Finfinnee: Miseensonni Mana Marii Waloo Paartiilee Siyaasaa Oromiyaa guyyoota Dilbata darbe erga hojiilee misoomaa Arsiifi Baaleetti hojiilee misoomaa akkasumas Finfinneetti gamoowwan OBNfi Komishinii Poolisii Oromiyaa erga daawa’atanii booda Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa wajjin mari’ataniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Oromiyaa Doktar Abdulaaziiz Daawudis hojiilee waggoota darbanirratti xiyyeeffachuuf barreeffama ka’umsa mariif ta’u dhiyeessaniiru. Rakkoowwan gama nageenyaafi kenna tajaajilaatiin mul’atan mareefi marabbaan hiikuuf mootummaan akkuma eegale cimee akka hojjetu gaafataniiru.
Miseensonni marichaas hojiilee misoomaa sagantaa daaw’annaasaaniitiin argan dinqiisifachuun, qaama sagantaa daaw’annichaa qopheesse (mootummaa naannoo Oromiyaafi mana mariisaanii) ummata simannaa ho’aa taasiseef akkasumas qaamolee nageenyaa galateeffachuun gaaffiileefi yaadota adda addaa dhiyeessuun marii bal’aa taasisaniiru.
Obbo Shimallis Abdiisaas misooma babal’isuun hiyyummaa injifachuu, dimokraasiifi olaantummaa seeraa dhimmoota jiraachuufi jiraachuu dhabuuti. Dhimmoonni sadan kunniin kan sadarkeeffaman otoo hintaane kan xiyyeeffannoodhaan halkanii guyyaa irratti hojjetamaniidha jedhan.
Misoomni warraaqsa walxaxaadha. Dimokraasiin hojiin malee qilleensarraa dhufu hinjiru. Arsaan kanfalamu malee nagaan mirkanaa’u waan hinjirreef hunduu qindoominaan irratti hojjechuu qaba. Kanarratti paartiin keenya morkattoota wajjin hojjechuuf qophiidha.
Paartiin Badhaadhinaa amala kan nuti jenne malee jedhu hinqabu. Paartiin keenya waan ummanni Itoophiyaa jedhetti amana. Hirmaachuu dhabuu qaamolee muraasaatiin mariin biyyaalessaa hingufatu. Marichi dimokraasii bu’uura qabsiisuuf nigargaara. Mootummaan naannichaa cimina mana marii waloo paartiileetiif nihojjeta. Har’a waanti meeshaa waraanaa walitti nama dhukaasisu hinjiru. Mootummaan rakkoolee walittibu’iinsaa mariidhaan furuuf har’as qophiidha. Rakkoo keenya karaa nagaatiin haa xumurru. Har’as waamicha kana nidhiyeessina. Mootummaan nageenyaaf dhibba keessaa harka 99 nideema. Paartiileen amma Arsiifi Baale daaw’atan yeroo ittaanutti Naqamteefi Dambi Dolloo daaw’achuu dandanda’u.
Dhimma nageenyaarratti walutubnee haa hojjennu. Kan nu baasu mariifi marabbaa qofa. Oromiyaa keessa haala nageenyaa gaariitu jira. Kanaafis ummanni waan guddaa gumaacheera. Mootummaan marii kanaan duraa ittifufsiisuufis qophiidha. Garuu warra akka marichi hinmilkoofne barbaadantu olii gadi raasa.
Waan olaantummaan seeraa kabajamuu qabuuf xiyyeeffannaan hojjenna. Misooma ilaalchisee kan daaw’attan tiifuudha. Yandoon misoomaa guddaan dhufaa jira. Pirojektonni Finfinneetti hojjetamaa jiran kan ummata Oromoo gitaniidha. Buqqaatota deebisuurrattis xiyyeeffannaan hojjetaa jirra. Akeekni keenya Itoophiyaa badhaate uumuudha jechuun qabxiilee ijoo hedduu kaasaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa Paartiin Badhaadhinaa Paartiileen morkattootaa obboloota jedhee amana jedhanii, ijaarsa sirna dimokraasii eegalame lafa qabsiisuufis paartiileen morkattootaa shoora akka qaban eeraniiru.
Paartiin Badhaadhinaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf boqonnaa malee hojjechaa jiraachuus ibsanii, harki nagaaf diriire ammallee kan hindachaane waan taheef paartiileen morkattootaas nageenya mirkaneessuu keessatti hirmaannaa ho’aa akka taasisan gaafataniiru.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016