“Kenni tajaajila lammummaa agarsiiftuu tokkummaa, aantummaafi obbolummaati” – Aadde Mabraat Baacaa

Hojiin tajaajila lammummaa gannaa Oromiyaa mataduree, ‘Harmeef gaaddisa, dhalootaaf kunuunsa’ jedhuun torban har’aa bakka hoggantoonni olaanaan naannichaa argamanitti Magaalaa Adaamaatti mana harkaqal’eeyyiifi oolmaa daa’immanii ijaaruudhaan ifatti jalqabeera.

Magaalaa Adaamaa, Aanaa Gooroo, Zoonii Gadaa Malbaa 07 keessa kan jiraatan Aadde Birrii Hayilagoorgis haadholii harka qalleeyyii manni isaanii hojii tajaajila lammummaa ganna baranaatiin akka ijaaramuuf carrooman keessaa isaan tokko. “Rakkoo himee hinfixu, manni narratti jige jedhee yeroo gara garaa bulchiinsa gandaatti iyyachaan ture. Manni ani keessa jiraadhu kun ni dhimmisa. Har’a manni koo hojii tajaajila lammummaa kanaan akka naaf ijaaramuuf carraa argachuu kootti guddaa gammadeera” jedhu Aadde Birriin.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti, Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Abdulhakiim Muluu haasaa baniinsa sagantichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, hojiin tajaajila lammummaa dhimma dirqama lammummaafi agarsiistuu sabboonummaa keenyaati. Sabboonummaan dhugaa, biyya jaal’achuufi sabaaf quuqamuun akkasumas namooma dhugaa qabaachuun kan keessatti mul’atuufi ifu kenna tajaajila lammummaa keessatti. Mootummaan naannoo Oromiyaa aadaafi duudhaa Oromoo kaleessaa bu’uura godhachuufi humna, qabeenya, beekumsaafi ogummaa qabnu qindeessuudhaan hojii tajaajila lammummaarratti bal’inaan hirmaachuun rakkoo hawaas-dinagdee ummata keenyaa hiikuufi salphisuuf akkasumas hariiroo waliin jireenyaa keenyaa cimsuufi aadaa walgargaarsaa keenyaa daran jajjabeessuuf hojjechaa jira.

Qonnaan bultoonni, horsiisee buloonni, jiraataan magaalaa, hojjetaan mootummaa, abbootiin qabeenyaa, dubartoonniifi dargaggoonni Oromiyaa karaa guutuu ta’een humna, beekumsaafi qabeenyasaanii walitti qindeessuudhaan namoota harka qalleeyyii bira dhaabbachuudhaan aadaafi duudhaa keenya ganamaa calaqqisiisaa jiraachuu kan himan Obbo Abdulhakiim, namni hundi ittigaafatamummaa sammuu jalaa ba’uufi gammachuufi boqonnaa sammuu argachuuf hojii kenna tajaajila lammummaa kanarratti bal’inaan hirmaachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa humna waloo qindeessuudhaan hojii kenna tajaajilaa kana milkeessuurratti hojjechaa jiraachuu himanii, mootummaan naannichaa aadaafi duudhaa keenya bu’uura godhachuudhaan hojiilee tajaajila lammummaa milkeessan hedduu raawwachaa jira. Naannichatti hojii kenna tajaajila lammummaa bara darbeetiin manneen harka qalleeyyii kuma 65 ol ijaaramaniiru. Hojii tajaajila lammummaa ganna kanaafi bara dhufuutiin ammoo manneen harka qalleeyyii kuma 130 ol magaalotaafi baadiyyaa Oromiyaatti ijaaruuf karoorfamee hojiitti seenameera.

Hojiin tajaajila lammummaa rakkoolee hawaas-dinagdee hawaasaa furuufi ba’aa jireenyaa isaanirra jiru salphisuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu himanii, hojiin kenna tajaajilaa kun hariiroo waliin jireenyafi tokkummaa keenyaa daran cimsuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

Ummanni magaalaafi baadiyyaa, dargaggoonni, dubartoonni, abbootiin qabeenyaa, daldalaan, qonnaan bulaafi horsiisee bulaan keenya qabeenya humaafi beekumsasaa walitti fuduudhaan hojiilee tajaajila lammummaatiin raawwachuuf karoorfamanirratti bal’inaan akka hirmaatan kan yaadachiisan Obbo Abdulhakiim, kenna tajaajilaarratti hirmaachuun hojii sammuu keenyaaf boqonnaafi gammachuu kennu ta’uurra darbee hojii namaafi Waaqa biratti jaalatamu waan ta’eef hunduu dammaqinaan akka irratti hirmaatuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Daa’imman keenya qaamaafi sammuudhaan cimanii akka guddataniif mootummaan naannichaa daa’immaniif xiyyeeffannaa addaa kennee irratti hojjechaa jira. Giddugala oolmaafi tursiisa daa’immanii akkasumas bakka daa’imman itti taphatan tajaajila lammummaatiin akka ijaaramu ta’uun agarsiiftuudha.

Dandeettii waa yaaduufi kalaquu daa’immanii guddisuun kunuunsa addaa waan gaafatuuf hojiin giddugala oolmaafi tursiisa daa’immanii hojii kenna tajaajila lammummaa kanaan bakkawwan hundatti babal’isuuf kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaa akka jedhanitti, hojiin tajaajila lammummaa dhuudhaa Sirna Gadaa keenya yoo ta’u, hojii eebbifamaa namaafi Waaqa biratti jaalatamuudha. Kenni tajaajila lammummaa agarsiiftuu tokkummaa, aantummaafi obbolummaati.

Kenni tajaajilaa daangaa tokko malee namoota hunda qaqqabuu of keessaa qaba. Hojiin kenna tajaajila lammummaa beekumsaafi kallattii addaa akkasumas hojmaata haaraa hinbarbaadu. Nama gargaaruuf nama ta’uu qofti gahaadha waan ta’eef.

Nuti ummanni Oromoo aadaafi safuufi duudhaa biyya keenyaa qofaaf utuu hintaane addunyaaf fakkeenya gaarii ta’u qabna kan jedhan Aadde Mabraat, isaan keessaa tokko aadaa walgargaarsaa ummata Oromooti. Oromoon aadaafi duudhaa Sirna Gadaatiin gabbifatee yeroo, humna, beekumsa, ogummaafi qabeenya qabuun namoota sababoota adda addaan rakkoof saaxilaman ittiin gargaaru qabaachuu yaadachiisaniiru.

Hawaasni naannawaasaa bilisaan akka tajaajiluuf akkasumas jaalala naannawaafi biyyasaatiif qabu akka dabalu taasisuufi ilaalcha abbaa biyyummaasaa gabbifachuun ijaarsa biyyaa keessatti gaheesaa akka bahatu gochuuf mootummaan Naannoo Oromiyaa labsii kenna tajaajila lammummaa Caffeedhaan raggaasisee hojii qabatamaa keessa erga galamee waggoota shan lakkoofsiseera. Hojii tajaajila lammummaa baroota darban keessa raawwatamaniin bu’aalee guguddoon galmaa’aniiru jedhan.

Caasaan Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii bara darbe karoora xiiqii qopheeffatee qaamolee adda addaa waliin ta’uun manneen haadholii harkaqal’eeyyii kuma 65fi 531 oliif ijaaruu himanii, daa’imman harka qalleeyyii miliyoona 3.6 ta’aniif ammoo deggarsa meeshaalee barnootaa akka argatan ta’eera. Haadholii ba’aa dugdaatiin dararamaniif harreefi gaarii kuma torbaafi 460 bitee haadholiif kennuun ba’aa guddaa isaaniirraa buusuun danda’ameera jedhan.

Dhaabbileen mootummaafi mitmootummaa, abbootiin qabeenyaafi qaamoleen hawaasaa hundi tajaajila lammummaa bara darbee keessatti hirmaannaa olaanaa taasisan kan baranaarrattisi akka irra deebi’an kan gaafatan Aadde Mabraat, hojichaan manneen haadholii harkaqal’eeyyii kuma 130fi 652 ijaaruuf karoorfamee hojiitti seenameera.

Akkasumas dubartoota harkaqal’eeyyii kuma 15fi 82f gaarii, harree, fardaafi loowwan aannanii sanyii fooyya’aa bituuf karoorfameera. Gama biraatiin sosochii lukkuuwwan 100 maatii tokkoof jedhuun lukkuuwwan kuma 226fi 230 arjoomuuf karoorfamee hojiitti seenamuu himaniiru.

Hojii tajaajila ganna kanaatiin daa’imman miliyoona 3.8 sababa rakkoo uumamaafi namtolcheetiif saaxilamaniif deggarsa meeshaalee barnootaafi kkf gochuuf karoorfamee hojjiitti galamuu himanii, hojii tajaajila lammummaa kanaan hojjetaa mootummaatiif iddoo tursiisa daa’immanii 267 ol guutuu Oromiyaatti hojjechuuf karoorfameera jedhan.

Dabalataanis iddoo tursiisa daa’imman hawaasaa 300 guutuu Oromiyaatti akkasumas iddoo ijoolleen itti taphatan gandoota naannichaa kuma torbaafi 426 hojjechuuf karoorfamuus eeraniiru.

Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii jaarmiyaalee dubartootaafi dargaggootaa waliin ta’uun hojii tajaajila lammummaa baranaatiin dubartoota ulfaa kuma 36 adda baasuun kunuunsaafi deggarsa adda addaa akka argatan taasisuuf kan hojjetu ta’uu himanii, waliigalatti hojii tajaajila lammummaa barana hojjetamuun hawaasa miliyoona 12.3 hirmaachisuun lammiilee miliyoona 4.8 fayyadamaa taasisuuf hojiitti galameera. Hojiileen tajaajila lammummaa baranaatiin raawwachuuf karoorfaman qarshii biliyoona 49.6 ta’utti kan tilmaamamu ta’uus eeraniiru.

Hojiilee kenna tajaajila gannaafi bona dhufu keessa hojjechuuf karoorfaman milkiin xumuruuf dhaabbileen mootummaafi mit mootummaa, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen hawaasaa, qonnaan bultoonni, horsiisee bultoonniifi ummanni naannoo Oromiyaa deggarsa barbaachisu taasisuun tumsaafi deggarsa lammummaa taasisaa turan cimsanii akka ittifufaniif gaafataniiru.

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee akka jedhanitti, hojiin tajaajila lammummaa ganna baranaafi bara ittaanu hojjetamu kun sagantaalee guguddoo sadii of keessaa qaba. Sagantaalee kanneen keessaa lama hojii tajaajila lammummaatiin kan hojjetaman yoo ta’u, inni biraan hojii waliigalaa humnoota misoomaa lammaan (hirmaannaa mootummaafi ummataatiin) kan hojjetamu ta’a.

Hojiin tajaajila lammummaa baranaa magaalattiitti ijaarsa mana harkaqal’eeyyii, giddugala oolmaafi tursiisa daa’immaniifi gamoo abbaa darbii lamaa namoota 36f bakka tokkotti tajaajila kennu jalqabsiisuun ifatti gara hojiitti seenamuu himaniiru.

Hojiin misooma qarqara daandiifi qulqullina naannawaas hojii xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjetan ta’uu himanii, hojiileen misoomaa hojjetaman rakkoolee ummmataa haala furuu danda’anirratti xiyyeeffachuun kan hojjetaman ta’u jedhan. Magaalaa qulqulluu hawaasni keenya bakka hundatti tajaajila irraa argatu ijaaruun yaadama Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad barana maddisiisaniifi hojiirra oolaa jiru ta’uus eeraniiru.

Haaluma kanaan daandii kiiloomeetira shan ta’u ijaaruuf diizaayiniinsaa hojjetamee xumurameera. Adaamaan giddugala industiriifi konfiransiiti waan taateef manneen fincaanii waliinii hawaasaa daandiiwwan guguddaarratti bakkawwan gara garaatti ijaaruuf dizaayinii akka biyyaatti kaa’ame bu’uura godhachuun hojii ijaarsaa akka jalqabsiisan himaniiru.

Magaalaa Adaamaatti, hojii tajaajila lammummaa baroota darbaniitiin hojiilee hedduun raawwatamuu himanii, hojii tajaajila lammummaa bara darbeetiin manneen harka qalleeyyii haaraan kuma tokkoofi 173 kan ijaaraman yoo ta’u, manneen harka qalleeyyii kuma lamaafi 89 ammoo suphamaniiru. Akka waliigalaatti manneen harka qalleeyyii kuma sadiifi 262 haaraan ijaaramaniiru; kaan ammoo suphamaniiru. Hojiin ijaarsa daandii bal’aan hirmaannaa ummataatiin hojjetameera.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You