Shaampiyoonaan kilaboota Oromiyaa har’a xumurama

Asallaa: Shaampiyoonaan atileetiksii kilaboota naannoo Oromiyaa 15ffaan guyyoota shaniif Magaalaa Asallaatti adeemsifamaa ture har’a akka xumuramu ibsame.

Ittigaafatamaan Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa Inistiraaktar Shimallis Daawwiti kaleessa Gaazeexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, kaayyoon dorgommichaa atileetota umrii 20 gadii shaampiyoonaa atileetiksii biyyaalessaa Magaalaa Hawaasaatti adeemsifamurratti hirmaachisuuf atileetota ciccimoo filachiisuufi.

Kana maddiittis atileetota Oromiyaa kanneen dorgommii biyyaalessaafi biyyoolessaa hinarganneef carraa banuun hirmaachisuufi sadarkaa isaan irra jiran safaruuf ta’uus muldhisaniiru.

Kilaboota Oromiyaa 15 irraa atileetonni 500 ol korniyaawwan lameeniinuu akaakuuwwan ispoortii adda addaatiin hirmaachaa jiraachuus inistiraaktarichi addeessaniiru.

Shaampiyoonichi har’a kan xumuramu yoo ta’u, hanga ammaatti dhiiraan kilabni Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Kutaaleen Magaalaa Gafarsa Gujeefi Galaan Guddaan sadarkaa 1ffaa hanga sadaffaa qabataniiru.

Dubaraan ammoo Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa, Galaan Guddaafi kilabni Dhaabbata Bosonaafi Bineensaa Oromiyaa sadarkaa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa qabachuudhaan dursaa akka jiran Inistiraaktar Shimallis ibsaniiru.

Dorgommichi guyyaa guyyaadhaan adeemsifamaa kan ture yoo ta’u, fiigicha meetira kuma kudhanii dhiiraan Amaan Qaadii, Taammiruu Ammayyuufi Fayyisaa Muluu, dubaraan ammoo Almaaz Kabbadaa, Asaazzaany Makonniniifi Tigisti Dajanee akkuma walduraa duuba jiranitti tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uun meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasaa badhaafamaniiru.

Fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadii dhiiraan Saamsoon Beekamaa tokkoffaa, Ayyaalewu Yasarraafi Tolasaa Silashii mo’achuudhaan badhaafamaniiru.

Darbannaa eeboo dubaraan Saatawwaa Shaaloo, Ruut Araaruufi Ruubalee Nageessoo tokkoffaa hanga sadaffaa bahuudhaan meedaaliyaa warqii hanga nahaasaa badhaafamaniiru.

Utaalcha lafarraatti dhiiraan Baqqalaa Jiloo, Nigaatuu Waatoofi Gammachuu Mijaanaa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa bahuun walduraa duuba jiranitti meedaaliyaa warqii meetiifi nahaasaa badhaafamuusaanii beeksisaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You