Irreecha Tulluu

Sabni Oromoo ummatoota Afrikaa gara kaaba bahaatti argaman keessa isa tokko. Sabni kun saba aadaafi amantii ofiisaa qabatee baroota dheeraaf jiraachaa tureedha. Oromoon ummata Waaqa tokkotti amanu malee waantota namaan hojjataman kan akka siidaa akkasumas wantoota uumamaa kanneen akka mukeen, lageen, gaarrewwan, beelladootafi bineensotatti hinsagadu.

Oromoon uumama ni dinqisiifata malee bakka Waaqayyoo buusuun ittti hinamanu. Oromoon hojiifi humna Waaqa arguun dinqisiifata.

Irreechi calaqqee aadaa Oromoo yoo ta’u, jaarmiyaalee Sirna Gadaa ijaare keessaa isa tokko. Ayyaanni irreechaa Oromoon falaasamaafi ilaalcha addunyaa keessatti jiruufi humna Waaqaa akkasumas raajiisaa, dhalootaafi iccitii jireenyaatiin walittifiduun kan ibsuudha.

Sanyiin namaa midhaanii horee kan baay’atu, kan faca’e du’aa ka’ee ija kan godhatu, tumsaafi gargaarsa humna Waaqaan qofa jedhee amana Oromoon. Kanaaf ammoo Tulluutti bahee kadhata, galateeffata.

Ummatoota qonnaan jiraatan durii kan Sulula Abbayyaa yoo fudhanne “Osiris” kan jedhamu Waaqa ykn Ayyaana sanyiitti lubbuu horu jedhamuun kan beekamu aadaa Waaqeeffannaa qabu ture.

Achii dhufteen Irreechaa isa kana waliin walfakkii qaba. Oromoon Waaqa tokko qofatti amana. Aadaan irreeffannaafi “Osiris” durii kun qaroomina Kuushoota naannawa Sulula Abbayyaa /Nile Valley Cushitic Civilization ta’uuis ni mala yaadi jedhutu jira.

Oromoon Waaqa kan amanu gochaasaa kanneen akka jijjiirama waqtiilee, rooba, aduu, dukkana, ifa, guddina midhaanii, bishaan, tulluu, mukeeniifi lubbuqabeeyyii ilaaleeti. Irreechi sirna kaadhannaafi galateeffannaa Waaqaaf godhamuudha. Kadhaafi galanni kun iddoofi yeroon kan murtaa’eedha.

Tulluutti bahanii kadhachuun kan amantii Waaqeffannaa Kuushota durduriin walfakkaata. Irreechi iddoowwan adda addaatti yoo gaggeeffamellee inni guddaan bakkawwan lamatti raawwatama, isaanis Irreecha Malkaa (birraa)fi Irreecha Tulluu (arfaasaa) ti. Irreechi Tulluu/Arfaasaa hangafa irreechaati. Yeroo baay’ee gosti irreechaa lama jedhama garuu, lama qofa miti. Irreechi gosa shan qaba kan jedhanis jiru. Isaanis: Irreecha Tulluu, Malkaa, Irreecha galmaa, Irrecha dirree/abdaariifi Irreecha manaa jedhamanii beekamu.

Oromoon ummata aadaafi waaqeffannaa mataasaa qabu ture. Garuu, xumura jaarraa 19ffaa booda weerartoota Abisiiniyaa jalatti kufuusaatiin aadaa, duudhaa, sirni kadhannaafi galateeffannaa kan akka irreechaa irraa dhorkame. Bakkoonni ulfoon kanneen akka tulluu, malkaa, dirreefi abdaariin itti bahee Waaqa kadhatuufi galateeffatu dhiibbaa gita bittootaan waggaa 150 oliif jalaa cufamee ture.

Bakka ulfoo Oromoo irratti bataskaana, masaraa mootummaafi, mooraa waraanaa ijaaran. Hora Oromoon namaafi horiif itti dhimma bahu xabala jedhanii qabatan. Maqaa lafaa gara ofii barbaadanitti jijjiiran. Kanaaf fakkeenyi gaariin Tulluu Cuqqaalaa kan isaan Ziqwaalaa jedhanii maqaa Kiristinnaa moggaasan ilaalun gahaadha.

Waan Oromoon walqabatu baa’id amilkoo jedhan. Ummanni Oromoo baroota dheeraaf kadhaa Waaqaafi galateeffannaa kan gaggeeffachaa ture tulluu, malkaa, dirreefi muka jalatti malee akka warra kaanii siidaa ijaaree itti sagadaa hinturre. Gaafa gara tulluufi malkaa deemu tulluu sanaafi malkaa sanaaf sagaduuf osoo hintaane bakka galataafi aarsaa Waaqaaf itti dhiyeessuudha.

Hordoftoonni amantiilee Kiristaanaafi amantii Islaamaa mana ijaaranii barreechanii keessatti sagadu. Oromoon garuu kan Waaqni bareechee uumeratti Waaqasaatiif galata galcha. Kun ammoo dur bara amantii Oriit keessattis raawachaa ture. Akka amantoota biroo waan harka namaan tolfame harkatti qabatanii Waaqaaf kan galata galchu osoo hintaane, uumamaan uumaa galateeffata. Irreechi Oromoon tulluu irratti irreeffatus aadaa Oromoo ganamaa keessaa kan guddaadha.

Seenduubee jalqabbii Irreechaa

Akkaataa jalqabbiifi seenaa Irreechaarratti yaadota garaagaraatu jira. Irreechi gaafa akkasii, bakka akkasii yookaan nama akkasiin jalqabame jechuun nama dhiba. Afoola hawaasaa seenaa irreechaan walqabatanii jiran akka asii gadiitti ilaalla. Afoolli jalqabaa ilaallu, “bara durii hongee hamaatu ture, namaafi horiin waan nyaatan, waan dhugan dhabanii badii guddaatu qaqqabe.

Tulluutti bahanii Waaqayyoon kadhatan, roobnis ni roobe, margi ni biqile yeroo kana dhalli namaa gammadee waan ta’u dhabe. Waaqa kana nuu godheef maal goona silaa Waaqa ijaan arguu hindandeenyu maal wayya jedhanii walgaafatan. Beekaan tokko isaan keessaa “akkana goonaa” jeedhe “akkam goonaa?” jedhan.

“Silaa Waaqa ijaan arginee waa kennuufii hindandeenyu waanuma inni nuuf kenne kana irraa mataa isaa isaaf laannaa jedhanii walii galan. Maal laannaanis gaaffii ture. Waanuma inni nuu kenne deebisnee kenninaaf jedhanii walii galan. Haaluma kanaan, marga, abaaboo, mukaa labbeessa qabannee kadhaafi galateeffanna jedhanii walii galan jedhama.

Hiikaafi adeemsa Irreecha Tulluu

Akkuma maqaarraa hubachuun danda’amu Irreechi Tulluu kan gaggeeffamu Tullurratti yoo ta’u, wayitiin itti gaggeeffamu ammoo waktiin Bonaa xumuramee walakkeessa waktii arfaasaa jechunis ji’a Bitootessaafi Ebilaa keessa. Yeroon kun yeroo roobin Arfaasaa itti eegamuudha. Baatillee Bonaa keessa roobni dhabamee hongeen namaafi loon yeroo itti miidhaa tureedha. Waan kana ta’eef jiddugala batii Bitooteessarratti maatiin marti gara lafa qabbanaafi jiidha qabutti bahee Waaqni akka roobuuf kadhata.

Irreessi Tulluu waqtii arfaasaan fuula as deebifatu kan irreeffatamu ta’ee qabiyyeensaa Waaqa kadhachuudha. Bona guutuu sa’aa namni Waaqaa lafti aduudhaan gubachaa ba’ee waqtiin arfaasaa wayita as deebi’u roobni nagaan yeroodhaan akka roobuuf Oromoon Tulluutti ba’ee Waaqasaa kadhata. Tulluutti bahanii kadhachuun kun aadaafi falaasama ummata Kuushootaa durdurin kan walqabateedha jedhama.

Irreechi Tulluu kadhaafi hawwii of keessaa qaba. Yeroo fuula keenya dura jiru kan nagaa, kan fayyaa, kan misoomaa, kan badhaadhinaa, kan itti namaafi horiin horu, kan tasgabbii, kan haqa itti argannu, kan furmaata itti argannu nuuf haa ta’u jedhee kadhata.

Gaafa irreeffannaaf Tulluu bahan, waan Waaqayyo kenneef irraa ni dhibaafatu, qalanii hariirratu kan nuu laatteef galatoomi daddabalii nuuf kenni jedhu. Guyyaa irreeffaannaa tulluu kadhaa Waaqaa, sirni dhibayyuu, muuda, hariirrata, eebbafi araaratu raawwata.

Tulluun uumaa raajii of keessaa qabuudha. Waaqa tulluu lafaa ol godhee uume rooba akka isaaf kennuuf kadhata Oromoon. Tulluutti yoo olba’an Waaqatti waan dhiyaataniif Waaqni dafee nama dhagaha jedhee dhugeeffata Oromoon. Tulluun karaa dhufaatii roobaati. Bokkaan tulluurraan duumessaa’ee dhufa.

Oromoon tulluu, bosona, malkaafi burqaa nijaallataa ni kabaja. Itti irreeffata. Maaliif yoo jenne tulluufi bosonni mana, kafanaafi nyaata namaafi uumama birooti. Waaqa tulluu, malkaafi burqaa isaaf kennee daraaraa, marga qara, coqorsa, korma, dullacha, midhaaniifi bishaan qabatee bahee galateeffata.

Waan qabatee bahu sana tulluun ykn Waaqni ninyaata jedhee itti hinamanu. Garuu Waaqa nu uumetti amanna, uumamaan Waaqa kadhanna jedha. Dhiibbaa amantii warra Seemirraa kan ka’e namni Oromoo tulluu ofii kan naannoo isaaniitti argamuu dhiisanii kan biyyoota Arabaafi Israeel faarfatu. Fakkeenyaaf, warri Musliimaa Tulluu Jabal Makkaa, Jabal Arafaat tulluu qulqulluu jedhu. Warri Kiristaanaa tulluuwwan Oromoo biratti ulfoo ta’an kanneen akka Tulluu Walal, Cuqqaalaa, Furii, Boosatiifaa akkuma laayyootti ilaalanii tulluu Musee, Galiilaa, Golgotaa hawwu.

Tuluun lafa guddaa dirreerraa ol ka’ee mul’atuufi gaara caaluudha. Bantii ykn fiixeesaarratti bosona qabaachuus dhabuus mala. Olka’iinsarra waan jiruuf daran kan qorruufi cabbiin huwwisamuu mala. Aadaa sirna Gadaa keessatti Tulluun akkuma Malkaa, seeraafi heera mataasaa qaba.

Oromoon gaafa seerota tumu bakkawwan lamatti qooda. Isaanis: seera ulfoofi akka seer jedhamu. Ulfoo kan jedhaman seerota hinjijjiiramne jechuudha. Akka seer jechuun ammoo warra seerota namni fooyyessu jedhamaniidha. Akkaataa kanaan seeronni ulfoon Oromoo lakkoofsaan ja’a, isaanis:

  1. Waaqni ulfoodha
  2. Lafti ulfoodha
  3. Malkaan ulfoodha
  4. Tulluun ulfoodha
  5. Abbaan ulfoodha
  6. Haati ulfoodha

 

Isaan keessaa xiyyeeffanoon barruu kanaa irreecha Tulluu waan ta’eef isarratti xiyyeeffanna.

Irreechi Tulluu maqaa irreecha Arfaasaa jedhamuunis ni beekama. Maqaa irreecha Tulluu jedhu kan argates kan gaggeeffamu tulluurratti waan ta’eefi. Yeroon itti irrechi tulluu gaggeeffamu waktiin Bonaa darbee walakkeessa waktii Arfaasaa keessa.

Irreechi tulluu kun kan irreeffatamu giddugala Bitootessaa hanga walakkeessa Eblaatti. Guyyaa inni ittigaggaaffamu kan murteessu ayyaantuudha. Yeroo itti gaggeefamu irraa maqaa irreecha Arfaasaa jedhu yoo fudhatu, bakka ittigaggeefamurraa ammoo maqaa irreecha tulluu jedhamu argate.

Angafa Irreechaati kan jedhameef sababa qaba. Innis kadhaa tulluutu rooba fida, roobni ammoo midhaan namaaf, marga horiif biqilcha birraa waan bilchaateefi gaheef galateeffatu. Kan tulluu irreecha miti muudadha namoonni jedhanis jiru. Tulluu Saddettan Waaqaa kan jedhaman irraa Siidatu jira jedhu odeeffattoonni. Siidaan sammuu gaarreen sana irra jiran gaaruma sana fakkaatu. Siidaan Tulluu Cuqqaalaa irra jiru amma caccabeera garuu kan Furii jira.

Wayita Irreecha Arfaasaa ummanni Oromoo tulluutti ba’uun korma qalee, “Yaa waaq Bona kana nu baasi rooba nagaa nuu roobi, Arfaasaa rooba nagaa, Ganna omisha nagaafi ga’aa nuu kenni” jedhee kadhata. Bona guutuu sa’aa namni, waaqaa lafti aduudhaan gubachaa ba’ee waqtiin Arfaasaa wayita as deebi’u roobni nagaan yeroodhaan akka roobuuf Oromoon Tulluutti ba’ee Waaqasaa kadhata.

Tulluun uuma raajii of keessaa qabuudha. Waaqni tulluu kana lafaa ol godhee uume rooba akka kennuufiif kadhata Oromoon. Tulluutti yoo olba’u Waaqatti waan dhiyaataniif Waaqni dafee nama dhagaha jedhamee amanama.

Ganna fuula keenya dura jiru kan nagayaa nuuf godhi, rooba nagayaa nuu roobi, balaa lolaa nurraa qabi, kan biqile daraaree firii akka godhatu si kadhanna jechuun irreeffata. Tulluun karaa dhufaatii roobaati. Bokkaan tulluurraan duumessaa’ee dhufa. Kanaaf Oromoon Tulluutti ba’ee yaa Waaq lafti babbaqaqxee, dheebottee si eegaa jirti, allaattiin qoloo keessaa, qurxummiin bishaan keessaallee afaan bantee si eegaa jirtii rooba nagaa nuu roobi jedhee kadhata, ni irreeffata.

Kaadhimamaa Doktaraa Girmaa Namarraa, Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromootti, Qorataa Seenaafi Dursaa Garee Qorannoo Seenaa

Tulluun maaliif filatame?

Ittifufa

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You