabnu nu hubachiiseera jedha.

Ogeessonni miidiyaafi kominikeeshinii Magaalaa Shaggar leenjicharraa hubannoo guddaa argachuufi miidiyaadhaan akkamitti biyya ijaaruun akka danda’amu hubataniiru kan jedhu Alamaayyoon, xiyyeeffannoon keenya miidiyaa ijaarsa, nageenyaafi misooma biyyaaf oolchuutu nurraa eegama. Hubannoo leeenjicharraa arganne qabatamaan hojiirra oolchuun bu’aa miidiyaa lafa qabsiisuuf ittigaafatamummaa guddaan hojjechuu qabna jedha.

Leenjiin hubannoo uumuuf, barsiisuufi kan beeknu nu yaadachiisuuf waan gargaaruuf gara fuulduraattis ittifufiinsaan kennamuu akka qabu gaafateera.

Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Buraayyuutti Rogeessa Miidiyaa kan ta’e Hundee Mul’isaa akka jedhutti, miidiyaa yoo karaa sirrii itti fayyadamne biyya kan ijaaru ta’uusaa, yoo ammoo karaa sirrii hintaane itti fayyadamne biyya kan diigu ta’uu leenjii kennamerraa hubanneerra. Hubannoo leenjicharraa argates qabatamaan hojiirra oolchuufi hubannoo argates rogeeyyota miidiyaa leenjicharratti hin hirmaanneef kan qoodu ta’uu hima.

Odeeffannoo madda utuu hin eerin dabarsuun rakkoo guddaa miidiyaa hawaasummaafi dhaabbilee miidiyaa tokko tokko biratti mul’atu ta’uu himee, odeeffannoon madda hinqabne ammoo amanamummaa hinqabu. Kanaafuu keessumaa dargaggoonni odeeffannoo madda hinqabneefi dhugaa hintaaneen burjaaja’uurra dhugummaasaa adda baafachuurratti xiyyeeffachuu akka qaban gorseera.

Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti Dursaan Garee Wiirtuu Leenjii Obbo Sulxaan Mahaammadnuur akka jedhanitti, Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa dhaabbilee miidiyaa buleeyyii biyyattiin qabdu keessaa isa tokko. Dhaabbatichi muuxannoo miidiyaa waggoota 83f kuufate leenjiilee garagaraa qopheessuudhaan dhaabbilee biyyattii biroof qooduuf wiirtuu leenjii hundeessee hojjechaa jira. Wiirtichi erga hundaa’ee waggaa sadii yoo ta’u, kaayyoon hundeeffamasaa hanqina gama miidiyaafi kominikeeshiniitiin mul’atu guutuudha.

Wiirtichi waggoota sadan darbaniif dhaabbilee mootummaa federaalaafi naannoleef leenjiilee gaggabaaboo hojiirraa kennaa turuu kan himan Obbo Sulxaan, leenjiin wiirtichi kennu gara fuulduraattis cimee kan ittifufu ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016

Recommended For You