Marichi waldhaggeeffachuufi walkabajuun maddoota rakkoof furmaata kaa’uuf ulaa saaqa

Finfinnee: Marichi waldhaggeeffachuufi walkabajuun maddoota rakkoo ta’aniif furmaata kaa’uuf ulaa akka saaqu Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibse. Waltajjiin marii Magaalaa Finfinnee Caamsaa 21-27 bara 2016tti gaggeeffamaa ture ajandaan marii walittiqabuun hirmaattota boqonnaa marii iittaanuu filachuun goolabameera.

Komishinara olaanaan komishinichaa Pirofeesar Masfin Arayaa sirna goolabbii marichaarratti ibsa gaazexeessitootaaf Kibxata darbe kennaniin, mariin ajandaa walittiqabuu Magaalaa Finfinnee bakka bu’oota qaamolee hawaasaafi qooda fudhattoota gaggeggeeffame milkaa’inaan goolabameera. Marichis waldhaggeeffachuufi walkabajuudhaan madda rakkoo jiruuf furmaata kaa’uuf ulaa kan saaqu ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, hirmaattotni ajanadaa marii walittiqabuuf waltajjicharratti hirmaatan walkabajaafi waldhaggeeffachuudhaan yaalii guddaa taasisaniiru. Waltajjicharrati qaamoleen hawaasaafi qoodafudhattoonni kuun yaadota garagaraa dhiyeessuudhaan marii bal’aa taasisaniiru. Daandii dheeraa furmaata barbaachaaf deemamu keessatti mariin miira ittigaafatamummaafi abbummaan qabuun gaggeeffame akka tarkaanfii jalqabaatti ilaalama jedhaniiru.

Komishinichis ajandaa walittiqabamee kennameef ittigaafatamummaa labsiin itti kenname bu’uura godhachuudhaan akka qindeessu himanii; erga ajandaan dhiyaate qindaa’ee xumuramee booda ajandaa marii biyyalessaarratti dhiyaatu ummataafi qaamolee qoodafudhattootaaf ibsama jedhan. Qaamolee boqonnaa marii biyyaalessaa Finfinnee akka milkaa’uuf tumsan hundaafis galata dhiyeessaaniiru.

Haaluma walfakkaatuun qaamolee qooda fudhattootaa maricharratti hirmaatan tokko tokko gumaachasaanirraa eegamu amanamummaan ba’aa jiraachuu himaniiru.

Ambaasaaddar Muluu Solomoon maricharratti argamuun akka jedhanitti, rakkoo walxaxaa keessaa biyya baasuuf qoodafudhattootni ogummaaffi dandeettii qaban bu’uura godhachuudhaan ajandaa rakkoo biyyaaf furmaata ta’u gumaachuu qabu.

Garaagarummaan yaadaa mariin akka furamuuf lammiileen Itoophiyaa hundi miira abbummaa qabuun hirmaachuufi hordofuu qabu. Garaagarummaa yaadaa jiruuf afaan qawweetiin furmaata barbaaduun hafee nagaa biyyaafi obbolummaan akka dagaaguuf waldhaggeeffachuufi walkabajuun mariin eegalame ulaa bana.

Maricharratti dhimmoota rakkoo ta’an, dhimmoota hatattamaan furamuu qaban akkasumas yaada furmaataa waliin ajandaa dhiyeessuun danda’ameera. Boqonnaa marii kanarraa wanti fooyya’u fooyya’ee akka muuxannootti fudhatamee milkaa’ina boqonnaa marii ittaanuuf galtee ta’uu qaba jedhan.

Qaamolee qooda fudhattoonni muuxannoofi ogummaa qaban amanamummaadhaan ajandaa dhiyeessuu akka qaban himanii; ummatis dhimma kooti jechuun abbaa dhimmaa ta’ee dammaqinaan hirmaachuu qaba. Mootummaanis ga’eesaa ba’achaa haalota hundumaa qindeessuu qaba jedhaniiru.

Marii ajandaa walittiqabuu Caamsaa 21-27 bara 2016 aanaalee magaalaa Finfinnee 119 irraa qaamolee hawaasaa 11 bakka bu’an 121, dhaabbilee siyaasaa 52, dursistoota yaadaan ummata dursan 100, qaamolee mootummaa sadan (seera tuman, hiikaniifi raawwachiisan) jaarmiyaaleefi waldaalee bakka bu’an 250 hirmaachuun hubatameera.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You