Finfinnee: Hojii Misooma Koridarii Magaalaa Finfinnee guddummaa Itoophiyaa mul’isuuf qajeelummaadhaan akka eegalan Ministeerri Muummee Doktar Abiy Ahimad ibsan.
Daawwannaa raawwii hojii Misooma Koriidarii Finfinnee naannawaa Piyaassaa (Birbirsa Gooroo)tti Dilbata darbe wayita taasisan akka jedhanitti, hojiin koriidarichaa hojii Itoophiyaa hanga maqaashee geessu ijaaruuf qajeelummaadhaan eegalamedha.
Akka Doktar Abiy ibsanitti, ji’oota sadii keessatti naannawaa piyaassaa jijjiiruuf misoomni kuni karoorfamee hojiitti kan galamee yommuu ta’u, yaadamni misoomichaas waadaa uummataaf galame gochaan argisiisuuf kan kaayyeffateedha.
Magaalattii magaala jireenya namaatiif mijattuu taasisuuf, jiraattonni magaalattii keessa akka miilan imalan gochuuf, bakka namni taa’ee waa dubbisu, xiinxaluufi aara itti galfatu gochuuf hojiin kun eegale. Adeemsa hojii misoomichaa keessatti badiin jiraachuu danda’a waan ta’eef ummatni dhiifamaan akka bira darbus gaafataniiru.
Waan barbaadamu argachuuf aarsaa gaafata waan ta’eef namootni hojii kanarratti bobba’aniifi hoggansi sadarkaan jiru hirriba dhabuun aduufi rooba osoo hin jenne halkaniifi guyyaa hojjechaa jiraachuusaanii hubachiisaniiru. Hojii eegalame xumuruuf ariitiifi kalaqaan hojjechuun barbaachisaa yommuu ta’u muxannoon hojicha magaalota biyyattii keessatti akka babal’atus himaniiru.
Kaantibaan magaalattii Aadde Adaanech Abeebee gamasaanitiin akka jedhanitti, barii jijjiiramaatii eegalee “Finfinnee akka maqaashee bareedduu taasisuuf ni hojjenna” dhaadannoo jedhuun hojiileen misooma magaalatti hojjetamaa jiru.
Tajaajila geejibaa si’ataa gochuufi bareedina magaalattii dabaluuf, namootni bakka dhaabbii konkolaataa ammayyaa akka argatan taasisuu bira darbee qulqullina magaalattii eeguuf hojiin misooma koriidarichaa saffisaan hojjetamaa jira.
Naannawaan Piyaassaa bakka seenaa qabeessa waan ta’eef naannawichatti hambaalee heddutu argama. Ta’us hambaaleen kunneen misoomanii akka daawwataman hojiin hambaalee deebisanii misoomsuus achi keessatti hojjetamaa jira.
Bu’uraaleen misoomaa ammayyaa kanneen akka teelee, ujummoo dhangala’aa, ibsaa, bishaanii, kaameraa nageenyaa dabalatee bal’inaan hojjetamaa jira. Misooma kanaaf deeggarsi abbootiin qabeenyaa taasisaa jiran olaanaadha.
Sagantaa dawwannaa taasifamerratti kan argaman jiraattuun naannawaa Piyaassaa Aadde Rooman Getaachoo gamasaaniitiin Gaazexaa Bariisaaf kamisa darbe akka ibsanitti, misoomichi magaalattiin akka bareeddu taasiseera. Ololli baay’een osoo afarfamuu diinotni biyyattii kan biyya keessaafi alaa misoomicha gufachiisuuf baandota ramadanii wixxirfatanis milkaa’inni galmaa’e akka biyyaattuu injifannoo guddaadha.
Namni “Itoophiyaan biyya kooti, guddinasheen hawwa” jedhu hundi hojii bareedaa eegalame tumsuun dirqamasaa ta’uu dhaamaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016