Ji’oonni muraasni darbaa jiran, taateewwan hedduu murteessoo ta’an kan itti milkaa’aniidha. Ji’oota milkii kunneen keessa rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa mudatee ture fooyya’ee qilleensi qabbanaafi nageenyaa qilleensa’uu jalqabeera.
Tibbi keessa darbaa jirru, tibba humnoonni tasgabbii ummata keenyaa booreessaa turan, qalbii itti horatanii, nagaaf abboomamanii baay’inaan qe’eetti deebi’an, qe’een Oromoo sodaaf itti hin imalamne nagaa argachuu bira darbee, dheebuun misoomaaf qaban deebi’uuf xurreen guddinaa itti argameedha.
Ji’oota milkii qe’ee Oromoofi Oromiyaa milkoomsuuf tajaajilli hawaasummaa adda citee ture hundi hojii eegalee, imala badhaadhinaafi misoomaa itti eegalameedha. Milkiin qe’ee Oromootti nagaafi qabbana buusu kunis, bu’aa qaama tokkoo ykn garee muraasaa osoo hintaane, bu’aa waloomaa atooma walootiin dhufeedha.
Fooyya’iinsi kun garuu, salphumatti ykn hawwii qofaan kan dhufe osoo hintaane wareegamaafi aarsaa qaalii kan gaafate ta’uu isaa hubatamuu qaba. Kutannoofi cichoominni mootummaan nageenya naannichaa waaressuuf agarsiise akkuma jirutti ta’ee; bu’uura duudhaa safuufi safeeffannaa sabaa kan ta’an, gaheen Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, akkasumas Abbootii Amantaa, jaarsolii biyyaafi ummata bal’aa laayyoo hinturre.
Hidhattoota waamicha nagaa dhaga’anii waan hunda caalaa nagaa sabaafi naannoo isaaniif dursa kennuun galaniifis galatatu malaaf. Hundaa ol ammoo, humnoota nageenyaa, nageenyi naannoofi ummata keenyaa boora’uu mannaa, lubbuu koo wareeguu wayya jechuun, rakkoof gadadoo kamiifuu osoo hinjilbeenfatiin cichooma wareegama lubbuu gaafatuun qa’ee Oromootti qilleensi nagaa akka bubbisu taasisaniif kabajaafi ulfina olaanaan qabu, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ibsuun barbaada jedhu Pirezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Nageenyi naannoo keenyaa fooyya’us, hojmaneen nageenya waaromsu fuuldura keenya jira. Mootummaan akkuma kaleessaa har’as dhimmi nageenya dursu hinjiru jechuun hidhattoota harca’anii bosonatti hafaniif harka nageenyaa diriirsaa jira.
Mootummaan nageenyi akka waara’uuf, harka nageenyaa diriirsuu qofa osoo hintaane, warreen waamicha nageenyaa fudhatanii galan ummatatti madaqsuun qe’een caba nageenyaatiin one misoomsuuf qophii gahaa taasisaa jira. Akkasumas, bu’uuraalee misoomaa miidhaman, irra deebiin suphuufi ijaaruuf, pirojektota adda citaniifi harkifatanis qoratee saffisaan hojiitti galchuuf xiyyeeffannoo addaatiin socho’aa jira.
Tajaajilli hawaasummaa keessattuu kan akka eegumsa fayyaa, barnootaafi bishaan qulqulluu hatattamaan hawaasa keenya bira akka gahu mootummaan hojii ijoofi dursa argachuu qabu taasisee raawwachaa jira.
Walhubannaa mariif marabbaa irraa madduun, hamma danda’ametti gaaffii ummata keenyaa deebisuuf mootummaan halkaniifi guyyaa cichoomina cimaan kan hojjetu ta’a.
Mootummaan naannichaa, nageenya waaressuuf cichoominaan hojjechaa jira. Akkasumas hawaasni tajaajila haqa qabeessaafi loogiirraa bilisa ta’e akka argatu taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Karri yaada keenyaa hamma fedhe gargar ta’ullee, manni itti ol gallu tokkuma. Maniin keenya nageenya waaraa, sirna dimokraasifi badhaadhina ummata keenyaa mirkaneessuudha.
“Faayidaa ummata keenyaa irraa yoo kaane, waan waliin qabnu malee waan irratti waldhabnu hinqabnu; kanaafuu faayidaafi fedhii ummata keenyaa milkeessuuf, tokkummaa keenya haa haaromsinu! nageenya keenya haa waarru!” jedhu.
Funyoon walqabattee Arba hiiti. Marti keenya yaadaafi qalbiin waloomnee, garaa gartummaa keenya dhiphifachaa, walooma keenya dagaagfachaa, faayidaa ummata keenyaatiif waliin haa hojjennu.
Hir’uun kan guutu, kan qabu yoo qoodeedha; dhugaafi haqa ummata keenyaatiif jecha hir’uu keenya waliin guuttachaa, tokkummaan harka walqabannee, milkii egeree badhaadhina ummataatiif akka waltumsinu, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha dhiyeessuun barbaada jechuun dhaamaniiru PirezIdaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016