“Lafa xiqqaarraa omisha guddaa qulqullina qabu argachuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna” – Obbo Tashoomaa Boggaalaa

Keessummaan Bariisaa maxxansa kanaa Daarektara Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Obbo Tashoomaa Boggaalaati. Obbo Tashoomaan hojii qo’annoofi qorannoo kanaan muuxannoo hojii waggoota 30 olii kan qaban yoo ta’u, hojiilee guguddoo inistiitiyuutichi hojjechaa jirurratti xiyyeeffachuun gaafdeebii isaan waliin taasifne akka arrmaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Hojiilee guguddoo Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru maalfaadha?

Obbo Tashoomaa: Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa labsii Caffeen Oromiyaa bara 1993 baaseen kan hundaa’e yoo ta’u, yeroo ammaa godinaalee Oromiyaa hunda keessaa caasaa qorannoo geggeessu qaba. Inistiitiyuutiin waggoota 30 ol lakkoofsise kun wiirtuulee qorannoo 17 qaba. Wiirtuulee hundatti qorannoowwan babal’aatu adeemsifamaa jira.

Gareewwan qorannoo guguddoo sagal (qorannoowwan sanyii midhaanii baasuu, beeladootaa, qabeenya uumamaa, makanaayizeeshinii qonnaa, dinagdee qonnaa guddisuu, bunaafi shaayii, dhibee midhaanii, qabiyyee midhaan nyaataafi teknolojii qonnaa baay’isuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Gareen qorannoo midhaanii sanyiiwwan haaraafi paakeejii qorannoo baasuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jira. Gareen qorannoo beelladaa dameelee guguddoo kanneen akka qorannoo horii foonii, horii aannanii, lukkuu, kanniisaa, qurxummii akkasumas horiin yoo maal nyaate aannan gahaa kenna, yoo maal nyaate furdata kan jedhu of jalaa qaba.

Gareen qorannoo qabeenya uumamaa qabeenya uumamaa keessumaa eegumsaafi kunuunsa biyyeefi bishaaniirratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Biyyoon xaa’ummaasaa qabatee akka turu taasisuuf giddugaloota hundatti qorannoo bal’aan adeemsifamaa jira. Qorannoo kanaan haala qonniifi bosonni waliin deemuu danda’anirrattis hojjetamaa jira.

Yeroo qonni babal’ataa deemu bosonni ammoo dhiphachaa adeema. Qonniifi bosonni akka waliin deemaniif irratti hojjetamaa jira. Mukti bishaan hingogsine, nyaataaf ooluufi qonnaan bulaan midhaan jala facaafatu garee kana keessatti qoratamee hojjetamaa jira. Misooma ashaaraa magariisaa keessattis mukeen ooyiruu qonnaan bulaa keessatti hafuu danda’an; kunuunsa barbaadaniifi gaaddisaan midhaan hinmiine qorannoon adda baafneerra. Mukeen yoo ooyiruu keessa tooraan dhaabaman tiraaktaraan qotuufis nama hinrakkisan.

Gareen qorannoo makaanaayizeeshinii qonnaa wiirtuulee qorannoo qonnaa inistiitiyuutichaa 17 keessaa sadii keessatti adeemsifamaa jira. Giddugaleessota sadanitti teknolojiin lafa qotuu, midhaaniifi nyaata beelladaa haamuu, dhahuu, kuusuufi daakuuf gargaaran akkasumas teknolojiin ummata baadiyyaaf ibsaa maddisiisuu danda’u qorattoota keenyaan hojjetamaa jiru. Maashinoota midhaanota inisheetiivii ta’an kanneen akka ruuzii, qamadii, baala shaayiifi bunaa makaanaayizeeshinii addaa waan barbaadaniif qorannoo bal’aa irratti adeemsisisaa jirra. Gareen qorannoo dinagdee qonnaa ammoo mala kamiifi tekinolojii kamtu dinagdee qonnaa guddisuu danda’a kan jedhurratti xiyyeeffata.

Gareen qorannoo bunaafi shaayii sanyii bunaa baasuu, bunatti sona dabaluu, dhibee bunaa ittisuufi to’achuu, biyyoofi xaa’oo akkamiitu bunaaf ta’a kan jedhurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Sanyiiwwan bunaa akkuma sanyiiwwan midhaanii waggaa waggaan ni ba’u. Bara darbe sanyii bunaa haaraa lama baafneerra. Sanyiiwwan bunaa qorattoota keenyaan bahaniifi Buna Harargee jedhamuun beekaman ja’aa oltu jiru. Sanyiiwwan bunaa qorannoon bahaa jiran kunneen baay’ifamanii qonnaan bultoota bira akka ga’an taasifamaa jira.

Omishaafi omishtummaa bunarraa argamu guddisuuf Giddugaleessonni Qorannoo Qonnaa Sinaanaa, Machaaraafi Jimmaa bara darbe sanyii bunaa Baaleefi Arsiitti lafa hektaara tokkorraa buna kuntaala 19 ol kennuu danda’u qorannoon baasaniiru. Bunni qorannoon bahe kun yeroo ammaa biqilaansaa baay’ifamaa jira.

Gareen qorannoo dhibee midhaanii adda baasu, tamsa’inasaa ittisuufi qoricha barbaaduurratti hojjeta. Omishni qonnaa keenya %30 ol sababa dhibee midhaaniitiin miidhamaa jira. Gareen kun keemikaalota farra aramaafi ilbiisotaa biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuuf qorannoo adeemsisaa jira.

Gareen qorannoo kun dhibeewwaniifi ilbiisonni midhaan miidhan yoo mudatan dafee adda baasuun to’achuufi ittisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Gareen kun dhibeen midhaanii mudate akka hinbabal’anneef hojjettoonni misooma qonnaafi qonnaan bultootni maal gochuu akka qabanirratti leenjii hubannoo gabbisuu ni kenna.

Gareen qorannoo qabiyyee midhaan nyaataa qabiyyee akkamii of keessaa qaba kan jedhu qorata. Midhaan akkamii walitti maknee nyaachuu akka qabnu, namni hojii humnaa hojjetu, dubartiifi daa’imni midhaan akkamii nyaachuu akka qabaniifi qabiyyee sanyiiwwan haaraa bahanii qorata. Qorannoon kun laaboraatoorii keessatti geggeeffama.

Walumaagalatti inistiitiyuutiin keenya gareewwan qorannoo 32 oliifi qorattoota digrii lammaffaa qaban 500 ol giddugaleessota qorannoo keessatti hojjechaa jira. Giddugaleessota qorannoo qonnaa 17 qabnu keessaa 10 wantoota qonnaan walqabatan hudarraatti kan hojjetan yoo ta’u, giddugaleessonni torba ammoo ispeeshaalaayiziidha. Fakkeenyaaf Giddugaleessonni Qorannoo Qonnaa Baakkoo, Jimmaafi Asallaan ‘Agricultural Engineering’ irratti hojjetu. Giddugaleessonni Qorannoo Qonnaa Baatuufi Naqamtee ammoo biyyoo qofarratti hojjetu. Giddugaleessi Qorannoo Kanniisaa Holotaa kanniisarratti xiyyeeffatee hojjeta. Akkuma biyyaattuu giddugala qorannoo kanniisaa kan qabu Oromiyaadha. Giddugaleessi Qorannoo Qurxummii Baatuu ammoo qurxummii qofarratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Hojiin xiyyeeffannoo inistiitiyuutii keenyaa inni jalqabaa pirojektii qorannoo sadarkaa giddugalaa, naannoo, biyyaafi addunyaatti qopheessuun qorannoo geggeessuudha. Barana sagantaa qorannoo kuma tokkoofi 700 ol geggeessaa jirra. Barana teknolojiiwwan qonnaa haaraafi sanyii filatamaa dabalatee 370 ol baafneera.

Barana sanyiiwwan filatamaa 34 baafneerra. Teknolojiiwwan haaraan bahaniifi sirna qonnaa keenya fooyyessuu danda’an 374 ol ta’an calallii keessa jiru. Teknolojiiwwan qonnaa haaraan kunneen ji’oota lama booda ni ba’u jennee yaadna. Teknolojiiwwan ba’an babal’isuuufi beeksisuuf hojjettoota misooma qonnaafi qonnaan bultootaaf leenjii kennaa jirra.

Bariisaa: Bu’aaleen hojii qorannoo inistiitiyutichaatiin argaman akkamitti ibsamu?

Obbo Tashoomaa: Waan baay’inni ummataa dabalaa deemuuf qonna keenya ceesisuu qabna. Kanaaf ammoo teknolojii qonnaatti fayyadamuun dirqama.

Inistiitiyuutichi hanga ammaatti sanyiiwwan midhaanii akaakuu 200 ol qorannoodhaan baaseera. Sanyiiwwan kunneen madaqanii omisha keessa jiru. Bara bajata 2016 kanatti sanyiiwwan haaraa 34 baafneerra.

Sanyiiwwan kanneen keessaa kaan midhaan nyaataaf, kaan alergiifi kaan ammoo nyaata beelladootaaf oolu. Akkuma biyyaattuu inistiitiyuutii qorannoo tokko keessaa sanyiiwwan 34 bara bajataa tokko keessa ba’anii hinbeekan. Kun milkaa’ina guddaadha. Sanyiiwwan bahan kunneen barana baay’ifamanii bara dhufu qonnaan bultoota bira kan gahan ta’u. Qonnaan bulaan keenya teknolojiiwwan haaraa kuma tokkoofi 500 ol inistiitiyuutiin keenya qorannoodhaan baasetti fayyadamaa jira.

Horsiisa horiirraa bu’aa fooyya’aa argachuuf sanyiisaanii fooyyessuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Horiin sanyii fooyya’aa ammoo nyaata addaafi gahaa barbaadu. Kanaafuu nyaata beelladootaarrattis xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Horiin kam aannaniif, horiin kam ammoo fooniif akka oolanis adda baafnee irratti hojjechaa jirra. Qorannoon kun qonnaan bulaa keenya bal’inaan akka fayyadamu taasiseera.

Humna namaafi beelladaan qonnee baay’ina ummataa yeroon dabalaa jiru kana nyaachisuun waan hindanda’amneef qonna keenya ammayyeessuun dirqama. Giddugaloonni maandisummaa qorannoo keenya meeshaalee midhaan biilaa dhahan hedduminaan hojjeteera. Maarashaa fooyya’aas baafnee qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jirra. Giddugaloonni keenya teknolojiiwwan 180 ol baasanii qonnaan bulaa biraan gahaniiru.

Xaa’ummaa biyyee yeroo gara yerootti gad bu’aa jiru fooyyessuuf raammoo kompoostii kanaan dura giddugala qorannoo qonnaa keessatti fayyadamaa turre qonnaan bulaan gandoota hundatti raammoo kompoostii kana akkuma horiitti kunuunsee ittifayyadamuun xaa’ummaa biyyee akka fooyyessu ta’aa jira.

Qorannoon waggoota dheeraaf giddugaloota keenya keessa gangalachaa ture yeroo ammaa bal’inaan qonnaan bultoota keenya bira gaheera. Teknolojiin kun xaa’oo biyya alaatii galchinu hambisuufi xaa’ummaa biyyoo keenyaa eeguuf gargaara. Midhaan haala kanaan omishamus fayyummaa keenyaaf bu’aa guddaa waan qabuuf cimee ittifufuu qaba.

Hawaasni keenya dur qamadiin bona jallisiin hin omishamuutti beeka. Giddugaloonni keenya qamadiin bona jallisiin akka omishamu qotee agarsiisuun yeroo ammaa qamadiin waqtii bonaafi gannaa omishamaa jira. Kun biyyi keenya qamadii alaa galchuurraa gara biyya alaatti erguutti akka ceetu taasiseera.

Oromiyaatti ruuziin lafa hektaara miliyoona tokkoo olirratti qotamaa jira. Midhaanota alergiif ta’an kanneen akka bunaa, baala shaayii, midhaan dibataafi zayitii inisheetiivii jalatti galmaa’anii qorannoon deggaramee irratti hojjetamaa jira. Qonna keenya ceesisuuf teknolojii qonnaatti fayyadamuu qabna. Teknolojiin kun ammoo giddugala qorannoo qonnaatti omishamaa jiru.

Bariisaa: Xiyyeeffannaan hojii qonnaa gara fuulduraa maal ta’uu qaba?

Obbo Tashoomaa: Baay’inni ummataa yeroo gara yerootti dabalaa waan deemuuf lafa xiqqoorraa omisha guddaa argachuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Kana gochuuf galteewwan qonnaa gahaan yeroon dhiyaachuu qabu. Kun omishni dirree qorannoorratti argame maasaa qonnaan bulaarrattis akka argamu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Omishni dirree qorannoorratti argamaa jiruufi maasaa qonnaan bulaarratti argamaa jiru %100n walcaala. Kana yoo xiqqaate %70n walitti fiduun barbaachisaadha. Qonnaan bultoonni moodela ta’an bu’aa dirree qorannootti argamutti kan dhiyaatu argachaa jiru. Yeroo qonnaan bulaan hedduun gara moodelaatti siqaa deemu omishni lafa xiqqaarraa argamu dabalaa deema.

Galteewwan qonnaa kanneen akka sanyii filatamaa, xaa’oo, farra aramaafi ilbiisotaa gahaan dhiyaachuu dhabuun, dhangaggummaan biyyeefi qophiin lafa qonnaa gahaa ta’uu dhabuun omisha qonnaa keenyarratti dhiibbaa guddaa uumaa waan jiraniif galteewwan qonnaafi teknolojii qonnaa gahaa dhiyeessuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Teknolojiiwwan haala jijjiirama qilleensaa yeroo ammaa waliin deeman baasuu qabna. Sanyiiwwan midhaanii caama, roobaafi dhibee dandammatan baasuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna.

Akka Naannoo Oromiyaatti biyyeen keenya %40 ol ta’u dhukkuba hamaa keessa jira. Dhangaggummaan biyyee bokkaa waliin deema. Dhangaggummaan biyyee bakkaan itti hammaatutti baay’ata. Rakkoo Dhangaggummaa biyyee kana furuuf qonnaan bulaan maasaasaarra nooraa firfirsuu qaba.

Nooraan kun waggaa shanitti al tokko firfirfama. Nooraan kun utuu midhaan hinfaca’in torban lamaa ol dursee firfirfamuu qaba. Nooraan kun godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti argama. Dhagaa booralee (lime stone) kana daakanii biyyee dhangaggaa’aatti dabaluun humna waan barbaachisuuf warshaaleen simintoo asirratti deeggarsa barbaachisu taasisuu qabu. Midhaan dhangaggummaa biyyee dandammatan kanneen akka garbuu, baala shaayiifi bunaa omishuun ammoo mala biraati. Dhagaggummaa biyyoo kana yaalaa yoo deemne bakkatti deebisuu ni dandeenya.

Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuu qabna. Midhaan ga’e ykn bilchaate makanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun qulqullinaan walittiqabuu qabna. Qorannoon akka mul’isutti, midhaan bilchaate makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun yoo hinsassaabamne %40 kan ta’u ni qisaasa’a. Kun akaakuu midhaaniitiin adda addummaa qabaachuu ni danda’a.

Ta’us midhaan makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun walitti hinqabamne qisaasama guddaa hordofsiisa. Kanaafuu makanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun omishtummaa guddisuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf dhimma xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjetamuu qabuudha.

Paampii bishaanii makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuu keessatti ramadama. Paampiin bishaan boolla ykn laga keessaa alatti baafnee omisha jallisiif akka ittifayyadamnuuf nu gargaara. Omisha jallisii lafa bal’aarratti fayyadamuu qabna.

Omisha qonnaatti galtee dabaluun gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiyeessuunis dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabuudha. Qonnaan bulaan keenya wabii nyaatasaa mirkaneessuurra darbee gabaaf dhiyeessuuf hojjechuu qaba. Omisha gabaarratti barbaadamus qoratee omishuu qaba. Qonnaan bulaan keenya qonnarraa gara invastimantiitti ce’uuf hojjechuu qaba.

Bariisaa: Fedhiifi dhiyeessi sanyii filatamaa yeroo ammaa jiru maal fakkaata?

Obbo Tashoomaa: Sanyii filatamaa qonnaan bulaa biraan gahuurratti hanqina guddaatu jira. Kanaafuu dhiyeessa sanyii filatamaa %20 irra jiru gara %70tti guddisuu qabna. Inistiitiyuutii qorannoo qonnaarraa kan eegamu sanyii haaraa %10-15tti kan duraaniirra fooyya’aa ta’e baasuudha.

Sanyii bu’uuraa baay’isanii dhiyeessuunis gahee qorannooti. Sanyiiwwan inistiitiyuutiin keenya baase keessaa abbaa godhatee baay’ifamaa kan jiru sanyii boqqolloo diqaalaa, qamadiifi garbuuti. Kanaan ala sanyiiwwan midhaan gosa adda addaa kanneen akka midhaan dheedhii, midhaan dibataa, nyaata beelladaa, kuduraafi fuduraa qorannoon bahan qaamni fuudhee baay’isu hinjiru. Midhaanonni qorannoon bahan kunneen abbaa qabaatanii baay’achuu qabu. Intarpiraayiziin sanyii filatamaa naannoofi federaalaa sanyiiwwan kunneen baay’isanii raabsuutu isaanirra eegama.

Inistiitiyuutiin keenya sanyiiwwan bu’uuraa intarpiraayizoonni sanyii filatamaa barbaadan hanga isaan barbaadan yeroo yeroodhaan dhiyeessaafii jira. Sanyiiwwan qorannoodhaan bahan baay’isanii deebisanii qonnaan bultootaaf dhiyeessuurratti hanqinni jira.

Intarpiraayizoonni sanyiiwwan filatamaa bitanii yoo barbaadan ni facaasu ykn ammoo ni dhiisu. Waldaaleen hojii gamtaa jala jiran sanyiiwwan qorannoodhaan bahan fuudhanii baay’isaa jiraatanis qulqullinasaa hanga dhumaatti eeganii itti deemuurratti hanqina guddaa qabu. Waldaaleen sanyii filatamaa baay’isanii gatii fooyya’aa yoo argatan gurguratanis jiru. Harcaatii kana hambisuuf to’annoofi hordoffii cimaa taasisuu qabna. Kun hanqina sanyiitiif sababa ta’aa waan jiruuf xiyyeeffannaa addaatiin itti deemuun barbaachisaadha.

Naannawa tokko midhaan akaakuu tokko qofa facaasuunis sirrii miti. Fakkeenyaaf Arsiifi Baaleetti bal’inaan kan omishamu qamadiidha. Utuu dhukkubni omisha qamadii balleessu mudatee qonnaan bulaan Arsiifi Baalee harka duwwaatti hafa. Kanaafuu midhaan adda addaa facaasuun barbaachisaadha. Kun akka ta’uuf qonnaan bulaaf waggaa waggaan sanyiiwwan filatamaan akaakuuwwan adda addaa waggaa waggaan dhiyaachuufii qaba.

Inistiitiyuutiin keenya sanyiiwwan qorannoon baasuurratti hojii guddaa hojjetus hanqina baay’isuufi beeksisuurratti waliin taanee hojjechuu qabna. Qonnaan bulaan keenyas sanyii haaraan wayita dhiyaatuuf kan duraan facaasaa ture dhiisee sanyii filatamaa dhiyaateef fudhachuu qaba.

Bariisaa: Sanyiiwwan filatamaafi teknolojiiwwan qonnaa Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa baasaa jiru omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee akkamii qaba?

Obbo Tashoomaa: Utuu inistiitiyuutiin keenya sanyiiwwan filatamaafi teknolojiiwwan qonnaa yeroo yeroon baasee omishtummaan hindaballe ta’ee uummatni keenya amma waan nyaatu hinqabu. Waggaa 20 dura lafa hektaara tokkorraa boqqolloo kuntaala 10tu argamaa ture. Yeroo ammaa garuu hektaara tokkorraa boqqolloo hanga kuntaala 70tu argamaa jira. Waggaa 20 har’aa lafa hektaara tokkorraa qamadii kuntaala 15tu argamaa kan ture yeroo ammaa giddugaleessaan gara 34tti siqee jira. Omishaafi omishtummaan gosoonni midhaanii biroonis akkasuma dabaleera. Bu’aan kun sanyiiwwan filatamaafi tekinolojiiwwan qonnaatti fayyadamuudhaan kan argameedha.

Omishaafi omishtummaa boqqolloofi qamadiidhaan addunyaarraa sadarkaa olaanaarra jirra. Omishaafi omishtummaa midhaanota birootiin garuu baay’ee duubatti hafnee jirra. Kun sanyii filatamaafi galteewwan qonnaatti sirnaan fayyadamuu dhabuurraa madda.

Biyyoonni bishaan, biyyoofi aduu hamma keenya hinqabne galteewwan qonnaa fayyadamanii omishaa waan jiraniif omishtummaadhaan nu caalu. Omishaafi omishtummaa qonnaa keenya guddisuuf galteewwan qonnaa guutuufi makaanaayizeeshinii qonnaa sirnaan fayyadamuurratti xiyyeeffachuu qabna. Gara fuulduraatti lafa xiqqaarraa omisha guddaa qulqullina qabu argachuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna.

Bariisaa: Dhangaggummaa biyyee akkamitti ittisuun danda’ama?

Obbo Tashoomaa: Dhangaggummaan biyyee dhokataadha. Lafa dhangaggaa’een qonnaan bulaan lafti kun midhaan baasuu dide jedhee qotuu dhiisa. Lafti dhangaggaa’e homaa hinbiqilchu. Dhangaggummaan biyyee midhaan gosa tokko qofa itti deddeebisanii qotuufi bokkaadhaaf akka saaxilamu gochuudhaan mudata.

Xaa’oon itti fayyadamnu Yuuriyaan asiidummaa of keessaa waan qabuuf asiidummaa biyyee ni hammeessa. Yeroo ammaa biyyoo baay’een Dhangaggummaa biyyeetiif saaxilameera.

Bakka Dhangaggummaan biyyee itti hammaatetti qonnaan bulaan keenya nooraa fayyadamaa jira. Lafa hektaara tokkoof nooraa kuntaala 30tu barbaachisa. Nooraa kana waggaa shanitti altokko fayyadamna. Nooraan kun utuu midhaan hinfaca’in ji’a tokko dursee biyyoodhaan walitti makamuu qaba. Nooraan kun akka paakeejii qonnaatti qonnaan bultootaaf dhiyaachuu qaba.

Kompoostii gosa adda addaa fayyadamuunis Dhangaggummaa biyyee ni fura. Lafa dhangaggummaa biyyeef saaxilame gosoota midhaanii Dhangaggummaa biyyee dandamatan kanneen akka daagujjaa, baala shaayii, bunaafi garbuu omishuu qabna. Asiidummaan biyyee sadarkaa waan qabuuf qonnaan bulaan asiidummaa biyyeessaa ogeessaan ilaalchisuudhaan kan nooraa barbaachisu nooraa itti dabaluufi kan kompostiidhaan fayyuu danda’u ammoo kompoostii itti gochuu qaba. Qonnaan bultoonni kana hingoone ammoo midhaan dhangaggummaa biyyee dandamachuu danda’an facaasuu qabu.

Dhagaan nooraa ta’u godinaalee Oromiyaa garagaraatti waan argamuuf warshaa dhagaa kana daaku bakka gara garaatti dhaabuun barbaachisaadha. warshaan simntoo Oromiyaa keessa jiran hundi galtee kana of harkaa waan qabaniif tajaajila geejibaanis kennuudhaanis ta’e omisha nooraa qonnaan bultootaaf dhiyeessuurratti hirmaachuun tajaajila lammummaa bahachuu qabu.

Bariisaa: Yeroo qonna gannaa kanatti sirnaan fayyadamuuf qonnaan bulaarraa maaltu eegama?

Obbo Tashoomaa: Waqtii gannaatti midhaan baay’een Waxabajjii keessa waan faca’aniif yeroosaanii eeganii faca’uu qabu. Haalli rooba baranaa qophii lafaatiif baay’ee mijataadha. Qonnaan bulaan caama kanatti fayyadamuudhaadhaan lafa irra deddeebiin qotee sanyiif qopheessuun aramaa booda midhaan waliin margu hir’isuu ni danda’a. Qonnaan bulaan hanqina sanyiifi xaa’oof jecha sanyiis ta’e xaa’oo haphisee waliingahuu hinqabu. Omisha guddaan argadha jedhees sanyii yabbisee facaasuu hinqabu. Qonnaan bulaan gorsa ogeessaarratti hundaa’uun sanyiifi xaa’oon hangamii akka isa barbaachisu beekee fayyadamuu qaba.

Wantoota omisha qonnaa hir’isan keessaa tokko sanyii yabbisanii facaasuudha. Kun ammoo sanyii xaafii facaasuurratti bal’inaan mul’achaa jira. Xaafiin lafa hektaara tokko facaasuuf barbaachisu kiilogiraama shanii gad ta’uu qaba. Qonnaan bulaan sanyiiwwan midhaan dheedhii ija guguddaa qaban kanneen akka baaqilaa, atara, garbuufi qamadiin ammoo haphisee facaasa. Midhaan dheedhii haphisuufi walirra buusanii facaasuun xaa’ummaa biyyeerratti hundaa’a. Sanyiiwwan midhaan dheedhii lafa xaa’oorratti haphatanii yoo faca’an dhalanii baay’achuu danda’u waan ta’eef qonnaan bulaan xaa’ummaa biyyeerratti hundaa’uun facaasuu qaba.

Lafa xaa’ummaa hinqabne hektaara tokkoof sanyiin qamadiifi garuu kuntaala 1.5 fayyadamuun ni danda’ama. Lafa xaa’ummaa qaburratti ammoo hanga kiilogiraama 70-80 yoo facaasan ni dhala. Dhukkuboonni adda addaa mudachuu waan danda’aniif qonnaan bulaan midhaan facaasee biraa galuu utuu hintaane yeroo yeroon itti deddeebi’ee ilaaluu qaba.

Qonnaan bulaan lafa midhaan agadaa irraa gale barana ammoo midhaanota dheedhii facaasuun omisha gaarii argachuu danda’a. Midhaan gosa tokko irra deddeebi’anii bakkuma tokkorra facaasuun biyyees ta’e omishtummaarratti miidhaa waan qabuuf qonnaan bulaan marsaa marsaan midhaan gegeeddaree facaasuu qaba. Midhaan faca’e lolaadhaan akka hindhiqamneef lafti tabbaa dalga qotamuu qaba. Hojjetaan misoomaas asirratti qonnaan bultootaaf deeggarsa barbaachisu taasisuu qaba.

Kunuunsa biyyeen walqabatee daagaan waqtii bonaa hojjetame ganna kana diigamuu hinqabu. Daagaa kanarra biqiltuufi marga loonii facaasuun kunuunsuun barbaachisaadha. Daagaan waqtii bonaa hojjetame waqtii gannaa ammoo maarashaadhaan qotamee diigamuu hinqabu.

Bariisaa: Biqiltuuwwan waqtii gannaa dhaabamaniif of eeggannoon taasifamuu qabu maaliidha?

Obbo Tashoomaa: Biqiltuuwwan waggaa waggaan dhaabamaa jiran bosonni ciramee bade iddootti akka deebi’u taasisaa jiru. Bosonni bakkatti deebi’uun jijjiirama qilleensaa fooyyessuu, madda bishaanii gabbisuu, omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu, dhiqama biyyee hir’isuu, xaa’ummaa biyyee guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Biqiltuuwwan dhaabaman kanneen nyaata namaafi horiif fayyadanis jiru. Hanguma uwwisni bosonaa dabalaa deemu hoo’insi qilleensaa qabannaa’aa deema.

Biqiltuu ganna dhaabanii bona ammoo horii ittigadlakkisuun sirrii miti. Eegumsaafi kunuunsa biqiltootaarratti to’annoofi hordoffii cimaan taasifamuu qaba. Biqiltuuwwan dhaabbataniifi bosona ibidda irraa eeguunis barbaachisaadha. Biqiltuuwwan haala qilleensa naannawaarratti hundaa’uun dhaabuu qabna. Biqiltuu yeroo dhaabnu walirraa fageenyasaas eeguu qabna. Biqiltuuwwan yeroo gannaa akka aramaadhaan hin nyaatamne taasisuun yeroo bonaa ammoo bishaan obaasuun kunuunsuu qabna.

Biqiltuuwwan lafa diriiraa omisha qonnaafi horsiisa horiif oolurra utuu hintaane lafa olka’aa tabbaafi gaara ta’erra dhaabuu qabna. Biqiltuu dhaabuun dura boolla biqiltuun keessa dhaabbatu qopheessuu qabna. Boolla biqiltuu yeroo qonnu biyyee isa gabbataa gar tokkotti, biyyee gara jalaa ammoo gara biraatti baasuu qabana. Boolla qophaa’e keessa biqiltuu yeroo dhaabnu biyyee gabbataa irra keessaa qotame jalatti naquun boolli biqiltuun keessa dhaabbate boolla ta’ee haala bishaan qabachuu hindandeenyeen biyyoo itti guutuu qabna. Bal’inniifi gad fageenyi boollaa gosa biqiltuurratti kan hundaa’u ta’a. Boolla har’uma qotanii har’uma biqiltuu dhaabuun sirrii miti. Boolli biqiltuun keessa dhaabamu dursee qophaa’uu qaba.

Biqiltuu dhaabbatu bakkaa bakkatti yeroo sochoofnu laastikii biqiltuun sun keessatti biqile irraa baasuufi biyyee irraa hurgufanii sochoosuun sirrii miti. Hiddi biqiltuu laastikii keessa darbee dheeratee yoo argame, wayita dhaabnu hiddi biqilaa sanaa akka hindachaaneef sibiila qara qabuun irraa muruu qabna. Laastikiin erga biqiltuu boolla keessa keenyee booda irraa bahuu qaba.

Bariisaa: Rakkooleen hojiirratti Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa mudatan yoo jiraatan?

Obbo Tashoomaa: Qorannoo geggeessuun bajata, humna namaa, meeshaalee laaboraatoorii, loojistikiifi faasilitii gahaa barbaada. Asiratti hanqina guddaatu mul’ata. Bajanni mootummaan naannoo Oromiyaa inistiitiyuutichaaf ramade kan duraaniirra fooyya’aa ta’us gahaa miti. Hojiin qorannoo bajata mootummaan ramadu qofaan milkaa’uu waan hindandeenyeef qaamoleen dhimmamtootaa deeggarsa taasisaa jiran cimsanii itti fufuu qabu. Rakkoon loojistikiis bal’inaan mul’ata. Galteewwan laaboraatoorii biyya alaatii galan guuttachuurrattis hanqina qabna. Hojiilee qorannoo inistiitiyuutichi raawwachaa jiru caalaatti milkeessuuf hanqinaalee eeraman guutuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuuf kennitaniif galatoomaa.

Obbo Tashoomaa: Isinis galatoomaa.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You