Waamicha nageenyaa naannichatti taasifameen hidhattoonni kuma 10 harka kennatan

– Shawaa Bahaatti miseensonni ABO Shanee 416 harka kennatan

Finfinnee: Waamicha nageenyaa Mootummaan Naannoo Amaaraa taasiseen hidhattoonni kuma 10 ta’an nagaan harka kennachuu Biiroon Kominikeeshiinii Naannichaa ibse. Hojii nageenyaafi olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjatameenis qormaanni kutaa 8ffaa giddugaloota aanaalee hunda akka qaqqabu taasifameera.

Hogganaan biirichaa Doktar Mangashaa Faantaawu ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin akka jedhanitti; rakkoowwan nageenyaa naannicha keessa turan furuuf hojiiwwan hojjatamaniin yeroo ammaa naannichi gara nageenyaatti deebi’eera.

Iddoowwan tokko tokkotti humnoota hidhatanii socho’an ittisuun hojiin nageenya waaraa mirkaneessuu bal’inaan hojjatamaa jiraachuus eeranii, haaluma kanaan kutaaleen hawaasaa kanaan dura garee kanaaf galaa dhiheessaa, daandii agarsiisaafi eeruu kennaa turan gorsaafi mariidhaan gara nagaatti akka fidan taasisuun danda’ameera jedhan. Mootummaan naannichaa humnoota nageenyaasaa bifa haaraan gurmeessee gara hojiitti waan galcheef aanaalee saddeetiin ala warri kaan to’annoo naannichaa jala jiraachuu dubbataniiru.

Nageenyi fooyya’aan naannichatti argamaa jiru gara waaraatti ceessisuuf mootummaa federaalaa waliin ta’uun hojiin hawaasa mariisisuu bal’inaan adeemsifamaa jiraachuu himanii, kunis nageenyi waaraan mariidhaan malee afaan qawweetiin akka hindhufne hubatamaa dhufuu beeksisaniiru.

Rakkoo nageenyaa naannicha mudatee tureen hojiilee misooma qonnaa, dhiyeessii qorichaa, barnootaafi kkf gufuuwwan hedduu mudachaa turuu yaadachiisanii, yeroo ammaa garuu hojii humnootni nageenyaa naannichaa raayyaa ittisa biyyaa waliin hojjataniin rakkooleen turan hiikamaniiru jedhan.

Nageenya mirkaneessuufi tajaajiloota adda citanii turan eegalchiisuu cinatti, hojiilee haaraa naannachatti bal’inaan gaggeeffamaa jiraachuufi pirojeektootni jalqabamanis yeroo qabameefitti akka xumuramaniif xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gama biraatiin, Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Dugdaa, Aanaa Booraafi Magaalaa Maqiitti miseensonni ABO Shanee, dabballeefi seelii dabalatee waliigalatti namoonni 416 hidhannoo guutuu waliin karaa nagaan mootummaatti harka kennatan.

Miseensonni ABO Shanee meeshaalee waraana akka bireenii, Isnaayipparii, kilaashiifi meeshaa duubattii hafaa waliin karaa nagaattin mootummaatti harka kennataniiru.

Miseensonni Shanee harka kennatan kunneen gaafa manaa baanu qabsoo dhugaa nutti fakkaatee ummata Oromootiif qabsoofna jennee turre; garuu hojiin garichaa ummata Oromoorratti rakkoolee garagaraa, dararaafi saamicha gaggeessuufi hojii qabeenya ummata balleessuu ta’uu waan hubanneef keessaa deebine jedhan.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You