Abdii Atileet Lammeechaa Girmaa olompikiif qabu

Fifinnee: Ispoortiin atileetiksii dorgommiiwwan baay’ee kan qabuufi hunda caalaa meedaaliyaa baay’ee kan argamsiisuudha. Dorgommiiwwan atileetiksii keessaa dadhabsiisaan fiigicha fageenya dheeraafi fiigicha gufachisaadha.

Fiigichi gufachiisaan meetira dhibba, meetira dhibba afuriifi kuma sadiin kan adeemsifamu yoo ta’u, isaan keessaa fiigichi meetira kuma sadii jabaafi dadhabsiisaadha.

Seenaa ispoortii atileetiksii Itoophiyaa keessatti fiigicha gufachisaa meetira kuma sadiin beekamaa kan ture Irreessaa Isheetuu Turaati.

Isheetuu Turaa ALA bara 1980 Olompikii 22ffaa Moskootti adeemsifametti fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadiin medaaliyaa nahaasaa erga argamsiisee kaasee Itoophiyaan sadarkaa olompikiitti dhiiraan meedaaliyaa argattee hinbeektu.

Waggaa 40 booda olompiikii Tookiyootii kaasee hanga shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Ameerikaa, Organitti adeemsifametti, Ispoortii kanaan dhiiraan meedaaliyaa kan argamsiise Atileet Lameechaa Girmaati.

Godina Arsii, Boqojjiitti dhalatee kan guddate Atileet Lammeechaan akka jedhutti, bara 2010 Akkaadaamii leenjii atileetiksii Xirunash Dibaabaa kan Asallaatti argamu galuun leenji’ee ba’e. Atileet Lammeechaa qofa osoo hintaane hangafti isaafi quxisuun isaas atileetota yoo ta’an, ammaan tana hangaftisaa leenjisaa Atileetiksii kilaboota adda addaa ta’uu hima.

Lammeechaan ammaan tana jiraataa Magaalaa Sulultaa yoo ta’u, atileeta miseensa garee biyyaaleessaa Itoophiyaati. Atileetiin kun yeroo jalqabaaf Akkaadaamii Xirunash Dibaabaa bakka bu’uudhaan shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaarratti fiigicha meetira kuma sadiin dorgomuudhaan meedaliyaa nahaasaa argachuu dubbata.

Bara 2013 irraa kaasee garee biyyaaleessaa Itoophiyaatti makamuudhaan dorgommii meetira kuma sadiin hirmaachuudhaan shaampiyoonaa atileetiksii biyyoota adda addaarratti adeemsifamanirratti mo’achuudhaan beekamtii argachuusaas himeera.

Shaampiyoonaawwan biyyooleessaa biyyoota adda addaatti adeemsifamanitti fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadii haala nama ajaa’ibuun mo’achuusaa kan himu atileetiin kun, keesumattuu dorgommii liigii daayimandii meetira kuma sadii kan dhiyeenya kana magaalaa Sudiin, Istokoholmitti adeemsifame sa’aatii gaarii addunyaa daqiiqaa 7:58:68n xumureera.

Itoophiyaan sadarkaa Olompikiitti fiigicha kuma sadii dhiiraan meedaaliyaa osoo hin argatin waggoota 44 ta’uufi. Waggoota kanneen keessatti ALA bara 2012 olompikii Landanitti fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadii dubaraan medaaliyaa meetii Atileet Sofiyaa Assaffaa argamsiifteen ala dhiiraan medaaliyaan argamee hinbeeku.

Atileet Lammeechaan Olompikii Paariis 33ffaaf Faransaayitti barana adeemsifamuuf jirurratti Itoophiyaan meedaaliyaa akka argattuuf qophii barbaachisu taasisaa jiraachuu hima.

Yeroo ammaa dorgommiiwwan biyyooleessaa adeemsifamanirratti sa’aatii fooyyeessuudhaan mo’achaa kan jiru Atileet lammeechaan, olompiikii Paarisiif garee biyyaaleessaa atileetiksii Itoophiyaa wajjiin Hoteela galuudhaan qophii taasisaa jiraachuus eereera.

Olompiikicharratti Itoophiyaaf meedaaliyaa warqii argamsiisuuf shaakala barbaachisu taasisaa jiraachuus himeera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016

Recommended For You