“Magaalaan Shaggar invastimantii haaraa jajjabeessuuf maanuwaalii haaraa qopheessee hojirra oolchaa jira” – Doktar Tashoomaa Addunyaa

Riizoortiifi Ispaan Beellemaa qarshii miiliyoona 700 oliin Abbaa Qabeenyaa Kabbadaa Beellamaan Magaalaa Buraayyuu, naannawaa Mandara Diyaaspooraatti ijaarame Sanbata darbe bakka Kantiibaan Magaalaa Shaggar Doktara Tashoomaa Addunyaafi keessummoonni waamichi taasifameef argamanitti eebbifameera.

Kantiibaa Magaalaa Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaa sirna eebba riizoortichaarratti argamuun akka jedhanitti, rizoortichi ijaarsa sadarkaa biyyoolessaa eegee kan ijaarame yoo ta’u, tajaajiloota hoteelaa, ispaafi rizoortii adda addaa kenna. Ijaarsi boqonnaa duraa rizoortichaa xumuramee tajaajilaaf kan oole yoo, ijaarsisaa marsaa lammaffaas haala sadarkaa biyyoolessaa eegeen kan itti fufu ta’a. Rizoortichi ijaarsa boqonnaa lammaffaatiin ‘Cable transport’ kan qabaatu ta’a.

Rizoortiin qarshii miliyoona 700 oliin ijaarameefi siree 60 ol qabu kun Magaalaa Shaggaritti ijaaramuunsaa, ammayyummaafi turizimii magaalattii guddisuu, carraa hojii bal’aa uumuufi beekamtii magaalattii sadarkaa tokkoon guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.

Magaalaan tokko guddachuuf bu’uuraalee misoomaafi tajaajiloota turizimii qabaachuu qabdi. Riizoortiifi Ispaan Beellemaa Magaalaa Shaggaritti ijaaramuun guddina magaalattii sadarkaa tokkoon fuunduratti tarkaanfachiiseera. Ijaarsi rizoortichaa boqonnaa lammaffaas sadarkaa guddina magaalattii kana caalaa ni guddisa jennee abdanna jedhu.

Bakki rizoortichi itti ijaarame iddoo mijataa, filatamaafi lafa olka’aa Magaalaa Finfinnee guutummaatti agarsiisuu danda’utti kan ijaarame ta’uu himanii, rizoortichi Buufata Xiyyaaraa Biyyoolessaa Booleerraa fageenya kiilomeetira sagal caalaa hinfagaatu. Rizoortiin ammayyaa’aan kun Magaalaa Buraayyuutti isa jalqabaa ta’uus himaniiru.

Rizoortichi dinagdee magaalaa guddisuu keessatti gahee guddaa kan taphatu ta’uu himanii, hojiin rizoortichaa boqonnaa lammaffaas akka itti fufuuf bulchiinsi Magaalaa Shaggar deggersa barbaachisu kan taasisu ta’uu himaniiru.

Magaalaan Shaggar invastimantii haaraa jajjabeessuuf maanuwaalii haaraa qopheessuu himanii, bulchiinsi magaalattii namoota lafa invastimantiif fudhatanii utuu hinmisoomsiin turanirratti tarkaanfii cimaa fudhachuufi namoota akka Kabbadaa Beellemaa hojjetaniif ammoo deggersa barbaachisu taasisaafii jiraachuu himu.

Abbaan Qabeenyaa Rizoortiifi Ispaa Beellemaa Obbo Kabbadaa Beellamaa akka jedhanitti, rizoortichi haala teessuma, seenaafi aadaa biyyattii eegeen Finfinneerraa kiilomeetira sagal fagaatee lafa olka’aa Magaalaa Buraayyuu naannawaa mandara Diyaaspooraa jedhamutti ijaarame. Rizoortichi iddoo hawwata turistii filatamaafi jaallatamaadha. Rizoortichi qarshii miliyoona 700 oliin waggaa torba keessatti ijaaramee kan xumurame ta’uus eeraniiru.

Rizoortichi turizimii biyyattii guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, rizoortichi Magaalaa Finfinneetti dhiyaatee argamuunsaa ammoo tuuristoota biyya keessaafi alaatiin daran akka filatamu isa taasisa jedhu.

Duraan waldaa daawwachiiftotaa keessa hojjechaa turuufi biyyoota alaattis haala teessumaa, seenaafi aadaa Itoophiyaa beeksisaa turuu himanii, yeroo ammaa ammoo gara biyyaatti deebi’uun hojii turizimiirratti hirmaatanii hojjechaa jiraachuu himu.

Muuxannoofi qarshii biyya alaatti horatan biyya keessatti invasti gochuun hundaa ol kan isaan gammachiisu ta’uu himanii, ijaarsi rizoortichaa boqonnaa duraa xumuramee sadarkaa kanarra akka ga’uuf qaamolee deggersa isaaniif taasisanis galateeffataniiru.

Rizoorticha caalaatti babal’isuuf hojiin ijaarsi boqonnaa lammaffaa rizoortichaa kan itti fufu ta’uu himanii, ijaarsi boqonnaa lammaffaa keessatti ‘Cable transport’ kan dabalatu ta’uus eeraniiru.

Rizoortichi wayita ijaarsarra ture namoota 100 oliin adeemsifamaa turuu himanii, erga tajaajila kennuu jalqabee ammoo namoota 300 oliif carraa hojii kan uumu ta’uus eeraniiru.

Rizoortichi tajaajiloota akka hoteelaa, ristoraantii, suuraa, galma walga’ii kan kennu ta’uu himanii, ijaarsa boqonnaa lammaffaa rizoortichaatiin iddoo bashannana daa’imman ‘Cable transport’, wiirtuu odeeffannoo, iddoo daakaa bishaanii sadarkaa biyyaalessaa eege kan qabaatu ta’uus eeraniiru.

Rizoortichi lukkuuwwan 500fi gaagura kanniisaa 45 kan qabu ta’uu himanii, omishni kun galteewwan rizoortichaaf kan oolan ta’uufi horsiisa qurxummiifi omishaalee kuduraafi fuduraas kan omishu ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You