“Haalli nageenya Magaalaa Maqii kaameeraadhaa deggeramee waan to’atamuuf daran sadarkaa fooyya’aarra jira”  – Obbo Dilboo Urgeessaa (Kantiibaa magaalattii)

Magaalaan Maqii bara 1931 hundoofte. Beekamtii kan argatte bara 1958. Ergasii magaalaa mana qopheessaa taatee bara 1958 irraa eegalee hojiilee manni qopheessaa tokko hojjechuu danda’u raawwachaa turte. Turtii yeroo dheeraa booda bara 2013 riiformii jala galtee magaalaa sadarkaa guddattuu argatte. Haa ta’uutii sadarkaa amma magaalattiin irra jirtuufi sadarkaan guddinaashii walhinargu. Guddinni magaalattii haala saffisaadhaan dabalaa jira. Sochiin dinagdee adeemsifamaa jirus yeroo yeroodhaan dabalaa jira. Galiin galchitus magaalota gitashiirra olaanaadha. Galiin kun baruma baraan saffisaan dabalaa jira. Kanumarraa kan ka’e magaalattiin jiddugala dinagdeefi daldalaa taateetti.

Kunis carraan magaalattiin qabdu Aanaa Dugdaatti iddoowwan hojiilee misoomaa tibba bonaafi gannaa hojjetamaa jiran akka carraa olaanaa argattu kan taasiseedha. Magaalattiifi naannawaashiitti yoo boolli meetira torbaa saddeet gadi qotame bishaan baasuun bonaa ganna omishuun nidanda’ama.

Kanumarraa ka’uun inisheetivii mootummaan gadibuuse, omisha qamadii bonee aanaa kanatti jalqabame. Kanaaf sochiin invastimantii, daldalaa, hawaasummaafi dinagdeesaa daran bal’aafi ho’aa waan ta’eef abdiin guddinashiis olaanaadha. Namni barbaade dhufee asitti hojjetee omishuufi misoomsuus ni danda’a.

Madda galii

Industiriin bal’inaan jiraachuu baatus maddi dinagdee Magaalaa Maqii inni ijoon hojiilee daldalaa adda addaa, hoteelota, omisha kuduraafi fuduraa, dhaabbilee invastimantii fa’i. Hammuma omishtummaafi hojiileen daldalaa babal’atan galiin dabalaa deema. Magaalattiin dameewwan eeramaniifi kaanirraa galii ni argatti.

Daandii saffisaafi Maqii

Daandiin saffisaa Magaalaa Maqiif akkuma carraa qabatee dhufe miidhaa mataasaa danda’es ni qaba. Magaalattiin daandii guddaa Finfinneerraa gara Baatuu, Shaashamanneefi Hawaasaa geessuurratti darbees hanga Keeniyaatti ce’urratti argamti. Keessummoota adda addaa baay’eetu keessa qaxxaamuree darba ture. Garuu ammoo daandiin saffisaa kun irraa goree bahuunsaa dhiibbaa tiraafikii magaalaa keenyaa hamma tokko hir’iseera. Haa ta’uutii dhaabbilee daldalaafi hoteelotarraas waan hir’ise qaba. Kanarraa kan hafe miidhaa hangana jedhamee eeramu hinqabu. Daandichi ciminaafi hanqina mataasaa danda’e kan qabuudha.

Tiraaktaroota magaalattii keessa yaa’an

Tiraaktarri kan baay’ateef waan omishni bonaafi ganna naannawa kanatti omishamuufi. Qonnaan bulaan keenya baay’eensaa maashinii kana dhuunfaadhaan bitatee ittifayyadamaa jira. Tiraaktaroonni magaalota kaanirra Maqiitti baay’achuun magaalattiin giddugala qonna bonaafi gannaa, dinagdeefi daldalaa ta’uushii kan agarsiisuudha. Naannawaan kun yeroo hunda qonniifi omishni jira jechuudha. Hojiin qonnaa ji’oota sadii sadiin adeemsifamaa jira.

Hojiilee invastimantii magaalattiirratti baay’inaan hirmaatee kan jiru qonnaan bultoota. Qonnaan bulaan keenya waan qotatee argaturraa niqusata. Mootummaan ammoo haala mijeesseefi tiraaktaroota kanneen bitataa jira. Ammaan tana namni miira dorgommii keessa galee haala itti dinagdeesaa guddifachuu danda’urratti xiyyeeffatee sochii olaanaa taasisaa jira. Kunis magaalaan keenya itti hojjechuufi keessa jiraachuuf hawwatamaa akkasumas fedhii guddaa uumaa jirti.

Gabaa shunkurtii Maqiitti

Gabaan shunkurtii, fuduraaleefi muduraalee gara garaa akkuma beekamu gatiin asitti ittiin gurguramuufi magaalota birootti gurguramuun daran walirraa fagoodha. Naannawa kanatti shunkurtiifi timaatimiin kiiloon tokko qarshii 30 hanga 40tti gurguramaa jira. Finfinnee, Adaamaafi Bishooftuu fa’itti dachaafi isaa oliin gurguramaa jira. Haala kana kan uume asumatti omishama, asumatti gurgurama. Kan asirraa hafetu gara biraa deema. Omishni naannawa kanaa hanga Maqaleefi magaalota birootti gurgurama. Omishni kun hawaasa naannawa kanaatiif carraa hojii bal’aas kan uumeedha.

Omishataafi bitataa jidduu faddaalaan jira

Faddaalaan nijira. Mootummaanis kana sirreessuufi akka omishtoonni faddaalaadhaan hin nyaatamne gochuuf hojjetaa jira. Finfinnee, Adaamaafi Bishooftuu fa’itti dabalatee iddoowwan adda addaatti bakka gurgurtaa mijeesseeraaf. Kanneen carraa kanaan fayyadaman jiru. Jijjiiramas agarsiisaa jiru. Warri gara invastarummaatti ce’anis jiru. Hawaasni Maqiitti omisha jidduseenummaa faddaalaa malee argataa jira. Asii baanaan garuu faddaaltonni jiru. Mootummaan kanas furuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jira.

Dargaggootaaf carraa hojii uumuu

Gaafa Maqiin giddugala omishaafi omishtummaati jennu kanuma fa’irraa kaaneeti. Dargaggoonni bal’inaan hojiitti gala jiru. Kan barate ogummaasaatiin gurmaa’ee hojii keessa gala jira. Sheediiwwanis qopheessinee ittigalchaa jirra.

Dargaggoonni hinbarannes hojii isaaniif ta’urratti bobba’anii hojjechaa jiru. Keessumaa fe’uufi buusuudhaan, hojii omisha fuduraafi kuduraarratti bal’inaan bobba’aniiru. Walumaagalatti dargaggoonni bal’inaan dameelee hojii adda addaa keessa galaniiru, gala jiru.

Kenna tajaajilaa Maqiitti

Maqiin magaalaa bara 2013tti riiformii keessa seenteedha gaafa jennu magaalaa caasaalee hunda guuttattee hojiitti galteedha jechuu miti. Bara eerame kanatti sektaroota shaniin hojii jalqabne. Bara 2014 booda ammoo seektaroota 15 qofaani tajaajila kennaa kan turteefi jirtu.

Kanaaf Magaalaa Maqiirra tajaajila guutuu argachuun ulfaataa ta’a. Hanqina humna namaatiinis garmalee rakkachaa jirra. Caasaadhuma baname keessattiyyuu humna namaa harka 40 ta’u qofaan tajaajilli kennamaa jira. Rakkoon seektaroota guuttachuu dhabuu guddaatu jira. Rakkoon caasaadhuma jirurrattillee humna namaa guuttachuus dhabuus akkasuma.

Sababuma kanaan sektaroota tokko tokko keessatti namoota afur/shan qofatu tajaajila kenna. Kanaaf hawaasa kana akka barbaadnetti tajaajiluurratti daran rakkachaa jirra.

Gama kaaniin kallattii mootummaan kaa’een torbanitti guyyoonni tajaajilaa abbaa dhimmaa sadii jiru. Inni kun harcaatiiwwan tokko tokko jiraatanis hamma danda’ametti hojiirra oolaa jira. Kanaafis sababiin rakkoo nageenyaafi haala yeroo ammaa akka biyyaatti keessa jirrurraa kan ka’e hojii nageenya Magaalaa Maqii mirkaneessuu keessatti gaheen hoggansaa guddaadha. Iddoowwan tokko tokkotti hojiileen dirreerratti hojjetamanis jiru. Kanarraa kan ka’e hanqinni mudachuu mala. Ammaan tana sektaroota 15 qofaan magaalaa kana gaggeessaa jirra.

Hojiin kenna tajaajilaa sektara qindaa’aa barbaada. Iddoo kun hinjirretti tajaajila guutuu kennuun waan ulfaatuuf carraa kanaan haala guddina saffisaa magaalattiin irra jirtuun mootummaan ilaalee akka sektaroota hafan nuu dabalu gaafanna. Kanneen banamanii jiranittis humna namaa akka guuttannuuf akka nuu eeyyamamu gaafanna.

Hojmaata dijitaalessuu Maqiitti

Maqiin magaalaa reefu riiformii keessa galte taatus gama tokkoon hojii kenna tajaajilaa fooyyessuuf gama kaaniin ammoo tajaajila hawaasaaf kennamu fooyyessuufi gaaffii hawaasaa deebisuuf bajata mootummaan ramadu qixa sanaan ilaallee hojjetaa jirra. Sektaroota hanqinni meeshaalee mudates waljalaa furaafii deemna.

Dijitaalessuudhaan walqabatee hojiin magaalaa keenyatti eegalame kenna tajaajila hawaasaa kanas hordofuuf jecha Wiixata, Waxabajjii 3 bara 2016 irraa eegalee kaameeraa ‘CC’ manneen hojiitti maxxansinee tajaajila ogeessi kennu bakkuma tokko teenyee ittiin hordofaa jirra. Teknolojii kanaan nageenya magaalaa keenyaas hordofaa jirra. Kana malees sektaroonni akka daldalaafi galiis dijitaaleffamaniiru.

Haala nageenyaa Magaalaa Maqii

Akka biyyaattis ta’e magaalaa keenyaatti yoo ilaalle ammaan tana biyya rakkisaa kan jiru olola. Kanarraa kan ka’e namoonni as hindhufiin odeeffannoowwan sobaafi olola miidiyaa hawaasaarratti gadi dhiifamaniin burjaaja’uun nijira. Kanin carraa kanaan himuu barbaadu nageenyi Magaalaa Maqii sadarkaa fooyya’aarra kan jiru ta’uusaati. Isinis qaamaan argamtanii keessa deemtanii argitaniitu. Magaalaa keenyatti namni kamuu akka barbaadetti socho’ee oolee bula, bahee gala.

Kunis hojii akkasumaan dhufe otoo hintaane qindoomina hoggansaa, caasaa nageenyaa, gandaafi hirmaannaa ummataatiin kan dhufeedha. Gandoota Aanaa Dugdaa muraasa rakkoon nageenyaa itti mudataa turettis mootummaan xiyyeeffannoon waan irratti hojjeteef rakkoon sun ammaan tana furameera. Magaalaan Maqii akki halaala taa’amee itti haasa’amuufi dhugaan lafa jiru gonkumaa adda adda ykn faallaadha. Namuu rakkoo tokko malee tasgabbiidhaan hojiisaarratti bobba’ee hojjetaa jira. Kanaaf haalli nageenya Magaalaa Maqii daran fooyya’aafi iddooshii duriitti deebi’aa kan jirtuudha.

Kaameeraawwan magaalattiitti fannifamaa jiran

Kaameeraawwan Magaalaa Maqiitti fannifamaa jiran sochiilee taasifaman kamuu hordofuu akka danda’amuufi. Bakkuma tokko taa’amee sochiilee magaalattiitti taasifaman hunda hordofuufi to’achuuf kan gargaaruudha. Kaameeraan daandii asfaaltii magaalattiirratti fannifaman nageenya mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa qabu. Yakka dalagamu kamuu akkuma salphaatti hawaasniifi qaamoleen nageenyaa akka ittiqaqqaban kan dandeessisuufi gocha yakkaa kamuu to’achuuf kan gargaaruudha. Kaameeraan kun tajaajila sektaroonni kennaa jiran hordofuufis ni oola. Kunis hanqinaafi cimina addaan baasuuf kan gargaaruudha. Kaameeraa waajjiraalee hundatti galfamu kanaan hojjetaa kamtu hojii akka seeneefi hinseenne haala kenna tajaajilaasaa addaan baasuun nidanda’ama. Walumaagalatti kaameeraan kun alaafi keessatti kan tajaajila kennuudha.

Ergaa

Akka waliigalaatti kanin kaasu caasaan magaalaa tokkoof barbaachisu kamuu Magaalaa Maqiif akka guutamuudha. Kun yoo guutameef magaalaan kun kanaan olitti saffisaan guddachuu dandeessi; sababiinsaas tajaajila kan kennu nama waan ta’eef. Sadarkaan guddina magaalaa tokkoo carraalee qabatee dhufu qaba.

Caasaa oggaan jedhu magaalattiin caasaalee murteessaa akka mana marii (waa murteessuuf), afyaa’ii, waajjira dhimma dubartootaafi daa’immanii, kominikeeshinii (hojiilee magaalattiitti raawwataman uwwisa miidiyaa akka argataniif), dhimma hojjetaafi hawaasummaa, dargaggootaafi ispoortiifi kkf waan hinqabneef isaan kunniifi hanqinonni biroo yoo guutaman guddinni magaalattii daran saffisuu danda’a; kenni tajaajilaas sirriiitti fooyya’uu danda’a. Caasaadhaan walqabatee deggartoonni misoomaa tokko tokkos akka ulaagaatti waan gaafataniif sektaroonni magaalaan Maqii hinqabne humna namaa wajjin otoo dafanii guutamanii dhaamsa jedhuun qaba.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You