“Gootummaa Itoophiyaanootni uumamaan qaban miira xiinsammuu gootummaa ammayyaatiin deggaramnaan qaamni Itoophiyaa dura dhaabbatu hinjiru” – Meejar Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew

Loltummaa waraanaa irraa hanga lolchiisaa waraanaatti, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitii hanga Humna Qophii Afrikaa Bahaatti, adda waraanaa gara garaa irratti hirmaachuudhaan injifannoo boonsaa galmeessisanii badhaasota garaa garaa dirree waraanaatti kan horatan, yeroo ammaa kanatti immoo Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajaa Humna Waraanaafi To’annoo kan ta’an, tibbana kitaaba matadureensaa ‘Xiinsammuu Gootummaa’ jedhu gabaaf kan dhiheessan Meejar Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew keessummaa keenya torban kanaati.

Bariisaa: Mee jalqabarratti dubbistoota keenya waliin walbaraa, maqaa keessaniifi iddoo dhalootaa irraa haa kaanuu?

Meejar Jeneraal Tasfaayee: Bareedakaa ani Tasfaayee Ayyaalew jedhama. Kanan dhaladhee itti guddadhe immoo Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Darraa jedhamutti. Ijoollummatti waan ijoolleen baadiyyaa Oromiyaa keessa dabarte hunda anis keessa darbeera. Loon tiksuu, qonnaafi maatii hojiiwwan garaa garaatiin gargaaruun hojii baratamaa ijoolleen baadiyyaa keessatti dhalatan hundi keessa darban waan ta’eef akka waan addaatti kan ilaalamu miti.

Haa ta’uu malee ani umrii ijoollummaa keessaa osoon hinbaane gara raayyaa ittisa biyyaatti waanan makameef wantootni tokko tokko najala darbuu danda’u.

Bariisaa: Gara raayyaa ittisa biyyatti yoom makamtan?

Meejar Jeneraal Tasfaayee: Ani gara human waraanaa biyyattiitti kan makame waggoota 30 dura ture. Umrii ijoollummaatti fedhiifi hawwiin raayyaa ittisa biyyaatti makamee daangaa biyya koo kabajsiisuuf keessa kootti uumamee ture yeroo deebii argateedha jechuun ni danda’ama.

Umrii ijoollummaa kootti raayyaa ittisa biyyaatti makamuudhaan hanga guyyaa har’aatti achuma raayyaa ittisa biyyaa keessatti sadarkaa hoggansaatiinis ta’u tajaajila kennuurratan argama.

Bariisaa: Waggaa 30 raayyaa ittisa biyyaa keessa turuun muuxannoo hedduu hanga ammaatti horattan akkamiin miseensota raayyaa booda dhufaniif qoodaa jirtu?

Meejar Jeneraal Tasfaayee: Raayyaa ittisa biyyaa keessatti namoonni yeroo jalqabaa fedhiidhaan gara dhaabbatichaatti makaman hedduun takka achi seennaan dafanii achi keessaa hinbahan. Kun immoo sababoota mataasaa kan qabu yemmuu ta’us, fedhiin gaafa duraa gara raayyaa ittisa biyyaatti nama galchu sun inumaayyuu akkuma achi keessa turaniifi wareegama achitti biyyaaf kanfalamu arganiin caalatti dabalaa kan dhufuudha.

Kana waan ta’eef raayyaa ittisa biyyaa keessa waggoota 30 kan ture ana qofaa osoo hintaane, warreen kana caalaa raayyaa ittisa biyyaa keessatti tajaajila kennaa jiran jiru. Akkuma ati jette garuu turtii waggoota dheeraa kana keessatti muuxannoon ani raayyaa ittisa biyyaa keessatti horadhe jira. Muuxannoon immoo kan argamu turtii waggoota dheeraa namni tokko dhaabbata tokko keessatti tajaajiluudhaan argatu duuwwaa osoo hintaane, barnootaanis gahoomuufi cimuu kan dabalatuudha.

Turtii waggoota 30 raayyaa ittisa biyyaa keessatti dabarseen, waraanota garaa garaa keessatti hirmaadheefi barnootaanis itti dabaaladhe walitti qindeessuudhaan muuxannoofi qajeelcha leenjii humna waraanaa biyyattii akka ta’uuf kitaaba ‘Xiinsammuu Gootummaa’ jedhu kana barreesseera.

Bariisaa: Mee gara kitaabichaatti ni dhufnaatii yeroo ammaa raayyaa ittisa biyyaatti ga’ee hojii keessaniifi sadarkaa barnootaa keessan osoo naaf kaaftanii?

Meejar Jeneraal Tasfaayee: Bareedakaa, ani yeroo ammaa kanatti rayyaa ittisa biyyaa keessatti Ittigaafatamaa Qajeelcha Bobbiifi To’annoo Waraanaati. Akkuman duratti siif kaasuuf yaale ergan dargaggummaadhaan raayyaa ittisa biyyaatti makamee kaasee sadarkaalee garaa garaarratti tajaajilaa kan ture yemmuu ta’u, sadarkaaleen waggoota 30 kana keessatti irratti ramadamee tajaajila barbaachisu kennaa ture hundumasaa siif kaasuudhaaf yeroon gahaan waan hinjirreef sadarkaa gadii irraa kaasee hanga Meejar Jeneraalummaa amma irra jiruutti raayyaa ittisaatii hanga Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti, Humna Ittisa Darbatamaa Afrikaa Bahaafi kanneen biroo keessatti ergamoota natti kennaman hedduu gahuumsaan bahachuu danda’eera. Kanaafis yeroo adda addaatti badhaasotaafi beekkamtii qaamota garaa garaa irraa badhaafameera.

Gama barnootaatti yoon siif deebi’u immoo; gosoota barnootaa akka ‘Manaajimentiifi Informeeshin siistemiitiin’ digrii jalqabaa qaba. Deebisee immoo ‘manaajimentiidhaan’ digrii lammaffaa ykn maastarsii itti dabalee kan hojjadhe yemmuu ta’u, gosa barnootaa hooggansaa ykn liidarshiippiidhaanis digrii lammaffaa fudhadheera.

Adda waraanaa garaa garaa keessatti sadarkaa miseensa humna waraanaatii kaasee hanga sadarkaa humna waraanaa guddaa ta’e hogganuudhaan injifannoowwan boonsaa galmeessuun hojiin raayyaa ittisa biyyaa keessatti hojjachaa tureefi ammas hojjachaa jirus aarsaa namni tokko biyyasaatiif kanfaluu qabu ta’us akka gumaata guddaatti kan ilaalamuudha.

Isaan armaan olitti siif kaase kunniin kanneen barnoota waggootatiin argaman ta’us, biyyoota garaa garaafi dhaabbilee garaa garaatiin leenjiiwwan gaggabaabaa hedduufi waraqaa ragaas argachuu danda’eera. Kanaaf bifa gabaabaa ta’een haalli barnootaafi muuxannoo kootii kan ani raayyaa ittisa biyyaa keessatti waggoottan 30f kuufadhe kana fakkaata jechuudha.

Bariisaa: Mee amma gara dubbii ijoo keenyaa kitaaba keessan ‘Gootummaa Xiinsammuu ‘ jedhutti haa deebinuutii kitaabichi maal maal of keessaa qaba laata?

Meejar Jeneraal Tasfaayee: Tolekaa haala waliigala kitaabicha keessatti hammataman ilaaluu keenyaan duratti kitaabichi kun mataansaatuu kitaaba waa’ee jagnummaafi gootummaa humna waraanaa keessatti murteessummaan xiinsammuu bal’inaan keessatti balballoomaniifi ibsaman yemmuu ta’u, kitaabichi Afaanota biyyattii keessatti bal’inaan dubbataman keessaa afaanota afuriiin qophaa’ee dubbiftootaaf dhiyaachuunsaa kitaaba jalqabaa kan isa taasisuudha.

Gara kaayyoo kitaabichaatti yoon siif dhufu immoo, kitaaba kana barreessuudhaaf jalqabuma yemmuun itti yaadurraa kaasee hanga ktaabichi barraa’ee xumuramee gabaaf dhihaatuutti dhalootaaf muuxannoofi miira gootummaa xiinsammuudhaan deeggarame dabarsuudha. As keessatti kitaaba kana barreessee gurguruudhaan galii wayii irraa argachuuf yaadeetiis miti.

Kitaabni tokko immoo erga barraa’ee gabarra ooleen booda gurguramuunsaa hin oolu. Gaafa duraa yemmuu maxxanfamu sanas maallaqatu itti bahee maxxanfama waan ta’eef. Ani garuu akkuman siin jedhe kaayyoon koo inni guddaan xiinxala gadi fagoo irratti hundaa’uun jagnummaafi gootummaa raayyaa ittisa biyyaa gama xiinsammuutiin haala itti utubamuu danda’urratti kallattii gaarii dhaloota boodaa dhufan agarsiisuuf yaadeeti.

Bariisaa: Kitaabicha eenyutu gurguraree? Ykn galiinsaa kan eenyuuti?

Meejar Jeneraal Tasfaayee: Akkuman siin jedhe kaayyoon kitaabichaa maallaqa gurgurtaa irraa argamu sassaabachuudhaaf kan barraa’e miti. Haata’uu malee kitaabni akkanatti xiinxala ogummaafi muuxannoo waraanaa yeroo dheeraatiin hammatamee barraa’e kun gabaa irratti barbaadamaa ta’uunsaafi gurguramees maallaqa argamsiisuunsaa waan hin oolleedha.

Maallaqni gurgurtaa kitaabichaarraa argamus maaliif ooluu akka qabu dursinee murteessineerra. Haaluma kanaan galiin kitaaba Gootummaa Xiinsammuu kanarraa argamu hundi namoota raayyaa ittisaatiif osoo tajaajila kennanii miidhaman, maatii miidhamtootaafi qaamoota sababa waardiyyaa biyyaatiif osoo dhaabbatan miidhaman gargaaruuf kan ooluudha.

Kitaabichi afaanota afuriin akka barraa’u ta’uunsaas kaayyoo kitaabichaa kan ibsu yemmuu ta’u, kunis dhaqqabamummaasaa bal’isuudhaan dargaggootni sabaafi sablammoota biyyattii keessa jiraniifi raayyaa ittisaa keessa jiran gootummaa abbootii isaaniifi akaakayyuusaanii qofaan boonuu osoo hintaane, ofiisaaniitiifis miira gootummaatiin raayyaa ittisaatti makamanii haala gootummaa xiinsammuu sirnaan hubachuudhaan seenaa gootummaa mataasaanii akka barreeffataniifis kan isaan gargaaruudha.

Kitaabni afaanota adda addaatiin barreeffame kun kanaan boodas gara afaanota hedduutti hiikuudhaan dhaqqabamummaa kitaabichaa bal’isuudhaan dhaloota egeree biyyaa murteessan gootummaadhaaf qopheessuun akkuma jirutti ta’ee, akkuman duratti siif kaase immoo galiin gurgurtaa kitaabichaa irraa argamu namootaafi maatii namootni isaanii daangaa biyyaa kabachiisuurratti jalaa miidhame gargaaruuf kan oolu waan ta’eef, kitaabichi afaanota hedduun barraa’uunsaa galiin gurgurtaa kitaabicharraa argamu akka dabalu taasisuu keessatti faayidaa guddaa qaba jedheen amana.

Kitaabni ‘Xiinsammuu Gootummaa’ kun boqonnaawwan 11 kan qabu yemmuu ta’u, kan afaan amaaraatiin qophaa’e fuulawwan 360 waan qabuuf osoo nama dubbisu hinnuffisiifne karaa gabaabaa ta’een ergaa quubsaa akka dabarsuuf yaadamee kan qophaa’eedha.

Kitaaba Xiinsammuu Gootummaa kanaaf kitaabonni Afaan Amaariffaafi Ingiliffaa 42 ol akka waabiitti kan caqafaman yemmuu ta’u, kanaanis ka’umsa guutuu ta’erra dhaabbachuudhaan kitaaba xiinxala ogummaa, wabiiwwan guguddoofi amanamoo ta’aniifi gosa waraqaa yemmuu dubbifamu ija namaa miidhuu hindandeenyeen kitaaba qophaa’eedha.

Bariisaa : Mee qabiyyeen kitaaba Xiinsammuu Gootummaa maal akka ta’e nuuf ibsaa?

Meejar Jeneraal Tasfaayee: Kitaabni kun yaadota walxaxoofi namootni hedduun hubachuuf isaan rakkisu xiinsammuufi gootummaa kan jedhaman walsimsiisuudhaan kan dhihaateedha. Akkuma beekkamu ummanni biyya keenyaas ta’e, ummata kanarraa kan dhalate raayyaan ittisa biyya kanaas waa’ee gootummaan walqabatee shakkiifi mamiin irratti odeeffamuu danda’u hinjiru.

Seenaa biyya kanaas yoo ilaalle waraanota garaa garaa keessatti yeroon ummanni Itoophiyaa weerartotaaf itti jilbeenfatee taa’e tokkollee hinjiru. Kana qofaa osoo hintaane, mootummoota Awurooppaa meeshaalee waraanaa guguddaa qabataniirratti duuluudhaaf yaalaa turan hedduus miira gootummaafi jagnummaatiin ummata ofirraa qolachuu danda’eedha.

Kanaaf immoo fakkeenya guddaa kan nuuf ta’uu danda’u waraana Adwaati. Adwaan iddoo seenaan haaraa ummata gurraachaa itti galmaa’e, iddoo yeroo jalqabaatiif waraanni adii ummata gurraachaan itti injifatame ture.

Injifannoo Aduwaa kana Itoophiyaanootni akka gonfatan kan taasise immoo meeshaa waraanaafi loojistikii ammayyaa qabaattee osoo hintaane, miiraafi xiinsammuu gootummaa dhalootarraa dhalootatti darbu waan qabduuf ture.

Osoo gootummaan meeshaa waraanaa ammayyaafi loojistiksii ammayyaarraa kan maddu taatee, osoo meeshaa waraanaafi xiyyaara waraanaa qabaachuun injifannoo fida ta’ee, silaa kan injifatu Xaaliyaaniidha malee Itoophiyaa hinta’u ture.

Kanaaf gara gaaffii ati nagaafatteetti yemmuun deebi’u, qabiyyeen kitaabichaa inni ijoon jagnummaafi gootummaa ummanni Itoophiyaa uumamaan qabu kana akkamiin xiinsammuu gootummaa ammayyaatiin walsimsiisanii adeemuun akka danda’amu bal’inaan kan balballoomsuudha. Kana qofaa osoo hintaane, seenaa waraanaa biyyattiin qabdu keessatti meeshaan inni ijooniifi injifannoo addawwan waraanaa gara garaarratti biyyattiin galmeessisaa turteef sababa ta’es miiruma jagnummaafi xiinsammuu gootummaa ummanni Itoophiyaa uumamumaan qabu ta’uusaa bal’inaan kan ibsuudha.

Jagnummaafi gootummaan ummanni Itoophiyaa uumamaan qabu kun immoo injifannoo kan gonfachiisaa tureefi ammas jiru Itoophiyaa qofaa osoo hintaane, ummata Afrikaa hundaaf darbees immoo ummattoota gurraacha Addunyaa hundaaf akka ta’es ragaalee seenaa hedduun wal simsiifamee kitaaba qabiyyee gabbataadhaan qophaa’eedha jechuun ni danda’ama.

Waraana kan jedhamu meeshaa waraanaa walitti dhukaasuu qofaa jechuu miti. Adda waraanaa tokkotti wantootaa baay’ee murteessoo ta’an keessaa inni guddaan xiinsammuudha. Kana jechuun loltootniifi hoggansi waraanicha dursuufi hogganu waraanicha dura, yeroo waraansaafi waraanaan boodatti qophii xiinsammuu isaan qabaachuu qabantu jira.

Karaa biraatiin qophiin xiinsammuu miseensi waraanaa tokko waraanaan duratti qabu, isa yeroo waraanaatiin tokko ta’uu hinqabu. Akkasumas qophiin xiinsammuu namni tokko waraanaan boodatti qabus qophii xiinsammuu waraana keessatti qabuun walfakkaachuu akka hindandeenye sababoota guguddoo kaasuudhaan ibsu bal’aan kan irratti kennamaniidha.

Kana qofaa osoo hintaane, qophii xiinsammuu namni tokko waraanaan dura, waqtii waraanaattiifi waraanaan boodatti qabaachuu malu kun amaloota xiinsammuu haalaafi waqtii waliin jijjiiramuu danda’uunis of qopheessuun barbaachisaa yemmuu ta’u, dabalataanis maloota xiinsammuu, amaloota xiinsammuufi tarsiimoowwan waraanaa amala namaafi xiinsammuutiin walqabatan irrattis ibsa bal’aa ta’e kitaaba kennuu danda’u waan ta’eef akka kitaaba barnootaa leenjitoota raayyaa ittisa biyyaafi kolleejjiiwwan waraanaa garaa garaa keessatti tajaajila kennuu danda’uudhas.

Namni tokko adda waraanaa garaa garaa keessatti yoo maal maal raawwate goota ykn immoo jagna waraanaati jedhamuu akka danda’urrattis xiinxala ogummaa gahaa ta’e kan kennu kitaabichi, xiinsammuu gootni tokko qabaachuu qabus bal’inaan kan ibsuudha.

Bariisaa : Kitaabni kun eenyuun gargaaruu danda’a?

Meejar Jeneraal Tasfaayee: Tokkoffaa, garee muraasa ykn miseensota human raayyaa ittisa biyyaa qofaaf osoo hintaane, hawaasa biyyattii hundaaf kan barbnaachisuudha. Sababnisaas; jagnummaan ykn xiinsammuun gootummaa kan mul’achuufi jiraachuu qabu adda waraanaa duwwatti osoo hintaane, dameelee hojii hunda keessatti.

Kanaaf lammiileen biyyattii gosoota hojii garaa garaa keessa jiran hundi iddoo jiranitti xiinsammuu gootummaa horachuunsaanii hojii irratti bobba’aniin akka milkaa’an kan isaan taasisu waan ta’eef kitaabichi ergaafi hubannoo gaarii ta’e kan isaaniifis kennuudha.

Qaamni hawaasaa kitaabichi gargaaruu danda’u inni biraan immoo dargaggoota hawwiifi fedhii raayyaa ittisa biyyatti makamuu qabaniifi. Kunis dargaggootni fedhii raayyaa ittisa biyyaatti makamuu qaban kunniin kitaabicha yoo dubbisan haala itti xiinsammuun gootummaa uumamuu danda’u sirritti akka hubataniif isaan kan gargaaru waan ta’eef, akkuman duratti siif kaase kitaabichi akka kitaaba leenjii kolleejjota waraanaattis gargaaruu akka danda’utti yaadamee kan qophaa’eedha.

Rakkoolee kanaan dura darbee darbee ummata bal’aafi qaamolee nageenya biyyaa eegsisan giddutti mul’atu furuudhaan ummanniifi qaamoleen nageenyaa walqunnamtii gaarii akka qabaataniifi ummanni hojiilee qaamotni nageenyaa raawwatan kan isaa ta’uu amanuu qofaa osoo hintaane, sochii qaamoleen nageenyaa nageenya biyyaafi naannawaa kabajsiisuudhaaf taasisan akka deeggaruufis kitaabichi hubannoo guddaa kan uumuudha.

Akka waliigalaatti yemmuu ilaallamu kitaabichi irra jireessaan kolleejjotaafi yunivarsitiiwwan waraanaa keessatti akka kitaaba barataafi leenjiiwwan garaa garaatiif kan ooluu danda’u yemmuu ta’u, kunis dargaggoota lafaa dhufaniifi gootummaa abbootasaanii dhaalanii guddatan miira xiinsammuu gootummaa ammayyaa gonfachiisuudhaan milkiiwwan biyyattiin gama injifannoo waraanaatiin qabdu itti fufsiisuudhaaf kan gargaaruudha.

Dabalataanis dargaggoota raayyaa ittisa biyyaatti dabalamaniin alatti hawaasni bal’aan kitaabicha yoo dubbise damee hojii irratti bobba’ee jiru hundarratti xiinsammuu injifataa ta’e akka horatuuf kan isa gargaaru waan ta’eef kitaabichi qaama hawaasaa hinbarbaachifneef hinqabu jechuun ni danda’ama.

Bariisaa: Kitaabni kun Godambaa Adwaatti akka eebbifamuuf maliif filatame?

Meejar Jeneraal Tasfaayee: Eebba kitaaba kanaaf iddoon barbaachisaafi murteessaan iddoo kana caalee hinjiru. Yeroo hedduu kitaabileen adda addaa namoota garaa garaatiin barreeffamanii yemmuu eebbifaman Hoteelota guguddoo keessatti sagantaa eebbaa sana qopheessuun waan baratamaadha.

Eebba kitaaba xiinsammuu gootummaatiif garuu hoteelli bareedaan fedhe Godambaa Adwaa kana caalaa filatamaa ta’uu hindanda’u. sababnisaas qabiyyeen kitaabichaa waa’ee gootummaa Itoophiyaanootni uumamaan qaban xiinsammuu gootummaa ammayyaatiin dabaluu qofaa osoo hintaane, seenaa Afrikaafi ummata gurraachaa keessatti iddoon dura ummanni gurraachi Afrikaa ummata Adii Awurooppaa irratti injifate Adwaa waan ta’eef, eebba kitaaba kanaaf iddoon malu iddoo kana caalaa jiraachuu hindanda’u. Kana waan ta’eef kitaabni kun idduma seenaan sun irratti hojjatamerratti eebbifamuun mataasaatii hiikkaa guddaa akka qabaatu kan isa taasisuudha.

Bariisaa: Yeroo bal’aa nuu kennitaniif galatoomaa!

Meejar Jeneraal Tasfaayee: Isinis galatoomaa!

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016

Recommended For You