“Biraandii Qellem Wallaggaan ruuzii alatti erguuf karooran qaba” -Dargaggoo Abirhaam Eeliyaas (Abbaa Qabeenyaa)

Rakkoo nageenyaa mudateen walqabatee godinaalee Wallaggaa keessatti nama alaala taa’ee ilaaluuf hojiin misoomaa abjuu fakkaata. Haata’u malee, tibba darbe daawwannaan misooma qonnaa Biiroo Qonna Oromiyaan durfamu godinaalee Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaafi Qellem Wallaggaatti wayita taasifneetti hojiiwwan nama jajjabeessan hedduu argineerra.

Dargaggootni godinaalee Wallaggaa waldaan gurmaa’uun hojiilee misoomaa adda addaarratti hirmaachaa jiru. Dargaggootni waldaan gurmaa’uun Wallagga dabalatee akka biyyaattuu omishaaleesaanii gabaa giddugaleessaaf dhiyeessaa jiran hedduudha.

Godinni Qellem Wallaggaa kanaan dura omisha ruuziin beekamuu baatus qorannoo mootummaan naannichaa taasiseen godinichi omisha ruuziif mijataa ta’uun beekameera. Bara kana qofa godinichatti omisha ruuziirraa callaan kuntaalli miliyoona 5.5 akka eegamu bulchaan godinichaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa himaniiru.

Dargaggootnis waldaadhaan gurmaa’anii omisha ruuziirratti bobba’uu hubanneerra. Nutis imala keenya keessatti yaada dargaggoota hojiilee garaagaraarratti bobba’anii dubbisne tokko tokko akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Dargaggoo Abirhaam Eeliyaas jiraataa magaalaa Dambi Doolloo yommuu ta’u, kanaan dura omisha boqqolloorratti bal’inaan hirmaachaa turuu dubbata. Haata’u malee, kallattii mootummaan naannichaa gad buuseefi deggarsa ogummaa isaaf taasifameen yeroo jalqabaaf lafa hektaara 10 qotuun ruuzii kuntaala 210 argate. Bara darbe daangaa omishasaa bal’isuun lafa hektaara 20 irraa callaa kuntaala 400 argachuu danda’eera.

Dargaggoon kun maashina ruuzii qolasaarraa adda baasuufi hororu bitachuun ammaan tana ruuzii kiiloo tokko qarshii 95n gabaaf dhiyeessaa jira. Ruuzii inni omishu orgaanikii waan ta’eef namoota biratti hedduu barbaadama. Sadarkaa Oromiyaattis kuntaala 100 dhiyeessuuf Buusaa Gonofaa waliin dubbataa jira. Kaayyoonsaa omishasaa ruuzii kana babal’isuun biraandii ykn Maqaa Qellem Wallaggaan gabaa alaatti ergee sharafa alaa argamsiisuu akka ta’es dubbateera.

Dargaggoo Margaa Kumarraa Godina Qellem Wallaggaa, jiraataa aanaa Sadii Caanqaa yommuu ta’u, Kolleejjii Allaageerraa saayiinsii beeyiladaan bara 2015 eebbifamuu dubbata. Dargaggoon kun akka warra kaanii hojii mootummaa barbaacha yeroofi maallaqasaa qisaasessuu dhiisee waldaan gurmaa’uun booyyee horsiisuurratti bobba’e. Yaaliif booyyee torba qarshii kuma 200tti tilmamaman horsiisuu eegalanis ji’oota muraasa booda booyyeen wal horuun yeroo ammaa kana booyyewwan wal horanii gatiisaanii tilmaamsisuun qarshii miliyoona tokkoo ol akka baasan ibseera.

Kaampaanota guguddaa booyyee horsiisan wayita gaafatanittis foon booyyee kiilogiraamii tokko qarshii 600 ol ta’uu odeeffachuusaas ibsuun, fuulduratti booyyee kana cinatti horsiisa beeyiladaarratti hirmaachuuf akka waldaatti karoora qabaachuu ibseera.

Dargaggoo Girmaa Ejjetaa Godina Wallaggaa Lixaatti, Gaggeessaa Hojii Yuuniyeenii Hojii Gamtaa Aanaa Najjootti. Yuuniyeeniin kun mankuusaa sadarkaasaa eeggate ijaarrachuun omisha boqqolloo qonnaan bultootarraa walitti qabuun rakkoo beelaa maqsuuf Buusaa Gonofaa Oromiyaafi Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaaf dhiyeessaa jira. Yuuniyeenichi bara 1998 qarshii kaappitaala kuma 106n hundeeffamus yeroo ammaa kaappitaallisaa qarshii miliyoona 80 ga’eera. Dargaggoon kun miseensaa hanga hoggansaatti hojjechuun jireenyasaa fooyyaffachuu dubbata.

Kana malees, yuuniyeenichi gama tokkoon qonnaan bulaan omishaasaa gatii gaariin akka gurguratu, gama kaaniin ammoo namoota 105 ta’aniif carraa hojii uumeera. Ammaan tanas hanqina nyaata beeyiladaa akka biyyaattuu rakkoo ta’e jiru furuuf bakka omisha nyaata beeyiladaafi horsiisa beeyiladaa qarshii miliyoona 150 oliin hojjechaa jiru. Yuuniyeeniin kun Godina Wallaggaa Lixaa bira darbee sadarkaa Oromiyaafi federaalaatti omishaalee dhiyeessuun dargaggoon abdii biyyaa ta’uu kan mirkaneessudha.

Dargaggoo Roobaa Shandee Godina Qellem Wallaggaatti, jiraataa aanaa Laaloo Qilee ganda Saggoo yommuu ta’u hojii biqiltuu bunaa guddisuurratti waldaan gurmaa’ee hojjechaa jira. Dargaggoo Roobaafi hiriyootnisaa fuulasaanii gara hojiitti deebisuun ofis maatiisaanii deggaraa jiru. Waa’ee hojii malee ajandaan siyaasaa dantaasaanii miti. Garuu ammoo muuxannoo qabutti fayyadamee biqiltuu bunaa omishuu qofa osoo hintaane bal’inaan dhaabuuf nageenyi godinichaa guutummaatti akka waara’u fedha.

Akka dargaggoon kun jedhutti, biqiltuu bunaa sanyii filatamaa guddisuun sadarkaa biqiltuutti gurguruufis ta’e dhaabanii firii irraa argachuuf bu’aansaa olaanaadha. Bunni sanyii filatamaa kun waggaa sadii keessatti omisha kennuu waan eegaluuf filannoo qonnaan bultoota hedduuti. Kanaafuu, dargaggootni hojii dhabeeyyiin godinichaa biqiltuu bunaa misoomsuurratti yoo hirmaatan yeroo gabaabaa keessatti qabeenya horachuu akka danda’an hubachiiseera.

Hojii biqiltuu bunaa omishuurratti kan hirmaatan dargaggoota qofa osoo hintaane Shamarranis jiru. Durbee Saaraa Baacaa omisha biqiltuu bunaarratti bobba’uun jiruufi jireenyashee geggeeffachaa jirti. Kana dura Abbaasheetu waldaan gurmaa’ee biqiltuu bunaa omishaa ture. Saaraanis faanuma abbaashee dha’uun hojii kanarratti bobba’uu dubbati.

Yeroo barnootaa barumsa barachaa wayita boqonnaa ammoo biqiltuu kana kunuunsiti. Qarshii achirraa argattu keessaa dhibbantaa 50 wayita qusattu kaanitti ni fayyadamti. Hojjetanii jijjiiramuun kaayyoodha malee dhiiraafi dubartummaa hingaafatu. Fuuldurattis boolli bishaanii osoo jiraate biqiltuu bunaa qopheessuu qofa osoo hintaane dhaabuufis hirmaachuuf qophii ta’uu dubbatti.

Dhugumaanuu biqiltuun bunaa dargaggoota kunneeniin misoomaa jiru magariisummaan isaa qalbii namaa booji’a. Kunuunsaafi eegumsa taasifamurraa kan ka’e baalli biqiltuu kanaa tokkollee citee lafatti hin argamu. Akka carraa ta’ee buna sanyii filatamaa kana oyiruurratti arguu dandeenyeerra. Akkuma biqiltuunsaa namatti tolu ija danuu naqachuun oyiruutti simboo gochuun baay’ina firiisaarraa kan ka’e gad jechuun nama simata.

Akka biyyaattis ta’e Oromiyaatti qulqullina bunaaf xiyyeeffannoon addaa kennameera. Godinni Qellem Wallaggaa buna qulqullina hinqabne gabaa ala gochuufi hojii qulqullina bunaa mirkaneessuurratti cimee hojjetaa jira. Dargaggootni biqiltuu buna sanyii filatamaa omishuurratti bobba’an baay’inaafi qulqullina bunaa dabaluu keessatti shoora guddaa taphachaa jiraachuu qaamaan achitti argamuun taajjabneerra.

Walumaagalatti, dargaggootni godinaalee Wallaggaa irra jireessaan hojii misooma garaa garaa keessatti hirmaachuun ofiifi biyyasaaniif gaachana ta’uu mirkaneessaa jiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016

Recommended For You