Finfinnee: Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’iisaa idilee 31ffaa Kibxata darbe taa’een wixinee labsii ayyaanota ummataafi kabaja ayyaanotaa kunneenii murteessuuf ba’e qoratee raggaasiseera.
Wixineen labsii ayyaanota ummataafi kabaja ayyaanotaa murteessuuf ba’e kan dhiyeessan Walittiqabduun Koree Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasummaafi Ispoortii Aadde Warqasimuu Maammoo akka jedhanitti, labsichi ayyanotni ummataa safuu, seenaafi duudhaa, amantiifi aadaa eeganii nagaafi haala miidhagina qabuun kabajamanii dhalootaa dhalootatti akka darbaniif gargaara.
Labsichi hariiroo hawaasaa daran cimsuu, naamusaafi xiinsammuu lammiilee ijaaruu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, akkasumas nageenyaafi tasgabbii biyyaa mirkaneessuufi guddina hawaasdinagdee ummataafi biyyaaf milkeessuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.
Labsichi ayyaanota ummataa sadarkaa biyyaalessaatti kabajamuufi haala ayyaanonni kunniin itti kabajaman kan ilaallatu yoo ta’u, naannoleen haala qabatamaa naannoosaaniirratti hundaa’uun seera baafatanii hojiirra oolchuu kan danda’an ta’uu himaniiru.
Manni Maree Bakka Bu’uuta Ummataa wixinee labsii ayyaanota ummataafi haala kabaja ayyaanotaa dhiyaate erga qoratee booda labsii lakkoofsa 1334/2016 ta’ee qoqqobbii sagalee tokkoofi sagalee caalmaan raggaasiseera.
Manni marichaa guyyuma sana wixinee labsiin bittaafi bulchiinsa qabeenya Mootummaa Federaalaa dhiyaateef qoratee kan raggaasise yoo ta’u, labsichi jijjiirama teknoolojii waliin bittaafi bulchiinsa qabeenya mootummaa ceesisuuf tumaalee barbaachisan kan of keessatti hammate ta’uunis ibsameera.
Manni marichaa wixinee labsii qabeenya deebisiisuu, qabeenya yakkaan argame seera qabeessa fakkeessuufi yakka shororkeessummaa maallaqaan deeggaruu ittisuufi to’achuuf akkasumas sirna gabaa bu’aawwan boba’aa murteessuuf dhiyaateef qorachuun koree dhaabbii dhimmichi ilaallatuuf qajeelcheera.
Manni marichaa dhumarratti wixinee baajataa bara 2017 mootummaa federaalaa ilaalchisuun Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee dhiyeessanirratti mari’achuun koree dhaabbii dhimmoota Karoora, Baajataafi Faayinaansiif qajeelcheera.
Rippoortara Gaazexichaatin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016