Waadaa gochaan dabaalame

Ergaan, “Oromiyaa ni misoomsina, Itoophiyaa ni utubna, gaanfa Afriikaa ni tasgabbeesina” jedhu yeroo hunda haasaa Kabajamoo Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa keessatti dhaga’amuudha. Biyya rakkoo walxaxaa keessummeessitutti waadaan akkasii namoota tokko tokkoof baacoo fakkaachuu mala. Ta’us oolee bulee waadaan kun ija naqatee abdiifi gaaddisa biyyaa ta’uu eegaleera.

Sirnoota darbanitti ummatni Oromoo mirga namummaafi misoomaa sarbamee osoo waa hunda qabuu akka waan hinqabneetti lakkaa’ame. Oromiyaa keessaa qabeenya guurrachuu malee misoomsuun akka cubbuutti ilaalamaas ture. Ummatni mirga misoomuu sarbamee saamichaaf saaxilame fincila diddaa garbummaa finiinsuun jijjiirama amma keessa jirru fiduuf dirqame. Hoggansi jijjiiramaas wareegama qaalii jijjiiramichaaf kaffalameef beenyaan misooma ta’uu waadaa galuun hojiitti seename.

Akkuma yaadame namuu dheebuu misoomaatiin walfaana hiriire. Tokko tokko ammoo maqaa qabsoo Oromootiin meeshaa waraanaa hidhatee bosona seene. Itoophiyaa Kaabaatti ‘TPLF’ waaranaa hamaa sochii dinagdeefi hawaasummaa biyyattii laamshessu banuun walqabatee Oromiyaa dabalatee xiyyeeffannoon misoomarraa gara biyya baraaruutti ce’e. Dhibeen koronaa akka addunyaatti mudates gaaga’ama kan biraa ture. Hongee Booranatti mudate dandamachiisuunis qormaata guddaa ture.

Haata’uutii, Oromiyaan utuma rakkoolee walxaxoo kunneen jiranii hojiilee misoomaa finiinsaa turte. Qarshii biliyoona 110.9n ijaarsa pirojektota kuma 31,167 adeemsisaa jirti. Akka kana duraa dhagaa bu’uuraafi pirojektota ijaarsisaanii jalqabame lakkaa’uu osoo hintaane pirojektonni 20,667 qarshii biliyoona 79.44n xumurtee walakkeessa Waxabajjii kanarraa kaasee eebbisiisuuf qophiirra jirti.

Oromiyaa mirga misoomuu mulqamaa turteef pirojektota hanga kana ga’an waggaa tokkotti eebbisiisuun hiikkoo addaa qaba. Rakkoon nageenyaa maqee qarshii, qaamaafi qalbiin misooma qofaaf osoo ooleera ta’ee hojiileen kana caalaa nama ajaa’ibsiisan akka hojjetaman homaa hinshakkisiisu.

Milkaa’inni galmaa’e nama haala qabatamaa biyyaafi addunyaa hubatuuf milkaa’ina ajaa’ibaa kutannoon hoggansaafi ummataa itti calaqqiseedha. Rakkoo nageenyaafi qaala’iinsa gatii meeshaalee ijaarsaa akka addunyaatti jiru dandammachuun waadaa gocha qabatamaatti jijjiiruun bilchinaafi kutannoo olaanaa gaafata.

Keessattuu dheebuu misoomaa ummatni qabu dhugoomsuuf carraa diriiretti fayyadamuun gama tajaajila lammummaan gahee inni taphate bakka bu’iinsa hinqabu. Pirojektonni eebbaaf qophaa’an kunneen harki walakkaan humna waloo hirmaannaa ummataan akka hojjetama beekuun barbaachisaadha.

Akkuma biyyaattuu sababa garaagaraan deggersa biyya alaa argachuun yeroo rakkisaa ta’etti, Oromoon aadaasaa ganamaatti deebi’uun tajaajila lammummaan arfii hiyyummaa doomsuu cinatti akkuma Obbo Shimallis jedhan Itoophiyaa rakkoo hedduun raafamtuuf utubaa ta’aa jirti. Hirmaannaa ummataan manneen barnootaa sadarkaa garaagaraatti argaman kumaatamaan ijaarsisuun tajaajilaaf banaa gochuun danda’ameera. Pirojektota Waxabajii 15 irraa eegalee eebbifaman keessaa manneen barnootaa akka jiranis hubachuun danda’ameera.

Godinaalee rakkoon nageenyaa jirutti fiixaan ba’iinsa pirojektoota kunneeniif hanga du’a lubbuutti aarsaan kaffalameera. Pirojektota dhiigaafi lubbuun Chaappeffaman kunneen akka qaroo ijaatti kunuunsuuf sochii Oromiyaa misoomsuurratti kutannoon hirmaachuun barbaachisaadha.

Pirojektonni eebbaaf qophaa’an gaaffii misoomaa deebisuufi fayyadamummaa hawaasdinagdee hawaasaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabu. Hojiin ijaarsa pirojektoota hafanii xumursiisuufi haaraa jalqabsiisuus cimee kan ittifufu ta’a.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You