Finfinnee: Hojii qindoomina bulchiinsa godinichaa, qaamolee nageenyaafi ummataan hojjetameen Qellem Wallaggaa dachee nagaafi misoomaa ta’uu bulchaan godinichaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa ibsan.
Obbo Gammachuun tibba darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, godinni kun bara 2008 irraa eegalee rakkoo hamaafi ulfaataa keessummeessaa as ga’e. Bakka tokko tokkotti caasaan mootummaa diigameera. Ummatni nagaan lubbuu badeera, qaamaas hir’ateera. Kan jiraatti gubateefi qaamnisaa murame manni lakkaa’ee hin fixu. Hoggansi caasaa mootummaa 160 ol ta’u lubbuusaa dhabeera. Jiraattonni godinichaa hedduun lubbuusaanii oolfachuuf baqachuuf dirqamaniiru.
Haa ta’u malee, ummatni godinichaa rakkoo ulfaataa keessa taa’ee osoo qubnisaa muramuu beekuu mootummaa kana filachuusaa yaadachiisanii; ABO Shanee kan nagaa godinichaa jeeqaa turerratti tarkaanfii qindaa’aa fudhatameen yeroo ammaa godinichi godina nagaafi misoomaa ta’uu hubachiisaniiru. Haala amma jiruun humni Shanee godinicha keessaa gara sulula Laga Birbiriifi naannawa gammoojjiitti bittinnaa’ee akka jiruufi achitti tarkaanfiin irratti fudhatamaa akka jiru ibsaniiru.
Ummatni godinichaa gara jalqabaatti “Shaneen Oromoof qabsaa’a” jechuun burjaajjii keessa galee turuu yaadachiisanii; amma garuu ifatti “Shaneen diina kooti” jechuu bira darbee qaamolee nageenyaa waliin sakatta’iinsa taasisaafi odeeffannoo barbaachisu kennaa jiraachuu dubbataniiru. Hoggansi godinichaa hundi nageenya godinichaa tiksuuf harka tokkoon kilaashii harka biroon ammoo misooma mirkaneessuuf hojjetaa jiraachuus dabalataan himaniiru.
Godinni Qellem lafa qonnaaf oolu hektaara kuma 990 ol waan qabuuf osoo misoomee potenshaala guutuu Oromiyaa sooruu qaba. Laggeen bonaafi ganna yaa’an kana jallisiifi misooma garaagaraaf ooluu danda’an 2321 ol qaba. Lafa omisha bunaaf oolu hektaara kuma 467 qaba. Godina ongee hin beekne magariisummaa gonfatee qalbii namaa haalaan hawwatudha.
Yeroo ammaa ummatni godinichaa irra jireessaan fuulasaa gara misoomaatti deebisuun bara kana lafa hektaara kuma 367 omishuuf hojjetamaa jiraachuu himanii; xaa’oo hanga ammaatti godinicha dhaqqabe kuntaala kuma 150 ol keessaa dhibbantaan 50n qonnaan bulaa dhaqqabuu yaadachiisaniiru.
Haaluma walfakkaatuun biqiltuu bunaa kana bara darbe miliyoona 197 dhaabame dachaan ol guddisuun miliyoona 378 dhaabuuf sochiirra jiraachuu eeranii; bara kana waliigalaan buna toonii kuma 153 omishuuf karoorfachuus yaadachiisaniiru. Kana malees, bara kana haala kanaan dura hin baratamneen omisha ruuziirraa calla kuntaala miliyoona 5.5 argachuuf karoorfachuus himaniiru.
Kanaan booda Qellem Wallaggaa godina sababa nageenyaan irraa baqatamu osoo hin taane kan itti baqatamu akka ta’uuf hojjetamaa jira jedhanii; Itoophiyaanota mitii lammiilee biyya alaa waggoota 60 oliif godicha keessa jiraataniifiyyuu kaartaa mana jireenyaa kennaa jiraachuu dubbataniiru.
Godina laftisaa jalli sookoo(warqee), irrisaa ammoo bunaafi omishaalee garaagaraaf mijataa ta’e kana abbootiin qabeenyaa akka misoomsaniifis waamicha dhiyeessaniiru.
Rippoortara Gaazeexichaatin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016