‹‹Ayyaanni Iid Al Adahaa ayyaana walgargaarsaafi waldeeggarsaati›› -Haajii Xohaa Haaruun (Imaama Masgiida Anuwaar)

Finfinnee: Ayyaanni Iid Al Adahaa (Arafaa) waggaa 1445ffaan bor  haala ho’aan hordoftoota amantii Islaamaa biratti kabajama. Hordoftoonni amantichaa ayyaanicha horii qaluudhaan kan kabajan yoo ta’u, barsiifni amantichaa horii qalatan keessaa nuusa ofii fudhachuun kan hafe ammoo firootaafi namoota harka qalleeyyiif qooduu akka qaban qajeelfama amantichaa ta’uu dubbatu Imaamni Mazgiida Anuwaar Haajii Xohaa Haaruun.

Haajii Xohaa Haaruun Ayyaana Iid Al Adahaa bor kabajamu ilaachisuun ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kaleessa kennaniin akka jedhanitti, namoonni humna qaban ayyaanicharratti hoolaafi sangaa bitanii qalanii harka qalleeyyiif qooduufi waliin nyaachuufi dhuguudhaan kabaju.  Ayyaanicharratti namoota harka qalleeyyiif horii qalatanirraa qooduu barsiisa amantichaati ajaja waan ta’eef Al Adahaan ayyaana walgargaarsaa jedhamuun beekama.

Walgargaarsi kun waggaatti al tokko yeroo ayyaanni kun kabajamu qofa utuu hintaane yeroo biraas itti fufuu qaba kan jedhan Haajii Xohaan, mana harka qalleeyyii ijaaruufi suphuun, kan beela’an nyaachisuun, kan daaran uwwisuufi ijoollee warri irra hinjirre gargaaruun hojii Ayyaana Iid Al Adahaarratti jaallatamu ta’us gochi kun yeroo biraas cimee itti fufuu qabu. Akka barsiisa amantii Islaamaatti, namoota balaawwan uumamaafi namtolcheef saaxilaman, manaafi qe’ee isaaniirraa buqqa’an, namoota beela’aniifi dheebotan bira darbuun nama gaafachiisa waan ta’eef namoota harka qalleeyyiifi rakkoolee gara garaaf saaxilaman gargaaruu qabna  jedhu.

Barsiifni amantii Islaamaa kenna tajaajila lammummaatiin hojii mana harka qalleeyyii ijaaruufi suphuu adeemsifamaa jiru kan deeggaru ta’uu himanii; hordoftoonni amantichaa hojii eebbifamaa tajaajila lammummaatiin raawwatamaa jirurratti bal’inaan hirmaachuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Haala biyyi keenya keessa jirtu hubachuudhaan namoota qe’ee isaaniirraa buqqa’aniifi rakkoo gara garaa keessa jiraniif birmachuun deeggarsa barbaachisu taasisuufiin hojii eebbifamaa Waaqaafi nama biratti jaallatamuudha.  Aadaan walgargaaruufi waldeeggaruu keenyaas yeroo dhiyoo as cimee ittifufaa jiraachuus himaniiru.

Keessumaa yeroo ayyaanotaa namoota harka qalleeyyiif maaddii qooduun aadaafi duudhaa yeroo dhiyoo as babal’achaa jiru ta’uu himanii, aadaafi duudhaan walgargaaruufi waldeeggaruu kun biyyattiitti daran babal’atee itti fufuu akka qabus yaadachiisaniiru.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016

Recommended For You