Irreecha Tulluu

Kutaa 3ffaa

Kadhannaa Irreecha Tulluu irratti gaggeeffamu

Irreechi tulluu irreecha itti Waaqa kadhatan yoo ta’u, ergaansaas: rooba nagaa nuu roobi, cabbiifi qilleensa hamaa nu oolchi, roobii sanyii nuuf biqilchi, kan biqiletti ija nuuf godhi, qotiyyoo gateettii jabeessi, ganna dukkana nagaan nu hulluuqsi/nubaasi, yeroo fuula keenya dura jiru nuu miidhaksi, waan hamaa, waan dalgaa, waan cubbuu, balaa tasaa, beela, dheebuu, dhukkuba qoricha hinqabne, irraa nu baraari, nutti araarami, nu hiiki, nuu dhiisi jedhaa Waaqa kadhata. Xiqqaa keenyaa, guddaa keenyaa nuu araarami jedhee kadhata.

Kan kadhatan rooba qofaaf miti yoo roorroon hammaate, yoo waan biyyaaf hintolle, waan aadmalee ta’e babal’ate, yoo du’i hammaate farda luugamanii, sangaa camadanii, dhiiraa dubartiin bahanii araara kadhatu. Ijoollee xiqqoon, durbi qarreen, jaartii cifireen, jaarsi gadamoojjiiin hundi bahanii kadhatu. Yoo caama ta’e rooba kadhatu, yoo dhibeen dhufe nubaraarii kadhatu, ummanni Oromoo durirraa kaasee rakkoowwan hamoo isa mudachaa ture sirna nubaraariifi araaraatti dhimma bahee Waaqaafi nama waliin nagaa buufachaa ture. Irreechi tulluu kadhaa Waaqaa yoo ta’u, waantota armaan gadii xuqanii kadhatu:

“Bona gogaa, caamsaa, bubbee hamaa nagaan ceenee galatoomi,

“Yaa Waaq kunoo sitti dhiyaannee jirra fuula kee nutti deebisi,

Nu mil’adhu nuu roobi, facaasuufi misoomaaf si eeggataa jirra,

Bishaan burquuf, loonis dhuguuf si eegaa jiru,

Yaa Waaq amma jiidha barbaannaa nuuf roobi,

Waaq lafti dheebottee, babbaqaqxee, afaan bantee,

Dacheen sanyii baattee si eeggataa jirtii roobii biqilchi,

Biqilchii ija itti nuuf godhi,

Qurxummiin bishaan keessaa,

Allaattiin samii keessaa,

Rooba kee malee hinjiraattu, mil’adhu,

Arfaasaa gaarii nuu roobi,

Lolaa hamaa nurraa qabi,

Bishaan malkaatti ittisi,

Cabbii hamaa nu baraari,

Bokkaa roobii

Roobii laga yaasi

Madda gabbisi

Raada horsiisi

Korma horsiisi

Nu kaayyomsi

Kadhannaa Irreecha Tulluu booda yeroo baay’ee otuma Tulluu irraa hinbu’in rooba. Garuu ala tokko tokko yoo ji’a Eblaa keessa roobuu dhiisee ji’a Caamsaatti ce’e deebi’anii kadhaa biraa kadhatu. Yeroo kana bifa addaan tulluutti ba’u.

“Farda luugamanii, bishaan jala kaa’u,

Fardi dheebotee du’uufi,

Jabbiin haadha akka hinhoone godhu,

Kana booda jabbiin haadha hinhootu,

Waaqayyoo nutti araarami,

Erga ati garaa nuukutattee nutis waanuma ati gootu goona,

Fardis bishaan hindhugu,

Nutis midhaan hin nyaannu, atuu nu lagdee,

Nutis humnaan sin caallu garuu waan ati goote goona,

Yaa Waaqayyoo uumama keetti garaa hinjabaatin jedhanii jilbeenfatanii kadhatu.

Walumaagalatti, Waaqaafi lafaa nutti araarami jedhee kadhata. Hima Waaqaafi lafaa jedhu keessatti jechi Waaqa jedhu isa afaan Ingiliziin ‘Sky’ jedhu bakka bu’a. Hawaa keessa kan akka urjii, biiftuu, ji’a (addeessaatu) jira. Kan isaan kana uumte jechuusaati.

Wantoota qabatanii kadhaaf tulluutti bahan

Irreechi kennaa Waaqaaf, namaaf, ogeessaaf kennamuudha. Wantonni kennaaf dhiyaatan wantoota akka margaa, abaaboo, baala urga’aafi kan biroo faa dabalata. Wantoonni kadhaafi galata Waaqaaf dhiyaatan margaafi abaaboo qofa miti. Waan omishaniifi horsiifatan irraas Waaqaaf ni dhiyeessu. Waanti Waaqaaf dhiyaatu kun bifa adda addaan dhiyaata. Isaanis: bifa dhangala’aan dhibaayyuu bifa jajjaboon daddarbaan raawwata. Wantoonni dhibaayyuuf oolan kan akka aannanii, farsoo, booka, itittuufaadha. Kan bifa daddarbaan dhiyaatu ammoo kan akka buddeenaa, foon, daabboo, marqaafaadha. Akkasumas wantoota akka dhadhaa muuduun raawwata.

Yeroon itti irreessi Tulluu kabajamu waqtii Bonaa ykn yeroo gogiinsaa waan ta’eef akka irreecha birraa margi ykn abaaboon akka garaa hinjiru. Oromoon yeroo kadhannaa, galateeffannaafi araaraaf bahu wantoota magariisa uumamaan naanno isaa jiran kan akka margaa, baala labbeessa (kichuu, daraaraa) abaaboo, bu’aa horii (aannan, dhadhaa), korma, dullacha qabatee dhiyaata.

Yeroo irreechi tulluu gaggeefamu margi haalaan waan hinjirreef bakka marga urgeessaa, miyeessaa, hindhee, ittechaa, ejersaa, bakkanniisaa, xaaxessaa, hindhee, kalaalaa, gabbisaa ykn baala jiidhaa qoree hinqabne kan foolii gaarii qabu qabachuun Waaqa kadhatu. Irreechi waan akka galataatti lafa keenyuudha. Waanni fudhatanii irreecha tulluuf deeman waan urgaa’u, kan foolii gaarii qabu, qabaaf namatti tolu, kan qoraattii hin qabne ta’uu qaba.

Qalmaafi ariirrata Irreecha Tulluurratti taasifamu

Irreechi tulluu irreecha qalmaafi hariirrannaan beekamuudha. Akka maanguddoota, hayyootaafi abbootii Gadaa addaa addaa irraa dhugeeffannetti irreecha tulluu hunda irrattuu qalmi ni raawwata. Garuu, akkaataan ittiin raawwatu, namni raawwatu, bifi horii qalamuu, umuriin horii qalamuu, garaagarummaa xixiqqaa qaba. Akka odeeffattoonni keenya naannoo Tulluu Furii nutti himanitti gaafa araaraaf Tulluu dhaqan kan qalamu kormaafi dullacha jedhu. Horiin qalamu yeroo baay’ee bifaan gurraacha ta’u qaba. Sababni fuuldurri ganna, ganni ammoo dukkana gurraacha, duumessa, dukkana sana keessa garuu ifatu jira, ganni duumessa baata, duumessi ammoo rooba baata, roobni midhaan biqilcha namaafi horiin isa nyaata. Kanaaf, horiin bifa gurrachaa filatama jedhu manguddoonni.

Bifuma walfakkaatuun warra naannoo Tulluu Cuqqaalaa adii hinta’in malee kanuma argametu qalama, dullacha kan qalus nijiru nuun jedhan. Sababni horiin bifa adii hinqalamneef arfaasaan yeroo duumessaati waan duumessi ammoo rooba baatee deemuuf gurraachatu barbaadama. Yoo adii ta’e faallaa gannaa ta’a. Adiin birraa qalama. Horiin arsaaf qalamu wadaroon hinkufu. Kaayyoon aarsaan sun dhiyaatu waan dabe akka qajeelchu, akka hiikkatuufi furmatni akka dhufuuf yaadameet waan ta’eef haadaan kuffisuun hooda. Akkuma malkaan abbaa malkaa qabu Tulluunis Abbaa Tulluu qaba. Namni kamuu abbaa Tulluu ta’u hindanda’u. Angafummaan fudhatama. Abbaan tulluu mirgi addaa inni qabu tulluurratti waan hamaan akka irratti hin raawanne eeguu, kunuunsuufi yeroo irreeffannaa haala mijeessuudha.

Osoo sirni irreechaa hinjalqabin abbaan Tulluu achitti argamee eebbaan saaqa. Qalmi irreecha Tulluu Barraaqitti raawwatu kan bakka biroorraa xiqqoo adda. Kan qalamu, korma reefu dhalatu kan hinleenjifamin ykn kan harqoota hinseenin, kan dirmammuu ofirraa hinqabne, dibicha leenjisa gahe qofa. Sangaafi qotiyyoo qonna keessa ture qaluun hin hayyamamu seeratu dhorka. Akka abbaan Tulluu Barraaq himanitti, horiin gaafa irreechaa qalamu hoolaafi horii gaanfaa dabalatee dhibba lamaa ol ta’a. Hanga kormi abbaa Tulluu qalamutti hoomtuu hinqalamu. Jalqaba abbaa tulluutu qala, isa booda warri kaan waan qaban korma ykn hoolaa qalu. Halkanis ni bulu ni kadhatu, namoonni wareega qaban ni galfatu.

Akka barsiifata Tulluu Barraaqitti kan morma kutu abbaa tulluuti, obboleessi mata qaboo ta’a. Korma qalamu kana keessaa warri abbaa tulluu foon fudhatanii manatti galan qabu. Foonichis laddaa jedhama. Mataqaboon laddaa bitaa fudhatee gala. Abbaan tulluu laddaa mirgaa fudhata. Abban tulluu mana namaatti hingoru. Moora hoorii qalamuu abbaa Tulluutu fudhatee gala.

Halbee (albee) ittiin mormi kutame ulfinaan ol kaa’u malee waan biraaf hin fayyadamani. Kabajaan ol ka’amee bara itti aanu hojiirra oola. Meeshaa qara qabu qabatanii irreecha tulluu hindeeman. Foon qalame namni achitti argame hunduu ni nyaata. Waan hafe fuudhanii hindeeman. Mi’i garaafi mataan bineensaa (waraabessaaf) kennama. Gaafa kennan haftee foonii bineensaaf kennan “Horii keenya hinxuqin, nama keenya hinxuqin jedhanii kadhatu”. Dura abbuma horii qale sanatu biluu (dhiiga) addaan tuqata. Dubartii lubbuun tuqanii lubbuu dheeradhu jedhu, dhiira addaan tuqanii adda argadhu, diinatti hadhaa’i, adda jabaadhu, hamtuun si hinargin” jedhu.

Ummata Oromoo biratti Waaqni halluu gurraachatti fakkeeffama. Sababni Oromoon Waaqaa bifa gurraachaa kennuuf inni jalqabaa waan gurraachi iccitiidha, keessa isaa arguun hindandamu. Oromoof Waaqni gurraacha, iccitiidha abbaan fedhe beekuu hindanda’u. Biyyoon gurraachi mallatoo hormaataati, duumessi roobuuf deemu gurraacha garuu rooba gaarii qabatee dhufa. Waaqni Oromoo biratti garba yookaan bishaan baay’ee bal’attis ni fakkeeffama. Gurraacha garaa garbaa jedhama. Garaa garbaa jechuun akkuma bishaanii bal’aafi gadi fagoo waan ta’eef dhalli namaa sakkata’ee bira gahuu hindanda’u jechuudha.

Ariirrata jechuun akka naannoo Maccaatti horii aarsaaf Waaqaaf qopheessuu jechuudha. Akka naannoo Maccaatti gaafa sirni tokko raawwatu horiin qalmaaf dhiyaatee ni ariirratama. Horii ariirratamu haala jila sanaatu murteessa. Dullacha ykn korma ta’uu mala. Yeroo arfaasaa yoo ta’e horii bifa magaala ykn gurrachaatu filatama. Kormi kan filatamuuf abdii, karoora, humnaafi mo’icha qaba jedhamee waan amanamuuf.

Kormi qalamu bakka jilaa erga qaqqabee booda gara bahaatti galagalee dhaabbata. Horiin afaan qullaa hinqalamu. Dura coqorsa(hokaa) dhadhaa xuqanii huruu irra hanga eegeetti ala shan gadi hariirratu. Angafa abbaa tulluutu qala ykn ofkaltii godha. Margichi dhiyaana korma sanaati. Margi kan kennamu dhugaafi haqa kormichi qabu ofkaltii gaafachuudha. Erga nyaateen booda gara mirgaatti deebisanii haanfu (qalu). Namni haanfe sun meedhicha harka mirgaa irraa baafatee dhaqee taa’a. Dhiiga harkaan fuudhee safuu biiftuu ykn dhiyaana kee jedhee abbaan tulluu gara biiftuutti facaasa.

Dhiiga qeenfame jalqaba angafni adda xuqata. Fuudhanii balbala, utubaa, dinqaafi boroo muudu. Erga kormi sun kufee dhiiga qeensanii dhiirri hundi adda xuqata. Foon qalame ciincaaf dhiyaata. Muka jiidhaarra godhamee dhiyaana Waaqaa dhiyeessu. Naannoo Tuulamaatti namni qalu abbaa kolbaa jedhama. Dhiiga kantare sana buruqsanii adda kommifatu (xuqatu). Dhiigni qeensame borootti gala. Iddoo barcumni angafaa taa’u ta’a. Dhiiga sanaan balbala, muka safuu xuqu. Hanga horiin qalamee dhumutti dhiigi achuma tura. Mi’a garaa bira gahee kutee ilaala. Qulqullina isaa ilaalee ofkaleera jedha. Yeroo kana meedhicha angafatti godhanii moora itti uwwisu. Irreeffatanii dhiigni manatti gala.

Tulluu Saddeettan Waaqayyootti kan bahan yoo rakkoo guguddoon akka hongee, beela, hawwaannisaa, girrisaa, dhukkuba hamaa, waraanaa, dhufe nurra dabarsi, waliigaltee nuuf kenni, waliigalii nuuf toli jedhanii kadhatu. Akka naannoo Ada’aattii rakkoon sun rakkoo hongee yoo ta’e dullacha qalu. Akka afoolli tokko tokko jedhutti namni jalqaba kan Waaqa waliin walitti dubbate tulluurratti waan ta’eef yoo achirratti Waaqa kadhanne nuuf dhagaha jedhu.

Akka Tuulamaatti Tulluu Saddeettan Waaqayyoon dabalata tulluu xixiqqaanis jiru. Isaan akkanaa irrattis bahanii ariyaa qalu. Ariyaan korbeessa ykn goromtii re’eeti. Irreecha tulluuf yoo deeman dhibaayyuu qabatanii bahu. Dhibaayyuun qabatanii bahan: dammaafi aannan ture, booda farsoon dabalame malee. Dhibaayyuu beekamaan dur aannani. Dacheetti dhibaafatanii namaaf toli, horiif toli jedhanii lafatti dhibaafatu.

Kaadhimamaa Doktaraa Girmaa Namarraa, Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromootti, Qorataa Seenaafi Dursaa Garee Qorannoo Seenaa

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You