Badhaasa onnachiiftuu Olompikii paaris

Finfinnee: Waggaa lamatti altokkoo biyyoota miseensoota Konfedereeshinii atileetiksii Afrikaa adda addaatti kan gaggeefamu shaampiyoonaan atileetiksii Afrikaa baranas yeroo 23ffaaf magaalaa Kaameerun, Duwaalatti guyyoota ja’aaf adeemsfame milkiin xumuramera.

Shaampiyoonaa kanarratti biyyoota Afrikaa 54 keessaa 50n akkaakuwaan ispoortii 47n atileetoota 2500 ol hirmaataniiru. Hirmaattoota kanneen keessaa gabate meedaaliyaa keessa kan galan biyyoota 27 qofa.

Walumaagalatti, meedaaliyaa warqii 45, meetiin 45, nahaasa 45 dimshaashumatti meedaaliyaawwan 135 badhaasaaf yommuu kennaman, Afrikaan Kibbaa meedaaliyaa warqii torba ,meetii shan, nahaasa saddeetti, waliigalaan meedaaliyaawwan 20 argachuudhaan dursa qabatteetti.

Keeniyaan meedaaliyaa warqii shan, meetii torbafi nahaasa torba, waliigalaan meedaaliyaawwan 19 yemmuu argattu, Naayijeeriyaan warqii shan, meetii ja’aafi nahaasa afuriin waliigalaan meedaaliyaawwan 15n akkasumas Itoophiyaan meedaaliyaa warqii shan, meetii afuriifi nahaasa tokko waliigalaan meedaaliyaawwan 10 argachuun sadarkaa lammaffaadhaa hanga afraffaa qabachuudhaan xumuraniiru .

Itoophiyaan shaampiyoonaa kanarratti akkaakuwwan ispoortii 21n atileetoota dhiiraa 36fi dubartoota 32n hirmaachuudhaan meedaaliyaa 10 argatteetti.

Meedaaliyaan warqii dorgommii tarkaanfii kiilo meetira 20 dubaraan Sintaayoo Maasiree, kuma shaniin Faantaayee Balaayneh, kuma 1fi 500 Saaroon Bariheetiin yoo argamu, dhiiraan ammoo dorgommii tarkaanfii kiilo meetira 20n Misgaanaa Waaqumaa, kuma kudhaniin Nibirat Malaakiin argameera.

Meedaaliyaan meetii ammoo dorgommii fiigicha meetira kuma shanii dubaraan Wubiristi Asichaal, fiigicha gufachisaa meetira kuma sadiin Alamnaat Waasee, dhiiraan ammoo fiigicha meetira kuma kudhaniin Gammachuu Diidhaafi Nibirat Malaak yoo ta’an, meedaaliyaan nahaasaa kan argame fiigicha meetira kuma kudhanii dubaraan Atileet Galaa Hamseetiini.

Jilli Atileetiksii Itoophiyaa kun imalasaa xumuree Kamisa darbe gara biyyaatti yoo deebi’u, kaleessa ammoo Hoteela Giyoonitti badaasni adda addaa kenameraaf.

Koreen Olompikii biyyaaleessaafi Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa walumaagalatti qarshii miliyoona 1.3 atileetotaafi leenjistoota badhaasaniiru.

Atileetonni medaaliyaa warqii argamsiisan qarshii kuma 40, atileetonni medaaliyaa meetii argamsiisan qarshii kuma 25, atileetonni nahaasa argamsiisan qarshii kuma 25, atileetonni sadarkaa dippiloomaan xumuran qarshii kuma 10 kan badhaafaman yoo ta’u, leenjistoonni atileetota medaaliyaa warqii argamsiisan leenjisan ammooqarshii kuma 40 badhaafamaniiru. Waliigalaan shaampiyoonaa kanaaf qarshiin miliyoona 18 kan bahe ta’uunis himameera.

Injifannoon Shaampiyoonaa atileetiksii Afrikaa 23ffaarratti argame Olompikii Paarisiif galaa guddaa ta’uunis himameera.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016

Recommended For You