Misooma koriidarii seenaa magaalattii madaaluufi aadaa hojii haaraa uume

Hojiin Finfinnee miidhagsuufi magariisa uwwisuu keessumaa waggoota shanan darbanitti raawwatame amma ija godhatee mul’achuu eegaleera. Magaalattiitti hojiilee misoomaa waggoota shanan darban keessa Finfinneetti raawwataman keessaa kanneen akka Paarkiiwwan Tokkummaa, Inxooxxoo, Michummaa, Pirojektii Caakkaa akkasumas iddoowwan oolmaa ispoortii sadarkaasaanii eeguun hojjetaman tarreessuun nidanda’ama.

Utuu kanaan jiruu pirojektiin misooma koriidarii ji’oota muraasa darbanitti haala guddummaafi seenaqabeessummaa magaalattii madaalaniin hojjetamaniifi hojjetamaa jiranis miidhagina addaafi aadaa hojii haaraa gonfachiisaa jiru.

Hojiin naannawa Birbirsa Gooroo (Piyaassaa)fi Daalattii (Araat Kiiloo) sagantaa qabameen baatii sadii keessatti xumurameera. Pirojektichi qulqullina eegsisuufi naannawa jiraattota hundaaf mijatu uumuun hojii dursi kennamuufiin hojjetameedha.

Pirojektiin kun tumsa namoota hedduun kan adeemsifame yoo ta’u, jalqabumarraa hojii tola ooltummaafi hirmaannaa ummataa akkasumas kutattummaan mootummaa keessumaa kan Ministira Muummee Abiyyi Ahimadiifi Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, kaabineesaaniifi ogeessota seektaroota magaalattii bal’inaan irratti mul’ateedha.

Daandiiwwan babal’oon, daandiiwwan lafoofi biskiliitii mijatoon, iddoowwan magariisaa, manneen qulqullinaa qulqulluufi ammayyaa, halluuwwan ijaarsaa walta’aniifi miidhagan Finfinnee jijjiiraa jiru.

Kanaafis, hoggantoota jecha hojiitti jijjiiruuf hirmaatan, ogeeyyotaafi hojjettoota osoo dadhabe hinjedhin raawwatan, hunda akkasumas dureeyyiifi jiraattota hojii kana deggaruun gamoosaaniifi mana jireenyaasaanii kaka’umsasaaniin miidhagsaniifi deggaran hundaaf galanni nimala. Ummanni bakkichatti argamu bahuun jaalala, kabaja, argisiiseef galateeffamuu qaba.

Hojiiwwaan misooma koriidarii hojjetamaa jiranis xumuramanii akka tajaajilaaf banamaniif hawaasnis gumaachaafi hirmaannaa taasisaa jiru cimsee ittifufuun bulchiinsa magaalattii maddii hiriiruufi muuxannoo kaka’amusa hojiis irraa fudhachuu qaba.

Kanarratti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Aadaanach Abeebee ergaa dabarsaniin, “Ji’a sadii keessatti Piyaassaa naannawa riqicha Yaadannoo Injifannoo Adwaafi hojiiwwan misooma koriidarii naannawa Araat kiiloo xumurameera.

Aadaa hojii haaraa, qulqulluu, sa’aatii 24fi guyyoota torba hojjetu Araat Kiiloo, haala daran mijataa, miidhagaa, qulqullinasaafi dhalootaaf darbuu danda’uun hojjetameera.

Ministirri Muummee Abiyyis Ahmadis, “Hojii guddaa kana keessatti mijachuu dhabuu lammiilee keenyarratti uumameef dhiifama gaafanna” jechuun kabajaafi iddoo jiraattota magaalattiif qaban ibsaniiru.

Hojiin toora Piyaasaafi Araat Kiiloo sagantaa baatii sadii qabame keessatti xumuruu keenyatti gammadeera. Jiraattota yeroo hojiin misooma koriidarii jalqabamu waliin ka’an, abbootii qabeenya deeggaran, hojjettoota ogummaasaaniin hojjetan, hoggantoonniifi dhaabbileen federaalaas qooda bahataniif galateeffateeffamuu qabu. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad deggarsaafi hordoffii taasisaniif bulchiinsichis daran galateeffamuu qabu.

Magaalonni biyya keenyaa marti koriidarii seenaa Finfinnee jijjiireefi jijjiiraa jiru, magaalattii madaaluufi aadaa hojii haaraa uume kana ka’umsa godhachuun muuxannoo fudhatanii hojiirra oolchuuf daran tattaafachuu qabu.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016

Recommended For You