Shaampiyoonaa atileetiksii Afrikaafi hirmaannaa Itoophiyaa

Finfinnee: Guddina ispoortii Atileetiksii Afrikaaf bu’uura kan ta’e Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa akka adeemsifamu yaadni isaa kan dhihaate ALA bara 1979 ture. Baruma san Konfedereeshiniin Atileetiksii Afrikaa “CAA” murtee dabarseen shaampiyoonichi Hagayyaa 2-5 bara 1979tti magaalaa guddoo Seeneegaal, Daakaaritti akka adeemsifamu ta’e.

Shaampiyoonaa jalqabaarratti biyyoonni 24 atileetota 251n akaakuwwan ispoortii atileetiksii 39n hirmaataniiru. Biyyoota shaampiyoonicharratti hirmaatan keessaa 17 gabatee meedaaliyaa keessa galaniiru.

Shaampiyoonicharratti meedaaliyaawwan 117 badhaasaaf yoo kennaman Naayijeeriyaan meedaaliyaa warqii saddeet, meetii sagal, nahaasa torba, dimshaashumatti meedaaliyaa 24 fudhachuudhaan mo’atteetti.

Aljeeriyaan meedaaliyaa warqii torba, meetii lama, nahaasa afur dimshaashumatti medaaliyaa 13, Keeniyaan meedaaliyaa warqii jaha, meetii sagal, nahaasa shan walumaagalatti meedaaliyaa 20, Gaanaan warqii shan, meetiifi nahaasa tokko tokko waliigalaan meedaaliyaa sagaliin sadarkaa lammaffaadhaa hanga afuraffaa yoo qabatan, Itoophiyaan meedaaliyaa Warqii sadi, meetii afuriifi nahaasa lama waliigalaatti meedaaliyaa sagaliin sadarkaa shanaffaa argachun ishee ni yaadatama.

Itoophiyaan shaampiyoonaa atileetiksii Afrikaa isa jalqabaa kanatti meedaaliyaawwan kanneen kan argatte fiigicha meetira kuma kudhaniifi kuma shaniin Miruts Yifxar, maaraatooniidhaan Kabbadaa Baalchaa mo’achusaaniitiin.

Meedaaliyaa meetii ammoo fiigicha meetira kuma kudhaniifi kuma shanii Yoohaannis Mahaammadiin,fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadii Isheetuu Turaatiin, dorgommii tarkaanfii meetira kuma kudhaniin ammoo atileet Hundee Xooreetiini.

Meedaaliyaawwan nahaasaa fiigicha sakaallaa meetira kuma sadiin Yoohaannis Mahaammadiifi dubaraan ammoo fiigicha meetira 800 Amsaalee Waldagabri’eeliin ta’usaati.

Ardii Afrikaatti guddaa kan ta’e shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa kun edda jalqabamee waggoota 45 lakofsiseera. Waggoota kanneen keessatti biyyoota miseensoota Konfedereeshinchaa adda addaatti yeroo 22f qophaa’eera. Yeroo ammaa biyyoota miseensota Konfedereeshinichaa 54n keessaa carraa qopheessummaa kan argatan biyyoota 13 qofa.

Isaanis Mooritaaniyaafi Misir yeroo sadi sadii, Seeneegaal, Naayijeeriyaa, Morookoo, Aljeeriyaa, Afrikaa Kibbaafi Kaameeruun al lama lama, Tuniziyaa, Itoophiyaa, Koongoo Kinshaasaa, Keeniyaafi Beeniin al tokko tokko keesumeessaniiru.

Shaampiyoonaawwan hanga ammaatti adeemsifamaniin biyyoota miseensoota 54n keessaa gabatee meedaaliyaa keessa kan galan 46 qofa. Walumaagalatti Shaampiyoonaawwan hanga ammaatti adeemsifaman kanneenitti meedaaliyaawwan kuma 2fi 757 badhaasaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, warqiin 920, meetiin 925, nahaasni ammoo 912 ta’a. Meedaaliyaawwan kanneen keessaa Naayijeeriyaan warqii 160, meetii 125, nahaasa 94, dimshaashumatti meedaaliyaawwan 379 fudhachuudhaan sadarkaa tokkoffaarratti argamti.

Itoophiyaan ammoo sababii adda addaattiin shaampiyoonaawwan sadirratti hirmaachuu baattus meedaaliyaawwa warqii 45, meetii 63, nahaasa 62 walumaagalatti meedaaliyaawwan 170 argachuudhaan sadarkaa shanaffaarratti argamti. Shaampiyoonaan kun baranas yeroo 23ffaaf kaleessarraa eegalee qopheessummaa Kaameeruniin, magaalaa Duwaalaatti kan jalqabame yoo ta’u, torban tokkoof kan turu ta’a. Shaampiyoonaa kanarratti hirmaachaa kan jiru miseensota 77 of keessatti kan hammatte gareen atileetiksii Itoophiyaa Roobii darbe gara magaalaa Duwaalaatti qajeeleera.

Shaampiyoonichi akaakuwwan ispoortii atileetiksii 45niin kan adeemsifamu yoo ta’u, Itoophiyaan atileetoota dhiiraa 43fi dubartoota 34n akaakuwwan ispoortii 41n hirmaatti.

Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Obbo Yoohaannis Ingidaa Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, seenaa shaampiyoonichaa keessatti biyyatiin atileetoota baay’een yoo hirmaatu kan ammaa kun isa jalqabaati.

Shaampiyoonaan kun jalabultii Olompikii Paaris 33ffaan Faransaayitti adeemsifamuuf jedhutti ta’uun isaa ejjennoon biyyatii hangam akka ta’e kan itti safaramudha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You