Wallaggi Lixaa misoomaan daandii fakkeenyummaa qaburra jira

Mandii: Rakkoo nageenyaarraa kan ka’e sochiin misoomaa Godina Wallaggaa Lixaa keessa jira jedhanii dubbachuun namoota baay’eef gaaffii ta’uu mala. Dhugumaan waggoota lamaan sadan darban godinichi darara hamaafi rakkoo ulfaataa keessa ture. Bakkeewwan hedduutti caasaan mootummaa diigamuu bira darbee hojjetaa mootummaa ta’anii carraan lubbuun jiraachuus dhiphaa ture.

Har’a garuu caasaan mootummaa bakkatti deebi’uu cinatti nageenyi hanga tokko fooyya’ee namuu fuulasaa gara misoomaatti deebifateera. Aanaalee godinichaa rakkoo hamaan keessa ture, Qondaalaafi Mana Sibuu dabalatee qonnaan bulaan qotatee facaafachaa, haramatee omishachaa jiraachuu tuutni miidiyaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu qaamaan achitti argamuun mirkaneeffateera.

Bulchaan Godina Wallaggaa Lixaa Obbo Solomoon Taammiruu akka jedhanitti, kaleessa rakkoon nageenyaa jiraachuun waan haalamu ta’uu baatus har’a halaala taa’anii akkuma kaleessaa olola diinaa dhaga’anii sodaa nageenyaa kaasuun dogoggora.

Godinichatti har’a mitii kaleessayyuu harka tokkoon misooma harka kaaniin ammoo nageenya waaressuurratti hojjetamaa ture. Har’a qonnaan bulaan qaamaafi qalbiin misooma hojjechaa jira.

Godinichi lafa qonna bal’aa, sookoofi dhagaa ibnabaradii dabalatee kuufama qabeenya uumamaan badhaatuu ta’uu kan yaadachiisan Obbo Solomoon; qabeenya kana dinagdeetti jijjiiruufis ta’e hojjetanii jijjiiramuuf hirmaannaa abbootii qabeenyaa akka fedhan ibsaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaas ta’e federaalaa Wallagga misoomsuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjechaa jiraachuu kan dubbatan ammoo Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuuti.

Ummatni godinichaa rakkoo nageenyaa keessaa ba’uun fuulasaa gara misoomaatti deebifatee argutti gammaduu eeranii, biiroonsaanii misooma taasifamaa jiru itti dhiyeenyaan deggsrsa barbaachisu akka taasisu dubbataniiru.

Godinichi avokaadoo, maangoofi boqqolloo haala ajaa’ibaan kilaastaraan hojjechaa jira. Ta’us hanqinni dhiyeessii sanyii filatamaa akka jiruufi biiroon qonnaa furuufiif kan tattaafatu ta’uu eeraniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You