Siinqee olka’eef qawween gadi haa jedhu

Oromoon Oromoo hin ajjeesu muramte, dubbi jaarsi fixu qawween walfixuun fafa muramte, ummata gurri nagaafi aaga dhagahuu barbaadu rakkisuun fafa muramte; siinqeen olka’e nagaan labsame harki araaraaf baname cubbuu qaba muramte jedhamee lallabameera, lallaba nagaatiif gurra kennuun Oromummaadha.

Namni mana tokko ijaaru citaa walhinsaamu jedhama. Nuti garuu citaa walsaamuun tokko yoo ijaaru tokkommoo hindiiga. Afaanuma tokko dubbataa Oromummaaf qabsaa’aa afaantu walnumake. Kan tokko jedhu inni kaan dhagahuu dadhabe Iyyaarikoo miti, Oromiya badhaate dachee hiyyumni seenaa itti ta’e qe’ee olaantummaan seeraa itti kabajame ijaaruuf deemna jedhee kan gurra waliif kennu dhabame.

Dhuguma Oromiyaa jaalannaa laata? Sirna kana dhiignee lafeedhaa cabnee wareegama qaalii lubbuufi obsa fixachiisaa ta’e ittikaffalleerraa laata? moo karaarraa itti gorree dhuunfanne laata?

Dhugaa dubbachuuf jaalannes jibbines sirni amma aangoorra jiru bu’aa dhiigni ilmaan Oromoo kumaatamaa itti dhangala’ee argame, lafeen hedduu itti cabe, qabsoo hadhaa’aa cunqursaan jaarraa tokkoofi walakkaa olii itti cabe, sirna wareegama qaalii dhaloota hedduun dhaabateedha.

Sirna kana deeggaruus deeggaruu dhiisuus dandeenya. Haata’u garuu dhugaa jiru haaluun hindanda’amu. Hanqinni hamma fedhe jiraatus kan ofii abbaatu gorfatee deebifata. Mana waloo ofiis waliin ijaarrata. Kanaaf mana tokko, isheenuu Oromiyaa badhaate dimokraasiin keessatti gabbate ijaaruuf hamma deemnutti citaa walsaamuu keessaa baanee waldhabdee keenya ilaafi ilaameedhaan furree walsaamnee hojii hojjennee ofis Oromiyaas jijjiiruuf duuluu qabna.

Osoo kun ta’uu maluu sirnoota cunqursaa ba’aa dhalootaa ture dabaree dabareen hurreessuun erga diignee akkaataa mana keenya waloo, Oromiyaa itti ijaarrurratti waljifachuufi waldhiigsuun siinqee olka’eef gadi jechuu dhabnee qawwee kaasnee bosona galuun adeemsa daran boodatti hafaafi duubatti nudeebiseedha.

Akkuma “Kan walnyaatu gidduudhaa waa nyaatu” jedhamu sirni barootaaf Oromoofi Oromummaarratti duuluun qorqalbii keenya miidhuuf yaale hurraaherraa walfunaanee wixxirfatu gamaa gamanaa nimul’ata.

Sirnoota ba’aa dhalootaa farra eenyummaa keenyaa ta’an buqqisaafi hurreessaa wareegama qaalii hedduu itti kaffaluun har’a wayita oljennee deemuu eegalletti ofumaa walitti deebi’uun takkaan gantummaadha; lammatammoo aarsaa qaalii wareegamtoota keenyaatiif kabaja malu kennuu dhabuu waan ta’eef dhaabannee waldhaggeeffachuun garaagarummaa yaadaa jiru duudhaa keenya ganamaa, ilaafi ilaameedhaan furachaa deemuun dirqama.

Nuti hiriyaa garaa walhinbeekne otoo hintaane ilmaan haadhaafi abbaa tokkooti. Ilmaan Abbaa Gadaa dimokrasiin jalqaba nukeessaa madde dacheen Kuush, qe’een Oromtichaafi Oromtittii nubiqilchee nuguddise warra safuufi haahafuu beeku ta’uun keenya dagatamuu hinqabu.

Haata’u garuu har’a erga imala karaa dheeraafi bu’aa bahii hedduu dabarree as geenyee booda akkuma hiriyaan garaa walhinbeekne malkaa ce’u hundatti walkaksiisa jedhamu walamantaan nugidduudha dhabamee ammas siinqee olka’e dhiisnee qawwee kaasuun lafa keenyas nama keenyas miidhaa jira.

Yoo dhimma keenya nuti walii hinbeekne eenyutu nuubeeka laata? Waljifachaa, waldhiibaa bowwaa walbuusuun sirna balaafamaa farra eenyummaa keenyaa ta’e kan ekeraansaa hamuummataa jiruuf walkennuu hinta’uu laata?

Jaalleewwan keenyaa, koottaa dhaabadhaa waldhaggeeffadhaa dubbii mariin fixu qawween walfixuun Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuun haaga’u. Oromoon qe’eefi qabeenyasaarratti kabaja dhabuun walari’uun si arge diina arge waliin jechuun nuhaaga’u. Dhimma keenya golatti mariidhaan haa xumurannu. Oromiyaa kan itti baqatan malee kan keessaa baqatan akka hintaane haa hojjennu.

Siinqeen faajjii nageenyaati. Kabajaafi safuus qaba. Kanaaf kanneen bosonatti haftan waamicha obboleeyyan keessanii dhaga’aatii, affeerraa, “Kootta deebi’aa Oromiyaa waliin ijaarraa” jedhu fudhadhaa. Dhiiga dhangala’u lafee akka malee cabu lubbuu akka malee darbus baraarra.

Dhiiga waldhangalaasnee, lafee walcabsinee yoo lubbuu walbaasne Oromiyaa eenyuuf kenninee dabarra? moo orma dhaalchisnee dhaloota guddinarra jiru gabrummaa dhaalchisna laata?

Osoo walnyaannuu kan nufakkaachaa hamuummachaa jiru akka nuhin nyaanneef garaagarummaa yaadaa keenya ilaafi ilaameen dhiphisnee manguddoota soortuu dhabanii karaatti kufan haadholii keenya imimmaan irraa qooruu dideef wabii ta’uu qabna.

Qawwee olka’ee nageenya keenya booressaa jiru olaantummaa kabaja siinqee keenyaan injifannee ijji keenya gaarii, gurri keenya aaga dhagahee Oromiyaa badhaate Itoophiyaa walqixxummaan keessatti lafa qabate ijaaruun nurraa eegama. Ga’umsa Oromoon biyya ijaaruuf qabuufi qaxalummaa keenya qabatamaan agarsiisuun ilmaan Abbaa Gadaa ta’uu keenyas haa mirkaneessinu. Kanaafimmoo gootota keenya kabajamuu walabummaa Itoophiyaatiif biyya keessaa hanga alaatti, sabiyyiirraa hanga lubaatti wareegama qaalii lubbuu bakka bu’iinsa hinqabne kaffaluun utubaa Itoophiyaa taaneedha. Ilaalchota xixinnoodhaan waljifachuu hinqabnu.

Osoo biyyaaf abbaa lubbuu taanee jirruu waliitti deebinee lubbuu walbaasuun orma ofirratti goobsuu Oromoofi Oromummaa cabsuu waan ta’eef siinqee olka’eefi harka nagaaf diriire hinmufachiisiinaa, nagaaf dursa kennaa. Gurri keenya aaga; ijji keenya raajii haa argu.

Gadaan keenya kan dimokraasii, kan araaraa, jaalala nuuf haata’u.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You